Rakkoo atileetiksii Oromiyaa hiikuuf hunduu qoodasaa bahachuu qaba

Mariin haala qabatamaa guddina atileetiksii Oromiyaarratti xiyyeeffatu tibbana Magaalaa Asallaatti adeemsifameera. Maricha kan gaggeessan Hoggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Saamiyaa Abdallaa, Daariktara Barnoota, Leenjiifi Waldorgommii Obbo Mokonon Baqqalaa, Ittigaafatamaa Waajjiraa Fedeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Inistiraakter Adunyaa Shiimallis yoo ta’an, maanajaroonniifi leenjistoonni kilabiifi atiletonni kilabii keessatti hammataman leenjicharratti hirmaataniiru.

Maricharratti yaadonni bal’aan rakkoo kilaboota atiletiksiif furmaata ta’an ka’aniiru. Hoggantuun biirichaa akka jedhanitti, rakkooleen ka’an yeroo dheeraa waan kuufamaniif qaama tokkoon hiikuun hindanda’amu. Kanaafuu hundumtuu ga’eesaa qoodachuu qaba. Qindoominaan yoo hojjenne malee rakkoolee atileetiksii yeroo dheeraaf kuufaman hiikuun hindanda’amu.

Atiletiksiin biyya beeksisuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Kanaafuu hojii gahee atileetiksiin biyya beeksisuu keessatti qabu waliin walmadaalu hojjechuuf qophii ta’uu qabna. Kilaboonni haala gaariin socho’aa jiran kanneen akka Burayyuu, Adaamaa, Sabbataafi Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaatiin galatooma jechuun kanneen hafanis cimanii akka hojjetaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Dhaabbilee barnootaa keessaa Yunivarsitiin Salaaleefi Dambi Dolloo kilabii atileetiksii hundeessuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jiraachuu kan himan hoggantuun tun, yunivarsitoonni biroonis muuxannoosaanii kana babal’isuun guddina atileetiksiif gahee isaanirra eegamu akka bahataniif dhaamsa dabarsuusaanii odeeffannoon BDIO biraa argame ni addeessa.

BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015

Recommended For You