
Natsaannat Taaddasaatiin
Ayyaanni Yaadannoo Guyyaa Dhaloota Yesuus Kiristoos akka Itoophiyaatti Mudde 29 (waggaa afuritti yeroo tokko Mudde 28) kabajama. Ayyaana kana sababeeffachuun taphni Qillee ni adeemsifama. Taphni Qillee taphoota aadaa keessaa isa tokko yoo ta’u, dargaggootaan taphatama.
Taphni kun tapha muka la’ii qabachuun burii (kubbaa muka irraa soofamtee hojjetamte) fayyadamuun garee lamatti hiramuun taphatama. Mo’uufi mo’amuunis baayyina goolii lakkaa’ameen murtaa’a. Taphni Qillee kun seera mataasaa qaba.
Taphoonni aadaa hangafa tapha ammayyaafi umurii dheeraa kan qabu ta’uu seenaan ni ibsa. Taphoonni aadaa Oromoo baay’eensaanii yoo xinnaate namoota lama hirmaachisuudhaan taphatamu.
Taphoonni aadaa Oromoo gareedhaan taphatamanis jiru. Kaayyoon tapha aadaa inni guddaan nama ykn garee waliin taphachaa jiran injifachuudha. Injifannoo argameenis cimina ykn caalmaa agarsiisuudha malee nama ykn garee injifatame dallansiisuuf utuu hintaane akka inni irradeddeebiin taphicharratti hirmaatuuf xiiqii qabsiisuudha. Gareen tapha aadaarratti injifatames hanqinasaa guuttatee irradeddeebi’ee taphata.
Taphni aadaa akaakuuwwan garagaraafi faayidaa mataasaa danda’e qaba. Taphoonni aadaa kanneen akka fiigichoo, wal’aansoo, saddeeqaa, qillee, utaalchoo, facceefi kanneen kana fakkaataniidha. Taphoonni kunniin kan adeemsifaman namoota lamaafi lamaa ol gidduutti. Gulufni fardaas kan tapahatamu yoo xiqqaate nama lama ta’aniiti. Taphni aadaa kun gareedhaanis ni adeemsiama.
Taphni Qillee taphoota aadaa gareewwan lamatti qoodamuun taphatamu keessaa isa tokko. Baay’inni miseensota gareewwan lamaaniis walqixa. Taphni aadaa kun dirreerratti taphatama. Yoo miseensonni garee baay’atan dirree bal’aatu filatama. Yoo muraasa ta’an garuu, dirree dhiphaa ta’erratti taphatama. Tapha kana mo’uufi mo’amuun baay’ina goolii lakkaa’ameen murtaa’a.
Taphni Qillee kun seera mataa isaa qaba. Seera tapha Qillee keessaa tokko ulee ol kaasanii mormaa olitti naanneffachuufi ittiin nama rukutuun hindanda’amu. Tapha aadaa kanarratti akka tasaa yoo iji, lukti ykn harki rukutame ykn yoo dhiige beenyaa hinqabu.Taphni Qillee tapha jaalalaa waan ta’eef namni gaafa sana miidhames beenyaa hingaafatu.
Tapha qillee dabalatee taphoota aadaa birootti dhimma ba’uuf, gatii guddaan hinbarbaachisu. Tapha aadaa keessatti meeshaalen ammayyaas hagas mara hinbarbaachisu. Irra caalaan isaanii waan uumamaan jiruun raawwatamu. Uffata addaatis hinbarbaadan; kanuma qabanitti dhimma ba’u. Bishaan, dirreen, mukniifi fardeen jiraannan hunduu guute jechuun nidanda’ama.
Walumaagalatti, taphni aadaa hangafa tapha ammayyaa ta’ee kan akaakuu garaagaraa of keessatti qabatuudha. Tapha aadaa raawwachuudhaafis gatii guddaa nama hinbarbaachisu. Faayidaa taphni aadaa dhala namaatiif kennus daran olaanaadha. Kanaafuu taphni aadaa hundee tapha ammayyaa waan ta’eef haala gaariin kunuunfamuutu irrajiraata.
Maddi: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Yaayyaa Gullallee
BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015