Lafa seenaa hiyyummaa irrattis seenaa dalaguun dursaa jirtu; Baale

Biyya addunyaa irratti seenaa doofummaafi boodatti hafummaa, hiyyummaafi kadhaadhaan beekamaa turte murteefi kutannoo waggoota lamaafi sadii hincaalleen jijjiiruun yommuu eegalamu kan bitaa itti galu diina fagoo qofaa osoo hintaane, firoottan dhihoos kan dabalatu ta’a.

Sababnisaas, biyya jaarraa hedduuf haala siyaas dinagdeefi hawaasummaadhaan addunyaa booda tirattuufi maqaa kadhaa midhaan nyaataatiin beekamaa turte tokko waggoota muraasa kana keessatti jijjiiruun ulfaataa waan ta’eefi, ummata kadhaa bare sammuusaarratti hojjatanii jijjiirama fiduudhaan onnachiisuun yeroo kan gaafatu waan ta’eefi, harka yeroo hunda kadhaa bare walitti cufatanii gara ofii hojjatanii of geeddaruutti galchuun cimaa waan ta’eefi.

Biyyootni durooman keessattuu biyyootni lixaa deeggarsisaan faayidaa achirraa argachuu malan osoo hintilmaamiin Itoophiyaa dabalatee biyyoota hiyyeeyyii Afrikaatiif kennan jira jedhanii dubbachuuf hedduu namatti ulfaata. Gargaarsa namoomaa biyyoota Afrikaafi biyyoota guddachaa jiran kanneen birootiif kennamu kamuu duuba ergaafi wanti akka raawwatamuuf barbaadamu tokko jiraachuusaa yeroo kamuu shakkuun barbaachisaadha.

Biyyattiin kadhaafi deeggarsa alaa irraa al tokkotti bilisoomsanii gama hundaan of dandeessisuun dhimma cimaafi yeroo bal’aa gaafatu ta’us, wantootni biraa yoo hanqatanis gama nyaataatiin of dandeessisuun garuu dhimma kutannoo hoggansaafi kaka’umsa ummata bal’aa qofa gaafatuudha.

Sirna bulchiinsaa Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) keessatti dhimmoota kanarratti ciminaan hojjechuun gama midhaan nyaataatiin of danda’uu irratti ajandaa guddaa kan ture ta’us, dhimmichi lafarratti guutummaan milkaa’uu hindandeenye. Kanaaf immoo sababni, kutannoo dhabuu hoggansa yeroo sanaa qofa osoo hintaane, burkutaa’aa dhufuun sirnicha paartichi keessattuu gama dhumaa irratti dhimmoota dinagdeefi hawaasummaa furuu caalaa dhimma siyaasaa qofarratti akka xiyyeeffatu taasifamuusaati.

Biyya magariituufi haala qonnaa gosa hundaa kamiifuu mijooftuu taate qabatanii midhaan biyya alaatii gargaarsaaf dhufu dhaabuu bira darbamee omisha biyya keessaa dabaluun inumaayyuu gabaa alaatiif gurgurtaaf dhiheessuun akka danda’amu immoo qaamootni hoggansa mootummaa jijjiiramaa waggoottan sadeen darbe dubbachaa turan immoo barana gara hojii qabatamaatti akka galamutu himamaa jira.

Keessattuu irra jireessaan qamadii nyaataaf oolu biyya keessatti baay’inaan omishuudhaan fedhii biyya keessaa guutuu bira darbamee bara kana gara biyyoota alaatti akka ergamu Ministira Muummee irraa kaasee hanga sadarkaa gadiitti ajandaa guddaa ta’ee tureera. Kana dhugoomsuuf immoo omisha gannaa qofa osoo hintaane omisha bonaafi iddoowwan jallisiidhaaf mijataa ta’an itti dabaluun tarkaanfiiwwan gurguddoon fudhatamaniiru.

Hojii kana keessatti immoo iddoowwan omisha qamadiitiin kanaan dura beekamaniif xiyyeeffannoon olaanaan kennamuu qofaa osoo hintaane, rakkoowwan omisha qamadii gufachiisuu danda’an furuunis dhimma xiyyeeffannoo guddaa argate ta’uu Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhaakim Aliyyii ni dubbatu.

Obbo Abdulhaakim ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, akka godinichaatti dhimmi omishaafi omishtummaa qamadii dabaluun fedhii biyya keessaa guutuu irra darbee ala erguuf yommuu karoorfamutti, jalqaba rakkoolee bu’ura misoomaa godinichaa furuun murteessaa akka ta’eefi isaan yeroo gabaabaa keessatti hojjatamuu hindandeenyeef immoo furmaata yeroo gabaabaa kaa’uudhaan ture.

