Tamboo xuuxuu akkamitti dhiisu?

Bara 2015 keessa addunyaa keenya irraa namootni biliyoona tokkoo ol ta’an akka tamboo fayyadaman Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gabaasee ture. Dhaabbatumti kun akka gabaasetti, biyya keenya Itoophiyaa keessattillee bara 2002 namoota umuriin ga’eeyyii ta’an keessaa dhibbantaan 4.69 tamboo akka fayyadaman ibsee ture.

Tamboon akka addunyaatti waggaatti namoota haga miliyoona saddeet lubbuu kan galaafatu yoo ta’u, kanneen keessaa namoonni miliyoona torba ta’an kallattumaan ofii isaanii tamboo waan fayyadamaniif (active smokers) yoo du’an, namoonni miliyoona tokko ta’an ammoo osoo ofii isaanii hinfayyadamiin (passive smokers) aara tamboo namoota yeroo hedduu isaan baratti fayyadaman irraan isaan qaqqabuun galaafatamu.

Namoonni tamboo aarsuu maaliif eegalu?

Namoonni hedduun tamboo aarsuu kan jalqaban umurii dargaggummaan dura (waggoota kudhanii hanga digdamaa) yoo ta’u, kan erga umuriin dargaggummaa darbee eegalanillee ni jiru. Akka qorannoowwan hedduun argisiisanitti tamboo aarsuu jalqabuuf kanneen akka sababaatti tarreeffaman keessaa:

  1. Tamboo xuuxuu akka furmaata muddamuu (dhiphina) sammuufi aarii (anger) taasisanii fudhachuudhaan, namoonni yoo waa dhiphataniifi aaran, akkasumas gaddan, tamboo aarsuu eegaluu: Fakkeenyaaf hojiin loltummaafi kkf carraan tamboo aarsuu isaanii olka’aadha.
  2. Tamboo aarsuu akka mallattoo ga’eessummaa, ofdanda’uu, bilisummaa sammuufi ammayyummaatti ilaaluun fayyadamuu jalqabuu,
  3. Sababa dhiibbaa hiriyootaafi (peer pressure) maatii. Namoonni hiriyoota tamboo aarsan waliin jiraataniifi maatiin isaanii tamboo aarsan carraan tamboo aarsuu jalqabuu isaanii olka’aadha.
  4. Namoonni beekamoo ta’aniifi namoota hedduun jaallataman akka taatota fiilmii (film actor)fi kanneen biroo tamboo yoo aarsan, daa’immaniif dargaggoonni fakkeenyummaan waan fudhatanii fayyadamuu eegaluu malu.

Midhaaleen fayyaa tamboon qaqqabsiisu keessa muraasni maal fa’ii?

Tamboo xuuxuun hammi isaa walcaalaa ta’us qaama keenya hundaa irratti miidhaa garmalee hamaa geessisa jechuun ni danda’ama. Akka dhaabbatni ‘National institute for drug abuse’ jedhutti namoota dhukkuba kaansariin du’an keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an lubbuusaanii kan dhaban sababa tambootiin ta’uu ibsa. Sirna qaamota keenyaa keessatti dhibeewwan fayyaa dhufan keessaa warri hangafniifi muraasni:

  • Kaansarii sombaa: Gosa kaansarii dhala namaa qabatu hunda keessaa kan yerooo ammaa kanatti nama baay’ee ajjeesuudhaan sadarkaa 1ffaa irra jiru kansarii sombaati. Namoota kansarii sombaan qabaman keessaa harki 87 warreen tamboo fayyadamaniidha. Kana jechuun salphaadhumatti namoonni kudhan yoo kaansarii sombaan du’an, kanneen keessaa namni sagal sababa tamboo aarsaniif kan qabamaniidha jechuudha.
  • Dhibeewwan sombaa kan ujummoolee sombaa ukkaamsuun/ cufuun nama miidhan (obstructive lung disease) kan jedhaman: Dhukkuboota kana keessaas harka 80 kan ta’an sababa tamboo kan dhufanidha. Tamboo aarsuun dhukkuba asmii warreen duraan qabanittillee dhukkubicha kan daran hammeessuudha.
  • Dhukkuba onnee: Tamboo aarsuun ujummoolee onnee kanneen dhaaba onneef dhiiga rabsan (coronary artery) dhiphisuudhaan dhiigni akkka sirritti dhaaba onnee keenyaaf hinqaqqabne taasisuudhaan dhukkuba salphaatti onnee dadhabsiisuu (Coronary artery disease) danda’u fida.
  • Dhukkuba Istirookii (stroke): Akkuma onnee irratti taasisu sammuu keessattillee hiddoota dhiigaa sammuu keessatti argaman hubuudhaan, dhibee kanaan carraa qabamuu olkaasa.
  • Dubartoota irratti carraa ulfa gadameessaan alaa (ectopic pregnancy) dabaluufi carraa mucaa godhachuu hir’isuu ni fida, Akkasumas haati ulfaa yoo kan tamboo fayyadamtu ta’e, daa’ima dhalatu iratti rakkoo garaagaraa kanneen akka, yeroon osoo hinga’iin dhalachuu, ulfaatinni baay’ee xiqqaachuufi rakkoolee biroollee geessisa.
  • Kaansarii qaamota biroo kanneen baay’inaan kudhanii ol ta’an akka, afuuffee fincaanii, kaansarii ulaa gadameessaa, kaansarii rajiijii, kaansarii garaachaa, kaansarii tiruufi kanneen biroo hedduun tamboo fayyadamuun carraa isaaniin qabamuu dhala namaa olkaasa.

