Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) erga gara aangootti dhufanii inisheetivoota gurguddoo hojjetan keessaa duulli Ashaaraa Magariisaa isa ijoodha. Hojiin kun waggoota walitti aanan afuriif kan hojjetame yoo ta’u, waliigalaan biqiltuuwwan biliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee biliyoona 25, lammilee miliyoona 25n dhaabuun akka addunyaattillee dinqisifatameera. Kanaanis uwwisni bosonaa biyyattii dhibbantaa afurirraa gara 15tti guddateera.
Ragaaleen akka agarsiisanitti, sababa jijjiirama qilleensaatiin dinagdeen addunyaa %18 miidhamuu ni danda’a. Itoophiyaanis dhuma jaarraa 19ffaatti qabeenyi bosonaashee % 30 irra kan ture ta’us, sababoota babal’ifannaa lafa qonnaa, cilee, ijaarsaafi kan kana fakkaataniin gara %3tti gadi bu’uu ragaaleen damichaa ni mul’isu. Kanaanis ongeen babal’ate, biyyee gabbataan dhiqamee, omishaafi omishtummaan hir’atee, qabeenya beeladootaas hir’isee, bineensoonni biyyaa baqatanii, qabeenyi bishaanii lafarraafi lafa keessaas garmalee hir’ateefi rakkoolee birootiif saaxilamtee turte.
Ministirri Muummee biyyattiis yommuu gara aangootti dhufan dhimmoota kana ilaalcha keessa galchuun ture kallattiidhaan duula biqiltuu dhaabuutti kan seenan. Duula bara jalqabaatiinis guyyaatti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuun akka addunyaatti biyya Hindiin qabamee ture fooyyeessuun rikardi haaraa galmeesisteetti. Isa booda garuu hanga biqiltuuwwan miliyoona 350 guyyaa tokkotti dhaabuun riikardii mataashee fooyyeessiteetti. Muuxannoo kanas biyyoonni addunyaa garagaraa fudhachuun biqiltuu dhaabuu eegaluusaanii Doktar Abiyyi haasawaa dhimmicharratti kana dura taasisanrratti dubbatanii turan.
Akka isaan jedhanitti, ummanni biyyattii keessumaa ummanni Oromoo biqiltuu dhaabuu ni beeka. Garuu amma qabeenyi bosonaa biyyattii haphataa waan dhufeef hunduu walta’ee biqiltuu bade deebisee dhaabuu qaba. Kanaanis dinagdee biyyattii jijjiiruu, jiruufi jireenya ummata biyyattii fooyyeessuuf tattaafachuun hundumarraa eegama.
Hojii gama kanaan hojjetameenis bosonni badee ture deebi’aa jira, dhiqamni biyyeellee hir’atee biyyee gabbataan biqiltoota misoomsaa jira, omishniifi omishtummaan qonnaa sababa roobaatiin hir’ate dabalaa jira, bakkeewwan hongeen miidhaman dandamatanii omisha kennaa jiru, bineensoonni kana dura da’oo dhabanii baqatan deebi’aa jiru. Akka ogeessoonni damee dinagdee ibsanittis, sababa biqiltuu dhaabuutiin dinagdeen biyyattiillee dabalaa jira. Hojii kana keessatti biqiltuu baay’isuurraa hanga geejibsiisuu, dhiheessuufi hojiilee addaddaarratti hirmaachuun lammileen kuma 767 carraa hojii argachuun galii qarshii biliyoona 1.3 maddiisuusaanii ragaan jiru ni ibsa.
Duula Ashaaraa magariisa kanarratti lammilee Itoophiyaa qofa osoo hintaane lammileen biyyoota ollaafi fagoo illee hirmaataniiru. Sagantaa kanafis Itoophiyaan biqiltuu dhiheessiteefii biyyoota kanneen akka Keeniyaafaattillee dhaabbiin adeemsifameera.
