Najaat Reduwaan (PhD) dhalattee kan guddatte Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Mojootti yoo ta’u, barnoota sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa bakkuma dhalootasheetti baratte. Bara 2000ttis akaakuu barnootaa appilaayiid keemistiriidhaan Yunivarsiitii Hawaasaa seentee digirii jalqabaashee bara 2002 qabxii olaanaadhaan eebbifamteetti.
Isaa boodas carraa barnoota tolaa Ministeerri Barnootaa qopheesse argachuun bara 2003 Yunivarsiitii Gondaritti ramadamtee akaakuu barnootaa Indastiriyaal Keemistirii (appilaayiidi Keemistiriitiin) digrii lammaaffaashee argatteetti.
Bara 2006 irraa eegalee ammoo Yunivarsiitii Saayiinsiifi Teknolojii Adaamaatti waggoota sadiif erga barsiisteen booda Yunivarsiitii Haramaayaatti carraa digirii sadaffaa barachuu argatteetti. Barnoota kanas Yunivarsiitiin Haramayyaafi dhaabbanni Ispeen ‘ICP-CSIC The Institute of Catalysis and Petrochemistry’ jedhamutti wiirtuu Qorannoo ‘Spanish Council for Scientific Research waliin ta’uun kan kennaniidha. Kunis koorsiiwwan barbaachisan asitti erga xumurtee booda qorannoowwan gara caalu kan hojjette Ispeenitti. Akaakuuwwan barnootaa fudhatteefi qorannoowwan hojjetteetti qabxii olaanaa galmeessisteetti. Qorannoowwanshees barruulee barnootaa beebbeekamoo ardii Awurooppaarratti maxxanfamaniiru.
Waliigalaan wayita ammaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti barsiisaa kan jirtu Doktar Najaat, yunivarsiitichatti keemistii dubartii ishee jalqabaa ta’uu dandeesseetti. Nutis muuxannooshee qarreefi qeerroof akka qoodduuf turtii waliin taasifneerra.
Barnoota sadarkaa tokkoffaarraa kaastee barattuu qaxalee akka turte kan nutti himte barsiistuun tun, keessumaa kutaa afraffaarraa kaasee hanga kutaa 10ffaatti barattuu sadarkaa akka turteefi kutaa 11ffaafi 12ffaatti ammoo hanga shanaffaatti ba’aa akka turte yaadatti. Yeroo barattus qabxii olaanaa waan qabduuf namoonni akka isheen fayyaa barattu kan jajjabeessan ta’uus qorannoowwan garagaraa qonna, eegumsa naannawaa, bosonaafi kkf irratti hojjechuuf fedha akka qabduuyyullee ni himti. Akka carraas akaakuu barnootaa qorannoo ishee hojjechiisu danda’u seenuushee kaasti.
“Yommuun qo’adhu sadarkaa tokkoffaarratti akkanumaan qo’achuu malee sagantaadhaan waan hogganame hinturre haalli qo’annaakoo. Ergan yunivarsiitii seenee garuu waan baay’een baradhe. Waggaa tokkooffaatti akkuma isa duraakootti qo’adheen qabxii gaarii galmeesise.
Isaa booda utuun caalaatti qo’adhee qabxii caalu galmeesisuu akkan danda’u hubadheen dubbisutti xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechuun jalqabe. Guyyaatti hanga sa’aatii torbaafi isaa oliillee yeroon itti dubbisu tureera. Kemistiriin yaadrimeefi herreguu qaba. Ta’us fedhaafi xiyyeeffannaadhaan waanin hojjedheef milkaa’uu danda’eera” jetti.
Yeroo baay’ee namoonni akaakuuwwan barnootaa saayinsii uumamaa keessa jiran ni ulfaatu jedhanii waan yaadaniif shamarran gaafa baratan ni milkaa’u jedhanii akka hin yaadne kan eertu Doktar Najaat, hojiin kamuu jabaatanii hojjechuu malee korniyaarratti akka hinhundoofne dubbatti. Keessumaa yunivarsiitii keessatti dhiiraafis shamarraniifis yeroon walqixa akka jiruufi haalonni rakkisoo addaddaa jiraatanillee sirnaan fayyadamuu dandeenyaan sababni itti hinmilkoofneef akka hinjirre himti.
Akka isheen jettuutti, lakkoofsi shamarranii sadarkaa digirii jalqabaafi lammaffaarratti fooyya’aa yoo ta’u, digirii sadaffaarratti garuu daran xiqqaadha. Keessumaa saayinsii uumamaarratti ni hammaatu.
Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaattillee akka waliigalaatti shamarran ykn dubartoonni ‘PhD’ qabaniifi pirofeesara gargaartuu ta’an afur shan hincaalan. Akkuma biyyaattuu baay’inni kan dhiiraa waliin yoo madaalamu afaan guutanii dubbachuuf kan nama dandeessisu miti.
“Umuriikoo kanatti sadarkaa kana qaqqabuuf waa hundi diriiraafi mijataa naaf ta’ee miti. Barnoota gulantaa tokkorraa gara biraatti yommuun ce’ee baradhuus bultoo dhabbachuun natti toluu dhiisee miti. Garuu murteessuu waanin qabuufin murteessee barnootakootti gore.
