Namoonni sababoota garaagaraa irratti hundaa’uudhaan mucaa gadameessa keessaa guddina dhorkuun ajjeesu. Sababoonni kunis namoota baay’eedhaaf karaa ta’uun ulfa baasuun akka seera qabeessa ta’ee heeyyamamuuf biyyoota hedduu gargaareera. Bu’urri falmii kanaas kanneen akka ulfa hinbarbaachisnee, qaamafi sammuu haadhaa irratti ulfi sun miidhaa nigeessisa jedhamee yoo tilmaamame, mucaan dhalatu hir’ina qaamaa niqabaata jedhamee yoo shakkamu, ulfa gudeedamuu irran ka’ee uumame, fira irraa ulfaa’uu, dhiibbaa hawaasummaafi dinagdee kan jedhaman jiru. Isaan kana sababeeffachuun ulfa baasuun akka danda’amu kan falman nijiru.
Ulfa baasuu ilaalchisee tarii gaaffii garagaraa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, dubartiin karoora malee ulfoofte tokko da’uudhaaf nidirqisiifamtii? Mucaan durbaa humnaan gudeedamte ykn fira ishee irraa ulfoofte tokko irraa baasuun gaarii mitii? Kan jedhuufi kan kana fakkaatan qabaachuu dandeenya. Gaaffilee kana miira keenya qofaan yoo ilaallu deeggaruu dandeenya. Kanaaf furmaanni ulficha baasuu qofaadha jennee yaaduu dandeenya.
Haa ta’u iyyuu malee biyya lafaa ajjeechaan guute kana keessatti kanneen sagalee hinqabneef sagalee ta’uun dhaloota borii oolchuu attamitti dandeenyaa? Gaaffilee isa kanaafi kana fakkaatan irratti hojjechuun barbaachisaa ta’a. Sababa biyyoottan garaa garaas ta’e namoonni daa’imman hindhalatiin ajjeesuuf ulaagaalee kennaniif hordofuu irra, daandii qo’annoofi qorannoo irratti hundaa’een kallattii garaa garaan rakkoo kana ilaaluun barbaachisaadha.
Namoonni ulfa baasuuf sababa fayyadaman keessaa muraasni ulfa hinbarbaachifne baasuun nidandaa’ama kan jedhan nijiru. Ala tokko dargaggeettiin hiriyaa qabdu tokko akkas jette, “…ani jaalallee dhiiraa tokkon qaba. Utuun isa waliin jiraadhuu gaaf tokko akkan ulfaa’een hubadhe. Yeroon hiriyaa koo sanaa wajjin mari’adhus akkan ulfa sana of irraa baasuu qabu natti hime. Ani barattuu galii hinqabneedha. Ulfa kana baasuun garuu akkan yakka cimaa hojjedhetti natti dhaga’ame; yakki inni jalqabaa barattuu ta’ee bakka hinbarbaachifne dhaabachuudha; inni lammaffaan ammoo balleessaa koo irraa kan ka’e lubbuu namaa baasuudha. Inni kun xiqqaadhumatti barnootan baradherraa yoom akka namni lubbuu qabaatu hubadheera. Rakkoon keessa seene kun garuu akkan garmalee itti dhiphadhu na taasiseera. Barnoota koo irratti dhibbaa hamaa geessiseera. Egeree koos dukkaneesseera. Akkan guyyootan dabarsetti gaabbuufi gaddu na taasiseera. Yeroo hundumaan boo’a. utuu yeroon natti hindarbiin gorsan barbaada”. Inni kun rakkoo namoota hedduuti. Wantoonni akka salphaatti eegalan akka salphaatti keessaa ba’uun kan hindandaa’amne danuudha.
Namoonni hedduun waa’een ulfa baasuu akka nama xannacha baasuutti ilaaluun akka salphaatti kan fudhatan nijiru. Inni kun garuu dogongora. Sababiin isaa dubartoonni hedduun ulfa baasuu irraa kan ka’e balaa hamaaf saxilamuu nidanda’u.
Haa ta’u iyyuu malee rakkoo hamaa kanaaf akka saaxilaman kan taasisu keessaa muraasa namoonni yeroo dubbatan ulfa baasuun mirga dubartootaati; namni waan ittiin jiraachisuu hindandeenye ulfa baasuu nidanda’a; dubartoonni gudeedaman yoo ulfa sana baasan yakka miti; ykn yakka garagaraa irraan kan ka’e ulfi tokko hinbarbaachisu kan jedhu dhaga’uun keenya hinoolu. Gudeeddiin ykn yakki dubartoota irra ga’u mirga dubartootaa sarbuu, maqa balleessii, yeelloofi kkf., ishee saaxiluu nidanda’a. Isa kana jalaa ba’uuf gara ulfa baasisuutti yaada ishee hiruu dandeessi jedhanii falmu.
