“Biyya waraanaan miidhamte tana deebisanii bayyanachiisuun dhimma daran murteessaadha” -Doktar Mohaammad Ahmaddiin

Keessummaan keenya maxxansa kanaa dhiibbaa dippiloomaasii waggoota lamaan darbanitti Itoophiyaarratti taasifamaa turan dura dhaabbachuu keessatti lammiilee Itoophiyaa barnoota Afaan Arabaa qabaatanii shoora olaanaa bahachaa turan keessaa nama tokko.

Yeroo ammaa immoo qaawwa hanqina dippiloomaatotaa hubachuudhaan dhaabbata barnoota Afaan Arabaa hundeessanii barnoota kennaa jiru; abbaan amantiitiifi aalimni guddaan akkasumas barnoota idileetiinis hanga digrii 3ffaatti baratan Doktar Mohaammad Ahmaddiin.

Televezhiinii Afrikaafi Daa’iwaa jedhaman hundeessuudhaanis hayyuu ummata Musliimaa afaanota gara garaatiin barsiisaa jiraniidha. Gaafdeebiin isaan waliin taasifne akka ittaanutti dhihaateeraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Mee dursa walhaa barannuu?

Doktar Mohaammad: Hayyee! Maarree ani Mohaammad Ahmaddiin jedhama. Kanin dhaladheefi guddadhe Wallo, naannawa Booranaa, Ganda Wogeettii jedhamtutti. Gandi itti dhaladhe baadiyyaa waan taateef akkuma ijoollee baadiyyaatti mana quraanaafi loon tiksaas guddadhe jechaadha.

Abbaan kiyya immoo nama amantii islaamummaatiif iddoo guddaa qabaniifi isaanis Aalima guddaa waan turaniif loon tiksuufi hojiilee qonnaa gara garaarratti nu hirmaachisuurra gara mana Quraanaatti imallee barnoota amantiitiin akka cimnee barannu barbaadu turan.

Kanaaf, anis gara barnoota amantii Islaamaarratti xiyyeeffadhee daandii abbaakoo qabachuudhaan hanga har’aatti achumarratti deddeebi’aan jira jechaadha.

Bariisaa: Barnoota Qur’aanaa kana eessa eessatti barattan? Barnoota idilee hoo?

Doktar Mohaammad: Barnoota Qur’aanaa Walloo kaasee hanga Finfinneetti, achirraa hanga Sudaaniifi Afrikaa Kibbaatti kan qaxxaamuruudha. Akkuman jalqabarratti sii kaasuuf yaaletti iddoo dhalootaa koo, Wallotti barnoota Quraanaa naannawa sana jiruufi sheekkoonni naannawa sanaa barsiisuu danda’an hunda ergan baradhee xumuree booda bara 1983tti barnoota caalu argachuuf gara Finfinnee dhufe.

Yeroon dura Finfinnee dhufuuf murteessu garuu asumatti hafee barachuuf osoo hintaane, haala mijeessuudhaan gara biyyoota Arabaatti imalee barnoota Qur’aanaa ittifufuuf ture. Boodarra garuu yemmuun Finfinnee ga’u haalotni tokko tokko mijachuu dhabuusaaniifi aalimootniifi sheekkonni guguddoon barnoota Qur’aanaa sirriitti na barsiisuu danda’an Finfinnetti waan argamaniif asumatti hafee isaan biratti barachuuf murteessee barnoota amantii Islaamaa ittifufe jechuudha.

Kanaaf fedhii abbaan kiyya ijoollummaa kootti nakeessatti uume milkeessuuf barnoota Qur’aanaatiinis sadarkaa gaariirra ga’uudhaan Mana Maree Ulumaa’ii Itoophiyaa keessatti filatamee hawaasa Musliimaa tajaajilaan jira jechuudha.

