Biiroon Pabliik Sarviisiifi Qabeenya Namaa Oromiyaa dhiheenya kana kenna tajaajila mootummaa naannichaarratti qorannoo adeemsisee ture. Qorannoo kanaanis kenni tajaajilaa rakkoo keessa jiraachuu, maallaqaafi faddaalaan bitamaa jiraachuufi kkfn adda baafameera.
Kanaafis kan hundeedhaa furuu akka barbaachisu kallattiin taa’ee hojiitti seenameera. Nutis hoggantuu biirichaa Aadde Kookabee Didhaa dhimmicharratti haasofsiisuuf keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerra; dubbisa gaarii!
Bariisaa: Dubbistoota keenyaan walbaraamee? Eessatti dhalattan, guddattan, barattan?
Aadde Kookabee: Kookabee Didhaa Disaasaan jedhama. Dhaloonni, guddinniifi barnooti koo hanga sadarkaa olaanaatti, jechuunis hangan waggoota muraasa dura gara Finfinnee dhufuutti Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteeti.
Sababa hojiitiin garuu aanaalee godinichaa garagaraa keessa deemeera. Barnoota sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa, barnoota leenjii barsiisummaa magaalaa Naqamteetti argamuttin baradhe. Hojiikoos barsiisummaa Fiiziksiifi Herregaan eegalee, gara waggaa 10 barsiiseera. Hojii barsiisummaas magaalaa keessatti osoo hintaane baadiyyaattin eegale. Aanaalee Sibuu Siree, Wayyuu Tuqaafi Guutoo Giddaatti barsiiseera.
Barsiisummaa sadarkaa sadarkaarraa gara hoggantummaa mana barumsaattin dhufe. Akkasumas supparvaayizara ‘CRC’ ta’ee waggoota laman hojjedhe. Adeemsakoo keessatti yeroon baradhurraa kaasee, hanga addunyaa hojiitti adda dureen ture. Yeroo supparvaayizara tures sadarkaa Oromiyaatti badhaafamtuu meedaaliyaan ture. Isaa booda Hoggantuu Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Aanaa Guutoo Giddaa ta’een hoggansa sadarkaa kaabineen eegale jechuudha.
Gidduutti ammoo barnootaan of fooyyessuunis tureera. Barachuu, maatii horachuufi gaggeeffachuus walfaana adeemsisaan ture. Utuun gara Waajjira Dargaggoofi Ispoortiitti hindhufiin digriikoo jalqabaa barachaan ture. Ittaansees Hoggantuu Waajjira Siivil Sarviisii Aanaa Guutoo Giddaan ta’ee gara waggaa afurii tajaajileera. Digriikoo jalqabaas Yunivarsiitii Finfinneetti, ‘Educational Leadership and management’dhaanin eebbifame.
Utuman hoggantummaarra jiruu carraa barnootaa digrii lammaffaa argadheen Yunivarsiitii Siiviil Sarviisiitti ‘Leadership and Good Governance’dhaan eebbifamee yommuun xumuru garuma gaggeessummaa aanaattiin deebi’e; garuu hinturre. Utuun Waajjira Barnootaa Godina Wallagga Bahaa hogganaa jiruu, bara darbe filatamtuu ummataa ta’ee Caffee seene.
Gara Finfinnee dhufuunis Hoggantuu Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaa ta’ee ji’oota kurnan tokko hojjedheen ji’a afur dura gara Biiroo Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa hoggantummaadhaan dhufe.
Bariisaa: Akka seenaa keessanirraa hubannetti, sadarkaa godaarraa kaatanii barnootaan of fooyyessaa bakka kana geessan. Kun keessumaa ilaalcha “dubartiif ni ulfaata” jedhu waliin akkamiin isinii deeme? Dubartummaafi gaggeesummaawoo akkamiin ibsitu?
Aadde Kookabee: Gaggeessummaafi dubartummaa qofa osoo hintaane, jireenyumtiifi dubartummaan ofiisaattiyyuu qormaata. Jireenyumti lafa kanarraa dubartiif qormaataan kan guutameedha. Yommuu hojjettuu taatu ammoo itticaala. Isarra darbee oggaa gaggeessummaatti dhuftu qormaati dabalaatuma deema.
