“Qonnaan bulaan harka tokkoon Shanee falmaa misooma ittifufsiisuun gootummaa dachaa mirkaneessaa jira” -Doktar Alamuu Simee

Mootummaan ummata yaaddoo nageenyaa jalaa baasuufi nageenya waaraa buusuuf yoomiyyuu caalaa kutannoon hojjechaa akka jiru waajjira ministira muummeetti qindeessaan jiddugaleessa ijaarsa sirna demokraasii Doktar Alamuu Simee ibsan.

Qonnaan bulaan harka tokkoon Shanee falmaa misooma ittifufsiisuun gootummaa dachaa mirkaneessaa jira jedhan.

Doktar Alamuu Simee godina Shawaa bahaa Aanaa Boosat jiraattota magaalaa Kadooniifi naannawashee nageenyaafi tasgabbii ilaalchisuun kan mariisisan yoo ta’u, avokaadoo godinicha Gadna Boosat, Ganda Qombee Gugsaatti oyiruu qonnaan bulaarratti kilaastaraan misoomes daaw’ataniiru.

Doktar Alamuun maricharratti akka jedhanitti, ummanni tasgabbaa’ee misooma akka adeemsisu nageenya buusuun hojii mootummaa isa jalqabaati.

Qaama ajandaa ummata fayyadu qaba jedhuufi ajandaasaa karaa nagaa adeemsisu simachuuf mootummaan qophaa’uu eeranii, aanaalee Bosatiifi Fantaalleetti nageenya booressuun yaaddoo kan ta’e Shanee dhabamsiisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Waggoota 27 darban ummanni Oromoo gidirfamaa, ajjeefamaafi qabeenyisaa saamamaa wayita ture kan hinturre Shaneen, injifannoo qeerroofi qarreen Oromoo harka duwwaa qabsaawanii argamsiisan harkaa fudhachuuf har’a bilisa baasaa ta’uu hindanda’u jedhan.

Warri dhiigaan daldalan dhumni isaanii badii ta’uu kan dubbatan Doktar Alamuun, qaamoleen beekaniis ta’e osoo hin beekiin garee badii waliin hiriiran karaa nagaatti akka deebi’an waamicha dhiheessaniiru.

Ummanni gurmaa’ee naannawasaa akka eeggatu, qaamoleen hattootaafi saamtotaaf galaa dhiheessan gocha isaaniirraa akka of qusatan hubachiisaniiru.

Caasaa mootummaa keessa taa’anii kanneen odeeffannoo kennan qulqulleessuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Maricharratti kan hirmaatan jiraattonni Doonii, Boofaa, Boolee, Nuuraa Heeraa farreen nageenyaa dhabamsiisuuf tarkaanfii nageenya kabachiisuu mootummaan hojjetaa jiru humna guutuun akka deeggaran ibsaniiru.

Kanumaan wal qabatee doktar Alamuun Avokaadoo godina Shawaa bahaa aanaa Bosat ganda Qombee Gugsaa oyiruu qonnaan bulaarratti kilaastaraan misoome daawwataniiru.

Wayita kana akka jedhanitti, qonnaan bulaan harka tokkoon Shanee nageenyasaa booressu falmaa harka biraatiin misoomasaa itti ittifufsiisuun gootummaa dachaa mirkaneessaa jira.

Qonnaan bulaan humnasaa guutuu misoomaaf akka oolchu mootummaan hojii seera kabachiisuufi nageenya buusuu hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Keessumaa rakkooleen nageenyaa yeroo ammaa naannawasaatti mul’atan gufuu misoomaa akka itti ta’e Doktar Alamuun ibsanii, mootummaan rakkoo nageenyaa kana maddasaarraa dhabamsiisuun ummanni misoomarratti akka xiyyeeffatu hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Paappaayyaan kilaastaraan misoome qonnaan bulaan rakkoo nageenyaaf osoo harka hinkennatiin bu’aa argameef agarsiiftuu ciminasaa ta’uu himaniiru.

Mootummaan kuduraafi muduraa dabalatee misooma qamadii jallisiitiin carraaqqiin jalqabe bu’aa fidaa akka jiru eeranii, qonnaan bulaanis bu’aasaa dhamdhamachaa jira jedhaniiru.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You