Dhiheenyuma kana lammiin Itoophiyaa tokko Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti (DhMG) gorsaa seerummaa dorgomuun kan darban yoo ta’u, xalayaa muudamaas barreessaa olaanaa gamtichaa, Antooniyoo Gutareez harkaa fudhataniiru. Namni kun nama ogummaa seeraatiin muuxannoo waggoota 24 qaban yoo ta’u, sadarkaa naannoofi federaalaatti tajaajilaniiru; sanyii Jeneraal Taaddasaa Birruu, Obbo Solomoon Araddaa. Nutis keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii!
Bariisaa: Obbo Solomoon, dubbistoota keenyaan wal nuuf baraa?
Obbo Solomoon: Hayyee, duraan dursa gaazexaa seena qabeessa, seenaa biyya keenyaa keessatti umurii dheeraafi maqaa guddaa qabu kanarratti na affeeruu keessaniif isin galateeffachuun barbaada. Ani Solomoon Araddaa Waaqtolaan jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Kuyyuu, Magaalaa Gabra Gurraachaatti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas magaalaadhuma dhaloota kiyyattin baradhe. Barnoota koo olaanaa Yunivarsiitii Finfinneerraa digirii jalqabaa Seeraan eebbifameera.
Sana booda gara hojiitti kanin bobba’e yoo ta’u, bakkeewwan garagaraatti hojjedheera; gara caalus hojii abbaa seerummaatiinin hojjedhe. Utuman hojii keessa jiruummoo digirii lammaffaa sadii hojjedheera. Kunneenis Yunivarsiitii ‘Harvard Kennedy School of Governement’ jedhamutti Bulchiinsa Ummataatiin (Master of Public Administration), digirii lammaffaa biraas achumatti Seera baradheera. Yunivarsiitii Amistardaam jedhamutti ammoo “International Economic Law’ baradheera.
Bariisaa: Muuxannoo hojii keessaniis utuu nuu kaastanii?
Obbo Solomoon: Hojii seeraarratti gara waggoota 25 hojjedheera. Kana keessaa gara waggoota 20 abbaa seerummaatiin mana murtii federaalaafi naannootti sadarkaalee adda addaarra hojjedheera. Hojii kiyya kanin jalqabe Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Ambootti Abbaa Murtii ta’eeni. Achis ergan waggoota afran tokkoof hojjedhee booda Gorsaa Seeraa ta’ee yeroo muraasaaf Baankii Daldala Itoophiyaa keessa hojjedheera.
Gara mana murtiitti deebi’ee, Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti abbaa seeraa ta’ee hojjedheera. Ittaansuunis guddachuun Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti abbaa seerummaan hojjedheera. Achittis yeroo dheeraa kanin hojjedhe yoo ta’u, dhaddacha yakkaafi hariiroo hawaasaarratti hojjedheera. Keessattuu dhaddacha goolii diimaa jedhamu, kan abbootii aangoo Dargii yakka dalagan himachuuf yeroo sana ijaaramerratti gara waggoota afuriin hojjedheera.
Kanaan booda gara mana murtii sadarkaa jalqabaatti deebi’ee pirezidaantii ittaanaa ta’ee tajaajileera. Barnootaaf gara Ameerikaas deemeen ture. Ergan akaakuuwwan barnootaa irranatti ibse baradhee booda gara biyyaatti deebi’ee waggoota afuriifi walakkaaf dhaabbata mataakoo hundeessee hojii gorsa seeraa hojjechaan ture. Utuman haala kanaan hojjechaa jiruu bara 2010 Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Pirezidaantii Ittaanaa ta’ee muudamee hanga yoonaa hojjetaan jira.
Kanatti dabalatees muuxannoo hojii biyya alaallee nan qaba. Dhaabbata ‘Heek’ jedhamu keessatti miseensa mana murtii ta’een Abbaa Alangaa Araarsaa (Galaagaay Daanyaa) ta’ee hojjedheera.
Bariisaa: Hojiin seeraa hawwii keessan ijoollummaa turemoo, akka carraa barattan?
Obbo Solomoon: Dhugaa dubbachuuf, ijoollummaa kiyyatti Meedikaal Doktarii ta’uun hawwaayyu. Akkuma beekamu ijoolleen baadiyyaa seera barachuuf odeeffannoo ga’aallee hinqabnu turre. Ijoollummaarraa kaasee barataa qaxaleen ture. Maatiin kiyyas barnootarratti ciccimoo waan turaniif na jajjabeessuuyyu.
Waa’ee seeraa kanin dhaga’e yeroo tokko dhuma barnoota sadarkaa lammaffaarratti abukaatoon naannawa keenya jiraatu dhufee yommuu inni falmii mana murtii, seera hariiroo hawaasaafaa abbaa kiyya waliin haasa’uudha. Anas keessa kiyya buluu eegale. Barnooti kiyya Saayinsii Uumamaa turuus fedha kiyyaan saayinsii hawaasaa seenuun seera baradheera. Ergan itti seenee boodas baay’een jaaladhe.