Dhugaa dubbachuuf ani jireenya salphaa keessa hindabarre. Jireenya isa jajjabaataa, baadiyyaa keessa jooruufi dadhabsiisaa keessan darbe. Hojjechaa, barachaa, bultoo dhaabbattee jireenya gaggeessaa, ijoollee godhachaa yeroon itti dabarse jira. Keessumaa gara jalqabaa yeroon ijoollee godhachaa ture, barsiisummaa keessan ture. Adeemsa miilaa dheeraa imalee barsiisaan ture. Kanuma keessaammoo akkuman sii kaase hojiikootiin adda dureen ture.
Kana keessatti akkamiin keessa dabarte isa jedhuuf, dubartiin uumamumaan cimtuudha. Waantota nan danda’a jettee of amansiiste hunda ni dandeessi. Kanammoo ijoollummaadhumatti maatii biratti yommuu guddatturraa kaastee shaakalaa guddatti.
Dhiibbaa baachuu ijoollummaadhumasheetti waan jalqabduuf. Oggaa haala kanaan gara gaggeessummaatti dhuftu, maatiikeef yeroo bal’aa, sammuu guutuu kennuu si barbaada, hogganummaanis akkasuma. Isa kana nan danda’a, nan milkaa’a jettee of amansiisnaan hundumtuu ni danda’ama.
Bariisaa: Yeroo ijoollummaa keenyaa hundi keenya waan ta’uuf hawwinu ni qabna. Aadde Kookabee, isin maal ta’uu hawwaa turtan, hawwii keessan birawoo geessaniittuu?
Aadde Kookabee: Yeroon ijoollee ture ogummaan ta’uu hawwu qabaayyu. Sochiin koo mana barnootaa keessattillee kan mul’atu jechuudha. Garuu hiree haa ta’uu akka tasaa wanti yaadde ta’uu hafuu mala. Barsiisaan ta’a jedhee barachaa hinturre; garuu barsiisummaa daran jaaladheera. Akkan ittiseenetti waanin fudhadheef na hinqorre.
Bakkan jirutti nan milkaa’a jedhee waanin ittiseeneef guyyaan jalqaba barsiisuuf daree ittiseenerraa kaasee milkooftuun ture. Gaafan keessaa ba’es jibbee osoo hintaane bakkin jiru, naa ta’eera jedhee ittigammadee hinbeeku. Of-fooyyessuuf, ba’uuf, guddachuuf nan tattaafadha; yeroo hunda fuuldurakoon ilaala. Bakkan irra qubadhee jiru, yeroo baay’ee hingeenye jedheen of tuffadha. Amantaa, “Hingeenye, kanarra hojjechuun danda’a” jedhuun qaba. Haala kanaan qormaatawwan jireenyakoo keessatti na mudatan hunda, isan keessummeessu keessummeessaa, isa hintaane bira darbaa as qaqqabe. Haa turu malee lafan nan ga’a jedhe jalqabeera; ammayyuu garuu hingeenye.
Bariisaa: Ijoollee meeqa qabdu?
Aadde Kookabee: Ijoollee sadiin qaba, dhiira lamaafi durba tokko.
Bariisaa: Gara biiroo amma gaggeessaa jirtaniitti haa dhufnuutii, dhiheenya kana kenni tajaajila manneen hojii mootummaa Oromiyaa keessa jiran rakkoof kan saaxilaman ta’uu qorannoon ifoome ni jira. Mee waa’eedhuma qorannichaarraa ka’uun, maaliif qorachuun barbaachise, maal immoo argattan?
Aadde Kookabee: Qorannoo taasifameen manneen hojii mootummaatti kenniinsi tajaajilaa ummata komachiisaa jiraachuu hubanne. Ummanni kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaatti quufaa hinjiru. Rakkoo olaanaatu jira, waan tajaajilli karaa sirrii ta’een kennamaa hinjirreef ummanni iyyaa jira. Kanarraa ka’uun mootummaan xiyyeeffannaa kennuu waan qabuuf kana dhaggeeffachuurraa ka’e jechuudha; qorannoon rakkoo kenna tajaajilaa mana hojii mootummaa.
