Guyyaan Turizimii addunyaa akka Oromiyaatti yeroo 18ffaaf mataduree “Yaadama Haaraa Turizimiif” jedhuun dhiyeenya kana Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Hararitti kabajameera. Guyyichi marii paanaaliifi bakkeewwan hawwata turizimii godinicha keessa jiran adda addaa daawwachuun kabajameera.
Ijaarsawwan manneen durii waggoota 250 ol lakkoofsisaniifi masgiidonni waggoota 1500 ol lakkoofsisan kan Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbillee, Araddaa Raamata Salaamaa, Ganda Isaaqoyiifi Ganda Adam keessatti argaman iddoowwan hawwata turizimii daawwataman keessaa isa tokko yoo ta’u, bakkichatti Quraanni harkaan barreeffame, kopheen mukaafi gogaarraa hojjetameefi meeshaaleen aadaa daawwatamaniiru.
Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbillee, Araddaa Raamata Salaamaa, Ganda Isaaqoy kan jiraatan Maanguddoo Adam Alii Yuusuuf Adam akka jedhanitti, manni isaan keessa jiraataa jiran dhagaafi biyyee qofarraa kan hojjetame yoo ta’u, erga ijaaramee waggaa 250 ta’us, hanga ammaatti dhagaan tokkoyyuu walirraa hinbuune. Manichi qabeenya uumamaa dhagaa, biyyeefi muka qofarraa kan ijaarame ta’uu dubbatu.
Quraanni gandichatti harkaan katabames waggaa kuma tokkoo ol lakkoofsiseera kan jedhan maanguddoon kun, qolli kitaabichaa gogaarraa kan hojjetame yoo ta’u, keessisaa ammoo waraqaa furdaa qunceerraa soqamee, tolfamee dibamerraa hojjetame. Waraqaan kitaabichaa qamadii daakameen kan walitti maxxanfame ta’uu dubbatu.
Dur yeroo kopheen hinjirre abbootiin keenya mukaafi gogaarraa kophee hojjetanii ittifayyadamaa turan kan jedhan maanguddoon kun, kophee mukaafi gogaarraa hojjetameefi meeshaalee aadaa waggoota dheeraa lakkoofsisan hedduu manasaanii keessatti argaman nu daawwachiisaniiru. Dhumarratti gandichi rakkoon daandii konkolaataa, bishaan dhugaatii qulqulluufi ibsaa waan qabnuuf mootummaan akka isaaniif furuuf gaafataniiru.
Aanaa Baabbilleetti, jiraataa Ganda Adam kan ta’an Sheek Aliyyii Ahmad Yusuuf akka jedhanitti, Oromoon dur waan itti fayyadamu hunda waan naannawaasaa jirurraa hojjetee itti fayyadamaa ture. Meeshaaleen aadaa Oromoo naannawa sanaa hedduun bara lola Ziyaad Baaree barbadaa’an.
Ummanni keenya huccuu uffatu ofiisaatii dhahaa ture. Quraanaas wantoota naannawasaatti argamanitti fayyadamuudhaan barreessaa ture. Waraqaan Quraanichaa muka dheekkaa, hudhaa, harooressaafi quncee mudhudheerraa daakameen hojjetame.
Barreeffamni Quraanichaa akka hinhaqamneef ykn hinbanneef baala dhiddichaa danfisanii kan irra diban ta’uufi Quraanni isaan ittifayyadamaa jiran waggaa 547 kan lakkoofsise ta’uu dubbatu.
Masgiidi gandicha keessatti argamu waggaa kuma tokkoofi 416 kan lakkoofsise ta’uu himanii, masgiidichi dhagaafi biyyee naannawaa jirurraa kan hojjetame ta’uufi yeroo ammaa imaama masgiidichaa ta’anii waggoota 29f tajaajilaa jiraachuu himaniiru. Maanguddoon kun akka jedhanitti masgiidonni waggoota dheeraa lakkoofsisaniifi hawwata turizimiif oolan biroon naannawaa sanatti kan argaman ta’uus eeraniiru.