Gaaffii kee dhimma barnoota idileetti yemmuun deebi’u immoo, osuma Finfinnee dhufee aalimoota gugoddoo jalatti Qur’aana barachaa jiruu, barnoota fagootii Sudaaniitti hordofuudhaan dippiloomaa argadheera. Ittifufuudhaanis achuma, biyya Sudaanitti akaakuu barnootaa Afaan Arabaa namoota afaanicha hindubbanne jedhuun digrii jalqabaa argachuu danda’eera.

Kanaaf barnoota Qur’aanaa qofaan osoo hintaane, barnoota idileetiinis hanga silaa namni tokko barachuu qabu barachuuf yaallee turre jechumaafi.

Bariisaa: Barnoota idileetiin PhD keessan eessatti hojjattan? maalirratti?

Doktar Mohaammad: Barnoota idilee digrii lammataafi sadaffaas kanin baradhe Yunivarsiitii Afrikaa Kibbaatti. PhDfi maastarsiis kan hojjadhe seenaa Musliimota Itoophiyaarratti ture. Digrii sadaffaa koo kanin xumure immoo dhiheenyuma kana.

Bariisaa: Barnoota idileefi barnoota Qur’aanaa barattan kanaan hanga ammaatti eessa eessatti tajaajila akkamii kennaa turtan?

Doktar Mohaammad: Namni barnoota Qur’aanaa baratu hanga barnootasaa hunda xumuru tajaajila osoo hinkennine taa’a wanti jedhamu hinjiru. Yeroo hunda oggaa sadarkaa tokko gara fuula duraatti siqxu, nama sibooda jiru barsiisaa adeemuun dirqama.

Kanaaf turtii barnootaa dheeraa kana keessatti akkuma barnootaan ol guddachaa adeemtu isa cinaatti immoo warra boodaatiif qur’aana qaraasisaa, misjiidotatti Imaama ta’anii tajaajilaafi hojiiwwan gara garaa raawwachuun dirqama.

Keessattuu Imaamummaadhaan Masjiidota biyya kanaa heddutti tajaajileera. Masjiidota biyya kanaa qofa osoo hintaane Afrikaa Kibbaattis imaama masjiidaa ta’ee waggoota hedduuf tajaajilaa tureera.

Yemmuun Siwiidin jiraachaa turetti waggoota hedduuf imaama masjiidaafi daa’iwaa akkasumas barnoota amantii Islaamaa barsiisaan ture.

Dabalataanis Tv Afrikaa jedhamu namoota jalqaba hundeessan keessaallee ani tokko. Tvn sun barnoota Islaamaa ykn daa’iwaa Afaan Oromootiin dabarsuudhaan isa jalqabaati. Tvicha hundeessuu qofa osoo hintaane achirratti barnoota gara garaa dabarsuudhaan tajaajileera. Yeroo ammaa immoo Tv Daa’iwaa jedhamu hundeessee Afaan Oromoofi Amaariffaan barsiisaan jira.

Kana malees ‘Inistitiyuutii Sunnaa’ jedhamu hundeessinee yeroo ammaa barnoota Afaan Arabaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa nama taasisuun barattoota simannee barsiisuurratti argamna. Inistitiyuuticha natu hoggana.

Bariisaa: Barattoota kanneen kanfaltiin moo tola barsiiftu, waggaa meeqa baratu?

Doktar Mohaammad: Barattoota kanneen baadiyyaa keessatti ijoollee masjiidaafi madrasaatti Qur’aana qara’aa jiran keessaa ulaagaa baheen dorgomsiifnee fudhachuun akka asitti barataniif haala mijeessina. Kanfaltii tokko malee waggoota afur guutuu baratanii eebbifamu jechuudha.

Barattoota kanneeniif barnoota bilisaa kennuu qofa osoo hintaane, iddoon bultiifi nyaatnisaanii hundi guutameefii doormii keessa taa’anii baratu jechuudha. Osoo silaa kan kanfalchiifnu ta’eetii hangam ulfaataa akka ta’e waan beekamuuf kan yaadamu hinturre. Kanaaf wanti barattootarraa eegamu ulaagaa kaa’ame darbuu qofa.

