Yunivarsitiin Jimmaa torban har’aa sagantaan yaadannoo Artisti Alii Birraa qopheessuun hojiiwwan aartiifi muuziqaa artistichi biyyaaf gumaachee darbe hayyootaan akka dhiyaatu taasiseera. Yunivarsitii Jimmaatti barattoonni Mana Barumsaa Muuziqaa Alii Birraa sirboota Alii Birraa haala ajaa’ibaatiin waltajjicharratti dhiyeessaniiru.
Haati warraa Artisti Alii Birraa Aadde Liillii Maariqoos, artistoonniifi ogeessonni aartiifi muuziqaa, hoggantoonniifi barsiisonni Yunivarsitii Jimmaa, hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaa, Yunivarsitii Jimmaatti, barattoonniifi barsiisonni Mana Barumsaa Muuziqaa Alii Birraa akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef saganticharratti argamaniiru.
Pirezidaantiin Yunivarsitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaafiixaa akka jedhanitti, Alii Birraa artistii beekamaafi jaalatamaa jaarraa walakkaa oliif hojiiwwan muuziqaa ykn sirboota dhibbaan lakkaa’aman nuuf gumaachee darbeedha. Artistichi walaloo ofii barreessee yeedaloo itti baasuun, meeshaalee muuziqaa taphachuufi sirbuudhaan hojii aartiifi muuziqaa seenaa yoomillee hindagatamne nama dhalootaaf dabarsee darbeedha.
Artisti Aliin Afaan Oromoo, Sumaalee, Adaree, Amaariffaafi Arabiffaan sirboota dhaggeeffatanii hinquufamne sirbeera. Artisti Aliin hojii aartiifi muuziqaa sadarkaa biyyaa ardiifi addunyaatti bara baraan hindagatamne nama hojjetee darbeedha. Aliin hojii aartiitiifi muuziqaatiin ogeessa aartii guddaafi beekamaa ta’uusaa mirkaneesseera jedhu.
Artisti Aliin hojii aartiifi muuziqaasaatiin dhimmoonni hintuqne hinjiran jedhanii afaan guutanii dubbachuun ni danda’ama kan jedhan pirezdaantichi, Artisti Aliin waa’ee uumamaa, biyyaa, obbolummaa, jaalalaa, haqaa, bilisummaa, dhiifamaa, barnootaa, ispoortiifi dhimmoota waa’ee jireenya dhala namaa hunda sirbeera.
Hojii artiisaa kanaan Yunivarsitii Jimmaafi dhaabbilee biyya keessaafi biyya alaa adda addaarraa doktireetii kabajaa dabalatee badhaasota adda addaa 130 ol argateera. Badhaasotasaa keessaa hangi tokko Yunivarsitii Jimmaatti kutaa hadarsaa keessa ni kaa’ama jennee eegna jedhu.
Sirboota Artisti Aliin sirbe keessaa akka dhuunfaatti kanan jaalladhu keessaa tokko “Bareeda Uumaa” kan jedhuudha kan jedhan Doktar Jamaal, haalli itti aartistichi walaloofi yeedaloodhaan bareedina uumamaa itti ibse ajaa’iba. Artisti Aliin sirbasaa kanaan dhaggeeffataan uumama akka suuraatti miiraan akka ilaalu fakkeessee sirbe.
Bareedina uumamaa kana barraaqa ganamaa, Sabbata Waaqayyoo, dhiha aduu, magariisummaa bosonaa, faaruu simbirrootaa, himimsa fardaa, haala teessuma lafaa gammoojjiidhaa hanga baddaatti, dhallaaduu laga biraa, sagalee fincaa’aa kaasuudhaan uumama miiraan sammuu keenya keessatti ilaaluu akka dandeenyu nu taasiseera jedhu.
Sirba kanaan bareedina uumamaa yoo dubbatamaa oolee bule baay’ina jechaatiin ibsamee hindhumu. Icciitiin bareedina uumamaa Uumaa uumamaatiin haa ibsamu. Aliin bareedinni uumamaa jechaan, walaloofi yeedaloodhaan ibsamee kan hindhumne ta’uusaa sagaleefi sirbasaa bareedaadhaan nuuf ibseera. Bareedina uumamaa kana ibsuuf jechoonni inni sirbasaa keessatti itti fayyadames daran kan qalbii namaa hawwatan ta’uu dubbatu.