Qorannoo kanaan wanti adda ba’e bal’aatu jira. Inni guddaan kan inni irratti xiyyeeffatu mana hojii mootummaa keessatti haa xiqqaatu haa baay’atu tajaajila qulqulluu, si’ataafi qaqqabamaa ta’e ummataaf dhihaachuu qaba qajeelfama jedhu iddoo baay’eetti cabseera.
Yeroon akkas jedhu garuu wantin cimsee kaasuu barbaadu, hundas miti, bakkawwan hundas miti. Hunda dura hojjetaan of kennee hojjetu akka jiru kaasuun narra jira. Hojjetaa qaxaleen, cimaafi amanamaan akkasumas, gaggeessaa qulqulluun, amanamaafi qaxaleen sirnicha keessa akka jiru hubannee beekamtii kenninee darbuun nurra jiraata. Sababa sun jiruuf yoo xiqqaate badiinsi hinta’iin hafe. Rakkoon jiraachuuyyuu kan agarsiise namni tajaajila qulqulluu jiraachuusaati.
Komii ka’e bu’uura godhachuun kenna tajaajilaa mana hojii mootummaa keessatti rakkoolee hedduun adda ba’aniiru. Kanneen keessaa muraasa kaasuuf kenni tajaajilaa gurguramaa jiraachuudha. Namni maallaqaan malee dhimmumasaa fudhatee dhaqee tajaajila barbaadu raawwatatee galaa hinjiru. Inni biraan hojjetaan hojii kooti jedhee yeroodhaan galee hojiisaa of kennee hojjechuurratti rakkoon jira. Mana hojii mootummaa keessatti ofittummaatu mul’ata. Inni kun qabatamaadhaan kan adda baafameedha.
Qabxiin biraa qorannoodhaan adda ba’emmoo tajaajilli mana hojii mootummaa faddalaadhaan gaggeeffamaa jiraachuusaati. Kanaafis agarsiistuuwwan addaddaatu jira. Fakkeenyaaf waajjiraalee muraasa yeroo adda baasnu kan kanaaf saaxilaman, lakkooftuu bishaaniifi ibsaa, invastimantiifi tajaajiloonni guguddoon maamilli ykn abbaan dhimmaa tajaajila argachuu dhufu tajaajila barbaadu utuu hinargatiin yommuu ba’u, faddaalaan yeroo gabaabaa keessatti maallaqa guddaa namarraa fudhachaa, dhimmasaanii manuma hojii mootummaa keessatti raawwachiisu.
Haala kanaan seektaroota rakkoo kenna tajaajilaatiif saaxilaman 16, tajaajiloota fuulaa fuulatti maamila waliin walitti dhufan 65 adda baasuun sirreessuuf hojiin akka mootummaatti jalqabame ni jira.
Bariisaa: Ka’umsa rakkoo kanaati jettanii waan adda baaftan ni qabduu? Maaliif hojjetaan gocha akkanaatti seena? Tarii namoonni qaala’ina jireenyaafi hanqina mindaatu rakkinicha hammeesse waan jedhaniif qorannoon keessan kanarratti maal agarsiise?
Aadde Kookabee: Waan qorannoodhaan adda ba’e keessatti qaala’inni jireenyaa ykn hanqinni mindaa rakkoo hundumaati. Isa hatuuf sababa ta’anii isa nagaaf sababa ta’uu hindidne. Inni qaxaleen tajaajila gaarii kennus, inni hatus naannawaadhuma walfakkaataa keessa jiraatu. Hanqinni mindaafi qaala’inni sababa ijoo ta’uu baatus deeggaraa ta’uu mala. Utuma ta’eeyyuu kanaan hindeebi’u. Ummata dararuun, tajaajila mootummaa gurguruun, sirna balleessuun hindeebi’u.
