“Federaalizimiin sabdaneessaa tokkummaa biyyaa cimsaa aadaa walkabajuus gabbisa” -Doktar Zallaqaa Tamasgeen

Sadaasa 29 1987 Heerri Itoophiya bakka bu’oota saboota sablammootaafi ummattoota Itoophiyaatiin erga ragga’ee as olaantummaan hafee walqixxummaan akka dhugoomu, ani sii beekaan hafee natu ofiif beekaan akka lafa qabatu, Itoophiyaa natu ijaareen hafee Itoophiyaa hundatu ijaare dhugaan jedhu akka lafa qabatu ta’eera.

Itoophiyaan haadha ilmaan sabaafi sablammii 76 ol waldanda’uun keessa jiraatanii yoo taatu, jaarraa tokkoofi walakkaa oliif walqixxummaa caalaa olaantummaa afaan tokkoo, aadaa tokkoo, amantii tokkoo humnaan namatti fe’uun qorqalbiin sabootaafi sablammiilee akka miidhamu taasisaa turteetti.

Cunqursaa sirnoonni darban ilmaan sabaafi sablammiirratti qaqqabsiisaa turan daran hadhaa’aa ta’uusaatiin fincila diddaa dargaggootaatiin dho’een sirnoonni ilaalcha dukkanaa’aa baatanii deeman kunniin dabareesaanii eeganii hurraa’aniiru.

Ilmaan sabaafi sablammiis bilisummasaanii ibsatanii mirga ofiin of bulchuu gonfatanii aadaa, eenyummaafi afaansaanii akka gabbifatan taasifamuun waggaa waggaan guyyaan sabaafi sablammii akka kabajamu ta’uu beekama, kabajamaas jira.

Gaazexaan Bariisaas kabaja ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaa Kamisa dhufu, Sadaasa 29 bara 2015 ayyaaneffamu ka’umsa godhachuun Gorsaa Seeraa Afyaa’ii Mana Maree Federeeshiniifi Ittigaafatmaa Waajjira Afyaa’ii Doktar Zallaqaa Tamasgeen keessummaa taasifanneerra. Turtiin isaan wajjin taasisnes akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Doktar Zallaqaa Tamasgeen eenyu? Eessatti dhalatanii guddatan? Haala barnootaas achumaan?

Doktar Zallaqaa: Akkuma atuu eerte maqaan koo Doktar Zallaqaa Tamasgeen jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Amboottin dhaladhee guddadhe. Hanga umriinkoo barnootaaf ga’utti akkuma da’imman kaanii maatii kiyya tajaajilaan guddadhe. Yeroo umriinkoo barnootaaf ga’u Magaalaa Amboo, Mana Barnootaa Sadarka 1ffaa Carii jedhamutti baradhee xumure.

Sadarkaa lammaffaas Ambotti xumureen qabxii quufsaa fiduun Yunivarsiitii Maqalee galee barnoota seeraatiin digrii jalqabaatiin meedaaliyaa warqiitiin eebbifame.

Bariisaa: Erga yunivarsiitii Maqaleerraa eebbifamtanii eessatti hojii eegaltan?

Doktar Zallaqaa: Abbaa Alangee Federaalaa ta’ee waggaa tokkoof hojjedheera. Deemsa keessa carraa barnoota alaa argadhee gara biyya Awurooppaa deeme.

Bariisaa: Biyya Awurooppaa kam? Barnoota maalis hordoftan?

Doktar Zallaqaa: Yunivarsiitii Giddugala Awurooppaa (Central European University) biyya Haangaariitti argamu deemuun digriikoo 2ffaa damee “Economic Policy in Global Market” jedhamun baradhe. Sana booda gara Xaaliyaanii deemeen digrii lammaffaa dabalataan ‘LLMN’ (barnoota seeraa)baradhe.

