Doktar Aagituu Wadaajoo: Hayyuu, ogeettii, haadhaafi falmituu mirga dubartoota cunqurfamoo

Keessummaan keenya maxxansa kanaa dubartii cimtuu, qormaatawwan adeemsa jireenyaa keessatti isaan mudatan danuu ciranii(dandamatanii) keessa darbuun of bira darbanii namaaf jiraachaa jiraniifi hayyuu waa hundaan badhaadhaniidha, Doktar Aagituu Wadaajoo. Hayyittii diyaaspooraan tun dubartoota cunqursaa keessa turaniifis fakkeenya ta’uun beekamu.

Hayyuu tana ogummaa tokkoon ibsanii biraa deebi’uun kan nama rakkisu yoo ta’u, muraasuma eeruuf ogeettii fayyaa, tola ooltuu, barreessituufi kkfdha. Gaaf-deebiin hayyuu tana wajjin taasisne kunootii dubbisa gaarii.

Bariisaa: Dubbistoota keenyaan walbaraamee Doktar Eessatti dhalattan, guddattan, barattan?

Doktar Aagituu: Aagituu Wadaajoon jedhama. Kanin dhaladheefi guddadhe Magaalaa Najjootti. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa Misiyoonii Siwiidin magaalichumatti argamutti kanin baradhe yoo ta’u, sadarkaa lammaffaa garuu kiiloo meetira 76 miilaafi gaangeedhaan imalaan Magaalaa Gimbiitti hordofe.

Bariisaa: Barnoota olaanaa hoo, maalis barattan, haala hojii keessaniis utuu nuu ibsitanii?

Doktar Aagituu: Barnoota olaanaa Kolleejii Fayyaa Gondaritti narsiingii komiyuniitiingiin dippilomaadhaanin eebbifame. Akkuman eebbifameenin kallattummaan buufata Fayyaa Miizaan Tafariitti argamutti ramadamee yeroowwan muraasaaf tajaajile.

Ta’us qoccollaa korniyaa narratti aggaamamaa ture dheessuudhaan otoon yeroo dirqama tajaajilaa koo hinxumuriin Kilinikii Makaana Yasuusii Boojjiitti argamutti tajaajiluu ittifufe.

Utuman achi jiruu leenjii wal’aansa daa’immannii karaa Dhaabbata Misoomaa Siwiidin Hospitaala Xiqur Anbassaatti fudhadhadhe.

Industirii ittisaattis mindeeffamee waggoota torbaaf tajaajileera. Garuu utuman hojjechaa jiruu qondalotaafi dabballoota dhaabbaticha keessa turaniin rakkoon qoccollaa koorniyaa haaluma walfakkaatuun waan na mudateef hojii koo gadilakkisuuf dirqame.

Ittifufuunis Dhaabbata “Save The Children” jedhamu keessa waggaa tokkoof hojjedheera. Dhaabbata meeshaalee qonnaa keessas akkasuma waggaa tokkoof tajaajileera. Qormaanni na mudachaa ture bakka hojii qofatti kan daangeffame hinturre. Abbaa warraa koo wajjin waliigalteen ni dhabame. Miidhaan qaamaafi qorqalbii narra ga’us dabalaa dhufe.

Garuu kanaanis abdii hinkutanne; rakkoolee hunda obsaafi ciminaan keessa darbuuf hojiis ta’e beekumsaan of ga’oomsuun of jabeesse. Of bira darbees ‘Jaarmiyaa Intar Afrikaa Komitee On Tiraadiishinaal Piraaktiis’ jedhamutti mindeeffamee otoon hojjetaa jiruu dhaabbata tola ooltummaa dubartoota rakkatan gargaaru hundeesse.

Bariisaa: Keessumaa oggaa hojii dubartoota rakkatoo gargaaruu hojjetan bu’aa ba’iiwwan danuun akka isin mudataniidha kan ibsamu. Waansaa nutti himaamee? Carraa hojiis hammam uumtan?

