“Yoo harka walqabannee nageenya mirkaneessuurratti hojjenne ni ceena, hiyyummaa keessaas ni baana” –Obbo Tijjaanii Naasir (Bulchaa Godina Jimmaa)

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir yoo ta’an, gaafdeebii dhimma nageenyaa, bu’uuraalee misoomaafi hojiilee tajaajila lammummmaa, misoomawwan sululaa, qonnaa, jallisii ilaalchisuun bulchicha waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Haala waliigala godinichaa gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Obbo Tijjaanii: Godinni Jimmaa aanaalee 22, bulchiinsota magaalaa lamaafi gandoota 569 ol qaba. Baay’inni ummata godinichaa miiliyoona 3.5 oli. Godinni Jimmaa Godinaalee Wallagga Bahaa, Buunnoo Beddellee, Shawaa Lixaafi Kibba Lixaa, Boongaafi Daawuroodhaan waldaangessa. Godinichi iddoo argama buna Arabiikaati.

Jimmaafi bunni walirraa adda ba’uu hindanda’an. ‘Jiin Baankiin’ bunaas godinichatti argama. ‘Jiin Baankiin’ kun sanyii bunaa akaakuuwwan adda addaa kuma afuriifi 592 qaba. baankichi dur Jimmatti qofa kan argamu yoo ta’u, yeroo dhiyoo as naannawawwan biroottis babal’achaa dhufeera.

Baay’ina ummata godinichaa keessaa %80ni bunarraa fayyadama. Godinichi barana omisha bunaa toonii kuma 200 ol argachuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kana keessaa toonii kuma 93 gabaa alaatiif kan dhiyeessu ta’a.

Bunni sharafa alaa argamsiisuudhaan lafee dugdaa ykn harka mirgaa guddina dinagdee biyyattii utubaa jira. Itoophiyaan bara darbe omisha bunaa toonii kuma 300 alatti erguudhaan galii doolaara biiliyoona 1.4 argatteetti. Godinni Jimmaa bara darbe omisha bunaa toonii kuma 63 gabaa addunyaatiif dhiyeesseera.

Bariisaa: Bunni utubaa dinagdee Itoophiyaa ta’uurra darbee jireenya hawaasummaa keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Tijjaanii: Oromoon “Bunaafi nagaa hindhabinaa” jedha. Bunni nageenya, misooma, dinagdeefi jireenya hawaasummaa keessatti gahee olaanaa qaba. Bunni inshuraansii fayyaa hawaasa keenyaati. Hawaasni keenya yoo dhukkubsate buna gurguree ittiin wal’aanama. Akkasumas buna danfisee ‘Yaa Rabbii, yaa Waaq na fayyisi” jedhee kadhata.

Bunni fuudhaafi heerumaafillee murteessaadha. Godina Jimmaatti ilma fuusifachuufis ta’e intala kennuun dura ‘Bunni godhateeraa?” jedhama. Bunni jireenya hawaasummaa keessatti yeroo cidhaas ta’e gaddaatti qooda olaanaa qaba. Jimmi buna waliin dhalate, bunnis Jimma waliin dhalate, kanaafuu Jimmaafi bunni walirraa adda hinba’an.

Bariisaa: Omishni bunaa haala jijjiirama qilleensaa eegsisuu keessatti gahee akkamii qaba?

Obbo Tijjaanii: Godinni Jimmaa omisha bunaa bal’aafi bosona waan qabuuf jijjiirama qilleensaa addunyaa miidhaa jiru tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bunni qabeenya bosonaa eeguu keessattis gahee olaanaa waan qabuuf godinichi waggaa guutuu bifa magariisaa uffatee akka argamu taasiseera.

Qonnaan bulaan godinichaa oomisha bunaa jalatti damma oomisha. Omishaafi omishtummaa dammaa guddisuuf bulchiinsi godinichaa barana gaaguroota ammayyaa kuma 67 ol qonnaan bulaa biraan ga’uuf karoorfatee hojjechaa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti gaaguroota ammayyaa kuma 35 ol qonnaan bulaa biraan ga’eera. Godinichi bara 2014 omisha dammaa toonii kuma 21 gabaa addunyaatiif dhiyeesseera.