Doktireetii kiyyas achuma, Xaaliyaanii Yunivarsiitii Tuuriin jedhamutti seeraan baradhee bahe. Yeroo ammaattimmoo Gorsaa Seeraa Mana Maree Federeeshiniifi Ittigaafatamaa Waajjira Afyaa’ii ta’een tajaajilaa jira. Gaa’ilas ijaarradhee abbaa daa’ima tokkooti.

Bariisaa: Heerri Itoophiyaa yoom? eenyuun tumamee hojiirra oole?

Doktar Zallaqaa: Heerri Itoophiyaa sadaasa 29, 1987 “Nuti Sabaafi sablamoonniifi Uummattoonni Itoophiyaa bakka bu’oota keenya erginee heera keenya tumanneerra” jedha.

Bariisaa: Lammii Itoophiyaa ta’anii Itoophiyaa keessa jiraachaa Heerri raggaassifamee hojiirra jiru nuun bakka hinbu’u; akka sabaatti irratti hinhirmaanne kanneen jedhan jiruutii isin maal jettu?

Doktar Zallaqaa: Kun dogoggora. Sirrachuus qaba. Warra kanaaf heerichi deebii gahaa kenna jedheen amana. Bakka buutonni sabaafi sablammii irratti hirmaatan mallattoosaaniin raggaassisaniiru. Kanaaf komii kan kaasisu miti.

Bariisaa: Yeroo filannoo fa’atti qaamoleen heericha hinfudhannu, ciramuu baduu qaba jedhan turaniiru. Kanarratti maal jettu?

Doktar Zallaqaa: Heerri fooyya’uu akka danda’u ofumaa deebii kenna. Yaadni ciramee haa badu jedhamu garuu yakka nama gafachiisuudha.

Sababnisaas olaantummaa seeraatiif abboomamuu dhabuufi faallaa seeraa deemuu waan ta’eef ittigaafatamummaa jalaa nama hinbaasu. Ciramee baduu qaba jechuurra bakka komiin jirutti akka fooyya’uuf gaafachuufi qeequun akka danda’amu heerichi mataansaa ni gorsa.

Bariisaa: Keeyyatoonni fooyy’iinsa heeraaf affeeran kam fa’i?

Doktar Zallaqaa: Keeyyatawwan 104fi 105 yoo ilaalle fooyya’iinsi heeraa taasifamuu akka danda’u; achi keessattis gaheen Mana Maree Federeeshinii, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi kan nannoolee maal maal akka ta’e adda bahee taa’eera.

Gabaabumatti heera qeequufillee daangaa seeraa keessa taanee socho’uun dirqama. Yoo kun hintaane biyyattii gara jeequmsaatti oofuu waan ta’eef olaantummaa heeraa jalatti socho’uun dirqama.

Bariisaa: Heerri bu’aa walqixxummaa fincilli diddaa sirna cunqursaa dhaleedha jedhamaatii isin maal jettu?

Doktar Zallaqaa: Itoophiyaan biyya sabdaneessaa namoonni afaanota gara garaa dubbatan, amantiilee adda addaa hordofan aadaalee gara garaa qaban waldanda’uufi walqixxummaan keessa jiraataniidha. Isa kanaafimmoo wabiin heera fincilli diddaa sirna cunqursaa aarsaafi wareegama qaalii kaffalameen argameedha.

Bariisaa: Heerri Itoophiyaa dhugaa biyyattii qabatamaan mul’isamoo hinmul’isu ?

Doktar Zallaqaa: Heerri Itoophiyaa bakka na hinbu’u jechuun hindanda’amu. Akkas jechuurra heerichi dhugaa biyyattii qabateeramoo hinqabanne isa jedhu beekuun barbaachisaadha.

Kanaafis saboonniifi sablammiileen mirga walqixxummaa kan qaban ta’uu, mirga afaan ofiitiin barachuu, aadaa ofii guddisuu, amantii fedhan hordofuu qixa waan kennuuf hundaaf kan dhaabateedha.

