Yeroo waa’een jijjiiramaa ka’u namoonni akka Roozaa Paarki ni yaadatamu jedheen yaada. Yeroo namoonni namummaa isaaniin utuu hinta’in bifa gogaa isaanii irratti hundaa’uun gadi qabamaa turan keessatti nama mataa jabaattee haala firoottan ishee mataa gadi qabachise injifattee jiraatte akka taate seenaan ishee ni mirkaneessa. Dubartiin kun yeroo itti gurraachonni hedduun bifa isaanii irraa kan ka’e gadi qabamaa turan keessatti geejjiba ittiin deemaa turte yookaan aawutoobusii keessa namni adiin yeroo seene duraa ka’uu didde.
Bakki isheen teesse gara fuula duraa ture. Bakki sun gurraachaaf hineeyyamamu ture. Seerri biyya Ameerikaa keessa ture addumaan magaalaa isheen keessatti walqixxummaa barsiisuuf yaalte kun magaalaan Alaabaamaa seera mataa isaa danda’e qaba ture. Adiin yeroo konkolaataa seenu gurraachi jalaa ka’ee teesisa. Gurraachonni konkolaataa magaalaa Roozaa Paarki isa kana nididde. Seerri kan isheef hineeyyamne yoo ta’e illee dhalli namaa akka dhala namaatti kan ilaalamu bifa gogaa isaan utuu hinta’in dhala namaa ta’uu isaatiin akka ta’e nama amante, isa kanaaf ammoo aarsaa barbaachisaa kanfaluuf nama qophoofte turte.
Isa kanaaf ammoo ija jabinaan dhaabatte. Inni kun mana hidhaatti darbachiiseera; hidhamteetti. Haa ta’u iyyuu malee jijjiiramni guddaan rakkoo dhandhamte kanatti aansee dhufeera. Namoonni akka Maartiin Luutar Kiing ishee duubaan ka’uun dhalli namaa bifaan akka namaa gadiitti akka hinilaalamne, seerri hamaan dhala namaa akka gadiitti ilaalchisaa ture akka irra deebi’amee ilaalamuufi seerri biyyichaa akka fooyya’uuf sababa guddaa taate. Jijjiiramaaf nama eeguu utuu hinta’in nurraa eegala. Jijjiirama dhala namaa haala inni keessatti kufee, hamileen isaa miidhame keessaa baasuuf nama kan biraa utuu hinta’in duraan dursinee nuti socho’uu qabna; gaarii hojjechuuf yoomiyyuu boodatti deebi’uu hinmallu.
Jijjiiramni akka waloo qofatti utuu hinta’in akka dhuunfaattis nibarbaachisa. Isa kanaaf ammoo akka dhuunfaattis jijjiiramuun gaariidha. Tokkoo tokkoon keenya jijjiirama fiduu ni dandeenya. Isa kana dagachuun barbaachisaa miti. Yeroo tokko waa’ee Loren Eiseley maanguddoo jedhamu bashannanaaf qarqara galaanaa utuu deemanii dargaggeessa jijjiiramaaf hanga dandeettii isaatii tattaafatu tokkoo arguun isaanii akka daran isaan ajaa’ibsiise barreeffama dubbatu tokko dubbiseen ture.
Dargaggeessi kun ariitiin gadi jedhee utuu ol jedhuu arganii itti siqanii yeroo ilaalan qurxummii dhahaan galaanaa darbatee bakkeetti baasu tokko tokkoon funaanee bishaanitti deebisa. Manguddoon kunis dhaabatanii erga ilaalanii booda “Maal hojjettaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Qurxummiin galaanatti deebisa” jedhe. Maanguddoonis deebisanii “Maaliif galaanatti deebistaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Aduutu ba’aa jira. Qurxummii kana galaanatti hindeebisu taanaan niajjeesa” jedhe. Isaan booda maanguddoon kun “Galaanni kun dheeraadha. Qurxummii hedduun galaanaan darbatamanii bakkee akka guutan hinarginee? Jijjiirama nan fida jettee yaaddaa?” jedhan. Dargaggeessichis gadi jedhee qurxummii tokko fuudhee galaanatti deebisaa “Qurxummii tokkoo kanaaf jijjiirama fiduu danda’eera” jedhe. Kan nurraa eegamu hanga dandeettii keenyaatti jabaannee hojjechuudha. Namni hundinuu hanga dandeettii isaa jabaatee utuu hojjetee jijjiirama cimaatu jiraata.