Doktar Aagituu: Hojichaan namoota baay’eef carraa hojii baneera. Ta’us hojii deggarsaa kana ammas hoggansaafi dabballoota gandaa yeroo sanaatiin rakkoo olaanaan narra gahe. Mana gandaa bilisaan itti hojjetaa ture na kanfalchiisuurraa kaasee hanga hojii ijaarsaa dhaabbatichaa dhorkuufi maashinootan gargaarsaan argadhe fudhachuutti narratti raawwatameera. Kanaanis dubartoonni ani gargaaraa ture bittinnaa’uuf dirqaman.

Bariisaa: Erga jireenyaaf gara Ameerikaa deemtanii waggaa meeqa ta’e?

Doktar Aagituu: Ergan Ameerikaa jiraachuu eegalee waggoonni 27 lakkaa’amaniiru. Waggoota kanneen keessatti ijoollee shan guddisaa digrii jalqabaatii hanga sadaffaatti (digrii doktareetiitti) baradheera. Dubartoota koolugaltoota akkuma koo abbaa warraasaaniitiin dhiibbaan irra gahu gargaaruurra duubatti hinjenne.

Biyyan itti godaanetti dhaabbata tola ooltummaa banee koolugaltoota nan gargaara; nan barsiisa; diinagdeedhaanin utuba. Kana malees seeronni Ameerikaa koolugaltootatti gufuu ta’an akka fooyya’aniif qabsaa’ee akka milkaa’an taasiseera.

Bariisaa: Gara biyya jaalattan, Itoophiyaatti ni deddeebituu? Itoophiyaatti hoo maal hojjechaa jirtu?

Doktar Aagituu: Gara Itoophiyaa waggaa waggaan dhufeen lammiileewaanin gargaaruun gargaara. Keessummaa ammaan tana damee qonna magaalaarratti invasti gochuufi lammiilee baay’eef carraa hojii banuuf qophiirran jira.

Kana malees tattaaffii lammiilee waraanaan buqqa’an deebisanii dhaabuuf taasifamaa jirurratti qooda koo bahachuuf mootummaaf gaaffii dhiyeessee, sochiis eegaleera.

Bariisaa: Bu’aa ba’ii jireenyaa keessa dabartanirratti xiyyeeffachuun kitaaba barreessaa jiraachuu keessan quba qabnaatii mee waa’eesaa nutti himaa?

Doktar Aagituu: Eeyyee, Kitaabota bu’aa ba’iin keessa darbe agarsiisan lama barreesseera. Isaan keessaa tokkoffaan “The Secret to Finishing Well: Quest for Authentic Leadership” kan jedhamu yoo ta’u, gara Afaan Oromoofi Amaariffaattis hiiksisee kan Afaan Oromoo gulaalamee maxxansaaf qophaa’eera.

Kitaabni matadureensaa “A Purposeful Life (Memoir)” jedhamus dhiyeenyatti gabaarra oola. Kunis gara Amaariffaatti hiikameera. Kitaabonni matadureensaanii

“How to Build Healthy Marriage and Families : Prevention and Cure” fi “The New Ethiopia: Tried for Triamph” jedhamanis maxxansaaf adeemsarra jiru.

Bariisaa: Rakkoolee hojiifi bultii keessatti isin mudatan milkaa’ina har’a irra geessaniif sababa ta’uu kitaaba keessan keessatti eertaniirtu. Waa’ee qormaata keessa dabartaniifi maalummaa rakkinichaa nutti himaa mee?

Doktar Aagituu: Dhugaa dubbachuuf qondaaltota olaanaa yeroo sana turan biratti ulfina guddaan qabaayyu. Ta’us namni ittigaafatamaa koo tureefi dabballoonni dubartummaa kootti daran na qoraafi na gidirsaa turaniiru. Gama biraatiin waantin amma ibsuu hindandeenye garuu ammoo kitaaba koo keessatti eere bultii koo keessatti waliigaltee dhabuu cimaan na mudatee ture.

Dhiibbaan narra qaqqabe cimaa ta’us akka dubartii kiristaanaa tokkootti akkan obsuu qabu waanin amaneefi akka ijoolleen koo sammuu qulqulluudhaan guddatan jechuun rakkinicha baadhe.

Qormaatonni sun garuu na qaran malee duubatti na hindeebisne. Sababuma kanaan waajjira industirii ittisaa gadilakkisee akkuman siin jedhe Baale deemee waggaa tokkoof dhaabbata meeshaalee qonnaafi tajaajila teknikii keessa hojjedheera. Akkasumas jaarmiyaa “International coordinating committee for Walfer Development Programs” jedhamu keessa yeroo muraasaaf tajaajileera.

