Nama du’eellee hojiinsaa darbee jiraatu; Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa

Gaaddisa tokkummaa Oromummaa leellisuu irraa hanga sabboonummaa Oromoo ijaaaruufi finiinsuutti, yeroo Afaan Oromootiin sirba baasuun hafee haasa’uunuu adabbii cimaaf nama saaxilu sanatti namoota jalqabaa Afaan Oromootiin Itoophiyaa keessa taa’anii sirban keessaa isa hangafaa kan ta’e, doofummaafi wallaalummaan Oromoo keessaa akka baatuufi Oromoon ijoollee ofii afaansaatiin akka barsiifatuuf kan dhaloota sochoosee daandii haaraa baasee diinota Oromoo hunda garaa raase Doktara Kabajaa Artist Alii Birraati.

Abbaan aartiifi artistoota Oromoo walakkaa jaarraatii ol indastirii aartii biyya tanaa keessatti boqonnaawwan haaraa saaquu bira darbee, afaanota biyyoota ollaa birootiin sirba baasuun lammiilee Itoophiyaa afaanota biyyattii keessatti dubbatamaniin ala afaanota biyyoota ollaatiin sirbu ta’uusaatiinis nama sadarkaa of harkaa qabuudha.

Sirba baasuu qofa osoo hintaane yeroo kamitti sirboota akkamii sirbuu akka qabu artistii kamiyyuu caalaa kan beeku mataan artistoota Itoophiyaa kun, waa’ee jaalalaa dubaraa qofa irratti hinsirbine, waa’ee jaalala biyyaa qofarrattis miti, waa’ee jiruufi jireenya hawaasummaa, qabsoo, barnootaafi kanneen biroo mata duree artistiin kun irratti hinsirbine barbaadanii arguun hedduu ulfaataadha.

Namni waa’ee Oromoofi Oromummaa biyyattii tana keessatti ol ka’ee akka dhagahamuufi Addunyaanis waa’ee saba kanaa akka dubbatuufi hubatu taasise. Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaafi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadiitti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa idilee galee hamma kutaa ja’atti barate.

Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa kan ture hayyuun kennaa heddu qabu kun, wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhaan hojjechaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraadhaa bari’e” kan jedhu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayilasillaasee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

Aliin erga Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjechuu dura dhoksaadhaan Baandii Afran Qallootti eegale ifaan itti fufe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin walbare. Ahimad Taqiis Aliidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon cinatti Afaan Amaaraa, Afaan Arabaa, Afaan Harariifi Afaan Somaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuufi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaati. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu haala mijeesse.

Baandii Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara bakkeewwan adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee weellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Hagar Fiqiriifi Raas Tiyaatiriifaatti sirbaa ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatiin odoo loluu du’e. Aliinis baay’ee gaddee akkas jedhee sirbe

“Yaa Hundee Bareedaa

Yaa Fiixee Miidhagaa” (Hundeen maqaa kan biraa Ahimad Taqii ture)

Aliin hojii isaa weellisummaafi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqabaa ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadiin”, “Assaabalewoo”, “Ammaaleelee”fi “Gammachuu” itti dabale. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al- Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidanqal” of keessaa qaba.

Namni dandeettiifi hubannoo addaa aartii sirbaa irratti qabuun artistoota biyyattiin seenaashee keessatti horatte ciccimoofi bebbeekkamoo keessaa sadarkoota jalqabaa irratti argamu kun, dagaaginaafi guddina indastirii aartii keessatti gumaacha taasisaa tureenis yeroowwan adda addaatti beekamtiifi badhaasota gara garaa qaamota gara garaa irraa fudhachuu danda’eera.

Kanneen keessaa akka fakkeenyaatti, bara 1995tti, Aliin badhaasa Torontoo Afrikaan meeritis Awwaardi (Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammoo, Yunivarsiitii Jimmaa irraa Doktireetii Kabajaa argateefi damee aartii keessatti badhaasota gosa garaa garaa nama argateedha.