Kun al-naamusummaadhuma amala hojjetaatiin kan dhufuufii, deeggarsaafi hordoffii cimataa, tarkaanfii sirnaawaafi idilaawaa ta’e dhibuutu namni qooda fudhataa akka ta’u taasisa. Kunis yeroodhaa yerootti hirmaataan dabalaa, bal’ifachaa deemuutu mul’ata. Isuma dandamatee utuu tarkaanfiin fudhatamu cimatee namni isuma keessa jiraatee hojii hojjeta. Karaa biraa yoo ilaalame qaala’iinsa jireenyaafi walcaaltee jireenyaa kan uume hannicha.
Qabeenyi hatamee walitti qabamu gabaa idilee jeeqa. Namni akka barbaade waan barbaadu baasa. Inni kaan xiqqeessee qusatee baasa, inni kaanimmoo silumayyuu itti dhama’ee karooraan waan hinarganneef akkuma argatetti baasuun gabaan tasgabbii akka dhabu taasisa. Kunniin hundi garuu amala nama dhuunfaarraa kan maddeefi kan namni rakkoof ykn kanaaf itti lixe jechuu hindandeenyeedha.
Erga kun adda ba’ee amma gara tarkaanfii fudhachuutti seenamaa jira. Hojmaata sirreessuurraa eegalee wanti baay’een adda ba’ee irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Dhimma hannaafi rakkoo kenna tajaajilaarratti yeroo baay’ee qorannoon taasifameera. Garuu sababiiwwan garagaraarraa kan madde karaatti hafee dagatama. Kanarraa kan ka’e ummanni abdii kutannaa keessa seeneera. Kan ammaa kanarratti kuteenyummaan jiru akkamiin ibsama?
Aadde Kookabee: Dhimmi kun xiyyeeffannaadhuma mootummaati. Kenna tajaajila mana hojii mootummaa sirreessuufi sirreessuu dhiisuun jiraachuufi jiraachuu dhabuudha. Kana hinsirreessitu taanaan sirni mana hojii mootummaa mana hojii mootummaati jettee ittideemsisuu si dandeessisu hinjiraatu. Abbaa humnaafi maallaqa qabu duwwaatu tajaajilamaa deema jechuudha. As keessatti seerrillee seera ta’ee deemuu dhiisuu mala.
Mootummaan deemsa kana dhaabuuf hadheeffatee ittiseenuu malee filannoo biraa hinqabu. Xiyyeeffannaa olaanaan itti kennamees tarkaanfiin fudhatamuu eegaleera. Hojiin amma itti seenamaa jiru waan duubatti deebi’amu waan hintaaneef akka kanaan duraatti karaatti hafee rakkoo biraa ta’uu danda’a wanti jedhu utuu hin yaadamu ta’ee gaariidha.
Bariisaa: Kantiibaan Magaalaa Finfinnee dhiheenya kana hannaafi hojmaata badaa ittisuurratti tarkaanfii fudhatameen walqabatee qaawwan qaamolee haqaa biratti uumame danqaa nutti ta’eera jedhanii turan. Inni kun haala qabatamaa Oromiyaa waliin akkamiin ilaalama?
Aadde Kookabee: Amma tarkaanfiiwwan guguddoo hojiitti seenaman keessaa tokko qindoomina qaamolee haqaati. Tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran baay’eedha. Qorannoo keenya keessattillee qindoominni kun bakka guddaa qaba. Qaamoleen haqaa mataansaanii rakkoo keessa akka jiran qorannichi waan adda baaseef irratti xiyyeeffatameera. Tajaajila maallaqaan geeddaruun, yakkamaa maallaqaan gadhiisuun, murtii haqaa jal’isuun, ragaa sobaafi kkf waliin walqabatee rakkoo bal’aatu achi keessa jira.
Isa kana yoo isa sirreessine malee jijjiiramni dhufu hinjiru. Murtoon raawwachiistuu Hojii Paartii Badhaadhinaa Jigjigaatti murtaa’ees iddoo olaanaa qaba. Jarreen ilkaan akka baasan gochuun, humnasaanii cimsuun, tarkaanfiinsaanii hadhaawaa akka ta’u taasisuun Oromiyaa keessatti hojiinsaa eegalameera; ciminaan irratti hojjetamaas jira.
