Doktar Abiyyi Ahmad Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 17ffaa mataduree, “Sabdaneessummaa keenya nageenya waaraa keenyaaf” jedhuun dheengadda sirna ho’aadhaan kabajame ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaasaaniitiinis nageenya waaraa qabaachuu kan dandeenyu yoo sabdaneesuummaa keenya jabeeffanneedha jedhan. Itoophiyaafi Itoophiyummaan nageenya waaraan ala, nageenyi waaraan tokkummaa sabdaneessummaan ala milkaa’uu hindanda’u jedhan Doktar Abiyyi.
Guyyaan saboota, sablamootaafi ummatoota Itoophiyaa Ayyaana Itoophiyaanotaati. Itoophiyummaan ibsituu tokkummaa waloo sabootafi sablamootaati. Itoophiyummaan safuu, aadaa, seenaa, hambaalee, afaanonniifi ogummaan ibsituu sabootafi sablamootati jedhan.
Itoophiyaafi Itoophiyummaan dirree addunyaarratti injifatoo akka ta’aniif yoo barbaanne hundi keenya karaa ittiin injifatoota taanu uumuu qabna.
Hundi keenya injifatoota kan taanu yoo Itoophiyaa hunda keenyaaf taatu ijaaruu dandeenyeedha. Baroota darban waantota hinraawatamne jennu gochuun Itoophiyaa ishee bor ijaarruudha. Rakkoowwan baroota darban godhamuu kan hinqabneedha sirreessuudha. Itoophiyaa hunda keenyaaf taatu ijaaruun kan danda’amu hundi keenya xiyyeeffannoo keenya bor irra yoo keenyeedha jedhan.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaas guyyichuma sababeeffachuun ergaa dabarseen, sabdaneessummaan keenya madda cimina keenyaati jedheera.
Itoophiyaan uumamasheetiin biyya sabdanooftuu ta’uus ifoomsera. Biyya aadaa, afaaniifi eenyummaa hedduu qabdu, kan sabaafi sablammoonni tokkummaan keessa jiraatan, biyya guddoo ta’uushees eereera.
Sabdaneessummaanshee kun qaamolee tokko tokkoof wayita sodaafi yaaddoo ta’uun kan mul’atu ta’uus eerameera.
Duudhaa tokkummaa sabdaneessummaa keessatti qabdnu madda cimina keenyaa ta’uu qormaata wayita garagaraatti biyyattii mudataa ture tokkummaan qorachuun ragaadha jechuun himeera.
Dhaadannoon kabaja guyyichaa tokkummaan sabdaneessummaa utubaa nageenyaa ta’uu kan hubachiisuudha jechuun eerera. Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa baranaa wayita balaa biyyattiirratti aggaamame qolachuun cimina keenya mirkaneessinetti kabajamuun adda kan isa taasisu ta’uus eereera.
Tokkummaa sabdaneessummaan faayidaa itti fufiinsa qabu kan mirkaneessu ta’uu ibseera. Mootummaan badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf akkaataa sabdaneessummaafi tokkummaaf mijatuun nageenya waaraa mirkaneessuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa sochii taasisaa jiraachuu himeera.
Shira fiinxaaleyyiin biyyattii diiguuf taasisan tokkummaa sabdaneessaan fashaleessuuf qaamoleen hundi qoodasaanii bahuu akka qaban mootummaan waamicha dhiyeessuus Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ergaa dabarseen beeksiseera.
BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015