Guddina dinagdee rakkoowwan keessatti galmaa’e

Bara 2014 keessa Itoophiyaan rakkoolee siyaas dinagdee hedduuf saaxilamtee turuunshee ni yaadatama. Rakkooleen kunneenin kan biyyaalessaafi biyyooleessaa yoo ta’an aarsaa olaanaas ishee kanfalchiiseera. Rakkooleen kunneenis, biyya keessaa, waraana kaabaafi rakkoolee nageenyaa bakkaa bakkatti mul’atan, ongee, awwaannisi isaan ijoo yoo ta’an, akka addumyaatti ammoo, weerara koviid, qaala’ina gatii idiladdunyaa, koviidiifi kkf kaasuun ni danda’ama.

Haalota kanneen keessatti Itoophiyaan damee dinagdeetiin sadarkaa Afrikaa Bahaafi, Biyyoota sahaaraa Gadiirratti hinmula’anneen guddina dinagdee %6.3 galmeessuushee, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) walga’ii Mana Maree Miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti ibsaniiru.

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaas dhimma kanarratti Ministira Qonnaa Obbo Umar Huseeniifi Ministira Indastirii Obbo Malaakuu Allabal haasofsiisee ture. Kanas akka maxxansaaf tolutti qindeessineerra.

Guddinni argame maalirraa akka madde?

Obbo Umar Huseen dhimma kanarratti yaada kennaniin, hojii hojjetameen bu’aan galmaa’uu qofa osoo hintaane, haala ulfaataa keessatti hoggansa kennuufi hojjechuun akka danda’amu kan irraa baratame ta’uu himu. Qonnarratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufuuf mootummaan waggoota sadan afran darban omishni biyyattii daran akka dabaluuf meeshaalee qonnaa bifa qananiitiin (‘luxury’) ashuuraa itti kanfalamee alaa galan bilisa akka galan taasisuu kaasu. Akkasumas, xaa’oo kuntaala biliyoona 15 alaa galchuun hojii qonnaa deggaruu ibsu.

Aleergiidhaan walqabatee bara darbe haala hinbaramneen bunarraa galiin doolaara biliyoona tokko ol galmaa’uu kaasanii, seenaa biyyattiitiin doolaara miliyoona 900 darbee akka hinbeekne eeru.

Gama damee indastiriitiinis, rakkoolee keessatti bu’aalee jajjabeessoon galmaa’uufi dinagdeen biyyattiis bu’ura cimaarra dhaabachuun kanitti mirkanaa’e ta’uummoo Obbo Malaakuutu ibse. Hojii hojjetameen carraa hojii uumuu, indastirii babal’isuu, aleergiifi kkf irratti bu’aan waggoota 10n darban hingalmoofne argamuu kaasanii, alergiirraa qofa doolaarri miliyoona 500 ol argamuu himu.

Warshaalee baay’een sababoota garagaraatiin humni omishasaanii hir’atus invastimantii haaraa kuma lamaafi 838, indastirii olaanaa 77 akkasumas carraa hojii kuma 255 uumuu danda’amuu himanii, akka waliigalaatti dandeettiin omishuu %54.2 dabaluufi maanifaakchariingii qofti guddina %4.9 galmeessisuu addeessu.

Qaala’ina jireenyaa

Qaala’inni jireenyaa sababoota garagaraatiin kan uumamu ta’us omisha gahaa dhiheessuu qofaan kan hiikamus akka hintaane hubatamuu qaba kan jedhan Ministirri Qonnaa, dhiheessii omishaatiin walqabatee karoorri waggaa 10 qophaa’ee hojiitti kan seenamuu ibsu. Bara 2014tti omisha kuntaala miliyoona 336 omishuuf karoorfamee, %90 raawwachuun danda’amuufi sababa nageenyaatiin walqabatee bakkeewwan itti hinomishamnes waan jiraniif karoorichi guutuu dhabuu dubbatu.

“Biyya %90 rooba eeggattee qonna gaggeeffattutti mala qonnaa jijjiiruun dirqama waan ta’eef jallisiidhaan misoomsuu keessa seenameera. Kanaanis amma omishni jallisii qamadii kan barame yoo ta’u, omisha saliixii bardheengaddaa eegalame babal’isuuf sochiin taasifamaa jira.