Akka ragaan mana yaalaa tokko tokko mul’isutti immoo dubartoonni ulfa hinbarbaachisne jedhan kana baasan ijoollota shamarran umurii dargaggummaa irra jiraniifi utuu hinheerumiin karoora malee ulfa’aniidha. Ulfi kun ammoo gudeeddiin akka hintaane ragaan nimul’isa. Shamarran dhimma gudeeddiitiin mana murtiitti dhihaatan kuma afuriifi 500 keessaa gudeeddiidhaan kan ulfaa’an akka hinjirre argisiisa. Waggoota muraasaan dura dhimma gudeeddiitiif ulfa uumaman baasuun akka furmaata tokkootti ilaalamaa ture.
Haa ta’u iyyuu malee gudeeddiitiin ulfi uumamu baay’ee akka hintaane argina. Dargaggoonni sirriitti mul’ata qabaannaan, bakka hintaane dhaabachuu irraa of qoqqobbatanii jennaan rakkooleen akkasii rakkoo hawaasa tokkoo ta’uu dhiisuu danda’u. Rakkoo har’a warri Lixaa irratti walfalman, beekumsi isaanii gara wallaalummaatti akka geeddaramu kan taasise rakkoolee jiran jalaa miliquun nidandaa’ama.
Dubarri tokko utuu hinheerumiin yookaan erga heerumtee booda yoo ulfoofte illee ulfa sana of irraa baasuun kallattii garagaraan yakka. Fuula seeraa durattis ta’e fuula uumaa duratti sirrii miti. Gaa’elaa alatti ulfaa’uun itti fufuunis ajjeesuu ta’a. Kaanis ammoo rakkoo jireenyaa yaaduun kan ulfa baasuuf yaalan jiru. Maatii hiyyummaa keessa jiraatanii mucaa guddifachuu hindandeenye tokkoof ulfa baasuun furmaata akka ta’utti kan yaadan jiraachuu danda’u.
Haa ta’u iyyuu malee inni kun furmaata miti. Sababnisaa yeroo tokko tokko ulfa baasuun hiyyummaadhaaf qoricha jedhamee yaadama ta’a. Inni kun garuu namoota hiyyummaa keessa jiraataniif keessumaa biyyoota kan akka Afrikaa rakkina hamaa keessa kan galchuudha. Namoonni ulfa baasuutiif horii guddaa dhangalaasu. Namoonni xiqqoon mana yaalaa qaban karaa isaan ittiin durooman ta’uu danda’a. Hiyyeessotaaf garuu ulfa dhorkuu malee ulfa baasuun furmaata hinta’u.
Darbees namoonni ulfa baasuu akka mala ittisa da’umsaatti ilaaluu hinqaban. Karoora isaanii ala haati manaa yoo ulfoofte, kennaa Waaqaa ta’uusaa beekanii fudhatanii guddifachuu danda’uu qabu. Kanaachi da’umsa ittisna jedhanii ulfa sana yoo baasan fuula seeraa durattis ajjeechaadha. Ajjeechaan immoo yakka. Yakki kun fuula seeraa qofa utuu hinta’in fuula isa nama uumee durattis sirrii miti. Isa kana itti yaaduun daran barbaachisaadha.
Namoonni tokko tokko ammoo lubbuu haadhaafi fayyaa qaama ishee irratti dhiibbaa nigeessisa jedhamee yoo yaadamu ulfi nibaasama. Haa ta’u iyyuu malee kallattiidhaan lubbuu ishee kan miidhuufi fayyaa ishee irratti dhiibbaa kan geessisu adda baasuun rakkisaadha. Dur haati yoo dhukkuboota akka kaleefi onnee wajjin wal qabatan yoo qabaatte ulfi akka ba’u godhamaa ture. Har’a garuu jaarraa dhukkuba lubbuu haadhaa miidhuufi hinmiine ogeessaan bira ga’uu danda’ame keessa jirra. Haadhaaf yaalii barbaachisaa gochuufiin gaariidha. Yoo haati duute, carraan mucaan hindhalatinii sun du’uu ta’uu danda’a. Garuu tokko caalchifannee isa kaan gatuun sirrii miti.
