Namni hundumtuu darbee darbee yeroo ofitti amanamummaa dhabu, waa’een ofii isaatii waan gaariin yeroo itti dhaga’amuu didu ni jiraata. Jireenyi akkasii yeroo oolee bulu amala namaa dhuunfachaa deemuun gara dhukkuba sammuutti nama geessuu danda’a. Namoonni gadi aantummaan itti dhaga’amu jireenya dhiphinaan guute akka jiraatan qorannoowwan garaa garaa ni addeessu. Keessumatti namoonni akkasii akka hawaasa irraa adda of baasan, akka of ceepha’an, akka namaa gadiitti akka of ilaalan, jireenya gammachuu hinqabne akka jiraatan, mataa ol qabatanii jiraachuun akka isaan danquufi jireenya rakkisaaf namoota saaxilaman akka ta’an agarra.
Ilaalchi gadaantummaa akka namni tokko gatii gadi aanaa ofiif kennu, akka namaa gadiitti akka of ilaalu kan taasisuudha. Sagaleen sammuu isaanii keessaa “Ati faayidaa hinqabdu, ati namaa gadi, bareedina hinqabdu….” jechuun akka isaan of ceepha’aa deeman taasisuu kan danda’uudha. Inni kun ammoo burqaa mataa isaa danda’e irraa dhufa. Yeroo tokko tokko haalonni jiran akka nuti namaa gadiitti of ilaallu yeroo itti taasisuuf yaalan ni jiraatu. Tarii homaa tokko hindandeessu, ati nama hintaatu, ati homaa hinbeektuufi kkf. nuun jechuun nutis dhugaa seenee utuu qorree hinilaaliin fudhannee kan ittiin rakkannu hedduu ta’uu dandeenya.
Rakkooleen garagaraas nu mudachuu irraa kan ka’e akka namaa gadiitti akka of ilaalaa jiraannu kan nu taasisan jiraachuu danda’u. Biyyoottan garagaraa keessatti qomoon loogiin ta’u fakkeenyaaf gurraachi akka faayidaa hinqabneetti akka of ilaalu taasisuun akka isaan waa’ee ofii isaaniitiif ilaalchi gadi aanaa qabaatan gochuuf yaaliin ta’u rakkoo kanaaf bu’ura ta’uu danda’a. Namoonni tokko tokkos hojii dhabuu irraa kan ka’e abdii kutatanii akka nama homaa tokko hindandeenyeetti kan of ilaalan jiru. Kaanis mana barumsaan loogiin guute keessatti miidhamanii rakkoo kanaaf kan saaxilaman jiru.
Addumaanis namoonni miidhama qaamaa qaban, namoonni dhukkuba sammuu dhukkubsatan, namoonni gaa’ela isaanii hiikan, kanneen jaalallee isaanii irraa adda ba’an, kanneen bifa isaaniitti yookaan hojjaa isaaniitti gammachuu hinqabne, karoora garmalee karoorfatanii namoonni bira ga’uu dadhabuun gara ilaalcha gadi aanaa ofiif qabaachuutti deemuu danda’u. Inni kun gara of jibbuutti, gara of ceepha’uutti, gara abdii kutannaatti, waanan karoorse dhuguma hojjechuu nan danda’aa jedhanii gara dhiphachuutti ceesisuun rakkoo hamaaf isaan nisaaxila.
Haa ta’uyyuu malee, rakkoo hamaa kana keessaa ba’anii ilaalcha sirrii ofiif qabaachuun barbaachisaadha. Ofitti amanamummaa qabaachuun, nama bu’aa buusuu danda’u, kabajniifi jaalalli nama ta’uuf godhanii of ilaaluu, nama hojjechuu danda’u, nama jijjiirama fiduu danda’u, waa’ee ofii keenyaaf ilaalcha ta’umsaa qabaachuu, waa’ee jireenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuun daran barbaachisaadha. Sababiin isaa ilaalchi gadaantummaa utuu hojjechuu dandeenyuu akka hinhojjenne, waa’ee ofii keenyaa ilaalcha ta’umsaa akka hinqabaanne kanneen nu taasisan akka injifannuuf nu gargaaru.