Gama kanaan bittaa qamadiif baasii doolaara biliyoona tokko ba’u hambisuu danda’uun waan guddaadha. Haala kanaan omishawwan alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusaa baasii sharafa alaatiif ba’u yoo hambisuun danda’ame jireenya ummataarratti jijjiiramni qabatamaan dhufuu danda’a” jedhu.

Obbo Malaakuunis gamasaaniitiin, rakkoon qaala’ina jireenyaa biyyattii kuufama waggoota 10 malee kan bara omishaa 2014tti qofa uumame akka hintaane eeranii, kunis hammi omishaafi fedhiin jiru walsimuu dhabuun kan uumame akka ta’u eeru. Keessumaa qaala’ina jireenyaa barichaaf sababa ijoo kan ta’e omishawwan barbaachisoo kanneen akka sukkaara, qamadii, zayitiifi kkf qofa alaa galchuuf doolaarri kanfalamaa ture dachaa baay’eedhaan dabaluu akka ta’e himu.

Akkasaan jedhanitti, rakkoon qaala’ina jireenyaa furmaata waaraa kan argatu omisha alaa galan kan biyyaatiin bakka buusuurra darbee alattillee erguuf humna qaban duguuganii fayyadamuun biyyattii wiirtuu omishaa taasisuun yoo danda’amedha. Akkasumas lammiileen omisha baay’inaan omishanii galiisaanii akka guddifataniifi humni bituusaanii akka dabalu taasisuu barbaachisa. Invastimantiidhaan walqabatees kanneen amma jiran malee haaraa baay’inaan babal’isuu barbaachisa.

Bu’aa seektara taajilaarratti argame…

Dameen tajaajilaa akka jijjiiramuuf hojii bal’aan hojjetamuu kan kaasan Obbo Umar, kunis kaayyoowwan garagaraa kan qabu ta’uu ibsu. Inni duraa, omisha alaa galu kan biyya keessaatiin bakka buusuufi yoo danda’ame galii galchuudha. Utuu hanqinni sharafa alaa jiruu omishawwan alaa bitanii galchuun ulfaataa ta’uu eeranii, hojiin qamadiirratti eegalame babal’atee ittifufuu akka qabu ibsu. Waanti avokaadoorratti eegalamee gaarii yoo ta’u caalaatti hojjetamuu akka qabus ni kaasu.

“Qonna qamadii bonaatii walqabatee dhiheessiin paampii akaakuuwwan garagaraa taasifameera. Lafa heektaara kuma 680 irratti qamadii faca’eenis omisha kuntaala miliyoona 25 argachuun danda’ameera. Hojii kana humna guutuun hojjechuuf bakkeewwan bishaan qabaniifi hinqabne adda baasuun paampiiwwan kuma 50 dhiheessuun barbaachisa; kan nu barbaachisu ammoo kuma 75. Isa hafe naanooleefi federaalatu guuta.

Gaafa hojiiwwan gaafa eegalaman qeeqni dhufu ijaaraafi hanqina jiru guutuu kan danda’u malee kan hojii danqu ta’uu akka hinqabnes eeranii, rakkoowwan hedduu haasa’uurra humna jirutti fayyadamanii hojjechuun bu’aa galmeessisuu wayya ilaalacha jedhuun waan hojjetameef tajaajilarratti jijjiiramni dhufaa jiraachuu ibsu.

Obbo Malaakuunis gamasaaniitiin, dinagdeen Itoophiyaa ittifufiinsaan akka guddatuuf omishtummaan guddachuu akka qabu kaasanii, kana jechuun shaqaxa al tokko bitamu al kudhaniifi isaa ol daddabarsanii gurguruun osoo hintaane omisha haaraa bal’inaan omishuu akka barbaachisu kaasu. Dameen tajaajilaas guddina barbaadamu akka fiduuf dameen maanifaakchariingii cimuu akka qabuufi kunis seektara qofarratti osoo hintaane hundarratti hojjetamuu akka qabu ibsu.

