Liyonel Meesii: Taphataa umurii 35nii biyyasaaf waggoota 36 booda waancaa addunyaa argamsiise

Finfinnee: Taphoota Waancaa Addunyaa hanga ammaatti taasifaman hunda keessaa isa hawataafi qalbii namaa rarraasu, osoo gareen tokko mo’ate jedhanii harka rukutanii hinxumurin gareen inni biraa goolii galchee miira ummataatiin taphatu, tapha hawataa miiraan taphatu ture.

Tapha waancaa gareewwan lamaan sadarkaa walfakkaataan hanga daqiiqaa idilee dhumaatti ittiin walmorkatan, daqiiqaan idilee dhumee yeroo mo’ataa addaan baasuuf daqiiqaa 30 dabalamus walinjifachuu dadhabanii murtii dhumaatiif gara rukuttaa adabbiitti ce’ame.

Jalqabumarraa kaasee diraamota gara garaatiin kan guuttame Taphni Waancaa Addunyaa 22ffaan Qataar, kilaboota eeggaman keessaa irra jireessa marsaawwan duraarratti ofirraa gaggeessee, isaan hin eeggamne immoo hanga walakkaa xumuraatti geessee kubbaa miilaa keessatti tilmaamni duraa hagas mara iddoo kan hinqabne ta’uu Addunyaa barsiise.

Biyyoota jalqabarraa waancichaaf eeggaman keessaa hanga sadarkaa xumuraatti kan walitti hafte Arjentinaafi Faransaay, kanaan dura waancaa Addunyaa yeroo lama lama injifachuun sadarkaa walfakkaataa waan qabaniif inni waancaa kana nyaate sadarkaasaa waan fooyyeffatuuf xiyyeeffannoo guddaa argatee ture.

Faransaay shaampiyoonaa marsaa 21ffaa ittifufsiisuudhaan seenaa haaraa galmeessisuuf karoorfattus taphataa gabaabaan kubbaa miilaatiin beekkamtii addunyaa bal’aa argate sun garuu hawwiisaanii hawwii qofa jalaa taasisee biyyasaa waggoota 36f waancicha hawwiidhaan eegaa turteef waancaa argamsiise.

Taphataan maqaansaa addunyaarratti guddaa ta’e Liyonel Meesiin, waancaawwan Awurooppaa kan liigii keessa taphatuu dabalatee Balaandoorii yeroo shan injifatee, Kooppaa Ameerikaas biyyasaa waliin injifatee, barana ammoo waancaa addunyaa fudhatee pilaaneetii lafa jedhamturratti kubbaa miilaatiin nama ittiin qixxaatu dhabe.

Waancaan yeroo jalqabaatiif biyyoota Arabaa keessattuu biyyattii xiqqoo maqaafi humna guddaa qabdu Qaataaritti bifa hawwataafi miidhagaadhaan qophaa’es tilmaama warra lixaa fashaleessee “Kanaan booda sadarkaa kanatti biyyi qopheessuu dandeessu jirtii” gaaffii jedhu keessa galche.

Taphi waancaa Arjentiinaafi Faransaay jidduutti adeemsifame hanga daqiiqaawwan idileetti 2-2n, daqiiqaa dabalataa 30 keessattis 3-3n adda bahani. dhumarratti rukuttaa adabbii kennameen Arjentiinaan 4-2n faransaay mo’achuun waancicha yeroo sadaffaaf fudhatteetti.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015

Recommended For You