Dhimmoota ammaantana yaaddoo addunyaa ta’aa jiran keessaa tokko jijjiirama qilleensaati. Sababoota jijjiiramni qilleensaa akka dhufu taasisan keessaa inni guddaan ammoo mancaatii qabeenya bosonaati.
Rakkoo kana furuuf hoggantoonni biyyootaafi dhaabbilee addunyaa, qorattoonni, ogeeyyiin dhimma naannoofi kan biroon mariirraa eegaluun ifaajiiwwan gara garaa kan taasisan yoo ta’u, waantota akka furmaataatti kaa’aman keessaa tokko biqiltuu dhaabuufi madda anniisaa babal’isuudha. Itoophiyaanis dhimma kana dursitee waan hubatteef durabu’ummaa hogganaashiitiin hojii fakkeenyummaa guddaa qabu hojjechaa jirti.
Waggoota afran darbanitti hojiin dhimma jijjiirama qilleensaarratti hojjetame bu’aa qabatamaa fiduu bira darbee maqaa Itoophiyaa sadarkaa idiladdunyaatti waamsisaas jira.
Doktar Abiyyi Ahmad mataduree “Ashaaraa Magariisaa” jedhuun ummata Itoophiyaaf waamicha dhiyeessuun baruma jalqabaa biqiltuu biliyoona afur dhaabuun eegalame har’a biyyoota ollaatti hidda babal’ifateera. Rikardiin guyyaa tokkotti biqiltuu danuu dhaabuu Hindiin qabamee tures cabuun Itoophiyaadhaan addunyaa raajeffachiise.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa afraffaan biyyoota ollaa akka Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Jibuutii, Somaaliyaafi Yugaandaatti gaggeeffamuun hariiroo Itoophiyaafi biyyoota kanneenii akka cimu taasisaa jira. Sagantichi hojii dippiloomaasiis hojjechaa jira jechuudha.
Sagantaan kun wagguma waggaan cimee ittifufuun waggoota afran darbanitti biqiltuuleen biliyoona 25 ol dhaabamaniiru. Sagantichi hoggansi bu’aaqabeessummaa hojii tokkoof murteessaa ta’uu bira darbee ummanni Itoophiyaa akkuma kaleessaa gaafa tokkummaan dhaabatu raajii hojjechuu akka danda’u sirriitti kan mirkaneesseedha.
Sagantichi tokkummaa, obbolummaafi hariiroo ummata Itoophiyaa darbees hariiroo biyyoota ollaa kan cimse, hawaasniifi hoggansi biyyaa hammam miira tokkummaatiin biyyasaaniitiif waldhageettiin akka hojjetan addunyaatti kan agarsiiseedha.
Sagantichi lammiileef carraa hojiis kan uume yoo ta’u, biqiltuufi boolla biqiltuu qopheessuu, biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuufi kan biroorratti waldaan gurmaa’uun jireenyasaanii akka gaggeessan taasiseera.
Egaa duulli biqiltuu dhaabuu waggaa afran har’aa eegalame maqaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti waamsiseera; Doktar Abiyyis badhaasiseera; dhaabbileen Ameerikaa lama ‘American Academy of Achievement’fi ‘Global Hope Coalition’ jedhamaniin.
Badhaasni, “Hogganaa Cimaa Afrikaa” jedhamu kun hoggansaaf kennamus maqaa Itoophiyaa olkaasee kan mul’ise; Itoophiyaan osoo qormaata keessaafi alaan ishee mudataniif hinjilbeeffatiin injifannoo galmeessaa jiraachuushee kan mirkaneesseedha. Kun muuxannoo hojiilee biroo keessattis cimee ittifufuu qabuudha.
Akkasumas injifannoofi bu’aa cimaa hoggansa cimaa darbeen tokkummaafi humna gamtoomeen argame kana tiksaa gara fuuladuraattis duudhaa wajjummaa caalaatti jabeessuun, haaluma eegalameen kallattii hoggansi jijjiiramaa kennu hordofaafi hojiitti hiikaa baadhaadhinaafi guddina biyyaatiif hojjechuun murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015