Tarii jijjiirama fiduuf nama dandeettii hinqabne; nama bakka murteessaa hinjirree, nama haalli hinmijanneefi kkf., jennee of yaaduu nidandeenya. Karaa biraa immoo jijjiirama feenee kallattiin isaa kan nu jalaa miliqe jiraachuu dandeenya. Kallattii sirrii qabaannaan jijjiirama fiduuf waan nu daangessu hinjiru. Kallattii sirriin garuu nu barbaachisa. Yeroo tokko waa’ee dargaggeessa biyya lafaa jijjiiruuf jedhee yaalee dadhabee dubbiseen ture. Jalqaba irratti biyya lafaa jijjiiruuf jedhee dadhabe. Ittaansuun biyya koon jijjiira jedhee dadhabe; itti fufee magaalaa isaa jijjiiruu yaalee dadhabe; dhuma irratti maatii isaa jijjiiruuf yeroo yaalutti nidullome. Kana hundumaa booda “Jalqaba utuun ofii jijjiiramee maatii kootti darbeera ta’ee waan hedduu jijjiiruu nan danda’an ture” jedhe. Nus jijjiiramaaf eessaa akka eegallu, kallattii isaas sirriitti beekuun gaariidha.
Addumaan bara keessa jirru kana namoonni jijjiirama fidan daran barbaachisoodha. Jijjiirama fiduuf bakka qabaachuun barbaachisaa ta’uu dhiisuu danda’a. Namoonni hedduun bakka qabu malee dandeettii ittiin namoota irratti dhiibbaa gaarii geessisan dhabuu nidanda’u. Namoota jijjiiramaa ta’uu dhiisuu danda’u. Namoota kan biraa jijjiiruu utuu hinta’in ofii isaaniiyyuu jijjiiruuf namoota hindandeenye ta’uu danda’u. Inni kun balaa hamaadha. Rakkoo cimaadhas.
Akka ardii keessa jirru kanaatti rakkoon keenya inni hamaan isa kana. Rakkoo namoota jijjiiramaati. Bakka hedduuttis hanqinni gama kanaan ni mul’atu. Hanqinaaleen mul’atan kunneen immoo namoota dhuunfaa irraa ka’ee hanga warra biyya gaggeessaniitti heeddumminaan kan mul’ataniidha. Fakkeenyaaf, rakkoon ardii Afrikaa barootaa barootatti darbaa deemu yoo fudhanne rakkoolee haala qilleensaa, rakkoo qabeenya uumamaa, rakkoo dinagdeefi kkf. qofa miti. Isaan kun hinjiran jechuu miti. Garuu rakkoo keenya isa hamaa miti.
Utuu rakkoo uumamaa ta’ee biyyootni lixaa koloneeffachuuf biyya Afrikaa hinseenan turan. Qabeenya ardichaas gaaduuf hinmiidhan turan. Guddinni biyyoota gara lixaa akkuma beekamu heddumminaan omisha biyyoota Afrikaa irratti hundaa’a. Rakkoo guddaan biyya Afrikaa garuu rakkoo gaggeessitoota jijjiiramaaf of qopheessanii dhabuudha. Hiyyumni Afrikaa hiyyummaa namoota jijjiiramaati. Haala dhaloonni keessa jiru jijjiiruuf namoota of kennan dhabuudha. Isa kanaaf wantoota ragaa ta’an hedduu kaasuun nidandaa’ama. Gaggeessitoota hedduu dubbii isaanii irraa kaanee gaggeessummaa isaanii madaaluu ni dandeenya.