Yeroon jalqaba hojii eegale, bara dargaggummaa sanatti Mana Murtii Olaanaa, keessattuu Ambotti hojjechuun ulfaataa ture. Yommuun bara 1989 eebbifamee hojii eegalu umuriin kiyya 22 ture. Yeroo sana yunivarsiitiin seera barsiisu Yunivarsiitii Finfinnee qofa ture. Waggaattis namoota 45 hincaalu kan eebbisiisu. Keessumaa ijoolleen Afaan Oromoo beekan daran muraasa turan.
Yommuun hojiitti bobba’e sana abbootiin seeraa baay’een isaanii kanneen muuxannoodhumaan hojjetan malee barnoota seeraa qaban hinturre. Kanaaf yunivarsiitiidhaa ba’anii kallattiidhaan abbaa seeraa mana murtii olaanaa ta’uun rakkisaa ture. Umurii sanaan yakkawwan guguddoo ilaalee murtii umurii guutuu, du’a hidhaa cimaafi kkf murteessuun ulfaataa ture. Ergan keessa seenee garuu hojii abbaa seerummaa kana waanin baay’ee jaaladheefin hanga kana keessa ture.
Bariisaa: Jireenya keessan abbaa seerummaa keessatti waan isin gammachiiseefi gaddisiise utuu nuu kaastanii?
Obbo Solomoon: Dubbii keenyarratti hojiin seeraa kun hojii ulfaataadha. Itoophiyaa keessatti hojiin haqaa daran walxaxaafi ulfaataadha. Ta’us, tajaajila abbaa seerummaarratti wanni na gammachiisu yeroo baay’ee hamma humni kiyya danda’etti sammuu kiyya bilisa godhee dargagummaa kiyyarraa kaasee namni akka haqa argatu hojjedheera. Hojiin Ambootti hojjedhe kamuu caalaa na gammachiisa.
Yeroon sun yeroo barattoonni mormii dhageessisan, hiriirawwan addaddaa itti ba’an ture. Sababuma kanaan namoonni ni hidhamu, mana murtiittis himannaawwan garagaraa dhiheessaafi mirga wabiillee gaafataa turan. Anis hanga danda’ametti mirgisaanii akka kabajamuuf gahee kiyya ba’adheera jedheen yaada.
Yeroo kanatti warra qaama raawwachiistuu hojii wajjin walitti bu’aa turre. Tokko tokko jibbiinsa hamaa keessa seenanii kan nu jibbaniifi yeroo sana maqaa “ABO” jedhu nuu kennaa turan. Haala akkanaa keessatti hojjechuun kiyya nama cimaa na taasise malee waan na miidhe hinqabu; baay’iseen ittigammadas. Qorumsi akkanaa jalqaba hojii kiyyarratti na mudachuun akkan jabaachaafi cimaa deemu na taasiseera.
Kanaaf yeroo sana carraaqiin mirga namaa kabachiisuuf taasisu daran na gammachiisa ture. Abbootiin aangoollee utuu hinhafiin hidhamanii dhufanii deebii akka kennan gochaa waanin tureef hojiin kiyya baay’ee na boonsa.
Inni biraan na gammachiisu, ani hanga yoonaa miseensa dhaaba siyaasaa kamuu ta’ee hinbeeku. Kunimmoo ogummaa abbaa seerummaatiif dursa kennuun hammam akkan jaaladhu agarsiisuufi akkan bilisa ta’u waan na taaiseef na gammachiisa.
Kana keessatti garuu rakkoon hinjiru jechuu miti. Biyya kanatti hubannoo ummanniifi mootummaan mana murtiitiif qabu, ittigaafatamni mana murtiif kenname maal akka ta’e beekuurratti rakkoo olaanaatu jira. Manni murtii mirga namaa kabachiisa, namni humna qabu tokko isa humna hinqabne, inni maallaqa qabu isa hinqabne, yommuu miidhu manni murtii ammoo qaama kanatti dhihaatee mirgasaa kabachiisuun, wal-dhabdee namoota gidduu jiru hiikuun qaama mootummaa isa sadaffaa ta’uusaa agarsiisuu qaba.
Mootummaan qaama seera baasu, seera hiikuufi raawwachiisuun kan caaseffameedha. Qaamni seera hiiku kun gaheen heeraan kennameef olaanaadha. Yommuu seera hiiku yommuu waldhabdeen uumamu seerarratti hundaa’ee hiikuuf aangoo guddaan kan kenname isaafi. Waldhabdeen namoota dhuunfaa gidduutti, nama dhuunfaafi mootummaa gidduutti, gareewwan addaddaa gidduutti, jaarmiyaalee daldalaaf hindhaabbanne ykn dhaabatan gidduutti, mootummaa naannoofi federaalaa gidduutti, naannoofi naannoo gidduuttiifi kkf ta’uu danda’a. Yommuu kana seerarratti hundaa’ee hiikee biyyi tokko akka nagaafi tasgabbiidhaan jiraattu gochuuf kan ijaarame ta’uu hubachuurratti hanqina olaanaatu jira.