Bulchaa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad saganticharratti akka jedhanitti, Guyyaa Turizimii Addunyaa akka naannoo Oromiyaatti kabajuun iddoowwan hawwata turizimii naannichaa beeksisuu, aadaafi meeshaalee aadaa dhokatanii turan ifatti baasuuf daran fayyada.
Waggoota dheeraaf aadaa, duudhaa, seenaafi qabeenya turizimii akka godinichaattis ta’e naannoo Oromiyaatti jiran beeksisuuf carraa hin arganne. Hojiin turizimii naannichaa beeksisuufi misoomsuuf raawwatamaa tures baay’ee dadhabaadha jechuun ni danda’ama. Iddoowwan hawwata turizimii naannichaa misoomsuufi beeksisuun guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Iddoowwan hawwata turizimii misoomsuufi beeksisuun galii sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, mootummaan naannichaa waggoota afran darbanii asi iddoowwan hawwata turizimii naannichaa misoomsuufi beeksisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Godinni Harargee Bahaas iddoowwan hawwata turizimii gurguddoo galii guddaa argamsiisuu danda’an hedduu qabdi. Qabeenyawwan turizimii qabnu beekuufi beeksisuu dhabuudhaan hanqina guddaa nu mudachaa tureedha jedhu. Godinichi holqawwan 590 ol kan qabdu yoo ta’u, isaan keessaa akka biyyaa, Afrikaafi addunyaatti sadarkaa keessa galuu kan danda’anillee ni jiru.
Qabeenya turizimii qabnu misoomsuufi beeksisuudhaan galii akka argamsiisu taasisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuun jiruufi jireenya hawaasa naannawaa jijjiiruufi galiin gama kanaan argamu dinagdee naannichaas ta’e biyyattii akka utubuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Harargeen iddoowwan hawwata turizimiif oolan kan lakkaa’amanii hindhumne kanneen akka holqawwanii, Arboota Baabbillee, Dhagaan Baabbillee, Fardeen Gaara Qunduddoo, bosona adda addaa bineensonni 100 ol keessa jiran, gaarreen gurguddoo, ijaarsa manneeniifi masgiidota waggoota dheeraa lakkoofsisan hedduu kan qabdu ta’uu himanii, iddoowwan hawwata turizimiif oolan kunneen eeguu, kunuunsuufi beeksisuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa kan jiran ta’uu dubbatu.
Ijaarsawwan manneeniifi masgiidotaa waggoota dheeraa lakkoofsisan kan abbootii keenyaarraa dhaalleefi Aanaa Baabbilleetti argamanirraa waa guddaa barachuu dandeenya. Hambaaleen kunneen Oromoon dur wantoota naannawasaatti argamanitti fayyadamuun waan ittifayyadamu ofumaa kan hojjetu ta’uu nutti agarsiisa. Dhaloonni amma jiru hambaa abbootii keenyarraa dhaalle kana daawwachuu, kunuunsuufi eeguu akka qabu gorsaniiru.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, turizimiin utubaa guddina dinagdee biyyaa isa guddaadha. Oromiyaan ammoo qabeenya turizimii hedduu qabdi. Hojiin qabeenya turizimii naannichaa beeksisuuf raawwatame garuu gahaa miti. Oromiyaan qabeenya industiriif oolan hedduus ni qabdi. Qabeenyawwan turizimii Oromiyaa hinbeeksifamne baay’eetu jiru.
Oromiyaa keessaa Godinni Harargee Bahaa qabeenyawwan turizimiif oolan hedduu qabdi kan jedhan Obbo Huseen, holqi guddaan sadarkaa naannootti beekamuufi kan kitaabni irratti barreeffame holqi Malkaa Bal’oo isa tokko ta’uu eeru. Qabeenyawwan turizimii madda galii gochuuf misoomsuu, eeguu, kukuunsuufi beeksisuu qabna. Qabeenyawwan hawwata turistiif oolan hinbeeksifamne hedduun waan jiraniif miidiyaaleen dhimma kanarratti xiyyeeffatanii akka hojjetaniif kan tattaafatan ta’uu eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015