Pirezidaantiin biyya Gaambiyaa sagantaa raadiyoo BBC “Focus on Africa” jedhamu wajjin bara 2011 haasaa taasisaniin akkas jedhan, “Ani akka bulchaa biyya Liibiyaa Mohamar Gaadaafii nan ajjeefama jedhee yookaan akka pirezidaantii biyya Misir (Gibtsii) Hosinii Mubaarek nan ta’a jedhee hinsodaadhu. Yoo Waaqni jedhe si’achi biyya Gaambiyaa waggoota biliyoona tokkoof nan bulcha. Carraan koo harka Waaqaa keessa jira malee harka eenyuu keessayyuu miti. Kanaaf ani eenyuufiyyuu hingugguufu” jedhan.
Kanaaf yeroo filannoof dhiyaatan, “Ani naannoo na filate qofan misoomsa waan ta’eef naannoon ana hinfilatiin misooma hinyaadiin” jedhan. Haa ta’uyyuu malee dubbii isaanii eeguu hindandeenye; filamuufis carraa waan dhabaniif yeroo muraasa booda biyya gadi dhiisanii badan. Akkasumas pirezidaantiin Keeniyaa jalqabaa Joomoo Keniyaataa “Yoon du’eyyuu ekeraan koo biyya Keeniyaa ni bulcha” jedhan. Xiyyeeffannaan isaanii of irratti ture. Akka Roozaa Paarki warra kaan oolchuuf namoota aarsaa of godhan hinturre. Namoota aarsaa taasisanii namoota ofiif jiraachuu fedhan turan.
Namoonni jijjiirama fidan addunyaa keenya irratti akka urjii furguggifamee dukkana biyya lafaa ibsuu haala jibbisiisaa aarsaa kanfaluun kan geeddaraniidha. Isaan kun saba gaggeessan dukkana keessaa gara ifaafi jijjiiramaatti kan ceesisan, kaan immoo namoota irratti dhiibbaa gaarii geessisuu isaanii irraa kan ka’e namoonni fedhaan kan isaan duuka bu’aniidha.
Kanaaf jireenya dhala namaa keessatti jijjiiramni daran barbaachisaadha. Jijjiiramaaf bakka amma jirru tuffachuun gaariidha. Waan haaraa burqisiisuu qofa utuu hinta’in isa moofaattii adda ba’uun dirqama. Mo’ichi guddaan isa kana. Ilaalcha moofaatti adda ba’uudha. Ilaalchi hinjijjiiramne jijjiirama hinfidu. Jijjiiramni akka tasaa kan nama mudatu; ayyaana nama irra qubatus miti. Filannoofi murtoo barbaada. Gara kuteenyaafi tarkaanfii fudhachuu gaafata. Ilaalcha sirrii qabaachuu gaafata.
Egaa Roozaa Paarkiin akka fakkeenyaatti haa fudhannuyyuu malee har’a nuqofaan waantonni jijjiiramuu qaban danuudha. Nutis akka addaa addummaa fiduu dandeenyu dagachuu hinqabnu. Namni akka keenyaa addunyaa kana irra nu qofa. Utuu nama addaa miti taanee, namni akka keenyaa kan biraan utuu jiraate nuti lafa kana irra jiraachuun nu hinbarbaachisu ture. Rakkoon kamillee yoo jiraate, haalli mijaataa miti yoo ta’ellee, tarii qofaa yoo taanellee jijjiirama fiduu ni dandeenya.
Jijjiirama biyya lafaa kana irratti akka dhufuuf shoora guddaa kan taphatan namoota aarsa kanflanii hojjetan, jijjiiramaaf dhama’an ta’uu isaanii dagachuu hinqabnu. Isa kanaaf ammoo carraa tokkittii, yeroo tokkittii qabna. Hanga lafa irra jirru qofa! Waan nuuf dandaa’ameen, yeroo nuuf dandaa’ametti, haala kamiin keessattillee taanaan jijjiirama fiduuf tattaafachuun murteessaadha.
“Dhoksaan jireenya biyya lafaa kanaa inni guddaan dhiibbaa gaarii akka geessisnuuf ta’uu isaa dagachuu hinqabnu.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015