Inni kun hojii keenyarratti dhiibbaa addaddaa geessisa. Murtii manni murtii kennu fudhachuu dhabuurratti, amanuu dhiisuu, jibbiinsaan ilaaluufi kkfn rakkoowwan nu muudatan keessaa muraasa.
Biyya seeraan bultutti mootummaan ummataan filatama. Mootummaan ummataan filatame immoo waan fedhe miti kan gochuu danda’u; aangoonsaa heeraan kan daangeeffameedha. Kanaaf yommuu bulchu seeraafi heeraan bulchuu qaba; ummannis buluu kan qabu seeraafi heeraani. Kun hojiirra kan oolu hundumtuu seera kabajee yoo deemeedha. Ta’uu baannaan qaama seera hiikuutu sirreessee daandiitti akka deebi’u gochuu danda’a. Ta’us qaama kana akka qaama mootummaa sadaffaatti fudhachuurratti hanqina guddaatu jira.
Bariisaa: Kanarraa ka’ee yeroo isin, utuun seera barachuu baadhee jettanii abdii itti kutattan hinjiruuree?
Obbo Solomoon: Biyya kanatti ogeessa seeraa ta’uun rakkisaadha. Akka dhuunfaatti “Ijoolleen kee akka gara kanatti seenan ni feetaa” utuu naan jette hinfedhu. Yoo isaan ni seenna jedhan dhorkuu hindanda’u garuu, biyya kanatti utuu ogeessa seeraa ta’uu baataniin jedha. Sababnisaas seeraafi yaada seeraatiin buluurratti sadarkaan nuti itti jirru daran nama gaddisiisa. Bara Hayilasillaaseerraa kaasee, bara Dargii, bara ADWUI yoo ilaalte hunduu rakkisaadha. Yeroo ammaas rakkoolee baay’eetu jiru.
Yommuu Dargiin aangootti dhufu Mootummaan Hayilasillaasee seera hinkabaju, mirga namaa sarbaa ture, aangootti fayyadamuun lubbuu namootaa dabarsaa, qabeenya namaa saamaa turefi kkf jedhee himata. Utuma kun qoratamaa jiruu Dargiin namoota 60 ajjeese. Bakka Maa’ikalaawwii jedhamuttis nama reebuufi ajjeesuu, mirga namaa sarbuu, raawwataa ture. Gareen sun seera cabsan jedhee isaan yakkaa ofiimmoo seera cabsuu ittifufee waanuma isaan raawwachaa turan raawwachuutti ka’e. Boodarrattis innumtuu himatamee hidhaa umurii guutuu, du’a, waggaa dheeraa itti murtaa’e. Himatamaa tokkoffaa kan jedhamu Mangistuu Hayilamaariyaam qofatu bakka hinjirretti dhimmisaanii ilaalame malee hunduu ni jiru turan.
Yeroo sana jararratti himannaa kan dhiheesse mootummaa ADWUIti. Mootummichi namoota mirga sarban, nama ajjeessan jedhe kanneen seeratti dhiheessee adabsiisaatu ofiisaammoo utuu manallee hinjijjiiriin hojii walfakkaataa hojjeta. Waanti si dhibu warra yakka kana raawwatanis utuun ani mana murtii kana jiruu himanni irratti dhihaachuusaati.
Kana jechuun ilaalchi seeraaf qabnu yommuu aangoorra jiraannu ni jijjiirama. Aangoo humna siyaasaa jechuun seeraan bulchuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, gahee qaamolee mootummaa adda baasuurratti hubannaansaa ni manca’a. Ammas namoota aangoorra jiran kanin gorsu kanuma. Maraanmartoon hojii walfakkaataa akkanaa dhaabachuu qaba. Seera jechuun kan ummanni hundi qixa ittiin buluudha. Hundi keenya bor seenaan biraa akka hintaaneef seeraan hojii keenya utuu hojjennee, utuu seenaa darberraa barannee gaariidha. Keessattuu aangoodhaan walqabatee yakkoota dalagaman irratti xiyyeeffannaa guddaan kennamuu qaba. Sababnisaas seenaa keessatti yakki dhokatee hinbeeku.
Ammas seeraan kan hinbulchine yoo ta’e, mirga namaa kan sarbinu yoo ta’e, lubbuu namaarratti miidhaa geessisna yoo ta’e, aangoo keenyatti garmalee kan fayyadamnu yoo ta’e haaluma walfakkaatutu ittifufa jechuudha. Kanaaf mootummaan akka mootummaatti, lammiin akka lammiitti seeraafi heera kabajuu qaba. Gareen fedhiiwwan addaddaa qabus fedhiisaa seeraafi heera bu’uureffatee raawwachiifachuu qaba. Waldhabdee qaamolee seeraattti amanuun akka furamu gochuun dirqama. Ta’uu baannaan biyya nagaafi tasgabbiin keessa jiru qabaachuun ulfaataadha. Kanneen hunda ogummaa seeraa biyyattii keessatti gufuu kan ta’an. Gara fuulduraatti garuu ni jijjiirama abdii jedhun qaba.