Bariisaa: Ministirri Muummee Itoophiyaa dhiheenya kana koree biyyaaleessa farra malaammaltummaa hundeessaniiru. Akka Oromiyaatti koree haaraatu hundeeffamamoo, akkuma biyyaatti isa adeemsifamu keessatti hammatama?
Aadde Kookabee: Komishiniin Farra Malaammaltummaa Oromiyaa dhimma kana kan raawwachiisu ta’a. Qindoomina qaamolee haqaa keessattis kan hammatame komishinichuma. Kanaaf rakkoo kana hiikuufi sirreessuu keessatti ergama olaanaa kan qabu isaani. Kana keessatti seektarri mootummaa ergama addaa hinqabne hinjiru. Dhimmichi kan komishinii ykn koreef qofa dhiifamu osoo hintaane mana hojii hunduma keessaa ka’a.
Ummannis kana keessatti hintumsu taanaan bu’aa hinqabaatu. Ummanni yaada mo’eerra ga’uutu irra jiraata. Tajaajila mana hojii mootummaa ani hinbitu, tolan argachuun qaba jedhee of amansiisuu qaba. Adeemsa qaxxaamuraas balaaleffachuutu irra jiraata. Hattuutu karaa salphisa, dhimmakoo faddaalaatu naa fixa kan jedhu keessaa ba’ee anumatu dhimmakoo fixata, maaliifin qarshiikoo faddaalaaf kenna kan jedhu irratti waliigaluu qaba. Yoo kana ta’e malee tattaaffii nama tokkoo ykn hoggansaan qofa sadarkaa jijjiiramuurra ga’uun ni jabaata. Kanaaf hunduu koree ta’ee tumsuu malee addatti akka naannootti waan murtaa’e hinjiru.
Bariisaa: Dhimmi hannaafi hojmaata badaa kana gaafa akkanaa dhabamsiisnee ykn hir’isnee hammanaan geenya waan jedhamu jiraa?
Aadde Kookabee: Kana yeroodhaan qooddee waan dhabamsiistu miti. Utuu jennees soba ta’uu danda’a; ummannis amanuu dhiisuu danda’a. Akka fedhiitti nuti baruma kana qulqulloofnee utuu keessaa baanee ni barbaanna. Hojiichi garuu walxaxaafi bal’aadha. Wantoonni akka takkaatti keessaa hinbaane si taasisan baay’eetu jira.
Fakkeenyaaf hojiiwwan kenna tajaajilaa kana teknolojiitti sassaabdee dijitaalessuun dirqama. Yoo akkanaan tuttuqqaa namaatii ala ta’e malee dhaloonni jalaa dhufus sanuma qabatee guddata taanaan dhabamuu hindanda’u. Kanaaf kenna tajaajilaa sadarkaa barriifi teknolojiin irra ga’e geessisuun dirqama.
Kana ammoo qabeenya biyya keenyaatu murteessa. Giddugaleesarraa kaasee hanga gandaatti tajaajila kennamu haala kanaan jijjiiruuf waggaa ykn ji’a akkasii jedhanii daangessuun nama dhiba. Garuu waljalaa dadhabsiisaa deemuun nidanda’ama. Hamma danda’ame namoonni hundi irratti waliigalee yaadama qulqulluutti akka dhufu gochuun ni danda’ama. Utuu teknolojiitti hinfayyadamiin qajeelfama jiruun, taattaaffii taasifnuun, yaaduma namaatiin jijjiiruun rakkisaadha.
Yoo tajaajila inni kennuufi tajaajilamaan hanni badaadha jedhee hojmaata badaa balaaleffate yeroo gabaabaatti bira ga’uun ni danda’ama. Amma kuteenyummaan jiru yeroo gabaabaa keessatti keessaa ba’uudha. Kanaafis namoonni hundi irratti waliigaluu qabu. Baay’ina ummataa qabnu waliin sadarkaa jedhameerra ni ga’a inni jedhu rakkisaa ta’uu danda’a. Akka mootummaatti garuu sirna taasisnee, sirni keenya sirna qulqulluu, haqaqabeessaafi si’ataa ta’ee, tajaajilli mana hojii mootummaa utuu hinhatamiin, faddaalaaf hinsaaxilamiin ummataaf qaqqabsiisuu keessatti jalqabbiin eegalame jajjabeessaadha. Ni milkoofna jennee abdanna, yoo milkaa’uu baates hamma ta’e ni dadhabsiisna jenne yaadna.