Ta’us waanin gocha malaammaltummaa qondaaltotaan raawwatamaa ture balaaleffadheef hojiirraa na ari’an. Garuu hincallisne. Himadhee mindaa waggaa tokkoo akka naa kennan taasiseera.

Komishinii Dinagdee Afrikaatti qindeessituu barmaatilee miidhoo ta’ee mindeeffame. Kanaanis koree biyyaalessaan hogganaa ture. Kittaanaa dubaraa dhabamsiisuuf kutaalee biyyaarra naannofnee abbootii amantii, bakka buutota dubartootaafi dargaggootaa, akkasumas ogeessota fayyaa wajjin workishoppii adeemsisaa turre. Kanaanis jijjiirama olaanaa fiduu dandeenyeerra.

Akkuman siin jedhe haalli hamaan keessa ture na bocee akkan hojii jireenya dubartootaa hiyyeeyyii jijjiiru hojjedhu karaa naa bane. Kanuma ka’umsa godhachuunis dhaabbata gargaarsaa dubartoonni ittiin of danda’an hundeesse.

Bariisaa: Dhaabbanni kun maal hojjetaayyu?

Doktar Aagituu: Dhaabbanni gargaarsaa kun hojii bu’aalee gogaa, uffata hodhuufi nyaata qopheessuu bal’inaan hojjeta. Kanaafis dhaabbanni tola oolaa Siwiidin, Kiristiyaan Riiliif Divilopmenti Asooseeshin jedhamu deeggarsa nuu taasisaniiru.

Kana malees dubartoota galii wayiituu hinqabneef daakuu, zayitii, awusaa (uffata qorraa), kopheefi saamunaa kennaa turre. Kanaanis akka harka namaa hin ilaalleefi hojjetanii jijjiiraniif tattaaffii olaanaa taasiseera. Kanuma maddiittis akka ofitti amananiifi hojii uummataniif leenjiileenis kennamaafii ture.

Dubbii keenyarratti dubartoonni kunniin yeroo ongee Walloo buqqa’anii mana yeroo gandi hojjechiiseef keessa qubatanii kan turaniidha. Oggaa ani qaqqabuuf waggoota 15f kan jiraataniifi rakkoo hamaa keessa turan.

Yeroo sanatti dubartoonni sun of danda’anii maatiisaanii akka gargaaraniif hojii olaanaa hojjechuu kootti gammadduudha. Of danda’uu bira darbee jireenya fooyya’aa akka geggeessaniif leenjiin fooyyessa omishtummaa ogeessota intarpiraayizii maakiroofi xixiqqaatiin akka kennamuuf taasiseera.

Dhugaa dubbachuuf omishnisaanii kan warshaatiin kan walgitu ture. Oggaa eebbifaman dhaabbilee tola ooltotaa idiladdunyaa adda addaa affeeree; keessummoonni kunniin waan arganitti daran gammadan.

Sababuma kanaan dhaabbanni koo deeggarsa olaanaa argachaa ture. Waltajjiilee guguddoorratti affeeramee dhaabbatichaafi hojii dubartootaa akkasumas, karoora keenya egeree dhiyeesse. Deeggarsa gamoo ijaaruu nu dandeessisus argannee turre. Ergan Niijar dhaqee muuxannoo fudhadhee booda jijjiiramni mootummaa dhufe.

Booda haalonni jijjiiramuu eegalan; dhaabbata ganda keessa tureef qarshii 350 akkan kanfalu taasifame. Garuu yeroo sanatti manni gandaa qarshii 150 olitti hinkireeffamu. Oggaa milkoofnee hojiin keenya jabaachuu eegalu hoggantoonni gandaa nu hojjechiisu didan. Dura taa’aan gandaa na waamee dubartoonni filannoodhaan namoota isaan barbaadan qofa akka filataniif akka dirqisiisu natti hime. Ani waanin haalichatti hin amanneef keessa hingalu jennaan rakkoon uumame.

