Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa dhuma bara 2013tti akka haaraatti kan gurmaa’e yoo ta’u, Komishinii Horsiisee Bulaafi Dameen Jallisii walitti dabalamuun akka biirootti irra deebiin kan hundaa’e. Biirichi gama fayyadamummaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa mirkaneessuutiinis hojiiwwan hedduu hojjetaa jira.
Nutis sochii waliigalaa biirichaa ilaalchisuun Ittaanaan Hogganaa biirichaafi Ittigaafatamaa Damee Bulchiinsa Iskimii Jallisii Injiinar Gurmeessaa Oljirraa waliin gaafdeebii taasisneerra.
Akka isaan jedhanitti, biirichi toorawwan xiyyeeffannoo gugoddoo sadii qabatee hojjetaa jira. Inni jalqabaa, bishaan naannichi qabu karaa seeraqabeessaan ittifayyadamuuun ummata eeggattummaa roobaa jalaa baasuun waggaatti si’a lamaafi isaa ol omishee jiruufi jireenyasaa jijjiiruu akka danda’u hojjechuudha.
Lammaffaan, naannawa gammoojjii horsiisee bulaan baay’inaan jiraatutti paakeejiwwan addaddaa uumuuf ykn qorachuun marga omishuun miidhaa ongee jalaa baasuudha. Sadaffaan ammoo, fayyabuleessummaa iskiimiiwwanii ykn pirojektota jallisii karaa walitti fufiinsa qabuun ummata tajaajiluu akka danda’aniif sakkatta’uun adda baasanii, Waldaa Ittifayyadama Bishaan Jallisii labsiidhaan gurmaa’etti abbummaan kennuun omishaafi omishtummaa keessatti gahee olaanaa akka taphatan hojjechuudha.
Gama biraatiin, omishaafi omishtummaa biyyattii guddisuufi wabii sirna nyaataa mirkaneessuuf, darbees omishawwan nyaataa biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa alaa hambisuun hojii ijoo ta’uu kaasanii, baranas akka biyyaatti omisha qamadii bonaatiin kuntaala miliyoona tokko, gannaan miliyoona 1.7 waliigala kuntaala miliyoona 2.7 jallisiidhaan omishuuf karoorfamuu himu.
Akka Oromiyaatti kuntaala miliyoona 15 ol alatti ni ergama jedhamee akka eegamuufi hojii kana keessattis gaheen biiroosaanii bishaan dhiheessuu ta’uu eeru. Kanas akaakuuwwan iskiimii sadiin jechuunis jallisii ammayyaa, aadaafi paampii dhiheessaa jiraachuu himu.
Dhiheessii paampiitiin walqabatee, mootummaan naannichaa bajata ga’aa ramaduun, dhaabbilee deeggarsaa qindeessuufi qonnaan bulaaf liqii waggaa afuritti deebisu mijeessuun qabeenya bishaanii naannichaa karaa guutuudhaan fayyadamuun omishaafi omishtummaan akka dabaluuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Biiriichi pirojektota guguddoos gaggeessaa jiraachuu kan kaasan hogganaa ittaanaan kun, waliigala wayita ammaa pirojektonni jallisii 271 hojiirra jiraachuu ibsu. Kanneen keessaa barana pirojektonni 147 xumuramanii tajaajilaaf ni oolu jedhamee eegama.
Kanarratti inisheetivoonni guguddoo sadii kan qabaman yoo ta’u, inni ijoon pirojektii Finnaa jedhamuufi hidhawwan xixiqqaa 72 qarshii biliyoona 17 oliin bara darberraa kaasee kan hojjetamu kan qabate ta’uu himu. Haala kanaan waggoota afur keessatti hidhawwan xixiqqaa (micro dam) godinaalee hunda keessatti, keessumaa naannawa gammoojjiirratti xiyyeeffachuun pirojektota 255 hojjechuuf karoorfamuufi pirojektonni idilee sagantaalee garagaraatiin hojjetamanis jiraachuu kaasu.
“Dhiheessii bishaan jallisii bonaatiin walqabatees, barana qofa paampiiwwan kuma 20 raabsuuf karoorfamee hanga torban darbeetti kuma 14fi 855 qonnaan bulaa bira qaqqabeera. Baay’inni waldaalee paampii kanarratti ijaaramanii fudhatanis kuma tokkoofi 799 yoo ta’an, kunniinis ammallee adeemsarra jiru.
Lafa hektaara miliyoona tokko jallisii amaayyaatiin misoomsuuf karoorfame milkeessuuf qabeenyi bishaanii qabatamaan adda baafamee lafa hektaara kuma 121fi 762 yoo ta’u, aadaadhaan lafa hektaara kuma 492 kan ta’uudha. Paampiidhaan ammoo paampiiwwan bara darberraa kaasee raabsaman kuma 38 ta’anitti fayyadamuun lafa hektaara kuma 324 omishuuf karoorfameera” jedhu.