Aartii Oromoofi biyyattii tanaa keessatti ashaaraa walakkaa jaarraa olii kan qabu artistiin hunda galeessi kun, erga beellamni Waaqayyo ga’ee gara dhugaatti imalee boodas hojii gaafa lubbuun jiru hojjechaa tureen yeroo hundaa dhalootaan yaadatamaa kan jiraatuudha. Namootni bebbeekkamoon akkasiifi sabaafi biyyaaf gumaacha olaanaa qaban immoo dhaloota ittaanu biratti hojiinsaanii fakkeenyummaa qabu akka itti fufuuf jecha waan isaan ittiin yaadataman tokko hundeessuun immoo waan baratamaadha.

Magaalli iddoo dhalootasaa irraa fudhatee hojii aartiisaa caalatti akka guddifatu isa taasifte Finfinneen immoo yaadannoo nama guddaa kanaatiif mana barumsaa tokko maqaasaatiin moggaasuuf, addababa’ii giddugala magaalichaatti argamu guddaa tokko maqaasaatiin waamuuf karoorfachuu sagantaa yaadannoo isaatiif tibbana bulchiinsi magaalattii qopheessee turerratti kantiibaan magaalattii ibsaniiru.

Carraa Doktar Aliin wal arganirratti yaadniifi kaayyoon Doktar Alii barnootarratti hojjechuu akka ta’e kan himan Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, erga ofiisaatii dhibeen itti hammaatee immoo haati warraa isaa Liillii Marqoos damee barnootaa irratti hojjechuuf fedhii akka qabaniifi magaalichi haala akka mijeessuuf dhaamuusaaniis ni yaadachiisu.

Akka Aadde Adaanach jedhanitti, hawwiifi fedhiin Doktar Aliin dhalootni akka baratuuf qabu hangam olaanaa akka ta’e nama kamiifuu ifaadha. Haati warraasaa yeroo inni lubbuun jiruufi fayyaa qabu qofa osoo hintaane, yeroo inni dadhabee mana yaalaatti wal’aanamaa tureetti osoo biraa hindhabamiin namni kabaja Oromootti hore kun kabaja isaa maluun wal’aanamee erga boqateen boodas kabajaan akka awwaalamu gochuu keessatti gumaacha olaanaa waan bahachaa turaniif ummata Oromoofi biyyattii kanaa hunda biraa galata guddaa qabu.

Haati warraa Doktar Alii damee barnootaa irratti hirmaatanii dhalootaaf waan beekan dabarsuuf fedhii akka qaban erga baramee xiqqoo bubbuluu yaadatanii, dhibeen Doktar Aliirratti cimaa dhufuusaatiin xiyyeeffannoon gara biraatti waan jijjiirameef xiqqoo harkifachuu himu.

Doktar Aliin nama du’uu miti kan jedhan immoo, Artisti Mahaammad Qophee, namni seenaa hinduune sabasaafi biyyasaatiif dalage yoomiyyuu hojiilee sanaan yaadatama waan ta’eef du’us darbee kan jiraatu ta’uu dubbatu.

Hojiileen aartii inni hojjechaa ture hundi ergaawwan ciccimoofi kalaqawwan addaatiin kan hojjetaman waan ta’aniif, sochiin yeroo ammaa namootni tokko tokko muziqaasaa daddabsanii taphachuudhaan kaasseetta haaraa itti dalaguuf taasisaa jiranillee fudhatama kan hinqabne ta’uus akeekkachiiseera.

Sirbi Dr. Alii Birraa nama afaan beeku qofaaf osoo hintaane, namoota afaan inni ittiin sirbu hinhubanneenis kan caqafamuufi dinqisiifamu waan ta’eef, miidiyaaleen biyyattiis sirbasaa orijinaala inni osoo jiru sirbe qofaa fayyadamuu akka qabanis dhaameera.

Walumaagalatt, artistii qofaa osoo hintaane, mana kitaabaa guddaa kana dhabuun gadda cimaa kan namatti uumu ta’us, hojii dhalli namaa tokko bara jiruusaa dalagee darbuu qabu tokkoo ol gumaachee darbe waan ta’eef, akeekaafi mul’atasaa itti fufsiisuun, akkasumas bara baraan yaadachuun murteessaa ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You