Ummanni rakkoo kamiifuu madda furmaataa ta’uu qaba

Yaadrimeen nageenyaa walittibu’iinsarraa guutummaatti bilisa ta’uu jechuu otoo hintaane oggaa walittibu’iinsonni uumaman hawaasa wajjin jiraatamu wajjin waliiyaaduu, wal-utubuu, mari’achuu, tokkummaadhaan waldanda’anii jiraachuufi rakkoolee mudatan walta’anii furuurra ga’uu jechuudha.

Bu’uuruma kanaan nageenyi waaraan jiraatee lammiileen nagaan bahanii hojjetachuun jiruufi jireenyasaanii akka hin geggeeffanneef murnoota danqaa ta’uun gocha diigumsaa raawwachuuf wixxirfatan dura tokkummaan dhaabachuunis qaamuma kanaati.

Keessumaa biyya keenyatti kan dheebotame nageenya waaraa mirkaneessuudhaan lammiileen nagaan jiraatanii jiruufi jireenyasaanii akka geggeeffataniif dhimma kanarratti xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu akka qabuudha qaamolee hawaasaa irra deddeebiin kan ibsaniifi ibsaas jiran.

Biyyi tun qabsoo angafoonni taasisaniifi aarsaa hedduu itti kaffalaniin as geesseetti. Garuu biyya, Oromoo dabalatee saboonni kuun aarsaa guddaan ittikanfalanii itichan kanatti lammii qulqulluun waan harka keessaa hinqabneen gidiraa arguu, boo’uu, buqqifamuufi ajjeefamuu waan hinqabneef qaamolee ajandaa diigumsaa qabatanii socho’anirraa of eeguufi eegamuu qaba.

Nageenyi mirkanaa’ee, jijjiiramni eegalame akka sirnaan ittifufuuf ummanniifi mootummaan yeroo kamuurra aannaniifi garaa ta’anii mariidhaan isa dabe meelchaa, inni dide seeratti akka dhiyaatuuf socho’uun dirqama yeroon gaafatuudha.

Akeeka qaamolee badii kamuu maseensuuf hawaasni, caasaaleefi hoggansi hundi hamileefi tokkummaadhaan dhaabachuun gocha garajabinaafi ergama faallaa nageenyaa kamuurra aanuun murteessaadha.

Kanaafuu nagaadhaan bahanii galuun akka danda’amuufi iddoo hojiileen misoomaa danqamanitti akka ittifufaniif falli bu’uuraa akkuma tibbana waltajjiilee marii adda addaarratti eeramaa jirutti walshakkiifi burjaajii keessaa bahamee tokkummaadhaan dhaabatanii waardiyyaafi wabii waliita’uun dhimma murteessaadha.

Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantiifi qaamoleen hawaasaa hundis waanti amma akka biyyaatti ta’aa jiru kan safuufi duudhaa ummata biyyattii cabseefi gocha gara jabinaa babal’isaa jiru kana ilaalanii callisuurra dura dhaabachuu qabu.

Akka Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwalu Abdii tibbana waltajjii marii tokkorratti taasisaniin ibsanittis, hawaasni naannichaa nageenyasaa tikfachuuf aarsaa guddaa kanfalaa tureera; mootummaanis hojii nageenyaa hojjeteen bu’aawwan jajjabeessaan argamaniiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa qindaa’aa amma fudhatamuunis nageenya waaraa argamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetama. Shiftaa Shanee aanaalee muraasa seene keessattis hawaasni osoo harka hinkennatiin qaamolee nageenyaa wajjin irratti qabsaa’uun kaayyoosaa fashaleesseera.

Hawaasnis haaluma waadaa galeen tarkaanfii mootumman yeroo ammaa nageenya waaraa fiduuf fudhatu gama hundaan tumsuuf garaa guutuun tumsuu qaba. Madda furmaataa rakkoo kamuu ta’uun dirqamasaa ta’uu qoodasaa bahachuun irraa eegama.

BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015

Recommended For You