Bariisaa: Barnoota afaan Arabaatiin kennuu eegaluun keessan dippilomaasii biyyattii deeggaruu keessatti shoora akkamii qabaata?

Doktar Mohaammad: Ni yaadatta yoo ta’e ijaarsa hidha guddichaa laga Abbaay irratti mootummaaniifi ummatni Itoophiyaa ijaaraa jiraniin walqabatee shiraafi sharrii Misraafi biyyoota Arabaa michooma isii qabanirraa ka’aa ture fashaleessuu keessatti ijoolleen musliimaafi afaan Arabaa sirriitti beekan shoora akkamii bahachaa akka turan namni kamuu ni hubata.

Dhimmichi dhimma birmadummaa waan ta’eef afaanuma Arabaa xiqqoo beekanis caccabsaa warreen dippilomaasii biyyattiitiif gumaachaa turanis jiru. Kanaafuu barnootni afaan Arabaa yeroo ammaa yunivarsitiiwwan mootummaatti kennamuu eegaluun dippiloomaasii Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti taasiftuuf shoora olaanaa qaba.

Kunniin hundi akkuma jirutti ta’ee, inistitiyuutiin keenya barattoota yunivarsiitii mootummaatti leenji’aniin wajjin hinmadaalamu. Inistitiyuutii keenyaaf barnootni afaan Arabaa xiyyeeffannoo jalqabaati. Yunivarsitoota mootummaa birootiif garuu barnoota dabalataa muummee tokko qofaan kennamuudha.

Kanaaf, sadarkaan kenna barnootaafi barsiisotni barnooticha kennanis garaa garummaa waan qabaniif ijoolleen inistitiyuutii kanarraa eebbifaman dippilomaasii biyyattii kanaan booda biyyoota Arabaa waliin taasisturratti warra sarara duraarratti hiriiraniidha jennee abdanna.

Waan ta’eef banamuun inistitiyuutichaa biyyattiidhaaf gama dippilomaatota ciccimoo afaan Arabaatiin biyyaatiif dhaabatan horachuu keessatti shoora olaanaa bahata.

Bariisaa: Mee gama haala biyyattiitti haa deebinuutii, waa’ee araaraan xumuruu walitti bu’iinsa kutaa Itoophiyaa kaabaa kana akkamitti ilaaltu?

Doktar Mohaammad: Kan barfate ta’us dhimmicha karaa nagaafi mariitiin furuuf murteessuun daran barbaachisaafi biyyattiillee rakkoo caalurraa kan baraaruudha. Maaliif yoo jette, jalqabumarraa kaasee dhimmichi garaagarummaa siyaasaa karaa humnaatiin furuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waraanaan kan injifatu hinjiru. Jidduutti garuu kan gatii hinbarbaachifne kanfalaa ture biyyattiifi ummattoota.

Amma immoo yeroo qalbii ofiitti deebi’anitti waraanaan kan injifatu akka hinjirreefi gamaa gamanaanis kan miidhamu Itoophiyaafi ummatashee ta’uu hubachuunuu qaamota hundaa kan injifannoo gonfachiisuudha.

Waraanarraa nama hundaafuu akka hintolle rakkoolee waggoota lamaan darbanitti biyyattiin keessa darbarte ilaaluun qofti gahaa waan ta’eef kana booda dhiigni namaa akka hindhangalaane, qabeenyi akka hinbarbadoofneefi xiyyeeffannoon hundi gara biyyattii waraanaan miidhamte deebisanii bayyanachiisuutti akka deebi’uuf waliigalteen waraana dhaabuufi dhimmicha karaa nagaatiin furuu kun daran murteessaadha.

Bariisaa: Waliigaltichi gara hojiitti akka jijjiiramuuf qoodni abbootii amantii maal ta’uu qaba?

Doktar Maohaammad: Abbootiin amantii jalqabumarraa kaasee biyyattiin gara waraana kanaattuu akka hingalle waan nurraa eegamu bahachuutu nurraa eegamaayyu. Biyya lammiileen biyyattii dhibbantaa 97 ta’u amantii gara garaas ta’u qabu keessatti lammiilee biyyattii gara kallattii gaariitti qajeelchuu keessatti abbootiin amantii qooda guddaa qabna.