Aliin falaasifaadha yoo jennu sababa malee miti kan jedhan Doktar Jamaal, kana mirkaneeffachuuf sirba inni waa’ee barnootaarratti sirbe ilaaluun gahaadha. Sirbasaa “Barnootaa, Barnootaa, ammas Barnootaa…” jedhu keessatti banoonni bu’uura guddina dhala namaa ta’uusaa ibseera.
Artisti Aliin sirbasaa kana keessatti jecha “Barnoota’ jedhu yeroo sadii irra kan deebi’eef walaloonsaa mana akka rukutuuf qofa utuu hintaane barnoonni dhala namaatiis kaayyoosaa jalqabaa lammaffaafi sadaffaa ta’uusaa mul’isuudhaafi.
Sirbasaa kanaan “Barnoota dhugaatu bilisa nu baasa” jechuun barumsi bilisummaa dhala namaaf kan barbaachisu ta’uu ibsa. Barnoonni of baruu, kan ofii baruu, of kabajuufi kan ofii kabajuurraa eegala barnoonni dhugaa ofirraa eegala. Barnoonni dhugaan of tuffii balleessaa, haamilee kufte kaasaa jechuun sirbeera jedhu.
Hojiiwwan aartiifi muuziqaa Artisti Alii Birraa eenyummaa dhala namaa kan ibsaniidha. Artistichi sirbasaatiin dhimmoonni hawaasummaa inni hinkaafne hinjiru. Artistiin kun qaamaan nurraa gargar ba’us bara baraan onnee keenya keessa jiraata. Qorattoonniifi ogeessonni aartiifi muuziqaa hojiiwwan Artisti Aliin biyyaaf gumaachee darbe karaa saayinsaawaa ta’een qo’achuufi balballoomsuudhaan dhaloota ittaanutti dabarsuuf cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Yunivarsitiin Jimmaa bara 2002 hojii Artisti Aliin guddina aartiifi muuziqaaf gumaache ilaalchisuun doktireetii kabajaa jalqabaa kenneeraafi kan jedhan pirezdaantichi, bara 2006 ammoo ‘Mana Barnootaa Muuziqaa Alii Birraa’ jechuun moggaasee barattoota itti barsiisaa jira.
Manni Barnootaa Muuziqaa kun sagantaa idileefi barnoota gannaatiin baachii ja’a eebbisiiseera. Yunivarsitichi hariiroo Artisti Alii Birraa utuu lubbuun jiruu waliin qabaachaa ture erga inni du’ee boodas hojiiwwan muuziqaasaa qorachuufi barsiisuudhaan daran cimee akka ittifufuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Dhaadannoo ‘Hawaasa keessan jira’ jedhuun kan beekamu Yunivarsitiin Jimmaa namoota damee hojii adda addaatiin hojii bu’a qabeessaafi seena qabeessa ummataafi biyya tajaajilu hojjetaniif utuu lubbuun jiranii ulfina maluuf akka argatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Doktireetiin kabajaafi beekamtii yunivarsitichi Artisti Aliin utuu lubbuun jiruu kenneef fakkeenya fudhachuun ni danda’ama. Yunivarsitichi waggaa dhufurraa eegalee sagantaa barnoota idilee damee muuziqaatiin waggaa waggaan barattoota dhiiraa shaniifi shamarranii shaniif waliigalatti barattoota 10f carraa barumsa tolaa kan kennu ta’uus eeraniiru.
Ogeessi Muuziqaa Sartsee Firesibihaat akka jedhutti, Artisti Alii Birraa sagalee ajaa’ibaa qalbii namaa hawwatu kan qabu aatistii beekamaafi jaallatamaa ture. Aliin artistoota har’a jiraniif bu’uura gaarii buusee darbeera. Aliin artistii beekamaa kennaa muuziqaa qabu ture.
