Shanan Dhuugoo: Godina Harargee Lixaatti, qonnaan bultoonni Aanaa Shanan Dhuugoo yeroo gabaabaa keessatti sangaa tokko gabbisuun qarshii kuma 100 hanga kuma 200 oliitti gurgurachuun jiruufi jireenyasaanii salphaatti jijjiiraa jiraachuu himan.
Qonnaan bulaa Eliyaas Maammad Abraahim jedhamaniifi jiraataan Ganda Harooreessaa sangaa tokko gabbissuun qarshii kuma 190tti gurgurachuu himaniiru. Sangicha ji’a shan dura magaalaa Harawaacaarraa qarshii kuma 50n kan bitan ta’uus himaniiru.
Jiraataa Ganda Callaa Mullis kan ta’an qonnaan bulaa Alamaayyoo Nugusees sangaa tokko qarshii kuma 200tti gurgurachuu ibsaniiru; sangicha waggaa tokko dura qarshii kuma 70n kan bitan ta’uus eeraniiru.
Obbo Alamaayyoo Nugusee sangicha guyyaa biterraa jalqabee daakuu boqqolloo bishaaniin walitti makuun akka marqaatti nyaachisaa akka ture hima.
Jiraataa Ganda Iddoo Balloo kan ta’an qonnaan bulaa Abbuu Shifarraas sangaa waggaa sadii dura manumatti dhalate tokko gabbisuun qarshii kuma 205tti kan gurguratan ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni sangoota daldaltoonni loonii manatti dhufanii akka irraa bitan himuun, otoo gabaatti gurguratanii gatii kana caalutti gargurachuu akka danda’an dubbataniiru.
Fuuldura gatii gaariitti akka gurgurataniif waajjirri qonnaa aanichaa waldaa tokko jalatti akka isaan gurmeessuuf fedhii qabaachuu beeksisaniiru jechuun waajjirri kominikeeshinii aanichaa odeeffannoo nuu ergeen eereera.
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015