Hojiilee gama kanaan hojjetaniinis Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Ameerikaa Magaalaa Waashingitanitti badhaasa geggeessaa cimaa Afrikaa jedhuu Kibxata darbe badhaafamaniiru. Badhaasa kanas hoggantoota 49 sagantaa ‘US- Africa’ jedhurratti hirmaatan keessaa filatamuun badhaafaman. Beekamtii kanas dhaabbilee lama jechuunis “American Academy Achievement’ fi ‘Global Hope coalition ’ jedhamaniin kan qophaa’e yoo ta’u, badhaasni isaan argatan kun kan jalqabaasaanii miti.
Daarektarri Ittaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannawaa Itoophiyaa Doktar Mootummaa Toleeraa hojiin ashaaraa magariisaa bu’aa dinagdee biyyaa bakkatti deebisuurratti fide yommuu ibsan, hojichi jalqabarratti hojidhabdootaaf carraa hojii banuurraa eegalee, maatiin waan jiruufi jireenyasaanii ittiin gaggeeffatan taasisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Akkasumas misooma qonnaa wajjiin walqabatee bu’uuraaleen misoomaa akka babal’atan waan taasisuuf kunis dinagdee utubuuf akka fayyadu kaasu.
Gama biraatiin hojichi gammoojjummaan akka hinbabal’anneefi biyyattiin jijjiirama qilleensaa sadarkaa addunyaatti mul’atu dandamachuu akka dandeessuuf kan gargaaru ta’uu eeranii, kunis omishaafi omishtummaan akka hinhir’anne, ummanniifi biyyi miidhama addaddaaf akka hinsaaxilamne waan taasisuuf bu’aa olaanaa qaba. Seektara qonnaa cimsuun dabalatatti roobni ga’aa waan roobuuf anniisaa ibsaa maddisiisuuf, jal’isiifi kan kana fakkaatanirratti shoora waan qabaatuuf kallattiidhaan dinagdee biyyattii kan jabeessu ta’uu ibsu.
“Keessumaa wayita ammaa dhimmi hojii jal’isii xiyyeeffannaa olaanaa itti kennamee waan jiruuf misoomni sululaa laggeen guutuun bishaan baay’ee akka maddisiisan ni gargaaru. Akkasumas hojii horsiisa beeladaarratti hojjetamuufis ga’ee olaanaa qaba. Soora beeladootaaf oolu bal’inaan omishuun bu’aa isaan irraa argamu ni guddisa. Kunimmoo kallattiidhaan dinagdee ni utuba” jedhu.
Akka Doktar Mootummaan jedhanitti, hojiin ashaaraa magariisaa akka pirojektii meegaatti kan ilaalamudha. Kanas kallattiidhaan hoggansa siyaasaa kennuun qofa osoo hintaane ofii akka ogeessaatti keessatti hirmaachuun shoorri Doktar Abiyyi taphatan olaanaadha. Waggoota arfan kana hojiiwwan hojjetamaniinis dhimmi bosonaa ajandaa ummataallee ta’eera. Kanaaf badhaasni isaan argatan kunis kan isaaniitti xiqqaatu malee kan baay’atu miti.
Bu’aan kun kan argame haala ulfaataa keessatti ta’us wanti karoorfame karooraa ol hojjetamuu eeranii, kanarraas biyyoonni biroo waan baay’ee barachuu akka danda’an himu.
Doktar Abiyyis badhaasicha ilaalchisuun fuula feesbuukiisaaniirratti akka ibsanitti, ‘American Academy of Achievement’fi ‘Global Hope Coalition’ harka michoomaa diriirsuu isaaniifi jalqabbii Itoophiyaan Ashaaraa Magariisarratti eegalte akka seenaa milkaa’ina Afrikaatti ilaaluun beekamtii kennuu isaaniif galateeffataniiru.
“Dhugumatti ardiin keenya seenaa milkaa’ina hedduudhaan guutamtee jirti; kan darbe, kan ammaafi kan dhufu. Ilaalchi biyyoonni Afrikaa yeroo hunda ardii rakkoon keessaa madduuttiifi omishoota qulqulluu akka hindhiheessineetti ilaaluu darbeera. Kanaaf, qindeessitoonni ardii kanarratti ibsaa qabsiisuu isaaniif galata guddaa qaba” jedhu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015