Ilaalcha mo’amaa keessaa baanee ilaalcha mo’aa akka qabaannuuf faayidaan isaanii guddaadha. Ilaalchi keenya hundee mo’amuu yookaan mo’achuuti. Ilaalchi jireenya mo’amaa keessa akka jiraannu yookaan mo’annee akka darbinu kan nu taasisuudha. Ilaalchi mo’amaan utuu hineegaliin dursee nama kuffisa. Sababiin isaa utuu hineegaliin duraan dursanii hinmilkaa’u jedhanii amanuun seexaa hojii dhabu. Wal’ansoo qabuu dadhabu. Dhumarrattis ni kufu. Kanaaf ilaalcha utuu hineegaliin nama kuffisu kana keessaa ba’uun barbaachisaadha.
Egaa namni tokko nan mo’ama jedhee of amansiisuun mo’amuu nidanda’a. Sammuu isaa mo’amaa akka ta’e amansiiseera. Si’a tokko waa’ee loltoota si’a kudhan isaan caalan loluuf deemanii dubbiseen ture. Loltoonni kunneen utuma karaa irra jiranii carraa buufatan. Carraan kun yoo mataan bu’e ni moona yoo garuu teellaan bu’e ni mo’amna jedhanii buufatan. Isaan booda ajajaan isaanii yeroo buusu carraan sun mataan bu’e. Loltoonni kunis gammachuudhaan diina dachaa hedduu isaan caalanitti ba’anii mo’anii utuu deebi’anii haasaa keessa ajajaan isaanii carraa inni calqabatti buuse karaa lamaaniyyuu mataa qofa malee waan kan biraa akka of irraa hinqabne itti agarsiise. Isaan garuu kallattii lamaan wantoota addaa addaa lama waan qabu isaanitti fakkaatee ture. Loltoota cimoo isaan mo’achuu danda’an akka mo’atan kan isaan taasise amanannaa isaan qaban, ni moona jedhanii seexaa qaban ture.
Namni kamillee akka mo’amaa ta’eefi homaa tokko raawwachuu akka hindandeenye godhee yoo of amansiise dhuguma mo’amuu danda’a. Inni kun gita gaggeessummaattis akkasuma. Gaggeessaa sirriin tokko duraan dursee amala mo’amaatii adda ba’uun isaa barbaachisaadha. Namoonni taayitaa addaddaa irra jiran yaada qajeelaa yoo qabaatan, ilaalcha injifataa yoo horatan namoota keessa yaada kan isaanii fakkaatu kaa’u. Gartuun isaanii wajjin hojjetan yaada gaarii qabaatu.
Yeroo tokko mana daawwitii kuma tokko qabutu ture. Sareen xiqqoon tokko waa’ee mana daawwitii kuma tokko qabuu kanaa dhageessee daawwachuuf kaate. Yeroo dhaqxee kuruphistee balbala cina geessu kan akka ishee quruphisan saroota babbareedoo kuma tokko daawwitii keessaan argite. Eegee ishee raaftee yeroo akka seequu (kolfuu) taate daawwitee sana keessaan kan akka ishee seeqan kuma tokko agarte. Isa booda ajaa’ibsiifachaa, gammadaa, deebitee dhuftee saroota xixiqqoo akkas quqummaadan, akkas kuruphisan ilaaluuf karoorfachaa deebitee galte. Sareen dulloomaan mandara keessa jiru kan biraan immoo waa’ee daawwitii kan dhaga’e innis ilaaluuf yeroo dhaqu mataa buusee, nyaara guuree yeroo itti adeemu daawwitii sana keessaanis akka isaa mataa buusanii nyaara guuranii kan adeeman saroota dudulloomoo kuma tokko arge. Isa booda dhaabatee itti gururi’ee itti dute. Daawwitii keessaanis saroonni nyaara guuranii gururi’an kumni tokko isattis dutan. Isa booda ilaaluu sodaatee baqate, akka lammata karaa sana hinbaanes murteeffate.