Kanarratti deggarsi maatiikoos olaanaa ture. Keessattuu ammoo pirofeesaroonnikoo yommuun waraqaa qorannoo hojjedhu na gorsan lamaan bakka olaanaa qabu. Inni biraan immoo kanin dinqisiifadheef yunivarsiitiiwwan kaaniifillee fakkeenya ta’e jedhu Yunivarsiitii Haramaayaati. Yunivarsiitichi haala jireenyaa mijeessuurraa kaasee dubartoota jajjabeessuuf kanneen daa’ima qabanillee haala isaan itti mucaasaanii fudhatanii deemanii baratan mijeessaa ture” jetti.
Kanarra darbee yommuu bakka jiraataa turamerraa bakka biraa deemamu wantoonni akka rakkootti nama mudatan kan jiran ta’u kan himtu Doktar Najaat, isheenis yeroo yunivarsiitii Haramayaa turteetti waraabeessoonni achitti akkuma sareetti ilaalaman isheen garuu itti baruu dadhabdee sodaataa akka turte kaasti.
Yeroo kana barattoonnis walii waliisaanii waan waldeggaraniif gargaarsa hundaatiin keessa darbuu kaasti. Akkasumas hojichi baay’ee hojjechuu waan gaafatuuf laabraatooriifi mana kitaabaa keessa bulaa, sa’aatii muraasa rafaa barachuun dirqama akka ture yaadatti.
Yeroon ulfaataa dabarsite, keessumaa digirii sadaffaashee kan hojjette walta’iinsa yunivarsiitii biyya alaa maqaa guddaa qabu waliin waan tureef qorannooshee bakka beekamaatti maxxansiisuun akka irraa eegamu kaastee, kunimmoo namoota akkashee Ingiliffi afaan lammaffaasaanii ta’eef ulfaataa akka ture dubbatti. Isa kanaaf gorsitootarraa kaasee fudhatama argachuuf irriballee osoo hinrafiin hojjechuun dirqama akka ture ibsiti.
Qorannoo isheen digirii sadaffaasheetiin hojjette teknolojii waggaa 20f tajaajilu yoo ta’u, Itoophiyaa keessatti damee kanaan namni eebbifame akka hinjirre kaasti. Teknolojichis ‘water treatement’ jedhamuun kan beekamuufi halluuwwan keessumaa warshaalee huccuu keessaa ba’an humna aduutti fayyadamuun qulqulleessuuf kan fayyadu akka ta’e ibsiti. Kunis haala faalama naannawaa hinqaqqabsineen kan hojjetame yoo ta’u, kanaanis %95 milkaa’uu akka danda’uu ibsiti.
“Itoophiyaa keessatti walitti hidhamiinsi yunivarsiitiifi indastirii jiru laafaadha. Yeroo baay’ee wantoonni sasalphaa Itoophiyaa keessatti omishamuu danda’an biyya alaatii sharafa guddaadhaan yommuu galan argina. Inni kun ammoo qorattoonni yunivarsiitii keessa jiran indastiriiwwan waliin walitti hidhamuu dhabuurraa kan ka’e kan uumamedha.
Kanaaf isa kanarratti qaama furmaataa ta’ee hojjechuun barbaada. Akkasumas, indastiriiwwan kemikaaloota naannawaa faalan maal na dhibdeedhaan yommuu gadidhiisan mul’ata. Inni kun har’a nuu galuu baatus miidhaansaa fuulduratti olaanaa ta’a. Kanaaf dhimmi kun hordooffii cimaa barbaada. Anis wantoota akkanaarrattin hojjechuu barbaada” jetti.
Yunivarsiitiiwwanitti qorattoonni sadarkaalee garagaraa kan jiran yoo ta’u, baay’inni dubartootaa ammallee gadaanaa ta’uu kan eertu Doktar Najaat, gama kanaan mootummaan xiyyeeffannaa olaanaa itti kennuu akka qabu hubachiisti. Gaafa qorannoowwan hojjetaman meeqansaaniitu dubartootaan hojjetame inni jedhu adda baafamee kallattii barbaachisuun ka’amaa deemuun dirqama ta’uu dubbatti. Kanaa achi shamarree ykn dubartii wal’aansoodhaan yunivarsiitii keessaa tokko ykn lama baatuun guddina biyyattii yaadame dhugoomsuun ulfaataa ta’uu akka danda’us ibsiti.
Yommuu muudannooshees dubbistoota keenyaaf qooddus “Yeroon jalqaba Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti barsiisuuf gawaanii uffadhee daree galu barattoonni waggaa sadaffaa ani ramadameef daree naa seenuu didanii turan. Baay’eensaanii umuriidhaan natti dhihoofi kanneen na caalanillee turaniiru. Boodarra ittigaafatamaan muummee waamamee akkan barsiistuusaanii ta’e itti himamee seenan. Sana booda garuu hariiroo gaariidhaan, walittidhiheenya addaatiin waliin deemne. Inumaayyuu dubartoonni gaafa ana argan caalaatti onnatu” jetti.
Dhumarrattis, qarreefi qeerroon damee kamirrayyuu jiran wanta ta’uu barbaadan ta’uu akka danda’an eertee, inni guddaan filannoo ofii adda baasuun fedha ofiirratti ofii murteeffachuun milkaa’ina yaadasaaniif tattaafachuu akka qaban dhaamti.
Barnootaaf dursa kennuun maatii kan hindhaabbanne Doktar Najaat, amma garuu lafa yaadashee waan geesseef akka fedha Waaqayyootti karoorrishee ittaanu bultoo dhaabachuu akka ta’e kaasti.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015