Na ari’uus eegalan; eksipoo-93 irratti omisha keenya akka tola dhiyeessinuuf carraa nuu kennamerratti akka hinhirmaanne loltuudhaan dhorkamne. Maashinoota adda addaa dhaabbilee idiladdunyaarraa nuu kennamanis nurraa fudhatan.

Utuman ari’atamuus ta’u dubartoota kanneeniif akkaawuntii baankii haaraa banee waldaa hojii gamtaatiin isaan gurmeessee akka ofumaan of bulchaniif; omishasaanii gurguraniif barsiiseen gara Ameerikaatti qajeele. Ergan deemee booda kiraa hinkanfalle jedhamanii ari’an. Baaburoota midhaaniifi maashinoota hodhaas irraa fudhatan. Sababuma kanaan dubartoonni sun adda adda faca’an.

Bariisaa: Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif Ministeerri Dubartootaa akka hundaa’uuf hanga piroppozaalii dhiyeessuutti deemtaniittu jedhamaatii waa’ee kanaa nutti himaa mee?

Doktar Aagituu: Dhugaadha. Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif Ministeerri Dubartootaa akka hundaa’uuf piroppozaala qopheessuun mootummaaf yaada dhiyeesseera. Dubbii keenyarratti oggaan dhaabbilee idiladdunyaa adda addaatti mindeeffamee hojjechaa turetti biyyoota danuu daaw’achuun muuxannoo hedduu fudhadheera.

Sana keessaa muuxannoon Niijarirraa argadherratti hundaa’ee piroppozaalii Ministeera Dhimma Dubartootaa hundeessuu dandeessisu qopheessee qondaala yeroo sana Ministira Muummee turan Obbo Taammiraat Laayineef dhiyeesse.

Edaa isaan Waldaa Dubartoota Itoophiyaa yeroo Dargii ture (A’iseemaa) akkam goona jedhanii dhiphachaa waan turaniif piroppozaalli koo dhiphinasaaniitiif furmaata ta’e. Kana malees caasaasaa wajjin waanin hojjedheefiif daran gammadan. Hojiinis waan salphateefiif piroppozaaliin dhiyeesseef ka’umsa godhachuun ji’a sadii keessatti ministeerichi hundaa’ee Aadde Taaddalachi Hayilamikaa’el akka hoggantu taasifame.

Akkasuma namoota 15 wajjin taanee seerota sana dura dubartoota ilaalchisuun bahanirratti qo’annoo taasisne. Fakkeenyaaf seerri dubartoonni akka hindhaalle dhorku akka jijjiiramu gochuu keessatti gumaacha olaanaan qaba.

Kana nama dinqu seera duriitiin otoo namni wayii na reebeefi ilkaan koo cabee beenyaan dhirsa kootiif malee anaa hinkennamu ture. Kanaaf seeronni akkanaafaa akka fooyya’an taasifameera.

Bariisaa: Sababiin maaliitiin Ameerikaa deemtaniiyyu?

Doktar Aagituu: Otuun carraa barnoota tolaa eeggachaa jiruu cidhaaf affeeramee ijoollee koo wajjin deeme. Dubbii keenyarratti biyyakoo baay’iseen jaaladha. Oggaa kanaan dura dhaabbilee gargaarsaa adda addaa keessa hojjetaa turetti carraa biyyoota hedduu deemuu argadheera. Garuu achitti hafuu yaadee hinbeeku. Jireeya kootiinis Waaqayyoo na eebbisee waan tureef sababni biyya koo jibbuuf nahinmudanne; koolugalummaa hinbarbaadun ture.

Ergan Ameerikaa deemee booda waggaa waggaanin gara biyya kootti deddeebi’aa ture. Haala koo kana kan hubatan hiriyoonni koo, “Alaabaa Itoophiyaa liqimsitee kan akkas si deddeebisu” naan jechaa turan. Ta’us deemuun kootuu fedha Waaqayyoo waan tureef mamii tokko maleedha ijoollee koo shan wajjin kan na simatan.

Akkuman achi deemeen lammii Ameerikaa Itoophiyaatti beekuufi gargaare tokko achitti argadhee isheenis dabareeshii manashii guutuu gadidhiistee ijoollee koo wajjin na simatte; ijoollee koos mana barnootaa naa galchite. Dubbii keenyarratti otoon Yunivarsiitii Meetiroo Isteetitti barachaa jiruu dhaabbata tola ooltummaa Itoophiyaatti argamu deddeebi’ee hordofaan ture.

