“Daldalli albuudaa seeraan alaa, gabaa alergii keenya hubaa jira” – Ergitoota albuudaa

Oromiyaan qabeenya uumamaa albuudawwan gatijaboo daran kan guutamte taatus dhalattoonni naannichaa gabaa daldala addunyaatti makamanii fayyadamaa akka hintaaneef karaan itti cufamee ture.

Keessumaa sirni darbe wiirtuulee albuudonni gatijaboon itti argaman humnaan dhuunfachuun ofii irraa fayydamaa hawaasa naannawaammoo balaafi rakkinaaf saaxilaa eeggattummaa jalatti akka kufan taasisaa tureera.

Erga mootummaan jijjiiramaa dhufee as misoomawwan albuuda gatijaboo fayyadamummaa hawaasa naannawaaf dursa akka laachuu qaban kallattii taa’e hordofuun jijjiiramoonni namatti tolan galmaa’aa jiru.

Agarsiisa albuudawwan gatijaboo yeroo jalqabaatiif tibbana Itoophiyaatti gaggeeffamerratti ergitoonni omishaaleesaanii qabatanii kan dhiyatan yoo ta’u, dhaabbileenis ta’an namoonni dhuunfaa faayidaa ofii caalaa kan hawaasa naannawaaf dhaabbachaa jiraachuu himu.

Kun ta’us daldaltoonni seeraan alaa eeyyama malee hojjetan faayidaa ummataa ugguraa sharafa alaa alergiirraa argamu dhabamsiisaa jiraachuu ergitoonni albuudaa nikaasu.

Obbo Tulluu Lammaa Gaggeessaa Hoji Ittaanaa Warshaa Sookoo Meedrook Laga Danbii yoo ta’an, komii hawaasni naannawa laga Danbii kaasaa ture furuuf hojii hojjetameen jijjiiramni jajjabeessaan galmaa’uu kaasu.

Jijjiiramni fayyadamummaa hawaasaarratti mul’ate yoo jiraate eebbifamtoonni naannawaa Laga Danbii jiraatan carraa hojii akka argatan hojii hojjeteen hedduunsaanii fayyadamaa ta’aniiru.

Tajaajila hawaasaa kan akka daandii, bishaan dhugaatii, riqichoota, ashaaraa magariisaa, misooma barnootaarrattiifi ittisa lolaarratti hojii guddaa hojjeteera jedhu. Kanamalees amanamummaan gibira mootummaa kaffaluun walqabatee bara hojii 2014tti gibira qarshii miliyoona 910 ol mootummaaf galchuu kaasaniiru.

Faallaa kanaammoo daldaltoonni seeraan alaa hojii albuuda baasuurratti bobba’anii jiran sharafa alaa argamurratti dhiibbaa geessisaa akka jiran eeranii, kun ammas hudhaa damichaa ta’aa jiraachuu himu.

Daldaltoonni seeraan alaa kunniin takkaan seeraan ala hojii albuuda baasuurratti kan bobba’an yoo ta’an, lammeessoommoo omisha qulqullina hinqabneefi gatii madaalawaa hintaaneen gabaa biyyaa balleessuun faayidaa biyyi sharafa alaarraa argattu miidhaa jiru.

Kanarraa kan ka’e warshaaleen seeraqabeessaan ulaagaa barbaachisu guutanii misooma albuuda sookoorratti bobba’an gabaa keessaa akka bahan taasisaa jiru. Alseeronni hawaasa bal’aafis ta’e biyyaaf ba’aa waan ta’aniif xiyyeeffannoon gama kanaan jiru fooyya’uu akka maludha kan kaasan.

Dargaggoo Tiksee Ballaxaa Godina Gujii, Aanaa Sabbaa Boruu Ganda Qanxichaarraa kan dhufe yoo ta’u, Daarektara Ittaanaa Dhaabbata Gujii ‘Green Land Game Stone’ jedhamu hundeessuun albuudawwan gatijaboo omishanii alatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiru.

Waldaansaanii omishawwan albuudaa siitiriinii, emeraaldii, taantaalamii, toormalii, morgaaniitiifi kkf omishaa gabaa addunyaaf dhiyeessaa jiru. Erga alergii jalqabanii yeroo muraasa yoo ta’u, yeroo ammaa dinagdeensaanii dachaan dabalaa jiraachuu kaaseera.

Bara 2014 irraa kaasanii alergii albuudawwan gatijaboo gara garaa gaggeessaa turuu yoo kaasu, shira daldaltoonni seeraan alaa qaqqabsiisaa jiranirraa kan ka’e omishasaaniirra miidhaan gahaa jiraachuu dubbata.

Gibiraafi taaksii barbaachisaa kaffalaa ofiis ta’e hawaasa naannawaa fayyadamaa taasisuuf hojjetaa jiraachuu kaasus shirri dinagdee alseerotaan qaqqabaa jiru dhiibbaa irraan ga’uu hima.

