Baankii Gadaa: Baankii maqaa guddaa qabatee hundeeffame

Baankiin Gadaa adeemsa hundeeffamasaa xumuruudhaan torban darbe, Mudde 15 bara 2015 irraa eegalee hojiisaa ifatti jalqabuunsaa ni beekama. Baankichi dinagdee biyyattii jijjiiruu keessatti shoora irraa eegamu ba’achuuf qophii gudaarra jira. Sagantaa hojii ifatti hojii jalqabuu baankichaarratti Abbootiin Gadaa, Abbootii Amantii, hoggontoonni mootummaa naannoofi federaalaafi abbootiin aksiyoonaa argamaniiru.

Pirezidaantiin Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo haasaa baniinsa hojii jalqabsiisa baankichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, baankichi abbootii aksiyoonaa kuma 28 oliifi kaappitaala qarshii miliyoona 552 kan kaffalameefi kaappitaala mallatta’e qarshii biliyoona 1.16n kan hundeeffame. Baankiin Gadaa ulaagalee irraa barbaachisuu hunda guutuudhaan baankii biyyaaleessa Ityoophiyaarraa eyyamaa argateen kan hundeeffame ta’uus himaniiru.

Baankichi yeroo ammaa miseensota hedduu horachuu himanii, keessumaa ummanni baadiyyaa tajaajila baankii dhiheenyatti akka argatu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjeta. Dabalataanis dargaggoonni hojii dhabeeyyiin hojii mataasaanii akka uummataniif tajaajilaa liqii kan mijeessu ta’uus himaniiru.

Baankiin Gadaa tajaajila si’ataa kennuuf teknolojii ammayyaa’aafi humna namaa gahoomeen dameelee 30n hojii kan eegale ta’uu eeranii, gara fuùlduraatti guutuu biyyattiitti dameesaa kan babal’isuufi darbees Baankiiwwan Addunyaa garagaraa waliin dorgomaa ta’ee hojjachuuf qophii ta’uusaa himaniiru.

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa jalqabarraa kaasee hamma hundeeffama baankichaatti gargaarsa walirraa hincinne taasisaafii kan jiru ta’uu himanii, baankichi dinagdee biyyattii akkasumas ummata bal’aa biyyattii tajaajiluuf kutannoodhaan kan hojjatu ta’uus dubbataniiru.

Baankiin Gadaa tajaajila guutuufi si’ataa kennuuf dhaabbilee teknolojii baankii idiladdunyaa waliin hojjechaa jiraachuu eeranii, baankichi hojjaatoota 300 oliin tajaajila si’ataa ta’e ummata bal’aaf kennuuf ifatti hojii jalqabeera. Baankichi waajjira muummeesaa gamoo abbaa darbii saddeetii ijaarratee eebbisiisuun hojii jalqabeera. Waajjirri muummee baankichaa baasii guddaa kiraa manaatiif bahu hambisuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Meeshaaleefi wantoota hojiif barbaachisan hunda guuttatee hojiitti kan seene Baankiin Gadaa, maammiltootasaatiif tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuuf qophiidha. Namoota hojiilee waldaalee maayikiroofi xixiqqaafi gurguddaa adda addaarrati hirmaatan haala adda ta’een keessumessuuf tooftaalee adda addaa dhiyeesseera. Dhaabbilee idiladdunyaa waliin ta’uunis tooftaa ‘iswiift koodi’ kan argate ta’uufi baankota idil addunyaa afur waliin hojjachuuf qophaa’eera jedhan.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Doktar Yinnaagar Dasee akka jedhanitti, baankichi bu’aa ba’ii hedduu keessa dabarbee as ga’uunsaa milkii guddaadha. Maqaa guddaa qabachuun kan hundeeffame Baankiin Gadaa, akkuma maqaasaa hojii guddaa hojjechuufi dorgomaa cimaa ta’uuf of qopheessuu qaba. Baankichi biyya keessaafi alatti dorgomaa cimaa ta’uuf cimee hojjechuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Abbootiin aksiyoonaa, hoggantoonni, hojjattoonniifi maamiltoonni baankichaa hundi cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, baankiwwan haaraa hundeeffamaniifi buleeyyiin dinagdee biyyattii shoora guddaa qabu. Baankonni buleeyyiifi haaraan hundeeffaman dinagdee biyyattii liqiidhaan deeggaruu keessatti seektaroonni dhuunfaa hojii guddaa hojjachaa jiru. Dinagdeen liqiidhaan waan socho’uuf liiqiin baankonni waggaa waggaan kennan dabalaa dhufeera jedhu.