Bariisaa: Ameerikaattis dhaabbata tola oolaa biraa hundeessitaniittu. Biyya namaatti hojii dhaabbata akkanaa hundeessuun hinulfaatuu? Maaliifis barbaachise?

Doktar Aagituu: Dhaabbanni tola ooltummaa Ameerikaatti hundeesse akka ijootti dhimma koolugaltootaarratti kan xiyyeeffatuufi mirgasaaniif kan qabsaa’uudha. Koolugaltoota bakka buunee seeronni haala hinmalleen bahan akka sirreeffamaniif tattaaffii olaanaa taasiseera.

Fakkeenyaaf otoo Pirezidaanti Biil Kiliintan seera koolugaltoota miidhu hinmallatteessiin dura ani kallattummaan Hilarii Kiliintaniif (haadha warraa pirezidaantichaa) xalayaa barreesseera.

Seerichi kan konfaransii idiladdunyaarratti mallatteessan wajjin kan walfaallessu ta’u eereeni kanin barreesse. Otoo seeronniifi danboonni hojiirra hinooliin dhiibbaan ummatootarraan gahan dursee akka qo’atamu ajaja. Ta’us waan kun hintaaneef seerichi yoo hojiirra oole haalli itti dhirsaafi niitii, ijoollee warra adda baasu akka uumamu hubachiisuu yaaleera. Kan si dinqu yeroo sana barattuun ture; sanayyuu koolugaltuu. Garuu Hilaarii Kiliintan otoo xalayaa koo hintuffatiin pirezidaantichaaf dabarsite. Yeroo gabaabaa keessatti ofumasaaniitti deebisaanii xalayaadhaan bakkuman jirutti na beeksisan.

Kanaan ala Minisootaa qofatti seeronni afur akka jijjiiraman taasiseera. Dhugaa dubbachuuf qofaa koo miti; rakkoo narra ga’erraa ka’een akka sirraa’u taasise. Fakkeenyaaf koorsiiwwan asitti fudhadhe achitti fudhatama hinarganne ture.

Sababuma kanaan narsoonni koolugaltoonniifi Ameerikaan alatti leenji’an eeyyama hojii argachuu hindanda’an turan. Sababuma kanaan ogummaa deeggartummaa narsii bira darbanii baratanii sadarkaa guddaarra akka hingeenyeef gufuu itti ta’ee ture.

Ta’us rakkoon na mudate akkan rakkoo narsootaa beeku waan na gargaareef garee dhimma kanarratti hojjetu wajjin ta’ee wixinee seera duraa fooyyessu qopheessine. Garuu otoo wixinicha mana mariitiif hindhiyeessiin dura deeggarsa argachuuf jennee dubartoota hoggansa boordii narsootaa ta’aniin otoo narsoonni ga’umsa qaban achuma jiranii maaliif hanga Filipiinsitti deemtanii mindeessitu jennee dubbisne.

Keessumaa ani seera kana yoo fooyyessan gama tokkoon hanqina ogeessa isaanii akka furatan, karaa kaaniin miira dorgommii uumtu jedheen falmeen. Bu’uuruma sanaan gaaffii keenyas wajjummaan mana mariitiif akka dhiyaatu taasifame. Seerichis mana marichaatiin fudhatama argatee bulchiinsota Ameerikaa 44tti hojiirra ooleera.

Yeroo ittaanutti ammoo seerri koolugaltoota ogummaa shurrubbaatiin of jiraachisanitti daanqaa uumaa ture akka fooyya’uuf hojjenne. Ameerikaatti ogeessonni rifeensaa marti eeyyama “kosmolojii’ jedhamu argachuu qabu. Ani ammoo dubartoota koolugaltootaaf wiirtuu ogummaa tokko baneefii waanin tureef shurrubbaa hojjetaa turan. Ta’us waan eeyyama hinqabneefi seermaleessa jedhamuuf tasgabbaa’anii hojjetaa hinturre.

Seerichi ammoo guutummaatti warra shurrubbaa hojjetan hinilaallatu ture. Kanaafuu, ulaagaan kanaaf seera keessatti eerame sirri akka hintaane hubachiisuun akka fooyya’uuf kaka’umsuma kootiin gaaffii dhiyeessee adeemsa danuu booda fudhatama argateera.