Kanamalees ittifayyadamni teknolojii yeroo ammaa isaan fayyadamaa jiran mala aadaafi duubatti hafaa waan ta’eef qulqullinaafi baay’inarratti hanqinni jiraachuu akka komiitti kaasa.

Kanaan dura hojiin albuuda baasuu garee muraasa harka turuun walqabatee hawaasni naannawaa fayyadamuu caalaa miidhaa dabalataaf saaxilamaa gatii hinmalle kaffalaa turuus ni hima.

Amma hunduu mijataa ta’ee hojiitti erga seenanii fayyadamummaan hawaasa naannawaafi dargaggoota hojidhabeeyyii dachaan dabalaa jiraatus hojii shiraa daldaltoota seeraan alaan sakaallaa keessa galuu dubbata. Sakaallaan damee albuudaarratti qaqqabaa jiru kun akka hiikkatuuf hordoffii mootummaan taasisaa jiru cimuu qaba jedheera.

Hordoffiin alseerotarratti taasifamaa jiru kun yoo hincimne gabaa keessaa bahuu akka danda’an himee, kunimmoo dinagdee namoota dhuunfaa hanga mootummaa hubuu akka danda’uudha kan dubbatu.

Yohaannis Geetaachoos Manaajara Ittaanaa Dhaabbata Alergii ‘Getachew Game stone and Industrial Materials’ yoo ta’u; hojii daldala albuudaarratti alergii kan eegalan 2008 ta’uu hima.

Omishaalee kanagara biyyoota Awurooppaafi Eeshiyaatti kan ergan ta’uus kaaseera. Dhaabbannisaanii fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf carraa hojii hedduu uumuu yoo himu, sochiin daldaltoota seeraan alaa warraaqsa dinagdeesaanii hubaa akka jirudha kan dubbatu.

Dhaabbannisaanii garuu bu’uraalee misoomaa hawaasaaf barbaachisan guutuurratti cichee hojjetaa akka jiru yoo himu; fuuldurattis fayyadamummaa hawaasaarratti ciminaan akka hojjetan eera. Agarsiisni albuudaa akka Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif taasifame kun walitti hidhamiinsa gabaa uumuurratti faayidaa guddaa kan qabuudha.

Tarkaanfichi Itoophiyaan omishawwan albuudaa gatijabeessa ta’an maal maal akka qabdu ifatti kan agarsiiseefi fedhii bittootaas kan itti madaale ta’ee argameera.

Sharafa alaa damee kanarraa argamu dachaan dabaluurratti agarsiisichi shoora olaanaa kan taphatu yoo ta’u, hordoffiin alseerotarratti taasifamu yoo hincimne dinagdee biyyaaf balaa ta’ee mul’achaa jira.

Kunimmoo hirmaannaa hawaasaafi mootummaan to’atamuu akka danda’u kan kaase Ittaanichi alseerummaan daldalaafi misooma albuudaarratti qaqqabu farra jijjiirama hawaasaafi guddina biyyaa ta’uu kaasa.

Sochiin alseerummaa daldala albuudaa daldaltoota seeraqabeessa gabaa keessaa baasuu waan danda’uuf gamanumaa irratti hojjetamuu akka qabu himeera.

Alseerummaan carraa hojii dargaggootaa uggura, tajaajila hawaasummaa dhabamsiisa, hanna babal’isa rakkoo nageenyaas ta’uu danda’a jedhee xiyyeeffannoo argachuu mala yaada jedhu kaaseera. Walumaagalatti Itoophiyaan qabeenyaalee uumamaa misooma albuudaalee gatijaboon daran kan badhaate yoo taatu biyyattiin hanga ammaatti sirriitti irraa hinfayyadamne.

Faayida damee kanarraa argamu hojiirra oolchuun biyya badhaate akka qabaannu waan nu taasisuuf ittifayyadamni teknolojii keenyaa fooyya’uu mala. Kanamalees daldalli seeraan alaa alergii albuudawwan gatijaboo sakaalaa jirus xiyyeeffannoo mootummaa argachuu mala.

Xiyyeeffannoon damee kanaatiif taasifamu laafaa kan deemu taanaan albuudni madda dinagdee ta’ee abdatamu madda galtee dhiyeessii farreen nageenyaa ta’uunsaa waan oolu miti, isa kanaafimmoo sababa guddaa kan ta’e daldala seeraan alaa hordoffii dhabeedha.

Hudhaaleen kunniin yoo furaman hawaasni naannawaa, dhaabbileen, daldaltoonniifi mootummaan faayidaa guddaa waan argatuuf ittifayyadama teknolojiifi ittisa daldaltoota seeraan alaarratti duulliifi xiyyeeffannoon taasifamu cimuun dirqama yeroon gaafatuudha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You