Bariisaa: Mootummaa jijjiiramaatii as jijjiiramni manneen murtii keessatti dhufe akkamitti ibsama?
Obbo Solomoon: Akkuman siin jedhe ani mana murtii keessa waggoota dheeraaf hojjedheera. Ergan pirezidaantii ittaanaa ta’ee dhufees wantoota jalqabaaf ta’an waantota hedduu fooyyessineerra. Keessattuu manni murtii bilisa ta’ee akka hojjetu hojii guddaa hojjenneerra. Abbootiin seeraa amantaa akka qabaatan gochuun, tarkaanfiiwwan addaddaa fudhachuun, seeroota garagaraa baasuun, abbootiin seeraa dhiibbaa ykn gidduseentummaa mootummaatiin dhufu utuu ilaalcha keessa hingalchiin akka hojjetaniif haalota mijeessineerra.
Yaadrimeen yaadni ‘bilisa’ jedhuu bal’aadha. Manni murtii tokko yoo bilisa ta’ee kan hin hojjenne ta’e, mana murtii miti, abbaan seeraallee akkanuma. Murtii haqa ta’es ni kenna jedhamee hin yaadamu. Kanaaf hojii tajaajila abbaa seerummaa keessatti hojii bu’uuraa kan jedhamu bilisummaa abbaa seeraafi mana murtiiti. Kanarratti baay’ee hojjenne, bu’aa gaariis agarsiisneerra jennee yaadna.
Yeroo ammaa yommuu namoonni mootummaarratti himata dhiheessan manni murtii ofitti amanamummaadhaan irratti murteessa. Dhaddacha Mana Murtii Olaanaas ta’u kan waliigalaatti dhimma beellamaatiin walqabatee, mirga namummaa, dhimma namoota siyaasaa himatamanii hanga danda’ametti seeraafi heerarratti hundaa’uun murtii kennuurratti manni murtii kun baay’ee tarkaanfate.
Bilisummaa qofaan osoo hintaane hojiiwwan riifoormii addaddaa hojjeteera. Labsiiwwan haaraa Itoophiyaatti hojiirra oolanii hinbeekne lama baasne. Isaanis, abbaan seeraa tokko erga dhimmi tokko dhihaateefii kaasee hanga dhumaatti dhimmicha akkamitti bulcha jedhuun walqabatee gaheen abbaa seeraa, himataa, himatamaa, ragaa, hojjettoota mana murtii, bulchiinsi mana murtiifi kkf gahee maalii bahachuu qabu isa jedhu lafa kaa’uudhaan hunduu ittigaafatamasaanii akka ba’atan kan dirqisiisuudha.
Kana qofa osoo hintaane dhimmoota hundaaf ‘istaandaardii’ yeroo ifaan kan kaa’uudha. Dhimmi falmii qabeenyaa, gaa’elaa, waliigalteefi kanneen biroo hundi yeroo hammanaatti dhumuu qabu jechuun ulaagaan taa’eeraaf. Kunis seera Itoophiyaa keessatti beekamtii akka argatu taasisneerra.
Manni murtii waliigalaammoo qajeelfamoota garagaraa baasuun labsiidhaan hojiirra oolcheera. Biyya alaatti manni murtii hojiirra kan oolu murtii qulqulluufi si’aayaa kennuuf yoo ta’u, dhimmoota hunda manni murtii hiikuu hindanda’u. Kanatu eegama taanaan manni murtii ittigaafatamasaa hojiirra oolchuu hindanda’u. Kanaaf namoonni mana murtiin alatti akkamiin dhimmasaanii nagaan fixachuu akka danda’an filannoowwan ni kaa’u.
Nutis erga namoonni dhimmisaanii dhiheeffatanii booda manni murtii haala mijeessuun falmitoonni araaraan xumuruu akka danda’an sirna ijaaruun, kanarrattis nama isaan araarsu ramaduun araarri sun akkamiin gaggeeffamuu qaba, manni murtiimmoo akkamiin haala mijeessuufi qaba, akkamiinis mana murtii keessatti raawwatamuu danda’a, namni araarsuu danda’u eenyu, akkamitti filatamaafi kkf kanneen jedhan hunda bifa hojiirra ooluu danda’uun seera keessatti beekamtii akka argatu gooneerra.
Kana qofa osoo hintaane teknolojiidhaan walqabatee yeroo ammaa waa hunda waan isaan raawwatamuuf wanti eegalle jira. Akkuma beekamu hojii mana murtii himatarraa kaasee waraqaadhaan kan walqabatuudha. Himanni ni dhihaata, deebiin irratti kennama, ragooleen yaada ni kennu. Kunnen hundi galmeerratti barreeffamu. Kana akkamiin waraqaa maleessa taasisnee sirna bulchiinsa hordooffii dhimma elektoroniksiirratti hundaa’e kennina isa jedhu karoora baafannee hojiitti seenneerra. Kunis beekamtii akka argatu taasisneerra.