Bariisaa: Hojjetaan mootummaa qaala’ina jireenyaafi hanqina mindaatiin walqabatee rakkoo jireenyaatiif saaxilamaa jira. Rakkoo kana furuuf akka Oromiyaatti wanti yaadame ni jiraa?
Aadde Kookabee: Rakkoon kun rakkoo akka waliigalaatti jiruudha. Qaala’inni jireenyi guyyuu dabalaa bula; mindaan hojjetaa garuu achuma jira. Hojjetaan mootummaa naannichaa isa hanna itti dabalaterraan kan hafe galii xiqqaatiin jireenya jabaataa geggeessaa jira. Qaala’insi amma jiru biyyoolessawaadha. Akka biyya keenyaatti garuu akkam goonee sirreessina isa jedhu yoo ilaalle mindaa qofaan miti kan sirratu. Mindaadhaan ala wantoonni hedduun hojjetamaa jiru.
Rakkoo qaal’inaa hanniifi hojmaanni badaan ittidabalamee uumaa jiru kana sirreessanii madaalawaa taasisuutu mala. Qabeenya jiru qixa sirriidhaan akka fayyadamu, isheedhuma qaburraammoo tajaajila bituu akka hinqabne gochuun hojii guddaa amma hojjetamaa jiruudha.
Gaaffiikee kallattiidhaan deebisuuf, hojjetaan mootummaa naannoo keenyaa miidhamaa ta’uufi jireenya dandamachuu dadhabuurraan kan ka’e gammadaa akka hintaane qorannoon mul’iseera. Dhimmi sirreeffama mindaa garuu akka naannootti kan deebi’u miti. Kanarrattis wanti nuti hojjechuuf karoorfanneefi jajalqabne jira. Kunis sadarkaa yaadaatti kan jiruufi qorannoon adda baasnee tarkaanfii fudhataa jirruudha.
Akka biiroo keenyaatti ammoo gaaffiin miindaa gaaffii waloo waan ta’eef Komishinii Siiviil Sarviisii Federaalaatti dabarsineerra. Wanti akka biyyaatti deebi’u ni deebi’a. Nutis akka naannoo keenyaatti waan hojjennu ni jira.
Bariisaa: Hojjettoonni biiroolee Oromiyaa baay’een isaanii magaalaa Finfinneefi naannawaashee jiraatu. Bakka kanatti ammoo gatiin kiraa mana jireenyaa humnaa ol ta’eera. Kanarraa kan ka’e gaaffiin ijoo hojjetaa mana jireenyaadha. Akka Oromiyaatti ammoo lafa gurmeessanii kennuu dhaabateera. Akka quba qabnutti dhiheenya kana garuu hojjettoota biirolee Oromiyaaf manneen waliin jireenyaa kennuuf unki hundi xumuramee, lakkoofsi carraallee kennameeraaf. Hanga yoonaa garuu hojjetaaf dabarfamee hinkennamne. Dhimmi kun maalirra qaqqabeera?
Aadde Kookabee: Biiroon keenya hojjetaa mootummaa kan giddugaleessa kanaa qofa osoo hintaane hanga godaatti bu’uureffatee yaada. Ta’us akka jedhame inni giddugaleessa kanaa daran miidhamaadha. Kiraa manaafi geejibni baasii olaanaadha. Isaaf akka biiroo keenyaatti waan mijeeffame keessaa tokko geejiba mijeessuu ture. Kanas qopheessee deggaraa jira.