Kana malees pirojektonni eegalamanii hinxumuramne garuu omishatti galuu danda’an gamtokkeen hojiitti galchuuf bishaan lafa hektaara kuma tokkoofi 337 misoomsuu danda’u jiraachuu mirkanaa’u himanii, kunis godinaalee 21n kan hammatuufi eessa, hammamtu jira inni jedhus adda baafamuu ibsu.
Kanas Biiroo Qonna Oromiyaa wajjin ta’uun qindoominaan hojjetaa jiraachuufi walittiqabummaa hoggansa olaanaa kilaastara hawaasummaatiin torban torbaniin gurmaa’een hordoffii cimaadhaan hojjetamaa jiraachuu kaasu.
Haaluma kanaan hanga torban darbeetti lafti hektaara kuma 750 kan qotame yoo ta’u, hektaara kuma 550 ta’u irratti ammoo sanyiin facaafamuu dubbatu.
Akka Injinar Gurmeessaan jedhanitti, maddi dhiheessa bishaanii biraan laga dabsuufi, boolla gaggabaabaa qotuun bishaan cim’isuun, lafti xiqqoolllee osoo lafa hinba’iin kuduraafi muduraa omishuuf hojjetamaa jira. Gama kanaan qabeenya lafaafi bishaanii waliin yoo ilaalamu itti adeemameera jechuun hindanda’amu.
Akka Oromiyaatti lafti jallisiidhaan misoomuu danda’u lafa hektaara miliyoona 6.7 yoo ta’u, sana keessaa barana hektaara miliyoona tokkotu qabame. Qabeenya bishaanii yommuu ilaallus Oromiyaan bishaan lafa irraa meetirkuubii biliyoona 85.95, akkasumas kan lafa keessaa meetirkuubii biliyoona 48.4 kan qabdu yoo ta’u, kun utuu hojiirra oolee ummanni miliyoona 6.8 jallisiidhaan irraa fayyadamuu danda’a. Ta’us hanga yoonaa kan hojiirra oolee %11 qofa yoo ta’u, mootummaa jijjiiramaa durammoo dhibbantaa tokkorra ture. Kunis hojii bal’aan akka nu eeggatu agarsiisa.
“Kanaafis sababoonni ijoon hojiin jallisii bonaatiin omisha omishuu yaadatamuu dhabuu akkasumas, hoggansi dura tureefi qonnaan bulaan roobarratti hirkachuu malee jallisiidhaan jireenya biyya kanaa jijjiiruu akka danda’amu hubachuu dhabuudha.
Kana malees pirojektiin ummataaf hojjetamu akkaataa barbaadamuun bifa itti fufiinsa qabuun hojiirra ooluu dhabuun, waldaalee mootummaa qofa eeguu, jallisiin bajata olaanaa barbaaduuniifi rakkoolee ilaalchaa hedduun turuudha. Hoggansi jijjiiramaa erga dhufee garuu kanneen furuun qabeenya qabnutti fayyadamuuf akkaataan itti hogganame kanaa ol hojjechuu akka danda’amu kan agarsiiseedha” jedhu.
Akka ibsasaaniitti, hojiin biraan biirichi qabate omisha margaa yoo ta’u, keessattuu jireenyi horsiisee bulaa naannawawwan gammoojjii Baalee, Boorana, Gujiifi Harargee sababa ongeetiin miidhamaa waan jiruuf sana jallisiidhaan misoomsuun yoo xiqqaate sanyii loon filatamaallee baraaruuf irratti hojjetamaa jira.
Inisheetiiviin biraa biirichi qabate kunuunsa sululaa (water shade management) yoo ta’u, keessumaa bakkeewwan hidhi hojjetamutti pirojektota garagaraa bocuun fandiin itti barbaadamaa jira. Naannawaan sun ittifufiinsaan tajaajila akka kennuufi ganna guutee rakkoo akka hinuumneef hojii kunuunsa naannawaa Biiroo Qonnaa damee dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa jira. Kana malees qonnaan bulaafi horsiisee bulaan baadiyyaa jiru mana jireenyaa fooyya’aa keessa akka jiraatuuf waggaa darbe Godina Shawaa Kaabaatti ijaarsi manneenii eegalameera.
Hojii seektara kanaan hojjetamuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii kenna tajaajilaafi sassabdummaa kiraan walqabatee komii ka’u hambisuuf akka mootummaatti pirezdaantii ittaanaadhaan hogganamuun dhimmicharratti hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanarraa ka’uun akka sektarasaaniittis tajaajila ummanni barbaadu maali, akkamiin tajaajilamuu qaba dhimmoota jedhan adda baasuun karooraan hogganamaa jiraachuu himu.
Daarektaroota damee hundaa biratti kenniinsi tajaajilaa maal akka fakkaatu torban torbaniin qoratamaa jiraachuufi torban lama lamaan ammoo sektaroonni hundi pirezdaantii ittaanaaf gabaasa dhiheessuun qoratamaa jiraachuu dubbatu.
