Maaddii Guutuu: Sirnaafi wabii nyaataa mirkaneessuuf

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) inisheetivoota jireenya ummataa qabatamaan jijjiiruu danda’an yeroo yerootti bocu. Dhiheenya kanas sagantaa ‘Yaleemaat Turruufaat’ jedhamu Magaalaa Arbaaminciitti kan eegalsisan yoo ta’u, kunis ummanni sirni nyaataasaa jijjiiramuun wabii nyaataasaa akka mirkaneeffatuuf kan yaadameedha.

Jechuunis omishawwan foon, lukkuu, hanqaaquu, dammaafi qurxummii naannawa ofiitti haalaan omishuun akka sooratuuf darbees, irraa hafaa omishuun gabaa biyyaafi biyya alaatiifillee akka dhiheessuuf yaadameeti. Kanas naannoleen haala qabatamaa naannawasaaniitiin hojiitti hiikaa jiru.

Barbaachisummaa sagantichaarratti Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen gaafdeebii dhiheenya kana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, saganticha eegaluuf milkaa’inoonni hojii qabadii, bunaa, ashaaraa magariisa, maaddiin biyyaafi kkf irratti hojjetaman ka’umsa ta’aaniiru. Sagantichi sirnaafi wabii sirna nyaataa hawaasaa jijjiiruun hawaasa fayya buleessa, omishaafi quucarummaarraa bilisa ta’e horachuuf yaadamee kan hojiirra ooleedha.

Qonni biyyattii waggoota dheeraaf midhaan irratti kan xiyyeeffate ta’uufi biyyattiin qabeenya beeladaa sadarkaa Afrikaafi addunyaattii eeramuu danda’u qabaachuushee himanii, ta’us qabeenyawwan beeladaa kanneen keessaa kanneen sanyiinsaanii fooyya’aa ta’e dhibbantaa shan qofa ta’uu eeru. Beeladoota sanyiinsaanii hinfooyyofne baay’inaan qabaachuun wabii nyaataa ummataaf bu’aa barbaadamu waan hinbuusneef sagantichi kanarratti kan xiyyeeffatu ta’uu kaasu.

Akka ulaagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti namni tokko waggaatti aannan liitira 200 argachuu kan qabu ta’us akka Itoophiyaatti garuu liitira 60-70 kan hincaalle ta’uu eeru. Akkasumas walitti dhufeenyi lukkuufi namaa wayita ayyaanaa ykn sagantaan wayii jiraatu qofa waan ta’eef hammi sooratamuu malu sooratamaa akka hinjirre ibsu.

Aadaan damma qurxummii soorachuu hawaasaas gadaanaa ta’uurraan kan ka’e gurgurtaaf malee tajaajila mana keessaatiif akka hinoolle kaasu. Kunimmoo daa’imman quucaroo baay’inaan biyyattii keessa akka jiraatuuf sababa ta’uu ibsu.

Hojichaan aadaa kana guutummaatti jijjiiruun omishawwan jiran dachaan dabaluu akka barbaachisuufi akka agarsiisaatti aannan waggaatti omishumu liitira biliyoona 6.9 irraa gara biliyoona 11.5tti dabaluuf hojjetamuu akka qabu kan himan Obbo Umar, kunis ammarratti qormaata hedduu kan qabu ta’uu dubbatu. Fakkeenyaaf sanyii loonii fooyyeessuuf wantoonni barbaachisan kan bitama dolaaraan biyya alaarraa waan bitamuuf haala amma jiruun ulfaataa ta’ullee humna jiruun hojiitti yoo seename bu’aa olaanaa akka fidu kaasu.

Akka Oromiyaattis tibba darbe sagantaa Maaddii Guutuu Hoolotaatti bakka Pirezdaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Shaampiiyoonaan Sagantaa Maaddii Guutuu Oromiyaa Ministirri Muummee Duraanii Hayilamaariyaam Dassaalanyiifi anga’oonni biroo argamanitti eegalameera.

Sagantaa jalqabsiisa kanarrattis barbaachisummaa sagantichaarratti barreeffama gabaabaa kan dhiheessan Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Misooma Beeladaa Obbo Toleeraa Dabalaa akka jedhanitti, biiroonsaanii omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf dhimmoota gurgoddoo wabii nyaataa mirkaneessuu, omisha biyya alaa irraa galan oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf, alergii guddisuufi carraa hojii uumuuf bifa qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu hunda hirmaachiseen hojjachaa jiraachuu ibsu.

Hojii gama kanaan hojjetameenis carraan hojii %65 uumamuusaafi dameen beeladaas %31 ta’uu eeranii, akka waliigalaatti qonni misooma dinagdee keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsu. Akka agarsiisaattis, omisha waliigalaa keessaa %33, sharafa biyya alaa %68 uwwisa. Itoophiyaan qabeenya beeladaan Afrikaa sadrkaa tokkoffaarratti, addunyaa irraa ammoo sadarkaa shanaffaa irratti akka argamtu kaasanii, kun ammoo gahee oomisha qonnaa biyyaa keessaa %26, omisha waliigalaa biyyaa keessaa harka afur akka gumaachu himu.