Yeroo wanta tokko murteessinu bu’urri keenya sagalee Waaqayyoo isa jiraataa ta’uu qaba. Sababnisaa Waaqayyo lapheefi yaada garaa keenyaa qoree waan ilaaluuf maaliif akka nu’i waa hojjennus beeka. Garuu, rakkina xixiqqoof jennee lubbuu daa’immanii yoo baafne inni kun akka hawaasa duudhaa sirrii qabuutti yakka cimaadha.
Kana qofas utuu hin ta’in ulfa baasuun miidhaa hedduu niqabaata. Ala tokko Giweendooliiyiin Birooksi namni jedhamtu “Ulfa baaste yoomiyyuu hin-irraanfattu. Mucaa argachuun sirra turee dhabde niyaadatta. Barruu mucaa xiqqoo, rifeensa mataa irraa hinqabnee…mucaa silaa guddatee quba hodhaa deemtu dhabuun hindagatamu” jette.
Sababa ulfa baasuunis xiinsammuu (Psychology) haadholii hedduu nimiidhama. Yeroo baay’ee haadholiin ulfa baasan jeequmsa, aarii, nagaa dhabuufi abdii dhabuutu itti dhaga’ama. Keessumaa akka nama lubbuu balleesseetti sababii of lakkaa’aniif himata eenyuuyyuu malee ofii isaaniitti yakka muraa jiraatu. Gara fuula duraattis dhabduu ta’anii waan hafan sababii itti fakkaatuf nidhiphatu. Akka haadha gaarii ijoollee isaanii sirriitti guddifatanittis of hin yaadan. Dhuma irratti dhiphina guddaa irraan kan ka’e gara lubbuu isaanii balleessuutti adeemuu danda’u.
Namoonni duraan dursanii yeroo ulfa baasuuf kaayyeffatan waan boqonnaa argatan itti fakkaata. Garuu akka Naawey Micheel namni jedhamu dubbatuutti haadholiin erga ulfa of irraa baasanii booda boqonnaa argatu utuu hinta’in dhiphina yeroo ulfi sun jiru caalaa akka miidhaman dubbata. Ulfa sana baasuudhaan rakkina ishee jalaa waan furamte yoo itti fakkaatu iyyuu waa’ee lubbuu bade sanaaf baay’ee itti dhaga’ama. Sodaa, aariifi yakkamoo ta’uu isaaniitu boqonnaa isaan dhowwa. Kanatti dabalataan, haadholiin ulfa of irraa baasan, yoo abbaa manaa qabaatan abbaan manaa isaanii ba’uu ulfa kanaa irratti walii hingalle yoo ta’e, abbaa manaa isaanii irraa kabaja dhabu. Mana warra isaanii jiru yoo ta’e immoo, maatiifi hawaasa isaanii irraa kabajaafi fudhatama waan hinarganneef, yaadaan dhiphachuu irra darbee gara lubbuu isaanii balleessuutti tarkaanfii fudhachuu danda’u.
Caalaatti immoo ulfa baasuun dhala dhabuu danda’u. Yeroo ulfa baasan meeshaan ittiin fayyadaman gadameessa haadhaa miidhuudhaan itti fufiinsa firii kennuu gadameessa sanaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Haadholiin dhala dhabanii hafan tokko tokko yeroo mari’achiifaman seenaa kanaan dura dabarsan keessatti akka ulfa of irraa baasanii turanitti dubbatu. Yeroo ulfa baasan tarii mormi gadameessaa sababa miidhamuu danda’uuf mucaa kanaan booda dhalatu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Kanaafuu carraan dhala dhabuu haadholii kanaan dura shaakallii ulfa baasuu qaban, kanaan dura warra ulfa hinbaafnee caalaa bal’aadha.
Egaa isaan kana hundumaa utuu maqaa hindha’in namoota ulfa baasuu deeggaranii falman tokko tokko irraa yeroo dhageenyutti, ulfa baasuun rakkinaafi du’a haadhaa nihir’isa jedhu. Garuu dhugaa irraa kan fagaateedha. Akka ragaa mana yaalaatti dhukkubi garaagaraa, baay’ina dhiiga dhangala’uufi cufamuu ujummoo fincaanii irraa kan ka’e lubbuun haadhaa darbuu danda’a. Hawaasa seera biyya lafaas ta’e isa kan Waaqaa eegu qabaachuuf dhaloonni keenya waa’ee lubbuu namaa akka salphaatti kan ilaalu akka hintaane irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015