Bariisaa: Jaarraa amma keessa jirru kanatti mirga ofiin of bulchuu argachuuf akka isa darbee wareegamaafi aarsaa lubbuun kaffaluun ni barbaachisa jettuu?

Doktar Zallaqaa: Mirga ofiin of bulchuu argachuuf akka isa darbee wareegama qaalii kaffaluun hinbarbaachisu. Heera ejjennoo godhatanii karaa dimokraatawaa qabsaa’uun mirga ofii gaafachuun gahaadha. Gaaffii karaa dimokraatawaa ka’us akkaataa heerri ajajuun adeemsa jiru hordofuun simatanii ilaaluun gaaffii maluuf deebii malu kennuun barbaachisa.

Bariisaa: Keessumaa mootummaa jijjiiramaa kana keessa gaaffiin caasaa babal’achaa jira. Kun akkamiin gaggeeffamuufi keessummaa’uu qaba jettu?

Doktar Zallaqaa: Daangaa heeraa keessaafi dimokraatawaa taanee socho’uun mirga keenya gaafachuu osoo maluu gara jeequmsaatti jijjiiruun qabeenyaafi qaamarra miidhaa geessisuun sochiin mirga ofii kabachiifachuuf taasifamu sirrii miti.

Bariisaa: Naannoodhaan hundaa’anii ofiin of bulchuun bajata dabalataa gaafatu qaba moo kanuma dur turrerraa qoodama? Gama faayidaatiin hoo akkamiin ibsama?

Doktar Zallaqaa: Fakkeenyaaf Naannoon Sidaamaa yeroo hundaa’u bajatni dabalataa addatti kennameef hinjiru. Isuma dura Naannoo Ummattoota Kibbaa jalatti ramadamuuf keessaa qoodasaa fudhate jechuudha. Keekii dura warra biroo wajjin qooddachaa ture sana keessaa gaheesaa deebisee fudhata jechuudha malee addatti wanni dabalamuuf hinjiraatu.

Bariisaa: Naannoleen dabalataa hundaa’aa dhufuun walqabatee kanneen Itoophiyaan bittinnoofte jedhan waan jiraniif isin maal jettu?

Doktar Zallaqaa: Lakki, gaaffii mirgaa yeroo dheeraaf ukkaamfamaa turetu deebii argate, tokkummaatu cime, nagaatu bu’e malee naannoon ijaaramuun biyya hindiigu. Kun olola. Yoo muuxannoo biyyoota alaa ilaalles federaalizimiin sabdaneessaa tokkummaa biyyaa kan cimsuufi aadaa walkabajuu kan gabbisuudha.

Bariisaa: Waldhabdeen daangaa bulchiinsaa haala kamiin furamuu qaba jettu?

Doktar Zallaqaa: Biyya heera qabduufi olaantummaan seeraa jiru keessatti humnaan faayidaa ofii kabachiifachuuf yaaluun hindanda’amu, yakkasi.

Humnaan fedhii ofii galmaan ga’achuuf socho’uun nageenya booressuu waan ta’eef dimokraatawaa ta’uun bu’uura heerri gorsuun deemuun dirqama.

Bariisaa: Dhimmi ykn waldhabdeen tokko kan daangaa ta’uu mala, dhaaltummaafi gaaffii naaf malaa ta’uu danda’a. Waldhabdeen bu’uura heeraatiin furmaata argata jechuun maal jechuudha?

Doktar Zallaqaa: Waldhabdeen yoomiyyuu, eessattuu mudachuu mala. Raakkinicha furuufimmoo keeyyattoota heerichaarratti hundaa’uun ykn fayyadamuun ni danda’ama jechuudha. Keewwata 48 irratti yoo walitti bu’iinsi daangaa bulciinsaa yoo mudate takkaan mariidhaan akka furatan heerri nigorsa.

Yoo mariidhaan furuun dhabame garuu Manni Maree Federeeshinii abbummaan furuu akka danda’u ibsa. Manni marichaas fedhiifi qubannaa ummataa giddugaleeffatee furmaata kenna.