Liiqiin baankiiwwanrraa kennamu maddisaa qusaannaa waan ta’eef qusannaan baankiiwwan hundaaf hundee ta’uusaa ni beekama. Haala kanaanis Baankiin Gadaa sadarkaa guddaarra akka ga’uuf qusannaarratti hirmaachuun barbaachisaadha. Qusannaa guddisuuf baankichi dameeleesaa magaalaafi baadiyyaatti babal’isuufi qaqqabamaa gochuu akka qabus ibsaniiru.

Lammiilee biyattii hunda tajaajilamaafi fayyadamaa taasisuuf qusannaarratti hirmaachuun barbaachisaa ta’uu himanii, baankicha dorgomaa cimaa humna qusannaasaa cimsachuu qaba. Qaqqabiinsi faayinaansii ykn liiqii keessumaa baadiyyaatti hanqina waan qabuuf baankichi keessumaa rakkoo liqii qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota mudatee furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba jedhaniiru.

Baankichi keessumaa baadiyyaatti liqii xiqqaarraa hanga guddaatti kennuudhaan sektara qonnaa gargaaruurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu himanii, seektaroonni industiriifi tajaajila adda addaa kennanis liiqii guddaa waan barbaadaniif baankonni biyyattii kaanis gara baadiyyattis bahanii hojjachuu qaban himaniiru.

Baankichi baankota biyya keessaafi alaa wajjin dorgommuuf teknolojiiwwan baankii ammayyaatti fayyadamuu akka qabu yaadachiisanii, gama hundaan tajaajila kaffaltii ammayyaawaa hordofuudhaan keessattuu ‘mobile money, mobaayil baankiingiifi intarneet baankiingii’ bal’inaan hojiirra oolchuu qaba akka qabus dubbataniiru.

Teknolojiiwwan ammayyaa kunniin hojiira kan oolan yoo ta’e hundeeffanisaa duubatti hafus teknolojii yoo fayyadame, qusannaarratti bal’inaan yoo hojjate, kenniinisi tajaajilaa sadarkaa gaariiirra yoo gahe, baankichi yeroo gabaabaa keessatti gara baankiiwwan sadarkaa giddugaleessaafi sadarkaa guddaatti ce’uu kan danda’u ta’uu dubbatu.

Kanaafuu Baankiin Gadaa baankii biyyattii keessati aragamu keessaa isa guddaafi filatamaa ta’uuf teeknolojii ammayyaatiin deeggaramee hojiisaa saffisiisuu qaba. Dabalataanis baankichi ittigaafatamummaa guddaan waan kennameefiif akkuma maqaasaa tajaajilli si’aayaatu irraa eegama. Dhumarrattis Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, Baankiin Gadaa qormaatileefi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee sadarkaa tajaajila baankii kennuurra gaheera. Baankichi rakkoolee hundeeffarraa kaasee isa mudachaa turan gara carraafi furmaatatti jijjiiruun har’a sadarkaa tajaajila baankii kennuurra gaheera jedhu.

Hoggantoonniifi hojjettoonni baankichaa dirqama dachaa kennameef ba’achuuf cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, innis dirqama eenyummaafi dirqama baankii biyyaalessaatiin itti kennameedha. Hoggantoonniifi hojjettoonni baankichaa dirqamasaanii bahachuuf xiiqiifi kutannoo cimaan hojjechuun milkaa’ina caaluuf hojjechuu akka qaban yaadachisaniiru.

Hoggantootaafi hojjeettoota baankichaarraa naamusa addaafi kutannoo cimaatu eegama kan jedhan Obbo Shimallis, hoggantoonniifi hojjettoonni baankichaa namoota iftoomina qaban, dhugaadhaan tajaajilan, furmaata kennaniifi fakkeenyummaa gaarii qaban ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Hayilee Dammaqaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You