Godinichi omisha bunaafi damaatiin alas omisha avokaadootiinis beekamaadha. Godinichi sanyii avokaadoo filatamaa omisha olaanaa kennu Isiraa’eelii fidee omishuudhaan yeroo ammaa omisha avokaadoo alaatti erguu jalqabeera.

Godinichi bara darbe omisha avokaadoo kiiloo giraamii 68 Isiraa’eelitti ergeera. Barana ammoo omisha muuzii alatti ni erga. Dargaggoonniifi qonnaan bultoonni ijaaramanii muuzii sanyii filatamaa omisha fooyya’aa kennu akka omishan ta’eera. Godinnichi omisha qamadiis jalqabeera.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaa qonna godinichaa guddisuuf hojiileen raawwataman jiran maalfaadha?

Obbo Tijjaanii: Qonnaan bulaa %80 qabannee hiyyummaa keessaa ba’uu kan dandeenyu qabeenya lafaa, bishaan, hayyootaafi humna namaa qabnu qindeessinee sirnaan yoo ittifayyadamneedha. Qonnaan bulaan sangaan qotuurraa gara tiraaktaraan qotuutti akka ce’u gochuu qabna.

Qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuudhaan waggaatti yeroo lamaa ol omishuuf motor paampii bishaanii kuma afuriifi 400 qonnaan bulaa keenya biraan geenyeerra. Bara darbe godinichatti lafti heektaara kuma 64 omisha qamadiitiin uwwifameera. Kun seenaa addaati, duraan omishni qamadii godinichatti hinbeekamu ture.

Barana akka godinichaatti, lafa heektaara kuma 200 omisha qamadii jallisiitiin uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti karooraa ol lafa heektaara kuma 225 omisha jallisiitiin uwwisuun danda’ameera.

Lafa qamadiin uwwifame kana keessaa dargaggoonni lafa heektaara kuma 25irratti, dubartoonni ammoo lafa heektaara kuma 35 irratti gurmaa’uun akka oomishan ta’eera. Omisha kana qabatamaan ‘GPS’n ilaaluun ni danda’ama. Omisha kanarraa callaa qamadii kuntaala miliyoona 8.5 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Omisha qamadii kana keessaa kuntaalli miliyoona tokko biyya alaatti kan ergamu ta’a.

Godinni Jimmaa omishaalee qonnaa kanneen akka bunaa, dammaa, avokaadoo alatti ergaa kan ture yoo ta’u, barana ammoo omisha muuziifi qamadii erguuf hojjechaa jira. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf qooda fudhattoonni hirmaannaa guddaa taasisaa jiru. Qonnaan bultoonni teknolojii qonnaatti akka fayyadamaniifi dargaggoonnis gurmaa’anii hojii qonnaarratti akka hirmaatan taasisuuf hojiilee hedduun raawwatamaniiru.

Bara mootummaa Hayilasillaasee, Dargiifi ADWUI biyyattiin qamadii alaatii galchaa turte. Mootummaan jijjiiramaa kun garuu utuu qabeenya lafaa, bishaanii, hayyootaafi humna namaa gahaa qabnuu qamadii biyya alaatii galchuu hinqabnu jechuun omisha qamadiif xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjechaa jira.

Biyyattiin bara darbe omisha qamadii alaa galchuu dhaabdeetti. Barana ammoo alatti erguuf karoorfattee hojjechaa jirti.

Kanaanis Godinni Jimmaa qamadii kuntaala miliyoona tokko erguuf karoorfatee hojjechaa jira. Hayyoonni, hojjettoonni misooma qonnaafi qonnaan bultoonni qindoominaan waliin hojjechuun milkaa’ina hojichaatiif gumaacha olaanaa taasiseera.