Dacheen Baalee yeroo barbaadame kamittuu wanta irratti facaafame kan biqilchitu taatus, qonnaan bulaan godinichaa sababa daandii aspaaltii gahaa hinqabneef hanga danda’u omishaa akka hinturre himanii, omisha qonnaa gara gabaatti dhiheessuuf qofaa osoo hintaane, dubartii ciniinfatteefi dhibamaa jirtu dafanii gara manneen yaalaa magaalota gurguddootti geessuunis rakkoo guddaa akka ture dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, Godina Baalee keessatti hanga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuutti daandiin aspaaltii godinichaa kiiloomeetira 30 qofa ture. Lafa waan hunda biqilchituufi humna omisha qamadii dorgomaa hinqabne qabdutti, lafa omisha mi’eessitoota akaakuu gara garaa sharafa alaa argamsiisan omishutti, buna, dhadhaafi damma heddu midhaan omishutti daandiin aspaaltii KM 30 qofti jiraachuun maal akka ibsu tilmaamuun nama hinrakkisu.

Baale omisha qonnaa qofaan osoo hintaane iddoowwan hawata turizimii akka Oromiyaa qofatti osoo hintaane, sadarkaa biyyaatti beekamoo ta’an hedduu osoo qabdu bu’uraalee misoomaa gahaa sababa hinqabneef qabeenya uumamaan argatetti fayyadamuu osoo hindanda’iin turuushee kaasu.

“Kun immoo kan miidhe Baaleen qofaa osoo hintaane dinagdee Oromiyaafi Itoophiyaa akka ta’e beekamuu qaba. Haata’uu malee erga hoggansi jijjiiramaa gara aangootti dhufeen booda gaaffiiwwan bu’uraalee misoomaa godinicha keessa turan osoo hingaafatamiin yeroosaanii eeggatanii deebi’aa jiru. Yeroo ammaatti hoggansi yookiin immoo ummatni Baalee kana naaf hojjedhaa jedhee gaafatee osoo hintaane, Baaleedhaaf kanatu malaa, kanatu hojjetamuu qaba jedhee mootummaa murteessutu aangoo irra jira. Kanaaf gaaffiiwwan dur dhaloota dhufaa darbaan gaafatamaa turan har’a osoo hingaafatamiin deebi’aa jiru. Kun immoo qaamni amma biyyattii hogganaa jiru rakkoolee kanneen dursee kan beekuufi har’a immoo gaaffii qaama kamiittuun alatti deebisuu akka danda’u kan namatti agarsiisuudha” jedhu.

Akka Obbo Abdulhaakiin jedhanitti, bu’uraalee misoomaa yeroo ammaa Baaletti ijaaramaa jiran keessaa inni guddaaniifi xiyyeeffannoos argateefi gaaffii ummataa ture dhimma daandii aspaaltiiti. Daandiiwwan godinichatti babal’achaa jiran kunniin immoo karoora mootummaan omisha qamadii guddisuun gara biyyaatti erguuf qabate milkeessuu keessatti shoora olaanaa qaba. Bara kana karoora qamadii gara biyya alaatti erguuf qabame keessaa godinichi qamadii kuntaala miiliyoona sadi ta’u gumaachuufis qophii xumureera.

Omishaafi omishtummaa qamadii kana daraan dabaluufis qonna gara makaanaayzeeshiniitti ce’e qabaachuun barbaachisaa ta’uu eeranii, gama kanaanis qonni godinichaa dhibbantaan 60 ta’u yeroo ammaa gara makaanaayizeeshiniitti ce’uusaas ni dubbatu. Omisha gannaa qofaanis barana akka godinichaatti qamadiin kuntaalli miliyoona 9.5 ta’u ni argama jedhamee kan eeggamu yoo ta’u, lafti hektaara kuma 261 ta’u immoo omisha qonnaa kanaaf kan ooleedha.

Kana qofaa osoo hintaane bonaanis omisha qamadiitiif lafti hektaara kuma 125 ta’u kan qophaa’e ta’uufi lafti hektaara 50 ta’u immoo yeroo ammaa jallisiidhaan qamadiin irratti omishamaa kan jiru ta’uu kaasu. Bifa waliigalaatiin yoo ilaalamu immoo omisha gannaa, bonaafi jallisii dabalatee bara baajataa qabame kanatti godinni Baalee qamadii kuntaala miiliyoona 15 ta’u akka omishtu kan eegamu ta’uu ibsu.

Biyya magariituufi dachee laliftuu waan hundaaf mijooftu qabatanii kadhaa qamadiif qalqalloo rarraasaa bahuun yeroon itti seenaa ta’u dhihaachuu mallattoowwan agarsiisan heddummachaa jiru waan ta’eef, kaka’uumsiifi kutannoon mootummaan dhimmicharratti agarsiises kan jajjabeeffamuu qabuudha. Tarkaanfiiwwan gaggaarii akkasii mootummaadhaan fudhataman jajjabeessuun immoo hojiiwwan misoomaa birootiif qabdii dursanii kennuu akka ta’es mootummaan dagachuu hinqabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You