Yaadrimeen tokkummaa sabdaneessaa, sirna federaalawaa tokko jalatti saboonni aadaa, afaan seenaa, amantiifi eenyummaa garagaraa qaban walqixxummaafi tokkummaan biyya tokko keessa waliin jiraachuusaanii kan ibsuudha.
Sirni federaalaa sabdaneessi, mirga ofiin of bulchuu, qooqa ofiin dubbachuu, barachuufi guddisuu, aadaa ofii dagaagfachuu, seenaafi eenyummaa ofii kunuunfachuu of keessaa qaba. Seensa Heera RFDI gaaleen “Nuti Saboonni Sablamoonniifi Ummattoonn Itoophyaa” jedhu biyyi keenya biyya heddumminaan beekamtu taatee, karaa tokkummaa eeyyeentaa sabaafi sablammootaa hundaarratti hundaa’een kan ijaaramte ta’uu ragaa baha.
Sirni federaalawaa sabdaneessaa kun, filannoo fooyyee waldhabdeen ittiin hiikamu, meeshaa filatamaa nageenyi ummataa ittiin kabajamuufi walitti bu’iinsi ittiin ittifamuudha. Kunimmoo, duudhaalee sirnichaa irraa madda.
Ibsi tibbana Caffee Oromiyaatiin guyyaa sabootaafi sablammootaa Itoophiyaa sababeeffachuun bahes duudhaaleen kunniinis, walkabajuu, waldanda’uu, walii tumsuu, nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu irratti kan hundaa’edha. Heerri RFDIs faayidaa, mirgaafi bilisummaa waliinii tumsa waloon guddisuuf saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa waadaa walii galuun gaaddisa Heeraa jalatti tokkummaan, nagaafi jaalalaan sanada waliigaltee waliin jireenyaasaanii kan mirkaneeffatan ta’uu nu hubachiisa jedha.
Egaa, Sadaasni 29 bara 1987 guyyaa Heerri Itoophiya itti ragga’eedha. Guyyaan seenaqabeessi kun sirnaan yaadatamee caalaatti xiyyeeffannaa argatee akka yaadatamuufi kabajamuuf ayyaanni saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa bara 1999 irraa kaasee waggaa waggaadhaan sirnoota gara garaatiin waa’elchamee ayyaaneffatamaa jira.
Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa mirgoota ofiin of bulchuu, afaan ofiitti fayyadamuufi kkf heerichaan gonfatanitti fayyadamuun aadaafi duudhaaleesaanii dagaagfachaa jiru.
Akkasumas, ummattoonni biyyattii garaagarummaan afdaneessummaa, sabdaneessummaa aadaafi eenyummaasaanii miidhaginaatti fudhatanii, “Itoophiyaan kankooti” jechuun walkabajaniifi waldanda’anii waliin jiraachaa jiru.
Ayyaanichi kabajamuun saboonniifi sablammoonni walqixa ta’uu, aadaa, eenyummaa, afaaniifi amantiin gargar ta’anis waldanda’anii tokkummaa uumuun biyya Itoophiyaa jedhamtu ijaaruusaaniif miirri biyyattiin kankooti jedhu akka uumamu taasiseera.
Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa yeroo kanatti oggaa kabajnu akka kanaan duraa haala adda addummaa lallabuun otoo hintaane duudhaa jaalalaafi hirkoo walii ta’uu isa ganamaa sana caalaatti cimsuun akkasumas haala nageenya waaraa mirkaneessuufi tattaaffii Itoophiyaa haaraa ijaaruuf taasifamaa jiru utubuufi jabeessuun ta’uu qaba.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015