Gama kanaan damee kamtu irra caalaa malaammaltummaafi rakkoo kenna tajaajilaaf saaxilamaadha inni jedhu kan adda baafame yoo ta’u, kanaanis dameen ijaarsaa caalaatti saaxilamaa ta’uunsaa waan adda baafameef caalbaasii baasuu, kontiraata kennuu, kanffaltii raawwachuufi adeemsota jiran hundatti xiyyeeffannaa kennuun, koree gorsa malaammaltummaa hundeessuunis hojii hundi hordofamaa jiraachuu addeessu. Namnis karaa sanaan bakka hanqinni jirutti eeruu kennuun iftoomina uumaa jiraachuu ibsu.
Gama kanaan hanni jira jedhamee qabatamaan waan adda baafame jiraachuu baatus ilaalchisaa ni dhiba amantaan jedhu akka hinjirreefi kunimmoo guyyaa tokkootti baduu kan hindandeenye ta’uusaatiin bakka hanqinni mul’atetti garuu tarkaanfii hatattamaa fudhachuun hir’isaa deemuun akka danda’amu eeru.
Pirojektonni jallisii guguddoo kanaan dura Oromiyaatti eegalamanii maqaa qaban kanneen akka Tibiilaafi Fantaallee ilaalchisuun yommuu ibsan, Pirojektiin Tibiilaa lafa gara hektaara kuma ja’a ol misoomsu kan danda’u yoo ta’u, sana keessaa sababa hanqina turtiifi dizaayinii irraa kan ka’e lafti hektaara kuma tokko ta’u tajaajila keessa hinseenne. Kanas misooma qamadii bonaa omishuu keessatti hammachuun wayita ammaa iskaavaataroonni lama saayitii galanii hojiitti seenameera.
Akka Injiinar Gurmeessaan jedhanitti, pirojektichi akkaataa yaadameefi manii qabame waliin ummataaf tajaajila kennaa ture jechuun hindanda’amu. Kunis jalqabumarraa humni raawwachisummaa dizaayiniifi ijaarsasaa hanqina qulqullinaa ni qaba ture. Kun amma guutummaan xumuramee sirrateera jedhamuu baatus yoo xiqqaate fayyadamummaa ummataa guddisuuf hojiitti seenameera.
Fantaalleenis haaluma walfakkaatuun hojiinsaa xumuramee sadarkaa dhumaarra ga’eera jedhamuu baatus ummanni irraa tajaajilamaa jira. Naannawaa sanatti ammallee hojiin hafu waan jiruuf itti hojjetamaa jira. Pirojektota kanneen lamaan kan hojjete Korpooreeshinii Ijaarsa Oromiyaa yoo ta’u, ammas wantoota sirrachuu qaban xalayaadhaan ibsineefii hojiittii seenameera.
Pirojektota guguddoo akkanaa bor Oromiyaan ittiin waamamtu hojjechuuf keessumaa naannawa gammoojjitti xiyyeeffachuun pirojektiin Finnaa hojjetamaa jiraachuu eeranii, tokko tokkoon hidhichaa qarshii miliyoona 600 oliin kan hojjetamu yoo ta’u, waliigala biliyoona 17n hojjetamaa jira.
Kunis rakkoo horsiisee bulaafi qonnaan bulaa qabatamaan kan hiiku ta’uu ibsu. Fakkeenyaaf Godina Booranaa, Aanaa Ireeyyee, Laga Sagal jedhamutti omisha margaa bara darbe eegalameen ammatti hektaara kuma 30 misoomee tajaajilarra ooluufi naannawa Galchaa, bakka Qancaroo jedhamutti akkasumas, Fantaalleerrattis hojiin kun eegalamuu addeessu.
Akka waliigalaatti, hojiifi karoora biirichaa milkeessuuf bajanni qarshii biliyoona sagal kan ramadame yoo ta’u, biirichi dameewwan sadii jechuunis horsiisee bulaa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi iskiimiitiin hojiiwwan qabaman kan adeemsisu ta’uus ni kaasu.
“Hojiileen hojjetaman kan jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jijjiiran pirojektota guguddaa yoo ta’an, kanas ummanni anaafi ijoolleekoof hojjetama jechuun iddoo ijaarsaa kennuuf eeyyamamaa ta’uu qaba. Pirojektii isaaf hojjetamuuf beenyaa dabalataa barbaaduu hinqabu.
Pirojektiiwwan xumuramaniis ofitti fudhachuun kunuunsa barbaachisu taasisuun tajaajila barbaadamuuf akka oolu taasisuu qaba. Akkasumas qabeenya bishaanii haala kamiinuu faayidaarra osoo hinooliin akka hinhafneef yoo xiqqaate matamataatti baankii bishaanii qopheeffachuun omishaafi omishtummaa dabaluuf of kennee hojjechuu qaba” jedhu.
Qabeenyi damichaa hannaafi saamichaaf akka hinsaaxilamneefis eegumsa taasisurra darbee eeruu barbaachisu taasisuun ummanni ija mootummaa ta’ee akka hojjetu dhaamu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015