Ilaalchi keenya isa kamii? Ta’umsa moo alta’umsaa? Namoota kan biraattis ergaa maalii dabarsaa? Waan tokko dagachuu hinqabnu. Ilaalchi keenya jireenya keenya, adeemsa keenya, hojii keenya walitti dhufeenya nuti namaa wajjin qabnu… irratti dhiibbaa mataa isaa danda’e qaba. Yeroo tokko namni karaa deemu tokko konkolaataa isaatti boba’aa guuttachuuf gara buufata boba’aatti gore. Hojjettoota hojii kana irra jiranis akkas jechuun gaafate. “Amalli namoota magaalaa fuula koo dura jiruu akkami?” jedhee gaafate. Namichi boba’aa guutuuf garuu “Amalli namoota magaalaa ati amma keessaa dhuftee akkami?” jedhee deebisee isa gaafate. Abbaan konkolaataas “Namoota hedduu hamoo, amala hintaane qabaniidha” jedhe. Namichis deebiseefii “Magaalaa ati itti lixuuf jettu namoonni jiraatan kana calaa hamoodha” jedhe.
Ittaansee abbaan konkolaataa adda biraan dhufee gaaffii isa duraa fakkaatu gaafate. Amala namoota magaalaa fula isaa duraa jiranii jechuudha. Namichi boba’aa buusuufis deebisee “Amalli namoota magaalaa amma keessaa dhuftee maal fakkaata?” jedhee gaafate. Namtichis “Namoota baay’ee namatti tolan, amala gaarii qaban, eebbifamoo…” jechuun deebise. Namichi boba’aa buusuus “Egaa namoonni magaalaa ati itti lixuuf jettuu namoota amala gaarii qaban, namoota eebbifamoodha” jedheen.
Jireenyi keenya, egereen keenya akka nuti goonuudha. Ilaalcha gaariis ta’e ilaalcha hamaa qabaachuu dandeenya. Bu’aan isaas ta’e miidhaan isaa kan keenya. Baay’een keenya waa’ee beekaa saayinsii Toomaas Edisoon jedhamuu dhageenyee beekna jedheen yaada. Namni kun yaalii qorannoo taasiseen yeroo hedduu akka inni yaade yeroo ta’uufii dide akkas jedhe, “Si’a kuma kudhan qorannoo hinhojjenne argadheera” jedhe. Yeroo hedduu yaalee dadhabuun isaa kufaatiifi akka harka kennee boodatti deebi’u isa hintaasifne.
Namni maqaan isaa hinbarraa’in tokko walaloo afaan Ingiliiziitiin akkas jedhee barreessa “Umurii dheeraa jiraachuun ilaalchi hangam jireenya namaa irratti akka dhiibbaa qabun hubadhe. Anaaf ilaalchi baran dabarse caala. Barumsa, qabeenya, haala, kufaatii, milkoomina, yookaan waan namoonni jedhan hundumaa nicaala. Bareedina, kennaafi sammuu nicaala. Mana, dhaabbata, mana barnootaa… biyyas nidiiga. Kanaaf guyyaatii gara guyyaatti ilaalcha akkamii akka qabaannu murteeffachuu nidandeenya.
Isa darbe jijjiiruu hindandeenyu. Yaada nama kan biraas jijjiiruu dhiisuu dandeenya. Garuu nuti ilaalcha keenya jijjiiruu ni dandeenya” jedha. Sababiin isaa jireenyi nuti jiraannu kun dhibbeentaan kudhan isa namni jedhu yoo ta’ellee dhibbeentaan 90 garuu akkaataa nuti isa namoonni jedhaniif deebii laannu ta’a. Isa kana geeddaruun nidanda’ama.
“Ilaalchi mo’amaan utuu hineegalin dursee nama kuffisa. Sababiin isaa utuu hineegaliin duraan dursanii hinmilkaa’u jedhanii amanuun seexaa hojii dhabu. Wal’ansoo qabuu dadhabu. Dhuma irrattis nikufu.“
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015