Namoonni tamboo aarsan ykn fayyadaman marti dhukkuboota armaan oliin qabamuuf carraa walfakkaataa hinqabani. Namoonni yeroo dheeraadhaaf tamboo fayyadamaniifi guyyaatti tamboo hedduu fayyadaman, kanneen yeroo gabaabaafi tamboo muraasa guyyaatti fayyadaman caalaatti carraa dhukkuboota armaan olii kanaan qabamuu qabu.

Namni tamboo fayyadamu tokko har’aa kaasee yoo tamboo aarsuu dhaabe maal fayyadamaa?

Tamboo namoonni fayyadaman miidhaa isaa baranii yoo guutummaa guutuutti dhaaban maal fayyadamu kan jedhuuf, carraan dhukkuboota sababa tamboo xuuxuun dhufaniin qabamuu baayyee gadi bu’aa deema. Haaluma kanaan:

  • Tamboo fayyadamuu dhaabanii wagga tokkoo booda, carraan dhukkuba onneen qabamuu hedduu gadi bu’a
  • Erga tamboo fayyadamuu dhaabanii booda waggaa sadii booda carraan dhukkuba sammuu keessati dhiiguun qabamuu kanneen tamboo hinfayyadamne waliin walqixa ta’a.
  • Carraan kaansarii soombaan qabamuu ammoo erga tamboo fayyadamuu dhaabanii wagga kudhanii booda walakkaadhaan qofaan gadi bu’a.
  • Carraan kaansaroota biroo (kansarii sombaa osoo hindabalatiin) waggaa shaniif tamboo erga dhaabanii booda walakkaadhaan gadi bu’a.

Tamboo xuuxuu akkamitti dhiisu?

Qabxiilee armaan gadii kana hordofi

  1. Amalakee qori

Fedhii xuuxuukee akka dabalu kan godhu haalli ykn waanti addaa maaltu jira? Haala kana irra deebi’ii ilaaliiti waan sana dhabamsiisi, yookiin ittin mormuuf qophaa’i

  1. Hiriyootakee waliin ciree gaarii nyaadhuu. Qofummaa dhabamsiisi.

Naannoo haaraa barbaadi. Sagantaakee, mareekee bakka dur itti argamtu jijjiiri. Naannoo si boqochiisuufi nageenya qabu keessatti hirmaadhu.

  1. Michootaafi maatiikee itti dabali.

Xuuxuu akka dhaabde hunduma isaanitti himi. Isaan si gagaaruu. Yoo siif dandaa’ame nama dhiisuuf barbaadu kan biraa qunnami. Yeroo argitu immoo jajjabina ni kennitas, ni fudhattas.

  1. Nyaatakeef of eegannoo godhi.

Araada irraa hiikamuun fuduraaleefi kuduraalee baay’ee wajjin deemuu qaba. Bishaan baay’ee cuunfa loomii waliin dhugi. Kun qaamakee keessa nikootinii balleessa. Fedhii ati tamboodhaaf qabdu suuta suuta gadi buusa.

  1. Sochii qaamaa

Sochiin qaamaa gadda yeroo araada irraa hiikaman namatti dhufu irra nama bashannansiisa. Yaada qajeelaas ni jajjabeessa. Ganama utuu ciree hin nyaatiin sochii qaamaa taasisuu hindagatiin. sochiin qaamaa ofiisaatiyyuu keessikee guyyaa guutuu akka gammaduufi si’aa’u si godha.

  1. Ofiikee badhaasi.

Maallaqa tamboo xuuxuu dhiisuukeetiin walitti qabdeen waan jaallattu tokko bitadhu. Fakkeenyaaf uffata ykn kophee, yoo feete bakka biraa deemii itti bashannani.

  1. Kallattii hafuura irraa gargaarsa barbaadi. Araada kan qaban namoonni baay’een sadarkaa kanatti xiyyeeffannoo kennuu dhiisuudhaan yaalii isaanii keessatti utuu hinmilkaa’iin hafu. Amala kana moo’achuudhaaf humna akka argattutti, akka nama michuu isaatti himuutti Waaqayyoon kadhadhu. Rabbiikeetti michoomi boqonnaa guutuu akka argattuuf.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015

Recommended For You