Sirni gaggeessa kabajaa reeffa ogeessa fiilmii Artisti Taarikuu Birhaanuu (Baabaa) bakka maatiinsaa, firoonniifi jaalattoonni aartii agamanitti Wiixata darbe (Mudde 3 bara 2015) Tiyaatira Biyyaalessaa Itoophiyaatti raawwatameera.
Galmi Tiyaatira Biyyaalessaa Itoophiyaa namoota reeffasaa gaggeessuufi gadda ittidhaga’ame ibsachuuf argamaniin guutameera. Artisti Taarikuun umriisaa ijoollummaarraa kaasee hojii fakkeenyummaan eeramu hojjetee akkuma gaaddisaa si’aayinaan darbeera.
Arjummaafi garalaafummaan kan beekamu Artisti Taarikuun, ijootasaa akka urjii ifan otoo hinmararfatiin umriisaa waggaa 23tti, “Oggaa du’u iji koo lammii koof haa ta’u” jedhee waan dhaameef, erga boqotees kun raawwatameera.
Sirnicharratti kan argaman Ittigaafatamtuun Biiroo Aadaafi Turizimii Finfinnee Doktar Hiruut Kaasaawu fiilmiiwwansaa dabalatee hojii dhalootaaf darbu waan hojjeteef ijaa qalbii namoota lubbuun jiranii keessaa hinbadu. Yeroo umriinsaa daa’ima jedhamuu danda’utti ijasaa namoota hinbeekneef arjoomuunsaa bilchiinsisaa hammam akka ga’u agarsiisa” jedhan. Arjoominasaa kanaafis Baankii Ijaa Itoophiyaarraa waraqaan ragaa obboleessasaa hangafaaf kennameera.
Bara 1977 kan dhalateefi abbaa ilma tokkoo kan ture Taarikuu Birhaanuu (Baabaa) umriisaa waggaa 38tti boqote. Fiilmiiwwan 60 ta’anirratti taatoo ta’ee fakkaatee otoo hintaane ta’ee hojjechuunsaa ga’umsisaa olaanaa ta’uu kan agarsiisuudha. Dandeettiidhumasaa kanarraa ka’uun artistoonni danuun isa wajjin hojjechuu kan hawwan ta’uunis himameeraaf.
Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas maatiisaatiif, firootasaatiif jajjabina hawwa.
Kutaa qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015