Dubbii keenyarratti sababii hojiilee Ameerikaatti hojjedheetiin Dhaabbanni Liidarshiippii Buush jedhamuutti carraa barnoota tolaa argadhee damee egziyuutiiv Pabliik Ofiisar jedhamuun maastarsii koo hojjechuu danda’eera. Haaluma walfakkaatuun digrii doktareetii koo kiristiyaan liidarshiippiidhaan kanin hojjedhe baasii koo hunda dabalatee carraa barnoota tolaa argadheeni.

Deeggarsi maallaqaafi galiin ani kitaabota koorraa argadhu dubartoota rakkatoofi miidhaan irra ga’eef kan oolu ta’a. Yeroo itti aanutti dubartoonni koolugaltoonni oggaa dhirsasaanii qaama biraatiin miidhaan irra ga’u abbaa waamicha naa birmadhaa yeroo balaa dabarfachuun sirna akkuma sanaan tajaajila seeraa itti argatan mootummaa Ameerikaa wajjin ta’uun hundeessuudha karoorrin qabu. Kanaaf akka gargaaruuf dhaabbata tola oolaa biraa Holistik Firiidam Intarnaashinaal jedhamu achuma, Ameerikaatti hundeesseera. Maallaqan kitaaba koorraa argadhuun bulchiinsotatti kan hundeessinu ta’a.

Dhaabbanni ani hundeesse yoo cufamellee namoota humna hinqabne gargaaruu Gama kootiin yeroo yeroodhaan deddeebi’uun deeggarsa nan taasisaaf. Yeroo ammaa ammoo damee qonna magaalaafi kuduraa boroorratti akkasumas horsiisa qurxummiirratti invasti gochuuf qophiirran jira.

Kanaan duras Arjoo Guddattuuttis lafti nuu kennamee garuu ammoo saamamee bu’aa ba’iin narra qaqqabeera. Pirojektiikoo haaraadhaanis jiraattonni magaalaas ta’e baadiyyaa ogummaa galii argamsiisuufiin akka of danda’an gochuudha karoorrikoo.

Amma ammoo naannawa Magaalaa Galaanitti lafti naa kennameera. Akkuman siin jedhe maallaqa invastimanticharraa, dhaabbilee tola ooltotaafi gurgurtaa kitaabaa koorraa argamuun ummata biyya koo gargaaruufan oolcha.

Bariisaa: Hudhaalee dubartummaa keessaniin mana keessattis ta’e alatti isin mudate ciminaan keessa darbuun milkooftaniittu. Dubartoonni kuun jireenya keessanirraa maal barachuu qabu?

Doktar Aagituu: Akkan as ga’uuf kan na gargaare maatii amanaa ta’e keessatti guddachuu kooti. Akka amanattuu tokkootti ammoo amantiin, abdii, yeroo hunda waan gaarii yaaduufi qormaata na mudate gaariidhaafi, jedhee yaaduu koo nan amana. Obboloonni koo kaanis qormaata kanarraa maal baradha jedhanii yaadu qabu.

Akkumaan duraan sitti hime ani sababa gidiraa narra ga’eetiini kanin hanga dubartootaaf dhaabbata hundeessuutti qaqqabeef. Keessumaa dubartoota qormaata keessa jiraniifi akkuma koo keessa darban kanin gorsuu fedhu gidiricha yaadaa hadheeffachuu otoo hintaane waan gaarii rakkoo ykn gidiricha keessa jiru ilaaluufi barbaaduu akka qabaniidha.

Sababiinsaas gidiraa sitti dhufuun boo’uu qofaan waanti buufattu hinjiru. Yoo wal’aansoo qabdeen garuu baay’ee buufatta. Waantota gaggaarii yaadudhaan milkaa’ina fiduun ni danda’ama. Akka waliigalaatti ani gama kootiin tokkoffaa waan nutti dhufe irratti gumgumuu otoo hintaane maal gochuu qabna jennee achii keessaa furmaata barbaaduudha. Gidiraan nutti dhufe waanuma qabnullee dabalatee nu dhabsiisuu danda’a.

