Itoophiyaafi shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa

Finfinnee: Shaampiyoonaan qaxxaamura biyyaa Addunyaa Federeeshinii amaatara atileetiksii addunyaatiin dursamu kan jalqabame bara 1965 (A.L.A 1973) yoo ta’u, dorgommiin ramaddiiwwan sadiin gageeffamaa ture.

Tokkoffaan kan beektotaa kiiloomeetira 12n atileetonni ciccimoon irratti hirmaatanidha. Lammaffaan kan kiilomeetira torbaa yoo ta’u, atileetonni dargaggoota ta’an kan irratti qooda fudhataniidha. Sadaffaan kiiloomeetira shan yoo ta’u, kan dubartoonni irratti hirmaatanidha.

Akkuma armaan olitti eerame shaampiyoonaan qaxxaamura biyyoota Addunyaa kan jalqabame bara 1965 (ALA bara 1973) ta’us Itoophiyaan hirmaachuu kan jalqabde Bitootessa 19 bara 1973 (A.L.A bara 1981) shaampiyoonaa salgaffaa magaalaa guddoo Ispeen,Maadriiditti ta’uu seenaan shaampiyoonichaa ni ibsa.

Itoophiyaan shaampiyoonaa kanarraatti fiigicha kiilomeetira 12n atileetota dhiiraa beekamoo qofaan ture kan hirmaatte.

Dorgommii kanarratti Itoophiyaa bakka bu’uun atileetonni torba kan hirmaatan yoo ta’u, torbanuu atileetota biyyoota biroo osoo of jiddu hingalchiin tartiibaan fiigaa waan turaniif gaazexeessitoonni fiilmii waraaban maqaa masoo “Galaana Magariisaa”jechuun maqaa itti moggaasan.

Shaampiyoonaa kanarratti biyyoota 43 irraa atileetonni 228 kan hirmaatan yoo ta’u dorgommicha kan xumuran atileetota biyyoota 27 qofa turan.Kunimmoo dorgommichi daran cimaa fi obsa fixachiisaa akka ta’e kan agarsiisudha.

Yeroo san Itoophiyaa bakka bu’uudhaan kan hirmaatan Miruts Yifxar,Mahaammad Kadir, Isheetu Turaa,Tolasaa Qottuu, Darajjee Nadhii ,Kabbadaa Baalchaa ,Birihaanuu Girmaafi Girmaa W/Haannaati.

Atileetonni kunneen dorgommii yeroo jalqabaaf irratti hirmaatan kana dursaa turuudhaan wayita marsaan tokko isaan hafu waan xumuran se’anii haara galfachaa osoo jiranii marsaan tokko akka isaan hafe itti himame.

Achiis milla naasuu fi xiiqiin fiiguun Mahaammad Kadir atileeta Ameerikaa Kireeg Veerjiin sakandii lamaan durfame daqiiqaa 35:07 raawachuudhaan lammaffaa ta’uu danda’eera. Atileetiin Poorchugaal Farnaand Mahaammed daqiiqaa 35:09n sadaffaa ta’un meedaaliyaa nahaasaa badhaafameera.

Injifannoon kun dhuunfaadhaan atileetoota Keenya harkaa bahus Mahaammad Kadir lammaffaa ,Birihaanu Girmaa 7ffaa,Darajjee Nadhii 13,Kabbadaa Baalchaa 14ffaa,Miruts Yifxar 15,Isheetu Turaa 30ffaa,Girmaa W/Haannaa 32ffaa,Tolasaa Qottuu 75ffaa bahudhaan Itoophiyaan gareedhaan qabxii 81n tokkoffaa ta’uudhaan meedaaliyaa Warqiifi waancaa fudhachuu dandeesseetti.

Shaampiyoonaan qaxxaamura biyyaa Addunyaa kun hanga ammaatti yeroo 43f yoo gaggeeffamu Itoophiyaan yeroo 34f hirmaatteetti.Kan hirmaates atileetoota beekitotaa dhiiraafi dubaraan, dargaggootaanis dhiiraafi dubaraanidha. Dorgommiiwwan hanga ammaatti irratti hirmaatteenis walumaa galatti dhuunfaafi gareedhaan meedaaliyaa 268 argatteetti.

Meedaaliyaawwan kanneen keessaa dhiiraan dhuunfaafi gareedhaan 141,dubartootaanis dhuunfaafi gareedhaan meedaaliyaawwan 127 argachuu dandeesseetti.

Shaampiyoonaan qaxxaamura biyyaa Addunyaa kun baranas yeroo 44ffaa A.L.A Guraandhala 18 bara 2023 Awustiraaliyaa magaalaa Baaturisitti adeemsifama jedhamee egama.

Itoophiyaanis yeroo 35ffaaf hirmaachuuf torban darbe dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa naannoo Oromiyaa magaalaa Sulultaa Giddugala Artistii Haacaaluu Hundeessaatti adeemsisteetti.

Dorgommiin kun kan adeemsfame akka kanaan duraa atileetoota beektootaa dhiiraan kilomeetira 12n osoo hinta’iin kilomeetira 10niinidha. Sababnisaas Waldaan Atileetiksii Addunyaa kiloomeetira dur ture waan hir’iseefi, jedhameera.

Dorgommii kanarraatti korniyaawwan lameeniinuu atileetonni 1-5 bahan Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonicharratti hirmaatu.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa maqaasaanii ifa baasu baatus atileetonni hirmaachuuf carraa argatan iddoo tokkotti walitti qabamuudhaan qophii akka taasisan waamicha taasiseeraaf.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You