Seerri yakkaafi hariiroo hawaasaa biyyattii waggoota 50, 60 dura kan ba’e waan tureef dhimma kana ilaalcha keessa kan galche hinturre. Kanaaf bulchiinsi seeraa tekinolojiidhaan akka deggaramuuf yeroo jalqabaatiif beekamtii akka argatu kan taasisne yeroo ammaa kana. Kanas haala hojiitti hiikuun danda’amurratti hojii baay’een hojjetameera. Wiirtuuwwan daataa kanaaf tajaajilanis iddoowwan garagaraatti ijaarsisaa jirra. Moosaajiiwwan adda addaa misoomsuufis kaampaaniin alaa tokko hojii eegaleera.
Seeroota lamaan baasne kanneeniifis qajeelfamoonniifi danbiiwwan addaddaa akka ba’an gooneerra. Haala kanaan dambiiwwan 29 ta’an wiixineesanii baasnee 16 ammoo raggaasisneerra. Kun waggoota 27 jijjiirama dura turanitti kan hinhojjetamneefi mana murtii kan cimsuudha. Hojiileen waggoota afran kanneenitti hojjetamaniifi waggoota 27 duraa keessatti hojjetaman walittuu hindhufan. Seeronni kunneen hundeeffamni mana murtiifi riifoormiinsaa akka lafa qabatu kan taasisaniifi yeroo hojiilee daran ammayyaawoo itti hojjenneedha.
Seera baasuu qofa osoo hintaane kanneen ba’anis hojiitti hiikuun yeroo itti jalqabameedha. Daarektara ramaduu, humna namaa guutuu, caasaa hanga jalaatti diriirsuu, qajeelfama baasuu, istaandaardii yeroo qopheessuufi kkf hojiitti hiikneerra. Kanarratti hundaa’uun abbootiin seeraa haala sanaan akka hojjetan taasisneerra.
Akka waliigalaatti hojiiwwan tajaajila mana murtii ammayyeessuu danda’anirratti xiyyeefatamee hojii bal’aan hojjetameera. Dhaddachi yakkaa ykn hariiroo hawaasaa tokko maal fakkaachuu akka qabus istaandaardiin qophaa’eera. Biraandiin mana murtii, kutaan seeraafi naamusnisaa maal fakkaachuu akka qabanfa’irratti danbiiwwaniifi istaandaardiiwwan baasuun waan baay’ee hojjenneerra. Akkasumas, humna namaa keenyaaf leenjii kennineerra. Waliigala wanti nuti waggoota afran kana keessatti hojjenne mana murtii kanaaf bu’uura kan kaa’uudha.
Amma hojiiwwan hojjenne kanneen akkamiin hojiitti hiikuu dandeenya isa jedhutti jirra. Waggaa darbees hojiirra oolee qoratameera. Kanaanis raawwiin manneen murtii %95 qaqqabeellee ni jira. Kuun immoo bu’uura sadarkaasaaniitiin %80 irra kan jirus ni jira.
Dhimmoota mana murtiitti baay’inaan dhihaatan tokko tokko namoonni utuu araaraan fixanii gaariidha. Falmiin tokko mana murtii sadarkaa jalqabaatti eegalamee booda oliyyannaadhaan gara mana murtii olaanaa, ittaansee mana murtii waliigalaa deema. Darbees hanga mana murtii komii dhaga’uufi federeeshiniitti deemuu danda’a. Kun ammoo baasii guddaa gaafata. Keessattuu falmii hariiroo hawaasaa keessatti kan dhihaatu maallaqa argachuufi. Kanaaf falmii sana keessatti baasiifi waan argatan madaaluun yoo waan argatan caale qofa keessa galuu qabu.
Itoophiyaa keessatti garuu akkasiin miti kan adeemamu. Kanaaf nuti dhimmoota xixiqqaa akkasiirratti haala kan mijeessinu namoonni araaraan waa tokko dhiisuu aadaa godhachuu qabu. Yoo dhimmasaanii araaraan fixan ofiifis fayyadamaa ta’u, manni murtiis dhimma hunda keessumsiisuu hindanda’u. Mana murtii biyya hiyyeessaa akka keenyaa mitii, warreen dinagdeedhaan guddatan iyyuu dhimma hunda mana murtiitti hin ilaalani.
Bariisaa: Tajaajila haqaa keessatti namoonni yeroo baay’ee oggaa, “himachuurra himatamuu wayya” jedhamaa ture. Kun maalirraa madda? Ibsamni kun ammallee ni jiraa?
Obbo Solomoon: Dhugaadha mana murtii keessatti himachuurra himatamuu wayya jedhamaa tureera. Amma garuu sun waan jijjiirame natti fakkaata. Namni himate dafee haqasaa argachuu dhabuu danda’a. Inni himatamu ammoo dhimmichi yeroo dheeraa waan fudhatuuf abdii kutachiisuurraa kan ka’e kaasu.
Akka waliigalaatti kun kan agarsiisu tajaajilli mana murtii ariifataa akka hintaanedha. Kanarraa ka’uuni egaa nutis tajaajila kenninuuf istaandaardii yeroo kan keenyeef. Dhimmi tokko waggaa tokkootti akka dhumuuf yeroon kan qabameef taanaan waggaa tokkotti dhumuu qaba.