Bariisaa: Garaagarummaafi tokkummaan heera federaalaafi naannoo gidduu jiru maali?

Doktar Zallaqaa: Akka heerri RFDI keeyyanni 9 ibsutti heerris ta’e labsiin akka naannootti bahu kamuu maddisaa heera federaalaati. Heerri ykn labsiin sadarkaa naannootti ba’u faallaa heera federaalaa yoo ta’e fudhatama hinqabu. Ni haqama jechuudha. Haaluma kanaan heerri sadarkaa naannootti tumamuun hojiirra oolu heera sadarkaa federaalaatti jiru bu’uura godhachuuni.

Heerri saboota, sablammiileefi uummattoota Itoophiyaa hundaaf beekamtii kan kenneefi bakka bu’ootasaaniin kan tumame waan ta’eef guyyaa sabootaa waggaa waggaan miira hunduu kankooti jedhuun kabajama.

Bariisaa: Guyyan sabaafi sablammii akkamitti kabajamuu eegale?

Doktar Zallaqaa: Guyyaan kun akka kabajamuuf sababa guddaa kan ta’e heerri Itoophiyaa sadaasa 29/1987 kan ragga’e yoo ta’u, kana hordofuun bara 1998 Manni Maree Federeeshinii guyyichi guyyaa sabootaa sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa ta’ee akka kabajamu murteesse.

Kana hordofuun waggaa waggaan ayyaana sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa akka ta’uuf murtaa’ee yeroo jalqabaatiif bara 1999 Finfinneetti kabajame.

Bariisaa: Guyyichi kabajamuun saboota, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaa hiika akkamii qaba?

Doktar Zallaqaa: Ilaalcha Itoophiyaa aadaa, afaaniifi amantii tokkoo jedhu kan hambiseefi dhugaa biyyattii isa sirrii kan mul’iseedha.

Dhugaan Itoophiyaa garaagarummaa afdaneessummaa, sabdaneessummaa aadaafi eenyummaa jiru ummattoonni biyyattii kankooti jedhanii walkabajanii waldanda’anii waliin jiraachuu kan nama barsiisuudha.

Ayyaanichi kabajamuun saboonniifi sablammiileen walqixa ta’uu, aadaa, eenyummaa, afaaniifi amantiin garagar ta’anis waldanda’anii tokkummaa uumuun biyya Itoophiyaa jedhamtu ijaaruusaaniif miirri biyyattiin kankooti jedhu akka uumamu taasisuu keessatti hiika guddaa qaba.

Ayyaanichi eenyummaa sabootaafi sablammootaa barootaaf ukkaamfamaa ture gadi baasee kan agarsiisu waan ta’eef ayyaana Itoophiyaanotaati.

Bariisaa: Gaafa Itoophiyaa jedhamu kanneen biyya afaan, uffata, aadaa, shubbisaafi amantii tokkoo taasisanii fudhatan turaniiru kanarratti maal jettu mee?

Doktar Zallaqaa: Akkuma saboonniifi sablammiileen biyyattii baay’ee ta’an aadaan, afaan eenyummaafi amantiin gara garaa jira. Kunniin hundi gadi bahanii miidhagina Itoophiyaa ta’u malee Itoophiyaan aadaa, afaaniifi eenyummaa tokkoo hinjirtu.

Bariisaa: Afaan hojii federaalaa dabalataa hojiirra akka oolu sochiin taasifamaa ture malirra jira?

Doktar Zallaqaa: Akka heericha keewwata 5 irratti eerametti afaanonni hundi beekamtii walqixa qabu. Afaan tokko isa kaan hincaalu.

Haata’uutii gaaffii ummataa bu’uura godhachuun Itoophiyaan afaan hojii federaalaa dabalataa akka qabaattuuf hojjetamaa jira. Afaan Oromoo dabalatee afaanonni hojii federaalaa shan akka hojiirra oolaniif imaammanni afaanii ba’ee irratti hojjetamaa tureera.

