Yunivarsiitiin Waacheemoo bara 2004 kan hundaa’e yoo ta’u bara 2005 irraa kaasee, irra jireessaan qorannaa Agroo Piroosasingii qonnaan bultoota dachaan fayyadamoo taasisanirratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.
Gama kanaanis, waggaa waggaan qorannoowwan qonnaan bulaa fayyadamaa taasisan 100 ol kan hojjetaman yoo ta’u, kunneenis shelfiirra kan taa’an osoo hintaane qabatamaan rakkoo hawaasa qonnaan bulaa naannawichaa kan hiikan ta’uu Pirezdaantii Ittaanaan yunivarsiitichaa Doktar Tsaddaqaa Laamoree Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Akkasaan jedhanitti, yunivarsiitiin Waacheemoo damee qonnaan wiirtuu kalaqaa, qorannoowwan rakkoo qonnaan bulaa furaniifi omishaafi omishtummaan akka guddatuuf gargaaran itti hojjetaman ta’ee tajajilaa jira. Sochii gama kanaan taasifamaa tureen sanyiin qoccoo 80 ol qorannaan mirkanaa’e hawaasa qonnaan bulaaf raabsamuun omishtummaansaanii dachaan akka dabaluufi bu’a qabeessa ta’an taasiseera.
Rakkoon qulqullina omisha qoccoos akka hinmudanneef maashinii ammayyaa qoccoon itti soqamu yunivarsiitii Waacheemoon kalaqamuun tajaajilaaf oolchuu eeranii, kanaanis omishaafi omishtummaan qoccoo dabaluusaa himu. Yeroo ammaattis barbadamummaan sanyii qoccoo daran dabalaa jiraachuufi hawaasa naannawaa Hadiyyaa hunda waliin gahuurrattis hojjetamaa jiraachuu ibsu. Kana malees, sanyii filatamaa qamadii waagii keelloo dandamachuu danda’u qorannaan mirkana’uu kaasanii, yaalii kanaan dura taasifameen jijjiiramni guddaan mul’achuu danda’uu dubbatu.
Akka ibsa pirezdaantii ittaanaa kanatti, waggaa dhufu irraa kaasee qamadii dhibee waagii keelloo dandamachuu danda’u qonnaan bulaaf raabsuun omishaafi omishtummaa qamadii dachaan dabaluuf kutannaan hojjetamaa jira. Qamadii alaa galu hambisuuf kallattii mootummaan kaa’e bu’uureeffachuun yunvarsiitichis toora xiyyeeffannaasaa taasifachuun omisha qamadii fooyya’aa waliin ga’uuf hojjetaa tureera.
Hojii omishtummaa qamadii dachaan dabaluuf hojjetamaa tureen sanyiin qamadii dhibee waagii keelloo dandamachuu danda’u qorannaa yunivarsiitii Waacheemoon argame waggaa dhufu guutummaa guutuutti hojiirra akka oolus ni himu. Gama kanaanis, gammachuu qonnaan bulaan qabu olaanaa ta’uufi kanaafis agarsiistuu kan ta’e yaalii qonnaan bultoota muraasaan gaggeeffame ta’uu kaasu.
Sanyii qamadii omishtummaa dachaan dabalu qofa babal’isuun gahaa waan hintaaneef gama qulqullinaan dhaabuun walqabatee rakkoo dhufu hambisuufis yunivarsiitichi hojjetaa turuu kan himan Doktar Tsaddaqaan, yeroo ammaattis maashinii ammayyaa qamadii qulleessu (dhahu) kalaquun qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jiraachuu ibsu. Maashiniin kun hayyoota yunivarsiitichaan kan kalaqame ta’uufi abbummaa kalaqaas fudhachuu himu.
“Yunivarsiitiin Waacheemoo omisha qamadii dachaan dabalaniifi waagii keelloo dandamachuu danda’an irratti qorannaa tasisaa ture keessaa shan kan adda baase yoo ta’u, isaan keessaa tokko raabsamee jijjiiramni guddaa argameera. Kanneen hafanis xiyyeeffannoon kennamee bu’a qabeessummaasaanii qabatamaan mirkaneessuuf qorannaa olaanaan gaggeeffamaa jira. Hadiyyaan misooma omisha qonnaan alatti horii horsiisuunis beekamtii waan qabuuf gama kanaanis misooma looniirratti xiyyeffannoon kennamee hojjetamaa jira” jedhu.
Beeladoota akka lukkuu, re’ee, hoolaafi horii aannaniirratti qorannaa taasisuun qonna maraan fayyadamummaa hawaasa naannawaa qabatamaan mirkaneessuuf hojjetaamaa turuu kaasanii, kanaaf sababa guddaa kan ta’es aadaa ummanni Hadiyyaa loon dhibba tokko ykn kuma tokko horachuun maqaa kabajaa itti argatu sababeeffachuun ta’uu himu.
Akka aadaa Hadiyyaatti loon dhibba tokko ykn kuma tokko yoo horatan maqaan kabajaa abbaa looniif kan kennamu yoo ta’u taateen kun madda hawwata tuuristii galiin itti argamu akka ta’uufis qorannoowwan garagaraa hojjetamaa turuu kaasu. Ummanni Hadiyyaa aadaa kanaan maqaa kabajaa argachuurra darbee madda galii godhachuu akka danda’u qorannaan mirkanaa’uus ni ibsu.