Sagantaan kun haala barbaadameen osoo hojiirra oolee, galii qonnaan/horsiisee bulaa guddisuu, guddina dinagdee qonnaa, wabii nyaataafi sirna nyaataa mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba kan jedhan Obbo Toleeraan, akkasumas, madda nyaataa pirootiinii, humna hojii qonnaafi geejjibaa (draft power), lafa xaa’oomsuu, madda galiifi baankii qonnaan/horsiisee bulaa ta’uun akka tajaajilu himu.

Mootummaan qonna biyyattii ceesisuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennee jiraachuusaa kan kaasan hogganaa ittaanaan kun, keessumaa karoora imala badhaadhinaa waggaa 10 keessatti, qonna xixiqqaa ammayeessuu keessatti, qonna gabaa irratti xiyyeeffate babal’isuu, meeshalee makaanayizeeshinii gibira irraa bilisa taasisuufi kkfn qabamuu kaasu.

Biiroon qonnaas inisheetivoota 17 qabatee keessaa, jallisii qamadii, avookaadoo, beelada, damma, makaanaayizeeshinii, ashaaraa magariisaa, buna, ruuziifi kkf ta’uu ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan, muuxannoo ashaaraa magariisaafi inisheetiivii qamadii jalisii boneerratti hundaa’uun sagantaa Maaddii Guutuu /White Legacy/ hojirra oolchuuf karoorfameera jedhu.

Barbaachisummaa sagantichaa yommuu ibsanis, omishaafi omishtummaa beeladaa dachaan guddisuun maniiwwan ilmala badhadhiinaa mirkaneessuuf, Maaddii tokkorratti dhangaa guutuu argachuuf/sirna nyaataa madaalawaa mirkaneessuun lammii fayya buleessa horachuuf, humna omishuu danda’uufi fayyaansaa eegame horachuuf, quucarummaa hir’isuuf, dargaggootaafi dubartoof carraa hojii bal’inaan uumuuf, akkasumas alergii dabaluun sagantaan maaddii guutuu akka mirkanaa’u taasisuuf akka ta’u ibsu.

Hojii kanas yeroo ammaatti eegaluun carraawwan garagaraa qabaachuu kan himan Obbo Toleeraan, gaheen beeladni dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa keessatti qabu hubachuun mootumnmaan seektara kanaaf xiyyeeffannoo kennuu, qabeenya lafaa, bishaaniifi haalli qilleensaa mijataan jiraachuu, humna nama barateefi omishuu danda’u (dargaggootaafi dubartootaa) guddaan jiraachuu, agro-ikolojiiwwan adda addaa (baddaa, badda dareefi gammoojjii) jiraachuu, carraan gabaa omisha beeladaafi bu’aa beeladaa bal’inaan jiraachuu, aadaan hawaasaa beelada horsiisuun walitti hidhatee jiraachuu, bu’uuraaleen misoomaa adda addaa jiraachuu, abbootiin qabeenyaa misooma beeladaarratti hirmaatan bal’inaan jiraachuu eeru.

Akkasumas, inistiitiyuutiiwwan qorannoo qonnaa (federaalaafi naannoo) fi yunivarsiitota, dhaabbilee misoomaafi mitmootummaa misooma beeladaarratti hojjetan jiraachuufi omishni talaallii beeladaa akka Afrikaatti biyyattii keessa jiraachuu akka carraatti eeru.

Hojiiwwan sagantichaan waggaa afur keessatti hojjetamuuf karoorfaman keessaas, loon sanyii naannoo (indigenious) diqaalomsuun, oomisha aannan loon sanyii fooyya’oo haaraa guddisuu (new crosses) tokko yoo ta’u, kanaanis sanyii kormaa saalli adda baheen (sexed semen) loon kuma 12 diqaalomsuun, dhuma sagantichaatti, raaddeen kuma afuriifi 375 diqaalomsuun keessatti argama. akkasumas, sanyii kormaa (conventional semen) miliyyona 4.9 omishuufi loon miliyoona lama rimaa qabsiisuu, dhiheessii raaddenii kuma 299tti guddisuunis qaama sagantichaa ta’uu dubbatu.

Akka waliigalaatti sagantaa waggaa afuriif turuu kanaan omishtummaa gama beeladaafi bu’aalee beeladaan jiru cimsuun hawaasa omishaafi fayya buleessaa horachuurra darbee madda dinagdee taasisuuf hojiin eegalame bifa walfakkaatuun hojiitti hiikamuu qaba.

Hoggansi sadarkaan jiruus karoorri yaadamaan jiru hojiitti akka hiikamuuf of kennee hojjechuun irraa eegama. Hawaasniis sagantaawwan haaraa ija shakkiin ilaaluurra itti seenee bu’aasaa dhandhamachuuf of qopheessuu qaba.

Saamraawiit Girmaatiin

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You