Mana jireenyaa waliin walqabateemmoo sababoota addaddaatiin gurmaa’anii mana ijaarrachuun keessumaa hanna lafaarraan kan ka’e yeroof dhaabateera. Kondominiyeemiidhaan walqabatee kan jiru gaaffii yeroo dheeraafi komii sirriidha. Dhimmichi erga carraan itti ba’ee booda adeemsarratti rakkoon mudatee gidduutti hafe. Amma garuu gara furmaataatti dhihaachaa jira.
Magaalaan Finfinnee dhiheenya kana carraa baasuunsaa ni yaadatama. Kanaaf yoo nuu milkaa’e nutis dabarsasaa kan warra Finfinnee waliin kan taasifnu ta’a. Ajandaan keenya daqiiqaa daqiiqaatti isa. Kanaaf yeroo dhihootti manneen kuma 14fi 800 carraan itti ba’e dabarfamanii abbaa carraaf kennamu jechuudha.
Bariisaa: Hojjetaan sababoota addaddaatiin gidduutti hafewoo gaafa gaaffiin lafaa deebi’u gurmaa’amoo akkam ta’a?
Aadde Kookabee: Gaaffiileen gama kanaan ka’an hundi akka deebi’aniif irratti hojjetaa jirra. Yeroo carraan manneen waliin jireenyaa ba’e sana namoonni kuma lamaa ol carraa hinarganne ni jiru. Kanimmoo jijjiirraafi mindeessi carraa hinargatiin ni jiru; waliigala kuma sadii ni caalu tilmaama jedhu qabna. Isa kanaafis bulchiinsa Finfinnee wajjin mari’ataa jirra.
Yoo inni manneen waliin jireenyaa milkaa’uu baate filannoo biraatti kan deemnu ta’a. Waa’een gurmaa’anii lafa fudhachuu murtoo addaa waan barbaaduuf hanqa qajeelfamniifi danbiin qophaa’ee xumuramuutti kan eegamu ta’a. Namni garuu rakkataa jiraachuu hinqabu, ilaalaa furmaanni itti kennamaa deema.
Bariisaa: Rakkoon mana jireenyaa godinaaleefi magaalotarrattis waan jiruuf furmaata akkamiitu kaa’ame?
Aadde Kookabee: Akka Oromiyaa guutuutti hojjetaa mootummaa keenyaaf maaltu barbaachisa isa jedhu qorachaa jirra. Pirojektiiwwan garagaraa jireenya ittiin dandamatan qorachaa jirra. Yoo nuu milkaa’e godinaalee hundatti hojiirra oolchuuf karoorfachaa jirra. Inni kun sadarkaa mareetti waan jiruuf gaafa yeroonsaa ga’u kan ibsamu ta’a.
Garuu hojjetaan mootummaa amma jireenyaan cuunfamaa jiru kun gaafa biyyattiin waraana keessaa baatee jireenyi tasgabbaa’u gaaffii gaafachuunsaa waan hinoolleef gamanumaa of qopheessuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa dabarsuu barbaaddan yoo qabaattan carraan isiniif kenna.
Aadde Kookabee: Ergaan koo kojjetaan keenya bakka jirutti guddinaafi nageenya walootiif cichee hojjechuu qaba kan jedhuudha. Guddina walootiif yommuu jennu, qofaan hatee duroomaa osoo hintaane, inni qofaa hate sassaabbadhe homaa naa hingodhu jechuu qaba. Yaadama duroomni hawaasakoo waliin ta’e waliin nu bareecha jedhu horachuu qaba.
Kana malees hunduu hanna balaaleffachuu qaba. Kunimmoo namni namatti himeef osoo hintaane hunduu qajeelfama hanni yaraadha jedhurratti waliigaluu qaba. Nama adabaniifi ari’aniif qofa ni jijjiirama jechuu waan hintaaneef hunduu hanna jibbuu qaba.
Hawaasnis faddaalaafi maallaqaan dhimmasaa raawwachiifachuuf deemuurra karaa sirrii ta’een mirgasaa eegsifachuu shaakaluu qaba. Hanna balfuu qaba; sirnichatu hanna fide osoo hintaane nutu hanna itti fide. Kanarra darbee hunduu bakka jiruutti nageenyaafi sirna ijaaruurratti tumsuu qaban jedha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015