Akka Doktar Tsaddaqaan jedhanitti, yeroo muraasa booda aadaan kun gadi bahee akka mul’atu tuuristiin biyya keessaafi alaa garasitti imalee akka daawwatuuf hojjetamaa jira. Loon dhibba tokko ykn kuma tokko horachuun maqaa kabajaafi madda galii godhachuun alattis sanyii loonii aannan dachaan dabaluu danda’an kan fooniif oolanis qorachuun fayyadamummaa qonnaan bulaarratti hojjetamaa tureera. Hadiyyaan qabeenya dinagdeeshee olkaasuu danda’u osoo qabduu haalaan itti fayyadamuu dhabuusheetiin fayyadamummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuuf toora xiyyeeffannoo yunivarsiitichi kaa’een qorannaan kun gaggeeffamaa tureera.
Yeroo ammaattis bu’aaleen qorannoo tole nama jechisiisan galmaa’aa jiraachuu kan kaasan Doktar Tsaddaqaan, ammas cimee akka itti fufu taasifamuufi Yunivarsiitiin Waacheemoo faayidaa hawaasa bal’aa qabatamaan mirkaneessuuf humna guutuun hojjetaa jiraachuu himu. Misooma qonnaa ammayyaa babal’isuun alattis ayyaanonni, duudhaaleefi sirnoonni hawaasa bal’aa biratti madda galii ta’uu danda’an qoratamuu akka qaban murtaa’ee gama kanaanis hojjetamaa jiraachuu eeru.
Kabaja waggaa haaraa Ummata Hadiyyaa kan ta’e Yaahodeen wiirtuu hawwata tuuristii akka ta’uufis qorannoowwan gadi fagoo taasifamaa jiraachuus Pirezdaantii Ittaanaan kun kaasanii, aadaan kun madda galii ta’ee jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu danda’a yaada jedhu giddugaleeffachuun toora xiyyeeffannoo taa’een ayyaanni waggaa haaraa Yaahodeen deeggarsa Yunivarsiitii Waacheemoon akka qophaa’u ta’uusaa ibsu.
Duudhaaleen ummatichaa madda galii ta’uun dinagdeen ishee humneessuu danda’an hedduu ammallee jiraachuufi kanneen hafanis qorannoofi qo’annoo yunivarsiitichi gaggeessu keessatti hammatamuu eeranii, Yunivarsiitiin Waacheemoo waggaa waggaan qorannoofi qo’annoo garagaraa rakkoo qonnaan bulaafi hawaasa naannawaa hiikan akkasumas, dinagdee utuban 130 gahan kan hojjetu yoo ta’u waraqaaleen qo’annoo hojjetamanis akkasumaan sheelfiirra akka taa’uuf osoo hintaane rakkoo hiikee yunivarsiitiiwwan biroof galtee ta’uu akka danda’uufillee kallattiin taa’uusaa addeessu.
Gama kanaanis, omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa dachaan dabaluuf sochiin Yunivarsiitii Waacheemoo keessatti eegalame kun yunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessa jiran tokko tokko akkasumas, yunivarsiitii Walaayittaa, Arbaaminci, Hawaasaafi kan biroo waliinis muuxannoo waljijjiirraa taasisaa jiraachuu himu. Keessattuu damee qonnaarratti qorannoowwan dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti taasifaman kan jajjabeeffaman ta’uu kaasanii, dinagdee biyyaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf bu’uura kan buusan ta’uus ni himu.
“Tarsiimoo eeggattummaa midhaan nyaataa jalaa bahuu jedhuun qamadii alaa galu biyya keessatti omishuu ofirras darbanii alergiif gahuuf sochiin, qorannoofi bu’aan dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti galamaa’aa jiru kan nama abdachiisudha. Haata’uutii mala aadaa kanaan dura tureen omishaafi omishtummaa dabaluun hindanda’mu. Qorannoo gaggeeffamu cinaatti aadaa bishaan cimmisuun waggaatti lama omishuu akka gabbatu kana malees, lageen qabnu wiirtuu hawwata tuuristiifi madda galii taasisuuf kallattiin taa’ee akka yunivarsiitichaatti irratti hojjetamaa jira” jedhu.
Akka Doktar Tsaddaqaan ibsanitti, kaayyoofi ergama yunivarsiitiin Waacheemoo misooma qonnaa babal’isuu, omishaafi omishtummaa guddisuuf qabatee ka’e bu’aa qorannoo waraqaarra taa’uu qofa osoo hintaane qabatamaan rakkoo hawaasa bal’aa hiikuun hiyyummaafi eeggattummaa seenaa godhee ummata oomishasaa gabaa alergiif geessisuu danda’u horachuudha. Kun akka ta’uufimmoo haala naannawaa giddugaleeffachuun maalirratti yoo hojjetame dinagdeen qonnaan bulaa fooyya’uu danda’a isa jedhu qorachaa irratti hojjechaa biyya badhaate ijaaruuf humna guutuun hojjetamaa jira.
Walumaa galatti Yunivarsiitiin Waacheemoo hawaasa qonnaan bulaa dinagdeen humneessuuf biyya keessaafi alatti dhaabbilee barnoota olaanaa waliin hariiroo cimsaafi muuxannoo waljijjiiraa bu’aalee jajjabeessoo kan galmeessise yoo ta’u, bu’aalee qorannoo biroo dhiyootti ifoomanis of harkaa qaba jedhu.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015