Bariisaa: Hirmaannaa Yunivarsitiin Jimmaa omishaafi omishtummaa qonna godinichaa guddisuu keessattis ta’e rakkoolee hawaasummaa furuu keessatti qabu akkamitti ibsama?

Obbo Tijjaanii: Yunivarsitiin Jimmaa kan keenya, kan ummataati. Dhaadannoon yunivarsitichaas ‘Ani ummata keessan jira” jedha. Yunivarsitichi ummata keessa jiraachuu jechaan utuu hintaane qabatamaan gochaan mirkaneessaa jira.

Yunivarsitichi sanyii bunaa filatamaa omisha fooyya’aa kennu qonnaan bultootaaf dhiyeessuudhaan omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera, taasisaas jira.

Yunivarsitichi biyyee godinichaa qorachuudhaan qonnaan bultoonni buna qofa utuu hintaane avokaadoo, muuziifi anaanaasii akka omishan taasiseera. Akkasumas qonnaan bultoonni beekumsarratti hundaa’uun akka omishan taasisuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti deggersa olaanaa taasisaa jira.

Yunivarsitichi omishaafi omishtummaa qamadii godinichatti jalqabee jiru guddisuuf qonnaan bultoota godinichaa, Aanaa Saqqaafi Qarsaatiif deggersa qarshii miliyoona 5.5 taasisuun lafa heektaara 225 irratti qamadii akka facaasan taasiseera. Deggarsa yunivarsitichi gama hundaan taasisaa jiru maqaa bulchiinsaafi ummata godinichaatiin guddaan galateeffadha.

Bariisaa: Hojiin tajaajila lammummaa akka godinichaatti jiru maal fakkaata?

Obbo Tijjaanii: Hojii tajaajila lammummaa bara bajataa 2015 godinichatti raawwatameen biqiltuuwwan miiliyoona 540 dhaabamaniiru, dhiiga yuunitii kuma saddeetiifi 550 arjoomuun danda’ameera, manneen harkaqalleeyyii kuma torbaafi 680 ijaaramaniiru; barattoota kuma torbaafi 830f deeggarsi taasifameera; manneen barnootaa bu’uura boruu 828fi dareewwan dabalataa 228 ijaaramaniiru, dareewwan barnootaa 478 suphamaniiru, kitaabonni kuma 122fi 968 walitti qabamaniiru, ga’eessonni kuma 143fi 50ni barumsa akka argatan ta’eera.

Hojii tajaajila lammummaa kanaan manneen jireenyaa barsiisotaa 199 ijaaramaniiru, 314fi dhaabbileen fayyaa 38 suphamaniiru, iddoon tursiisa haadholii da’umsaaf gahanii 16 ijaaramaniiru, namoota harkaqalleeyyii kuma 12fi 791f inshuraansiin fayyaa bitameera.

Hanga ammaatti deeggarsi qarshii biiliyoona 8.8 ol taasifameera. Hojii kenna tajaajila lammummaa kanaan barattoota kuma 700 nyaachisaa jirra. Ummanni godinichaa qarshii, buna, midhaan nyaataafi beelladoota kennuudhaan sagantaa nyaata barattootaa kana deeggaraa jira. Hojii tajaajila lammummaa kanaan daandii dabalatee hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaniiru. Hojiileen tajaajila lammummaa barana godinichaatti raawwataman qarshiitti biiliyoona 1. 4 olitti shallagama.

Bariisaa: Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa hir’isuufi hojiileen akka godinichaatti raawwatamaa jiran maal fakkaatu?

Obbo Tijjaanii: Akka godinichaatti hojiileen barana rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa hir’isuufi gama carraa hojii uumuutiin raawwatamaa jiran kan bara darbee ni caalu. Barana dargaggoota yunivarsitiiwwan adda addaarraa eebbifamanii bahan kuma 100 ol gurmeessuun omisha bunaa, avokaadoo, muuziifi baala shaayiirratti akka hirmaatan ta’eera.

Hojiileen gama kanaan raawwataman baay’ina dargaggoota hojidhabeeyyii godinicha keessa jiran waliin yoo madaalamu gahaa waan hintaaneef ammayyuu hojii xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.