Har’arrattis waa’een yeroo gaaffii bu’uuraatii? yoo naan jette, gaaffii bu’uuraa miti. Dhimmoota mana murtiif dhihaatan keessaa %95 waggaa tokko keessatti kanneen murtoo argataniidha. Rakkoon jiru waa’ee qulqullinaarratti. Qulqullina jechuun murtiin kennamu hangam haqaqabeessa, dhugaa kan calaqqisiisuudha kan jedhuudha.
Wantoonni haqa qulqullina dhabsiisan baay’eedha. Akka fakkeenyaatti, manni murtii yommuu hojiisaa geggeessu wantoota teknikii hojjeta. Hojii abbaa seerummaa Waaqa miti kan hojjetu, namumatu hojjeta. Kan himatu nama kan himatamus nama. Ragaa barreeffamaanis ta’e qaamaan dhihaatu namumatu kenna. Murtii kan kennus nama. Kanaaf gama nama murtii kennuutiin hanqinni jiraachuu danda’a.
Namni sun dandeettii qabaachuu dhiisuu mala. Abbaan seeraa sun sababoota garagaraatiin murtoo jallisuu mala. Malaammaltummaafi sababoota birootiin qulqullina haqaarratti rakkoo uumuu danda’a. Dhugaa garaansaa beekuufi murtoon inni kenne yoo garagara ta’e gareen haqni jalaa dhokate haqni hinjiru jedhanii dubbachuuf dirqamu.
Gama biraatiin ammoo hawaasni keenya jecha ragummaa yommuu kennu, sobaan ragaa ba’uun ni jira. Yeroo ammaa kanas ragaan sobaa baay’eetu jira. Ragaaleen himannaa ajjeechaa tokkorratti dhihaatan “Abaluu yommuu nama ajjeesu argeera ykn hinagarre” jedhanii kakatanii jecha ragummaa kennu. Manni murtiis kanarratti hundaa’uun murtii kenna. Ragaan kenname soba taanaan murtiin kennamus soba ta’a jechuudha.
Kana malees, ragaawwan sobaatiin walqabatee murtii kennamuun haqa dhabuu danda’a. Fakkeenyaaf Magaalaa Finfinnee keessa yoo ilaalle ragaa abbaa qabiyyummaa lafaan walqabatee, lafa tokkorratti yommuu kaartaan afurii, shan dhihaatu jira. Tajaajila waajjira mootummaatiin walqabatees ragaan tokko har’a kennamee bor immoo kan isa faallessu yeroon itti kennamu jira. Ragaaleen dhimma gaa’elaa, dhalootaafi du’aarratti kennamanillee yeroo ragaalee addaddaatiin dhihaatan ni mul’ata. Waantota akkanaa manni murtii madaalee, jecha ragummaa tokkoof ulfina kennee kaan immoo kuffisa. Yeroo kanatti murtiin kennamu dhugaa ta’uu dhiisuu mala.
Darbees, hojiin mana murtii tekinikaawaa waan ta’eef abukaatoo cimaafi waa’ee seeraa hubannoo gadifageenyaa qabu himataa ykn himatamaa yoo mudate dhimmicha mo’achuu danda’a. Kanaaf ga’umsi qaamolee seeraa achi keessa jiraniillee murtiin kennamu akka qulqullina dhabu taasisuu mala. Dhimma yakkaarratti yoo ta’e ammoo qorannoo poolisiin taasisu yoo qulqulluu hintaane murtoorratti rakkoo ni uuma. Sababnisaas abbaan alangaa qorannicharraa ka’uun himata dhiheessa. Manni murtii ammoo waan murtii kennuuf.
Kanneen hundarraa ka’uun qulqullinni haqaa yommuu dhibamuudha namoonni himachuurra himatamuu wayya kan jedhan. Riifoormii keenya keessatti hanga danda’ametti dhimmoota akkanaatiif furmaata kennuuf hojjetaa jirra. Kana jechuun garuu manni murtii waan hojjeteef qofa jijjiiramni barbaadamu dhufuu hindanda’u.
Hawaasni soba dubbachuun sirrii miti jedhee kan itti hinamanne yoo ta’e, haqaqabeessummaan anarraa jalqaba jedhee ittigaafatamummaa kan hinfudhanne yoo ta’e, manni murtii hammamiyyuu yoo hojii riifoormii gaggeesse jijjiiramni barbaadamu dhufuu hindanda’u.
Mootummaanis abbootiin seeraa beekumsaafi dandeettiidhaan akka ciman, bilisaan akka hojjetan, malaammaltummaan mana murtii keessatti akka hinjiraanne gochuu keessatti ittigaafatamasaa ba’achuu qaba. Akka waliigalaatti garuu ilaalchi himachuurra himatamuu wayya jedhu akka jijjiiramuuf riifoormiiwwan addaddaa hojjenneerra.
Bariisaa: Gama dhimmoota araaraan xumuruutiin walqabatee manneen murtii aadaa Oromiyaa keessatti hundeeffamaa jiran hangam hojicha deggaru jettu?