Haa ta’uu malee sababoota gara garaatiin biyyattiin waraana keessa turteetti. Waan si ajaa’ibsiisu bar abbootii amantii ta’anii warroonni waraana biyyattii keessatti adeemsifamaa ture kan deeggaraa turanis jiruu. Kun immoo biyyattiin jaarsa hinqabduu? Abbootii amantii hinqabduu? Sadarkaa jedhan takkatti nama geessee ture.

Ammaaf garuu inni darbe seenaadhaaf ol taa’ee, waliigalteen waraanicha karaa nageenyaafi mariitiin hiikuuf qaamota lamaan giddutti taasifame akka qabatamaan lafarratti hojiirra ooluufi lammiilee gama lamaan jiraniif qilleensi nageenyaa akka dhufuuf abbootiin amantii hundi gaheesaanii bahachuu qabu.

Abbootii amantii qofa osoo hintaane jaarsotni biyyaafi abbootiin Gadaas biyyattiin nageenya waaraa keessa akka galtuuf waan isaanirraa eegamu bahachuutu isaanirraa eegama. Kun immoo silaa kan ta’uu qabu gaafuma duraa otoo waraanatti hinseenamiin, lolli akka hingaggeeffamne gochuutu barbaachisaa ture.

Ammatti garuu isa darbeef sheena’uu osoo hintaane, kana booda waldhabdeen hanga fedheyyuu yoo jiraate karaa nagaa qofaan akka dhumatuufi biyyattiin kana caalaa irree waraana ittiin baattu waan hinqabneef araarri jalqabame bu’aa yaadamu akka fiduuf hunduu dammaqinaan hirmaachuu qaba.

Bariisaa: Mee amma immoo gara Majliisaatti haa deebinuutii isinis Mana Maree Ulumaa’ii keessa waan jirtaniif gaaffiin musliimotni biyyattii dhaabbata bakka isaan bu’u dhuunfachuuf dhiheessaa turan deebii argatee amma?

Doktar Mohaammad: Sirriitti malee, sirnoota biyyattii bulchantu gaaffii seeraafi dhaabbata ummata musliimaa bakka bu’u hundeeffachuuti malee waan ulfaatu hinturre. Mootummaan yeroo ammaa jiru kun immoo amantootni hundi giddu lixiinsa qaamota mootummaa kamiinuu alatti amantaasaanii gaggeeffachuufi qaama isaaniif ta’u filachuu akka danda’aniif haala mijeesse.

Kanaaf hawaasni musliimaa waggoota hedduuf dhaabbata hawaasicha bakka bu’u dhuunfachuufi nama ofii filateen buluuf dheebuu qabuun carraa kanatti fayyadamee Majliisa haaraa filateera. Kun immoo filannoo ifaafi ulaagaa ifaatiin hawaasni hirmaachuu qabu hundi hirmaatee bakka bu’aasaa waan filateef gaaffiin hawaasni musliimaa dhaabbatasaa hoogganachuuf kaasaa ture deebii argateera.

Bariisaa: Qaamotni Majliisa duraa hogganaa turan kan muuxannoo gahaa qaban waan ta’aniif maaliif Majliisa haaraa keessattis iddoo maluuf argatanii tajaajila akka kennaniif haalli hinmijoofneef?

Doktar Mohaammad: Gaaffii bareeda nagaafatte, ilaali gaafuma filannoon gaggeeffame Majliisni haaraan hundeeffamerraa kaasee Muftii Haaji Umar dabalatee namootni Majliisa tanaan duraa hogganaa turan akka beekumsaafi dandeettiisaaniitti bakka maluufitti akka tajaajilaniif waamichi taasifamaafii tureera.