Labsii lakkoofsa 1261/2013 ba’een aangoo Manni Maree Federeeshinii dhimma afaaniirratti qabu lafa kaa’a. Bu’uuruma kanaan hojiilee guguddoo dhimma afaaniirratti hojjetamuu qaban hojjetamaa turaniiru, ammas ittuma jira.

Bariisaa: Qabatamaan dhimmi Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu yeroo ammaa maalirra jiraree?

Doktar Zallaqaa: Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuuf waanti akka Mana Maree Federeeshiniitti ittideemame jajjabeessaadha. Haaldureewwan guutamuu qabanirratti hojjetamaa tureera.

Bariisaa: Faayidaa Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu kana akkamitti ibsitumee?

Doktar Zallaqaa: Afaanichi afaan hojii federaalaa dabalataa ta’uunsaa takkaan gaaffiin yeroo dheeraa ummata Oromoo deebii akka argatu kan taasisuudha. Guddina afaanichaafis bu’uura buusa. Tokkummaafi nageenyi biyyaa akka mirkanaa’u taasisa.

Biyyoonni guddatan hedduun afaanota hojii federaalaa lamaafi isaa ol qabu. Kunis guddina biyyasaaniif bu’uura ta’e. Fakkeenyaaf Siwiizerlaandi afaanota hojii federaalaa afuriifi Kanaadaan lama qabdi. Biyyoonni kunniin adeemsa kanaan faayidaa guddaa argataniiru. Afaan Oromoos Afaan hojii federaalaa ta’uun faayidaa guddaa qaba.

Bariisaa: Federaalizimii sabdaneessaafi haala yeroo Itoophiyaa akkamiin ilaaltu?

Doktar Zallaqaa: Federalizimiin sabdaneessaa keessumaa biyyoota sabaafi sablammiin heddu qabanitti sirna filatamaadha. Sirni kun aadaa garaagarummaa walii miidhagina taasisu, walqixxummaafi tokkummaa biyyaa kan utubuufi labsuudha.

Itoophiyaa biyya sabaafi sablammiin 76 ol keessa jiraatanitti sirna filatamaadha. Yoo itti beekneef garaagarummaan afaanii, aadaafi amantii miidhagina, madda galiitisi. Federaalizimiin sabdaneessaa bittinneessaa osoo hintaane sirna walqixxeessaadha.

Bariisaa: Itoophiyaatti jijjiiramoonni gara garaa biqilaa jiranis rakkoon nageenyaa yaaddoo ta’aa jiraatii furmaannisaa maali jettu?

Doktar Zallaqaa: Dhugaa dubbachuuf rakkoon nageenyaa akka biyyaatti qaqqabaa jiru gatii hinmalle nukaffalchiisaa jira. Rakkoo kana furuuf maddi rakkoo kun maali isa jedhu ilaaluun gaariidha. Gaaffii kamuu ilaafi ilaamee qofaan furuun barbaacisaadha. Walwaraanuun, walbuqqisuu waljifachuun dhaabachuu qaba.

Waraanni qorqalbii dhalootaa miidha, dinagdee gaaga’a, qaama waan hir’isuuf marii dubbii salphisuun dhaloota walitti araarsuun filannoo ta’uu qaba.

Bariisaa: Xumurarratti ayyaana sabootaafi sablammoota Itoophiyaa baranaa ilaalchisuun yoo ergaa qabaattan?

Doktar Zallaqaa: Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kan tokkummaan keenya itti ititu, kan nagaa kan gammachuufi milkaa’inaa akka nuuf ta’un hawwa. Itoophiyaa haaraa hunda hammattu waliin ijaaruuf waliin haa dhaabanuun ergaakooti.

Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gootanii turtii nuwaliin taasistaniif maqaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.

Doktar Zallaqaa: Isinis galatoomaa!

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You