Obbo Solomoon: Inni kun yaadrimee bareedaadha, manni murtii Oromiyaas kana waan gaarii hojjete jedheen yaada. Nutillee haala qabatamaa hawaasa naannawaarratti bu’uureffachuun dhimmicha itti yaadaa jirra. Manni Murtii federaalaa waan magaalaa keessa jiruuf dura hawaasa ammayyaa’e horachuu qaba. Seeraan walqabatees yaaduma umurii dheeraa qabna jenna malee seenaan hoggansaa keenya waggoota 60 hincaalu.
Seeronni hariiroo hawaasaafi yakkaa, daldalaafi kkfn kuun Faransaay, kaan Siwiiz, kaan Indiyaarraa waraabamanii dhufan. Yeroo sanas haala hawaasaa, biyyaa, aadaafi kanneen biroo hangana tilmaama keessa hingalchine. Keessumaa utuu seerota aadaa biyyattiin qabdu hojiirra hinoolchani seeronni kunneen waraabamanii kan dhufan.
Ta’us seeronni aadaa baay’een ammallee hawaasa to’achuu keessatti hojiirra oolaa jiru. Seerri ammayyaa barbaachisaa ta’uunsaa gaaffii hinqabu, seeronni aadaa ammoo hawaasa tokko hariiroon waliin jireenya namootaa akka cimuuf shoora olaanaa taphata. Kanaaf seerota ammayyaafi aadaa walbira qabanii fayyadamuurratti jijjiiramni ilaalchaa dhufuu qaba. Seeronni ammayyaallee hamma danda’ametti aadaa biyyaa kan calaqqisiisan ta’uu qabu. Yommuu seerota alaa galchinu akkuma jirutti waraabanii fiduu osoo hintaane haala qabatamaa biyyaa ilaalcha keessa galchuu gaafata.
Gama kanaan seeronni aadaa akka seera ammayyaa kana deggaraniif tarkaanfiin naannoo Oromiyaatii fudhatame kan jajjabeeffamudha. Akka mana murtii Federaalaattis keessumaa araararratti akkamitti akka fayyadamuu dandeenyu itti yaadaa jirra. Kana keessattis ogeessonni araarsituu nuti keenye akkuma jiranitti ta’ee, abbootii amantii, abbootii Gadaa ykn jaarsolii biyyaa dabaluun sirna ijaaraa jirru keessatti akka isaan hirmaatan gochuu dandeenya.
Bariisaa: Ministirri Muummee Itoophiyaa dhiheenya kana seektaroota malaammaltummaaf saaxilamoo ta’an keessaa manni murtii tokko ta’uu kaasanii turan. Rakkoon kun akka hiikamuuf keessumaa faayidaa abbootii seeraa eegsisuu fa’iin walqabatee maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Solomoon: Waa’een malaammaltummaa akkuma biyyaattuu rakkoo guddaadha. Akka mana murtiittis rakkoodha. Jiraachuu malaammaltummaarrattis waan falminu hinqabnu. Kana hiikuuf kanaan dura tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachaa turre, ammas kan itti deemnu ta’uu hubachiisuun barbaada. Asirratti garuu wantiin dubbachuu barbaadu abbootiin seeraa baay’een isaanii kanneen qulqullinaan hojiisaanii hojjetan, ittigaafatamummaasaanii amanamummaan ba’atan ta’uusaaniiti. Namoonni muraasni garuu kanneen faayidaa hinmalle argachuuf socha’an ni jiru. Kanneen ammoo tarkaanfii barbaachisu fudhachuun ittigaafatamummaan akka mirkanaa’uuf irratti hojjetaa jirra, fuuldurattis irratti hojjenna.
Malaammaltummaa kan rakkisaa taasisu ragaadha. Abbootiin seeraa akkuma nama kamiittuu dogoggoora ni raawwatu, ni balleessus. Yeroo kanattis kamuu ragaarratti hundaa’ee akkuma namaa ittigaafatamuu qabu. Kana qulqulleessuun dirqama mana murtii yoo ta’u, hawaasnis dirqama qaba. Eeruu kennuun, ragaa dhiheessuun, ragaan akka argamu gochuurratti hunduu dirqama qaba. Inni kun ofeeggannoo cimaadhaan itti adeemamuu kan qabuudha.
Abbootiin seeraa akka gara kanatti hinseenneef haalonni garagaraa mijeeffamaafi jiru. Biyyattiitti abbootiin seeraa dhimmoota guguddoo keessummeessaa, murtoowwan olaanaa dabarsaa bakki isaan jiraatan garuu mijataa miti. Kunis hanqina maallaqaarraa kan madduudha. Kanaaf akka isaan mana argataniif appaartaamaan ijaaramee hunda ta’uu baatus itti galchineerra. Mindaansaaniis gadaanaa waan tureef hanga tokko daballeerra. Fuuldurattis akkamiin faayidaansaanii babal’achaa deemee yoo xiqqaate ofiifi maatiisaa jiraachisuu akka danda’utti haala mijeessuurratti bulchiinsa mana murtiifi mootummaarraa waan guddaatu eegama.