Akka fakkeenyaatti yoon sii kaase Muftii Haaji Umar mana maree ulumaa’ii keessa galanii akka hawaasa tajaajilaniif waamichi taasifameeraaf. Isaan qofa osoo hintaane, warreen isaan waliin jiranis akkaatuma dandeettiisaaniitiin waan beekaniin ummata akka tajaajilaniif carraan kenname ammallee hincufamne.

Garuu warri garee sana keessa jiran hammi tokko inumaayyuu akka waan Majliisni haaraa kun ummata musliimaa bakka hinbuuneefi musliimni qulqulluun isaan qofa ta’eetti socho’uun gocha amantichi hinheeyyamne keessa galaniis turan.

Kun immoo tokkummaafi obbolummaa hordoftoota amantichaatiif gufuu waan ta’eef jarris dogoggora akkanaarraa of qusatanii Majliisni haaraan kansaanii waan ta’eef deebi’anii waan danda’aniin ummatasaanii tajaajiluu yoo barbaadan har’as karaan banaadha.

Bariisaa: Mee amma immoo gaaffii gara dhumaatti dhufnaatii isin kan dhalattanii guddatan Naannoo Amaaraa, Walloo Kibbaatti, garuu Afaan Oromoo isin dubbattan kan nama Oromoo walakkaatti dhalatee waan fakkaatuuf kun akkamitti ta’e mee?

Doktar Mohaammad: Ani bar ilma Wallooti. Wallo keessatti immoo ilma Booranaati. Gosa bal’aafi hangafa Oromoorraa dhaladhee akkamittin Afaan Oromoo wallaala jetteeti? Wallo kaabaas ta’ee kibbi, godina yeroo ammaa sabni Afaan Oromoo baay’inaan dubbatu keessa jiraatu, Godina Saba Oromoo dabalatee hundasaatuu ilmaan Walloo torbantu keessa jiraata.

Isaanis; Boorana, Warra Baabboo, Warra Imanoo, Warra Iluufi Raayyaafa’i. Gosootni naannawa Amaaraa bahaatti argaman kunniin hundi ilmaan Oromoo Wallooti. Ilmaan Oromoo ta’uu qofa osoo hintaane, hanga yeroo dhihootti eenyummaafi amantaasaaniis kunuunfatanii warra asgahaniidha. Kanaaf warri hammi tokko aadaafi Afaan Oromoo dagateeti kan ture.

Ilmaan Walloo kanneen dhiibbaafi hacuuccaa sirnoota darbanii hunda keessatti amantiifi eenyummaa Oromummaasaanii osoo hinsharafin har’a gahanis heddutu jiru. Ani immoo akka carraa ta’ee maatii amantiifi eenyummaa Oromummaarratti cichee har’aan gaherraa waanin dhaladheef Oromummaa kiyyaafi amantii akkasumas Afaan Oromoos akka Oromoo tokkootti bareechee haasa’uu danda’eera.

Bariisaa: Ani gaaffiilee koo xumureeraa dhumarratti yoo ergaa qabaattan?

Doktar Mohaammad: Ergaan kiyya waa’ema nageenyaarratti. Ammas qaamotni hunduu garaa bal’atanii akka hojjatan cimsee yaadachiisuu qofa. “Rasuulli Rabbi (SAW) namni waan sadii qabu addunyaa tanarratti nama wanti hundi guutameefI” jedhu. Isaanis; namni waan nyaatu qabu, kan nagaa qabuufi dhibeen isa hinargine addunyaarratti nama wanti hundi guuteefiidha jedhu. Kana jechuun immoo wantootni sadeen kunniin bu’ura jireenya dhala namaati. Kana waan ta’eef bakka waraanni jiru nageenyi, nyaanni hinjiraatu dhibeen immoo ni babal’ata waan ta’eef dhimmi nageenya biyyattii iddoo dur turetti deebisuu kun mootummaa qofaan kan fiixa bahu waan hintaaneef hunduu hirmaachuu qaba.

Bariisaa: Guddaa galatoomaa!

Doktar Mohaammad: Isinis ulfaadhaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015

Recommended For You