Biyyi keenya biyya sabdaneessa taate; kan saboonni, sablammoonniifi ummattoonni hedduun aadaa, afaaniifi seenaa mataa isaanii qaban tokkummaa, jaalalaafi obbolummaan keessa jiraatanidha. Ummattoonni biyya keenyaas yeroo dheeraaf bal’inaafi rakkina waliin dabarsuun tokkummaafi birmadummaa biyya isaanii eeganii waliin jiraachaa as ga’aniiru.
Haata’u malee, Finxaalessitoonni dogoggoroota adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti uumaman akkasumas fedhii aangoo har’a qaban bu’uura godhachuun tokkummaafi obbolummaa, jaalala, hariiroo ummattootaafi nageenya biyyaa booressuun kaayyoo dhiphaa isaanii galmaan ga’uuf kan hojjetan ta’uudha ibsi tibbana fuula feesbuukii Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarratti ba’e kan ibsu. “Finxaalessummaan yaada anatu caala; kan koo qofaatu sirriidha; ana qofaatu miidhame/miidhamaa jira” kan jedhu ilaalcha gadi aantummaafi akkamalee oftuulummaa irraa madda. Finxaalessummaan ormaaf bakka kan hin kennine, of qofaa giddu galeessa godhatee kan socho’udha.
Finxaalessummaan obbolummaafi tokkummaa ummattootaa kan diigu, walitti dhufeenya, hariiroofi waliin jireenya lammiilee irratti gufuu ta’uun biyya tasgabbii dhorkuun diigumsaaf kan saaxiludha. Finxaalessummaan kaayyoo isaa galmaan ga’uuf olaantummaa yaadaa osoo hintaanee humna, shororkeessuufi sodaa uumuutti kan fayyadamu dhibee obbolummaa, faallaa danoomaa, maddaafi baattoo jeequmsaati.
Bakka Finxaalessummaan jiru tokkummaa, obbolummaafi waloomni ummattootaa ni jeeqama. Bittinnaa’uufi walshakkiin ummata keessatti uumamuun finxaaleyyiin ilaalcha isaanii sadarkaa yaadaatti jiru gara gochaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uuma.
Kanaafi kan finxaaleyyiin tokkummaa irra garaagarummaa, gamtooma irra qoqqoodamuu, waan hawaasa tokko godhu irra waan adda baasu, jaalala irra jibba, sabdaneessummaa irra eenyummaa qeenxummaa, walqixxummaa irra olaantummaa garee tokkoo kan filatuuf.
Haalli kun finxaalessitoota biyya keenyaa bitaafi mirgaa biratti waan calaqqisuuf ummattoota jidduutti walshakkii uumuun walitti bu’insi akka uumamu, jibbi akka babal’atu, qabeenyi akka barbadaa’uufi namoota nagaa dhimma siyaasaa keessaa harka hinqabne kan miidhaa jiruuf. Miidhaan kun namoota bira darbee guddina biyyaa irrattis miidhaa fidaa jira.
Keessumattuu biyya federaalizimii sabdaneessaa sirna dimokiraasiin utubame diriirsuun tokkummaafi obbolummaa sabootaa mirkaneessite ijaaruu keessatti qormaanni guddaan ilaalcha finxaalessummaa waan ta’eef qaamni hunduu ilaalchaafi gocha finxaalessummaa maseensuun jijjiirama hundagaleessa eegalamee jiru galmaan ga’uuf ga’ee isaa ba’uu qaba.
Keessumaa yeroo ammaa finxaaleeyyiin bakkawwan garagaraatti fedhiisaanii galmaan ga’achuuf humnasaanii duguuganii fayyadamaa jiru. Magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garagaraa keessatti rakkoo walitti bu’iinsoonni akka uumaman taasisaa waan jiraniif ummanni hundi nageenyasaaf waardiyyaa dhaabachuu qaba. Naannawaa ofii sirriitti mil’achuufi yeroo sochii shakkisiisaa arganiitti ammoo qaamolee nageenyaa itti dhihoo jiraniif gabaasuun irraa eegama.
Namni kamuu beekees ta’u osoo hinbeekiin sochii finxaaleeyyii bira akka hindhaabanneef of eeggannaa cimaa taasisuu qaba. Wayita qaamoleen nageenyaa hojii idileesaaniifi ergama addaa kennameef ba’achuuf hojjetanis ummanni wajjummaasaa agarsiisuun irra jiraata. Waan danda’ame maraan gochaan finxaaleeyyii akka maseenuuf of kennuu qabaan ammo ergaa keenya.
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015