Bariisaa: Ammaan tana duudhaan waldanda’anii waliin jiraachuu ummataa waan haphachaa dhufe fakkaataatii kana akkamitti bakkatti deebisuun danda’ama jettu?

Doktar Aagituu: Akka amantaa kootti rakkoon kun jaarraawwan danuu kan lakkoofsiseedha. Mootonni ummata jidduutti adda addummaa uumanii hawaasa muraasa qofa fayyadamaa gochuudhaan inni kaan biyyumasaatti akka ormaatti akka ilaalamu waan taasisaniifi.

Waanti kun ammoo amma itti hammaataa waan dhufeef eenyummaa kan walooti jennuufi irratti waliigallu nu dhabsiisaa jira. Maqaa saba tokkootiin muraasonni aangoofi qabeenya biyyattii to’achuudhaan sirni isa kaan cunqursu waan diriireef dhaloonni amma jiru akka addummaa qofatti amanu taasifameera.

Kanaafi, mee qaamni bilisummaafis qabsaa’a jedhu naannawa naannawatti uumamaa kan jiruuf. Ani akkuma kitaabaa koo keessatti eeretti furmaanni qofa galeessi rakkinicha ifatti baasanii sirriitti dhiyeessanii Uumaas ta’e ummata dhiifama gaafachuutu barbaachisa. Guyyaan diddiirrannaa qalbiiifi araaraa akka qophaa’uuf waggaa lama dura ministira muummeef yaada dhiyeesseen ture.

Duraan dursee ummanni dhiifama walii gochuu qaba. Garaansaa qulqullaa’uu qaba. ilaalchi haaloo dhabamsiifamuu qaba. Waan sun hintaaneef wal ajjeesuufi walballeessuun waljalaa guddataa dhufe. Gama seerota wajjummaa jiraachisuu hindandeessisne jijjiiruutiin hogganta qajeelummaa qabutu barbaachisa yaada jedhun qaba. fakkeenyaaf, sirna Ameerikaa keessaa qajeelummaan jira.

Biyya kanatti garuu namni akka seerri fooyya’u gaafatu heericha morme jedhamee akka hammeenyaatti jalaa ilaalama. Kanaafuu, hoggansarraa kaasee hanga ummataatti qajeelummaa barsiisuun barbaachisaadha. Akkuma barsiifatawwan miidhaa qaqqabsiisan barsiisuudhaan hir’isuun danda’ame gochoota walballeessuufi inaaffaa gaaraa hanga dakaatti barsiisuu barbaachisa.

Waanti hinaalle tokko, rakkoon hoggantoota Itoophiyaa tokko tokkoo malaammaltummaa otoo hintaane aangoosaanii garmalee jaalachuusaaniiti. Yoo seerichi aangoosaanii kan tuqu ta’e fooyyessuu hinbarbaadan. Amma garuu ofiisaaniirra ummataaf yaaduu qabu. Yoo seeras ta’e hojmaanni wajjummaan jiraachuuf gufuu ta’u jiraate dhabamsiisuuf eeyyamaa ta’uufi kaka’umsa qabaachuun dirqama.

Bariisaa: Yaada araaraa isin kaaftaniin walqabatee mootummaan komishinii marii biyyaalessaa hundeesseera. Barbaachisummaa komishinichaa akkamitti ibsitumee?

Doktar Aagituu: Akka amantaa kootti hundeeffamuun komishinii marii biyyaalessaa faayidaa guddaa qaba. Araarri kanaan dura barre otoo kan darbe hin ka’iin callifameetuma dhiifama walgaafadhaa kan jedhuudha. Kun gonkumaa waan ta’u miti.

Sababnisaas rakkinichi tokko tokkoon waan hinibsamneef inni miidhe balleessaasaa beekee waan dhiifama hingaafanneef madichi deebi’ee oggaa ka’u argaa jirra. Akka amantaa kootti amma waltajjiin hundumtuu rakkoo ittikaasu yoo mijate; inni balleesse addaan baafamee akka dhiifama walgaafatuuf akka haala gaarii uumun amana.

Keessumaa waantota komiifi addummaaf madda ta’an addaan baasanii gara fuulduraatti fiduudhaan mari’annee walsirreessuu qabna. Karaa rakkinichi ittiin furamus ummanni mataansaa fiduu qaba.