Bariisaa: Manni murtii darbee darbee murtoo du’aa ni murteessa. Biyya keenyatti hojiirra oolmaan murti du’aa akkamiin ibsama?
Obbo Solomoon: Heerri hindhowwine. Heerri kan jedhu murtiin du’aa hojiirra kan oolu yoo pirezidaantiin biyyattii raggaasisaniidha. Garuu yeroo baay’ee pirezidaantonni biyya kana hinraggaasisan. Sababnisaas maal akka ta’e ani beekuu hindanda’u; isaanuma gaafachuu wayya.
Bariisaa: Dhumarratti, dhiheenya kana DhMG irraa muudama argattaniitu. Waa’eesaa nuu ibsaa mee?
Obbo Solomoon: Eeyyee, abbaa seeraa DhMG ta’ee muudameera. Dhaabbatichatti mana murtii dhimma keessoo DhMGtiif tajaajila abbaa seerummaa kan kennuudha. Manni murtiisaas cimaadha. Hojiisaas biyyoota garagaraatti hojjeta. Dhimmoota nageenyaafi tasgabbii, jireenya namootaa fooyyessuu, mirga namoomaa, hiyyummaafi doofummaa balleessuufi kkf irratti ittigaafatamni kennameefii hojjeta. Yommuu hojjetus haqaaf dhaabateetu.
Garuu bakka hojjetutti dhimmisaa kan ilaalamu mana murtii biyyaatiin miti. Kana jechuun yoo murtii dhaabbatichi kennu haqaqabeessa ta’uu baate, yoo hojjetaasaarratti miidhaa kan geessisu ta’e, haqa jallisu ta’e mana murtii biyyaatti dhihaatee hinilaalamu jechuudha. Kanarraa ka’uun mana murtii mataasaa ijaarratee qaba.
Kunis dameewwan lama qaba. Inni tokko ‘Dispute Tribunal’ kan jedhamuufi abbootii seeraa sagal qaba. Kunneen keessaas sadii dhaabbiidhaan hojjetu, ja’ammoo kanneen yeroo walakkaa hojjetaniidha.
Abbootiin seeraa salganuu waggoota torbaaf yoo muudaman, kanneen dhaabbiidhaan hojjetan bakka manni murtichaa jirutti dhaabbiidhaan hojjetu. Waajjirri Muummee Niwoorki yoo ta’u, Jeneevaarraas damee ni qaba. Kanaaf warri sadii achuma ta’aani hojjetu. Ja’an garuu waggaatti ji’a lamaa hanga jahaatti mana murtichaa deemanii dhaddacharratti ramadamanii hojjetu.
Kanarratti hundaa’uun gareewwan yeroosaanii xumuran sadii (lama kan yeroo guutuu, tokko kan yeroo walakkaa) waan jiraniif beeksisa biyyoolessaa ba’een kan yeroo walakkaarratti dorgome. Koreen biyyaalessaa dhaabbatichaas calallii raawwate. Hojichaaf namoota 380tu addunyaarraa dorgome.
Kanneen keessaa 90ni qormaata barreeffamaatiif dhihaanne. Ammas namoonni 30 gaafdeebiif dhihaanne. Dhumarratti namoonni ja’a calalamnee hafne. Kana jechuun namoota sadii barbaadamaniif iddoo tokkoof nama lama dhiheessan jechuudha. Kanas kan murteessu miseensota yaa’ii waliigalaa DhMG biyyoota 193ti.
Bakkan dorgometti anaafi abbaa seeraa waliigalaa biyya Awustiraaliyaa kan turteetu dhihaate. Dorgommichi daran ulfaataadha. Dorgommiin ture anaafi ishee gidduutti osoo hintaane Itoophiyaafi Awustiraaliyaa gidduutti. Kanarraan isheen dubartiidha; muuxannoodhaanis na caalti. Wantoota baay’eedhaan isheen dhiibbaa uumtee filatamuuf carraa ni qabdi turte.
Garuu akka Rabbii ta’ee sagalee 190 keessaa ani sagalee 97, isheen 90 argatte. Biyyoonni sadiimmoo sagalee hinkennine. Haala kanaan waanin sagalee caalmaa argadheef waggaa torbaaf mana murtichaatti abbaa seeraa yeroo walakkaa ta’ee tajaajiluuf carraa argadheera, xalayaan muudamaas Barreessaa Olaanaa DhMG, Antooniyoo Gutareezirraa na qaqqabeera.
Bariisaa: Kanaaf asuma teessanii hojjettumoo, hojii keessan asii dhiistanii deemtu?
Obbo Solomoon: Kana adeemsa keessatti ilaalla. Sababnisaas ji’a ja’aaf na fudhatu yoo ta’e, hojiin asii waan miidhamuuf dhiisee kanin deemu ta’a. Dubbii keenyarratti hojii kana yommuun dorgome eenyuyyuu hinmariisisne. Dhumarratti yeroon filannoof dhihaadhu garuu Ministirri Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa xalayaa deggarsaa naa barreessaniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015