Bariisaa: Haalli nageenyaa Godina Jimmaa maal fakkaata?

Obbo Tijjaanii: Ummanni Jimmaa sabootaafi sablammoota biroo waliin nagaa, jaalalaafi tokkummaan jiraata. Ummanni Jimmaa waan nageenya jaalatuufi nageenyasaas waan eeggatuuf barana lubbuun nama tokkooyyuu sababa rakkoo nageenyaatiin darbe hinjiru. Hawaasni godinichaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uudhaan nageenyaasaa tikfachaa jira. Ummata, hoggantootaafi qaamolee nageenya godinichaa tiksaa jiraniif ulfina guddaatu malaaf.

Milkaa’inoonni hojiilee misoomaa sadarkaa godinaa, naannoofi biyyaatti mul’achaa jiran caalaatti cimanii akka ittifufan gochuuf dhimma nageenyaatiif dursa kennanii irratti hojjechuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba. Harka walqabannee nageenya naannoofi biyya keenyaa mirkaneessuurratti yoo hojjenne ni ceena, hiyyummaa keessaas ni baana.

Bariisaa: Hojii biqiltuuu dhaabuufi kunuunsuu waggoota darban godinichatti hojjetamaniin bu’aawwan argaman otoo nuu ibsitanii?

Obbo Tijjaanii: Jijjiiramni qilleensaa rakkoo biyya keenyas ta›e addunyaa qoraa jiruudha. Qabeenya bosonaa ciruufi garmalee ittifayyadamuun rakkoo ongeef nu saaxileera. Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad rakkoo kana furuuf waantota sadii karoorfatanii irratti hojjechaa jiru. Tokkoffaa omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii midhaan nyaataatiin of danda’uuti.

Lammaffaan dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu yoo ta’u, sadaffaan omishaalee qonnaa kanneen akka bunaa, dammaa, avokaadoo, muuziifi qamadii qulqullinaafi baay’inaan gabaa alaatiif dhiyeessuudhaan sharafa argamu guddisuudha.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi biyya mancaatee jirtu dhaloota ittaanu hindhaalchifnu jechuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa qopheessuun ummata biyyattii hirmaachisuun hojiitti hiikaa jiru. Hindi guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 60 dhaabuun riikordii addunyaa qabattee turte. Kaka’umsa ministira muummeetiin Itoophiyaan Adoolessa 22 bara 2011 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 300 ol dhaabuudhaan riikoordii addunyaa Hindiin qabamee ture cabsiteetti.

Hojii biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu waggoota afran darban raawwatamaniin bishaan gogee ture deebi’ee madduu jalqabeera, dhiqamni biyyee hir’atee gabbinni biyyee dabaleera. Kun ammoo omishaafi omishtummaan qonnaa akka dabalu taasiseera.

Qonnaan bulaan duraan lafa heektaara tokkorraa omisha bunaa kuntaala 12 argachaa ture yeroo ammaa kuntaala 28 argachaa jira. Bara darbe lafa heektaara tokkorraa callaan ruuzii kuntaala 50n argameera. Biqiltuuwwan waggoota afran darban dhaabaman faayidaa guddaa nuuf kennuu jalqabaniiru.

Bariisaa: Gaaffiilee ijaarsa bu’uraalee misoomaa hawaasni godinichaa kaasu deebisuuf hojiileen akka godinichaatti raawwatamaa jiran maal fakkaatu?

Obbo Tijjaanii: Gaaffiilee bu’uuraalee misoomaa hawaasni godinichaa kaasu keessaa daandiin adda durummaan eerama. Gaaffii kana deebisuuf ijaarsi daandiin asfaaltii Jimmaa- Aggaaroo-Dhidheessaa lafarra harkifatus mootummaa federaalaatiin hojjetamaa jira.