Itoophiyaan fakkeenya badhaadhinaa Ardii Afrikaa akka taatuuf filannoowwan jiran hundatti fayyadamanii hojjechuun dirqama ta’uus hubachiisanii, keessumaa hojii qonna ceessisuu xiyyeeffannaa olaanaa akka barbaadu himu. Utuu qonna hinceessisiin, maanifaakchariingii, albuudaafi kkf ceessisuun hindanda’amu; maanifaakchariingis motora ta’ee akka misooma tajaajiluuf hojjetamuun dirqama ta’uufi, haala kanaan itti deemamaa akka jiru dubbatu.

“Indastiriiwwan IMXtiif deggarsi addaa taasifamuu qaba. Indastiriiwwan olaanoonis warra giddugaleessaa deggaruun irra jiraata. Kunniin hundi akka dhufuuf ammoo seektaroonni dhiheessii humnaa, faayinaansii, loojistiiksiifi kanneen biroo fooyya’uufi babal’achuu qabu. Dhiheessii humna namaafis qulqullina barnootaarratti xiyyeffatamee hojjetamuun dirqama. Kanaafis imaammanni haaraa qophaa’ee dhihootti hojiirra kan oolu ta’a” jedhu.

Gahumsa aleergii biyyattii…

Akka Obbo Umar jedhanitti, dhimmi aleergii kan dhufu erga fedha omisha biyya keessaa guutameen booda. Isa kanarratti erga hojjetameen boodammoo, seektaroonni waliin karoorfatanii hojjechuun murteessaadha. Fakkeenyaaf qonni yommuu karoorfatu, indastiriin maal barbaada isa jedhu ilaalcha keessa galchuu qaba. Indaastiriin ammoo qonna eeguu qofa osoo hintaane bakka ofii omishuu danda’uurratti seenee kilaastaraan omishuu qaba. Gama kanaan hojii eegalame gaarii yoo ta’u %47 qaqqabeera.

“Qonnarraa hundumatu waa eega. Garuu maal kennineef kan jedhu ilaalamuu mala. Faayinaansiin, dhiheessiifi wantoonni damichaaf barbaachisan bakka haalaan hikennamnetti irraa eeguu qofti sirrii hinta’u. Qonni kontiraataallee babal’achuu qaba. Abbootiin qabeenyaa warshaa qaban lafa kireeffatanii qotuu danda’uu qabu. Fakkeenyaaf jalqabbiin warshaalee biiraafi zayitii biratti eegalame jajjabeeffamuu qaba” jedhu.

Rakkoo biraan hanqinni omisha akka uumamu taasisu keessaa omishni haala walfakkaatuun bakkawwan hundatti omishamuu dhabuu ta’uu kan himan ministirichi, rakkoon bu’uuraalee misoomaa, ogeessotaas hudhaa seektarichaa ta’uu ibsu. Naannoleen gaafa inisheetiivii ykn sagantaan tokko ba’u haala walfakkaatuun hojiirra oolchuu dhabuun akka mul’atu kaasanii, kunis akkaataa fudhannaasaaniirraa kan madde malee ministeerichi tokkoof deggarsa addaa taasisee, kaaniif dhowwatee akka hintaane ibsu.

Akka Obbo Malaakuun jedhanitti ammoo, indastiriin maanifaakchariingii gabaa biyya keessaafi alaa qaba. Yeroo amma gilobaalaayizeshiniin babal’ate kanatti omishawwan yeroodhaan, qulqullinaafi hammaan fooyyessanii dhiheessuu barbaachisa. Biyyoonni biroos kanarratti xiyyeeffatanii hojjetaa waan jiraniif gabaa biyya alaa keessatti dorgomoo ta’uu danda’an. Akka Itoophiyaatti garuu madaalliin daldala biyyaa eegamuu dhabuun bu’aan barbaadamu akka hindhufne taasiseera.

Waanti akka biyyaatti omishamu xiqqoo yoo ta’u, wanti alaa bitamu garuu baay’ee waan ta’eef kun akka jijjiiramuuf omishawwa irratti sona dabaluun murteessaa ta’uu himu. Akkasumas hojiin daballii omishaarratti hojjetamu beekumsaan kan hogganame ta’uun dirqama jedhu.

Walumaagala hojii dameen qonaafi indastirii karoora waloo hojjechiisuu danda’u baafachuun hojjetan bu’aaqabeessa ta’uufi kunis fuulduratti cimee kan ittifufu ta’uu ministiroonni kunneen ibsaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You