Istaadiyoomota ajaa’ibsiisoo Kaataar

Istaadiyoomii Luusayil

Istaadiyoomiin haala ifa faanosiifi gaaddisa yaadachiisuun hojjetame kun al-tokkotti daaw’ataa kuma 80 qabachuu kan danda’u yoo ta’u, kan xumuraa dabalatee taphoota murteessoo kudhan keessummeessa.

Oggaa dorgommichi xumuramu barcumoonni istaadiyoomichaa baay’een bubuqqifamanii biyyoota guddatoof kennamu. Magaalaan Soyaal istaadiyoomii paawundiin biliyoonni 33 itti bahe tapha 2022 booda hinbarbaaddu.

Istaadiyoomii Aljanuub

Istaadiyoomiin kun daaw’ataa kuma 40 qabachuu kan danda’u yoo ta’u, taphoota torba keessummeessa. Istaadiyoomiin kun duraan maqaa Alwaakiraah jedhamuun beekamaayyu. Istaadiyoomichi bidiruuwwan aadaa Kaataar fakkeeffamuun kan hojjetameedha.

Istaadiyoomichii qinaaxxii banamuufi cufamu qaba. qabbaneessituu kalaqa ajaa’ibaatiin hojjetame kan qabu yoo ta’u, haala qilleensaa kamuu keessatti dorgommii keessummeessuu danda’a. Yeroo ho’i bobaa hafuura nama kututtillee haala qilleensaa gaarii qabaata.

Dizaayinichi kan hojjetame arkiteektii Damee Zaaaa Haadiid jedhamtuun yoo ta’u, dubartiin tun ALA bara 2016 dhukkuba tasaatiin umriishii waggaa 65tti du’aan boqochuunshii ni yaadatama. Istaadiyoomichi qaama walhormaata dubartii fakkaata jedhamee baay’onni qeeqaa turanis arkiteektittiin garuu qeeqicha fudhatama dhabsiistee turte.

Istaadiyoomiin Anlusayil ijaarsisaa Caamsaa 2019 xumurame kun erga taphni waancaa addunyaa xumuramee booda barcumoonni kuma 20 ni kaafamu.

Istaadiyoomii Albaayit

Istaadiyoomichi daaw’attoota kuma 60 qabachuu kan danda’u yoo ta’u, taphoota saddeet keessummeessa. Istaadiyoomota guguddoo saddeet keessaa tokko. Dorgommii hanga tapha maahessaatti jiru keessummeessa. Wixineen istaadiyoomichaa akka haala keessummeessaa Arabootaa ibsuun hojjetame.

Caasaan istaadiyoomichaa haala godoowwan aadaa Arabootaa (“Baayit Al Shaa’ar” akka fakkaatu taasifameera. Akka qilleensaaf mijatutti qinaaxxiinsaa kan banamuudha. Warra kaanirra Doohaarraa fagaatee kan argamu istaadiyoomii kana. Istaadiyoomichi hoteela abbaa urjii shaniifi wiirtuu gabaa qaba.

Istaadiyoomii Ahmad Biin Alii

Daaw’attoota kuma 40 qabachuu kan danda’u yoo ta’u, taphoota torba keessummeessa. Maqaansaa duraan Alraayaan jedhama ture. Taphoota hanga xumura maahessaatti jiran keessummeessa. Aadaa Kaataar calaqqisiisa jedhama. Kutaansaa alaa fakkiiwwan adda addaa Kaataar ibsan qaba. bobbocoonnis ni jiru. Biniinsa daggalaa biyyattii hanga seenaa sarara daldalaashiitti fakkichaan agarsiifamaniiru.

Istaadiyoomichi gammoojjiitti dhiyaatee argama. Iddoowwan keessummoonni ittisimatamaniifi suuqonni tuullaa cirrachaa fakkeeffamanii ijaaramaniiru. Istaadiyoomichi Alraayaanitti argama.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You