Dubbii keenyarratti oggaan barattuu ture iddoowwan adda addaatti gumgummiiwwan turaniiru. Garuu keessumaa mootichi komiiwwan ogummaadhaan furuuf tattaafataa turan. Ammas yoo ta’e rakkoon hinfuramne akka hinjirre barsiisuu qabna.

Bariisaa: Walittibu’iinsa mudatuun keessumaa dubartootaafi daa’imantu miidhamaa jira. Haala kanaan rakkoon jiru akkamitti furamuu qaba jettu?

Doktar Aagituu: Ani Rakkoo biyya kanaa furuuf Ameerikaa Giddugaleessaarraa barachuu qabna jedheen amana. Jalqabarratti ajandaawwan siyaasaa araaraan erga hiikanii booda, hojiin deggarsa walitti qabanii buqqaatoota deebisanii dhaabuu hojjechuusaaniitiin miidhaa olaanaa buqqaatiin geesisuu danda’u hambisaniiru. Itoophiyaanis muuxannoon akkanaa hojiirra akka ooluuf amma akka dhimma ijootti ilaalamuu qaba.

Lammilee sababa waraanaatiin buqqa’an kanneeniif lafarraa eegalee, dhiheessii faayinaansiifi deggarsawwan garagaraa taasisuun ofiisaanii akka bayyanachiisaniifi gargaaramummaa jalaa akka ba’an gochuu barbaachisa. Anis muuxannoosaa waanin qabuuf hojicha keessatti hirmaachuuf fedhan qaba. Yaada kanas dursanii ministirri muummee waan dhiheesseef mootummaa waliin ta’uun deggarsa taasisuuf karoorfadheera. Hojiin deebisanii dhaabuu kun akka milkaa’uufis hawaasni hundi tumsuu qaba.

Bariisaa: Dhalattoonni Itoophiyaa biyya alaa jiraatan tokko tokko gocha hawaasa as jiru walittibuusuutiin qabamanii mul’atu. Namoota kanneeniif ergaa akkamii qabdu mee?

Doktar Aagituu: Dhugaadha. Kana ilaalchisee kitaaba koo keessattis waanin jedhe qaba. Diyaaspooraan maallaqa guddina biyyaatiif oolu erguurra olola sobaatiin ummata walficcisiisuuf akka ergan quban qaba. Kan si dinqu kan dachii Itoophiyaarratti waantonni hundi mijaa’aniifii jiraate; barateefi ijoolleesaa barsiifatee iddoo guddaadhaan gahate otoo hinhafiin biyyaa bahee achi dhaqee biyya waraanuuf shira xaxu jira.

Ani gama kootiin haala kanatti baay’een gadda; Itoophiyummaa kootti waanin boonuuf namoota akkanaa ifattin balaaleffadha. Keessumaa dhalattoonni Naannoo Oromiyaa, sochii Oromiyaa bilisa baasna jechuun taasisan hindeeggaru.

Sababiinsaas ummanni Oromoo yeroo sirna Minilikis biyyasaatiif dhiigasaa dhangalaaseera; ummata hanga ammaattis tokkummaa biyyasaatiif kufaa jiruudha. Oromoos ta’e inni ummanni aadaadhaanis ta’e dhiigaan kan walitti hidhameedha. Kanaafuu, ummata haala kanaan walkeessa jiru bifuma kamiinuu addaan baasuu hindanda’an.

Fakkeenyaaf, oggaan barnootaaf Gondar deeme waantonni gadhee hedduun natti himamanii turan; garuu waanti achi dhaqee arge lafaafi samiidha. Sirumayyuu namoota keessummaa simataniifi jaalalaa turan. Ammas ummata bira kan jiru jaalala akkasiiti. Kanaafuu, namoonni ummata walnyaachisan kana hubatanii gochasaaniirraa akka of qusatan jedheen ergaa dabarsaaf.

Bariisaa: Otoo gara Ameerikaatti imaluuf qophiirra jirtanii yeroo qabdanirraa nuu qooduun turtii nu waliin taasistaniif guddisnee isin galateeffanna.

Doktar: Isinis akkan yaada koo qooduuf waan carraa kana naa kennitaniif galatoomaan jedha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You