Artisti Aliin Afaan Oromoo qofaan utuu hintaane afaanota adda addaatiin (Afaan Somaalee, Harariifi Sudaaniitiin) sirbeera. Artistiin kun bara jireenyasaa guutuu hojii artiifi muuziqaa keessaa utuu hinba’in lubbuunsaa darbe. Aliin artistii hunda galeessa ofiisaatii walaloo qopheessee yeedaloo itti baasuufi meeshaalee muuziqaa taphatu ture jedha.
Namoonni kennaa hundagaleessa qaban baay’ee muraasa kan jedhu ogeessi muuziqaa kun, Artisti Aliin namoota kennaa ykn ogummaa hundagaleessa qaban keessaa tokko ture. Artisi Alii Birraa yeroo mijateefittis ta’e hinmijanneefitti nama umuriisaa guutuu hanga guyyaa du’asaatti hojii muuziqaaf of kenne ture. Sirbasaatiinis dhimmoota hawaasummaa hedduu kaasuun dhiibbaafi sarbama mirga namummaa dhala namaarra ga’aa ture falmaa ture jedha.
Haati warraa Artisti Alii Birraa Aadde Liillii Maariqoos saganticharratti akka jedhanitti, sagantaa yaadannoo Artisti Alii Birraa Yunivarsitiin Jimmaa qopheessetti guddaa gammadaniiru. Artisti Aliin du’us hojiin aartiifi muuziqaasaa mana barnootaa muuziqaa yunivarsiticha keessatti biqilee guddachaa jira.
Yunivarsitichatti barattoonniifi barsiisonni Mana Barnootaa Muuziqaa Alii Birraa hojiin aartiifi muuziqaa Alii Birraa akka itti fufuufi dhalootatti akka darbuuf hojjechaa jiru. Hojii yunivarsitichi gama kanaan hojjechaa jirutti guddaa gammadeera. Alii Birraa qaamaan nurraa adda ba’us muuziqaasaatiin garuu yeroo hundayyuu jiraataadha jedhu.
Hiriyaa Alii Birraa yeroo dheeraa kan ta’an Obbo Maammad Qophee akka jedhanitti, Artisti Alii Birraa wellisaafi qabsaa’aa hangafa, abbaa qabsoo, abbaa artiifi abbaa aadaa dhabne. Artisti Aliin nama dandeettii aartiifi muuziqaa qabu hunda duguugeefi xuruursee dhalootaaf dabarsee darbeedha. Artistiin kun erga du’ee boodas hojii aartiisaatiin haaraa dhalatee kan jiraatuudha. Artistiin kun ‘Birraan bari’e ililiin urgoofte’ jedhee sirba jalqabee sirba ‘Yaa Rabbi yaa jabaa…’ jedhuun xumure jedhu.
Artisti Aliin faajjii aartiiti. Nama guddina artiifi gumaacha olaanaa taasiseedha. Aliin abbaa qabsoofi bu’uuressaa sabboonummaa Oromoo ture. Aliin sirbasaatiin saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa walitti dhufanii jaalala, tokkummaafi obbolummaadhaan akka jiraatan nama taasisaa tureedha. Aliin nama kutannoo qabu, jaalalaafi quuqama sabaa qabuufi afaanota torba dubbatu ture jedhu.
Barri Aliin sirba itti jalqabe waan bara hamaa tureef yeroo gara garaatti hidhamaafi gidirfamaa ture. Aliin nama sabboonaa, guddina afaan, aartiifi aadaa Oromoo keessatti gumaacha olaanaa taasise, mootii aartii ture. Aliin artistii beekamaa hunduu isa jaalatu ture. Aliinis waan ummatasaa jaalatuuf waan argatu hunda ummataaf qoodee waliin nyaataa tureedha jedhu.
Aliin walaloo barreessee yeedaloo waan itti baasuufi meeshaa muuziqaas taphatuuf haala adda ta’een ofiisaatii qindeeffatuuf sirbisaa namoota hundaan jaalatamaadha kan jedhan Obbo Mahaammad, artistii afaanota ja’aan sirboota haala yeroorratti hundaa’an sirbuun ergaafi dhaamsa cimaa dabarsaa ture ta’uu eeru. Aliin muuziqaasaatiin qofa utuu hintaane namummaasaatiin kan jaalatamuufi nama arjaa kennee hinquufne ture jechuun waltajjicharratti ibsan.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015