“Shaneen murna ummataa ajjeesaafi saamaa fedhasaa guuttachuuf socho’uudha” – Atileet Fayyisaa Leellisaa

Finfinnee: Shaneen murna ummata ajjeesaafi saamaa fedhii dhuunfaasaa guuttachuuf socho’u ta’uufi hiraarsi hawaasarraan ga’aa jiru yeroo dhumaatiif akka dhaabatuuf mootummaan kutannoon hojjechuu akka qabu Atileet Fayyisaa Leellisaa gaafateera.

Atileet Fayyisaan turtii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasiseen akka jedhetti, miidhaan Shaneen akka biyyaatti ummatarraan ga’e daran hammaataa ta’uufi keessumaa kan qonnaan bulaa Oromoorratti raawwatu dubbachuufillee gocha suukanneessaafi ulfaatuudha.

Kanaan dura murnichi bakkeewwan muraasatti miidhaa qaqqabsiisaa turuufi ammaa garuu hammeenyis sochiinsaas waan daran dabaleef yoo dhimmichaaf xiyyeeffannaan hinkennamne haallisaa suukanneessaa ta’a jedheera.

Nama ukkaamsuun maallaqa olaanaa gaafachuun amala saamtuufi hattuuti kan jedhu Atileet Fayyisaan, murnichi ilaafi ilaameedhaan nagaa buusa amantaa jedhu akka hinqabneefi miseensota murnichaa keessa kanneen nagaa barbaadan waan jiraniif karaa nagaatiin simachuun gaarii ta’uu eera. Warreen didanii hawaasa saamaa, dararaafi deegaaf saaxilanirratti ammoo tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa ta’uu dubbateera. Qaamoleen mootummaa akka umriin Shanee dheeratuuf sababa ta’an jiraachuus ibsee, hamma murnichi haxaa’amee badutti nageenyi biyyaa mirkanaa’uu hindanda’u jedha.

Ilaalchonni caasaa mootummaa keessa jiran sochii Shanee tooratti deebisuuf taasifamu walxaxaa akka taasisan kan eere atileetichi, gama kanaan sababa ejjennoo cimaa Shanee faccisuurratti qabuun qaamolee caasaa mootummaa keessa jiran tokko tokkoon jibbiifi dhiibbaan akka irra ga’us hindhoksine. Kana malees oppireeshiniin murnicharratti taasifamu hanga tokko kutattummaan akka ittihir’attua eereera.

Raayyaa ABO naannawa inni duraan turetti socho’aa tures ta’e murna Shanee akka beeku kan dubbate Atileet Fayyisaan, raayyaan ABO bulleessi baalaafi hidda nyaataa akeekasaatiif socho’uun ala ummata rakkisee akka hinbeekne ibseera.

Ta’us murni Shanee amma jiru ummata ajjeesaafi saamaa faayidaasaatiif socho’u, tuuta garee saamtotaati jechuun walbira qabee ibseera.

Nageenya biyyaa qabatamaan mirkaneessuuf waraana dhiisuun araaraan waldhabdee furuuf tarkaanfii mootummaan federaalaafi ABUT gidduutti fudhatame jajjabeessaafi kan deeggaramuu ta’uu himee, tarkaanfichi badiisa kanaa olii dhufuu danda’u kan maqseefi imala jijjiiramaa biyyaa kan milkeessu ta’uus dubbateera.

Yoo seexana ta’e malee kan nagaa jibbu hinjiru kan jedhe atileetichi, Shanees taanaan karaa seera qabeessaan ngeenya buusuuf kan yaadu yoo ta’e daandii badiisaarraa deebi’ee karaa fayyadamummaan lammiilee itti mirkanaa’urraa bu’uun waldhabdee nagaan furuuf yaaluun barbaachisaadha. Ummanni gocha murnichaatiin hiraarfamuu hinqabu. Waldhabdee kana furuuf kutannaadhaan hojjechuun barbaachisaadha jechuun eereera.

Riippoortara gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You