Ijaarsi daandii Shawaa-Limmuu akkasumas daandiin Tarcaa-Jimmaas harkifatanis hojjetamaa jiru. Rakkoon ibsaas dhawaata dhawaataan deebii argachaa jira. Mootummaan jijjiiramaa kun qormaatawwan alaafi keessaa dandamachuun bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduu hojjechaa jira.

Garuu dhugaan waraana keessaafi alaa Itoophiyaarratti labsame injifateera. Bu’uuraaleen misoomaa gaaffii ummataa deebisan guguddoon hojjetamaa jiru. Ummanni godinichaa mootummaasaatti waan amanuuf deebii gaaffii bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaa, neetwoorkii teleefaa obsaan eeggachaa jira.

Bariisaa: Sochiin misoomaafi guddina magaalaa Jimmaa yeroo dhiyoo as jiru maal fakkaata?

Obbo Tijjaanii: Magaalaan Jimmaa magaalaa guddoo godinichaati. Waggoota afran darbanii as gaaffiin misoomaafi guddina magaalattii dhawaata dhawaataan deebi’aa jira. Magaalaan Jimmaa magaalaa seenaqabeettii, miidhagduufi wiirtuu daldalaa turte. Magaalattiin bara mootummaa ADWUI gad malee guddina agarsiisaa hin turre. Waggoota afran darbanii as garuu misoomniifi guddinni magaalattii hirmaannaa ummataafi mootummaatiin jijjiirama guddaa agarsiisaa jira.

Pirojektonni hedduun kanneen akka pirojektii Laga Awweetuu miidhagina magaalattii daran dabalan hedduun hojjetamaniiru. Daandiiwwan keessoo magaalattii hedduunis ijaaramaniiru. Hojiileen misoomaa waggoota afurii as magaalattiitti hojjetamaa jiran seenaa keessatti kan hindagatamneedha.

Ummanni magaalaa Jimmaa fedhii misoomaafi nageenyaaf qabu caalaatti mirkaneessuuf bulchiinsa magaalattiifi godinichaa waliin hojjechaa jira. Gaaffiiwwan bu’uuraalee misoomaa hawaasni magaalattii kaasu biroonis dhawaata dhawaataan deebii argachaa jiru.

Bariisaa: Dhumarratti ergaafi dhaamsa yoo qabaattan?

Obbo Tijjaanii: Miidiyaan misoomaafi nageenya mirkaneessuu, rakkoon hawaasaa deebii akka argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Miidiyaalee dhimmoota kanneen irratti xiyyeeffatanii hojjetaniif galata guddaa qabna. Nageenyiifi misoomni Godina Jimmaa kana caalaatti cimee akka ittifufuuf hirmaannaan hawaasaa daran dabaluu qaba. Nageenyi waan hundaafuu hangafa. Nageenyi mana ofiirraa ka’ee hanga addunyaatti darba.

Oromoon akkuma ‘Bunaafi nagaa hindhabinaa” jedhu nageenyasaa tokkummaadhaan tikfachuu qaba. Ummanni godinichaas akka diinni nageenyasaa hinbooressineef yeroo kamuurra nageenyasaa tokkummaan tikfachuu qaba.

Hoggansi godinichaas hojiilee nageenyaafi misoomaa gama hundaan raawwachaa jiru cimsee ittifufa. Misoomni gama hundaan mul’achaa jiru akka duubatti hindeebineef hawaasnis hirmaannaa gama hundaan taasisaa jiru cimsee ittifufuu qaba.

Dargaggoonni Godina Jimmaa dargaggoota godinaalee biroo waliin ta’uun hanga wareegama lubbuutti aarsaa kaffaluudhaan jijjiiramni kun akka dhufu taasisaniiru. Jijjiiramichas kan kiyya jedhanii amanu. Dargaggoonni har’as taanaan qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya godinichaa, Oromiyaas ta’e Itoophiyaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru. Dargaggoonni godinichaa hirmaannaa nageenya mirkaneessuu keessatti taasisaa jiran caalaatti cimsanii ittifufuu qabu. Hoggansi godinichaas rakkoo hojdhabdummaa dargaggootaa furuurratti xiyyeeffataa jira.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You