Abdii egeree aartii Oromoo: Amaataroota Giddugala Aadaa Oromootti horatamaa jiran

Torban darbe waltajjiin Giddugala Aadaa Oromoo ijoollee kennaa aartii qabaniin daran miidhagee oole. Ijoolleen ogummaawwan aartii shubbisa, tiyaatira, walaloo, sululukii, fakkiifi bobbocaan leenji’aa turan 100 giddugalichaan leenjii fudhataa turan, kennaasaanii guyyaa eebbasaanii waltajjiirratti dhiheessaniiru. Hojiiwwan isaan dhiheessan ilaaluun aartii Oromoof xiyyeeffannaan kennamaa jiraachuu, dhaloonni jalaa dhufu horatamaa jiraachuufi beekumsaan gabbifamaa jiraachuu hubachuuf nama hinrakkisu.

Shamarraniifi dargaggoonni 20 ol ta’an gaafasaan huccuu aadaa walfakkaataa uffatanii, shubbisa godinaalee garagaraa shaakala dhiheessan dhugama 20 jedhanii yaaduun nama rakkisa. Waliin uutaalanii, waliin morma raasanii, harka kaasanii, lafa dhiitanii yommuu shubbisan miidhagina aartiifi tokkummaatu irraa calaqqisa.

Amaataroonni tiyaatiraan leenji’anis tiyaatira gabaabaa waltajjiirratti dhiheessanii, akkaataa isaan aadaa, afaaniifi duudhaa Oromoo sirriitti hubatanii hubachiisuuf carraaqan nama raaja. Dubbii isaan tartiiba galchanii dubbatan, ergaa isaan sookoofi soorgoodhaan dabarsan bu’aa dhaloota qubee ta’uusaanii irraa beeksisa.

Kanneen walaloofi sululukii dhiheessanis akkanuma. Ofitti amanamummaadhaan jechoota minyaa’oo tarreessanii gurra namaatti ergan daran namatti tola, guddadhaa! nama jechisiisa, warreen fakkiifi bobbocaas ergaa isaan hojiisaaniitiin dabarsuuf yaalan umuriisaanii kan caaluufi dhaloonni akkanaa nuuf haa baay’atu kan jechisiisuudha.

Kunneen hundi egaa torban darbe keessa Giddugala Aadaa Oromootti shaakalasaanii xumuranii marsaa torbaffaaf eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarratti argamuun haasawaa kan taasisan Daarektarri Ittaantuun Giddugala Aadaa Oromoo (GGO) Aadde Makiyaa Jamaal akka jedhanitti, giddugalichi erga hundeeffamee hojiilee aadaafi seenaa ummata Oromoo dagaagsuufi beeksisuu danda’an bal’aa hojjetaa tureera. Keessattuu dameen aartii waggoota 30f hojiilee garagaraa hojjetaa tureera.

Hojiiwwan hanga ammaa hojjetaman keessatti aadaafi seenaan ummatichaa badaa ture ba’ee akka mul’atuuf hojii Baandiin Biiftuu Oromiyaa hojjete olaanaa ta’uu eeranii, aartiidhaan fayyadamuun aadaa, duudhaafi seenaa Oromoo dabarsuun cinaattis birmadummaa biyyaa kabachiisuu, hojiiwwan hawaasummaarratti hirmaachuufi kanneen biroorratti adda durummaan hirmaachaa turuu himu. Baandichi baandii dulloomu osoo hintaane ifa dabalaa kan dhufu waan ta’eef aartiin labataa labatatti akka darbuuf ejennoon qabatee hojjetuun dhaloonni jalaa dhufan akka baay’atanii ba’aaniif leenjisuurratti akka argamu dubbatu.

Marsaa torbaanis namoota kuma tokkoofi 238 leenjisee eebbisiisuu himanii, bara 2015ttis ijoollee 100 ol leenjisuuf karoorfachuu ibsu. Hojiin aartii ogummaa qofa osoo hintaane, yeroo, maallaqaafi karoora kan barbaadu ta’uunsaa hubatamee hojichi akka milkaa’uuf tattaaffiin taasifames kan jajamu ta’uu himu. Hojiin gama kanaan hojjetamu akka milkaa’uufis ogeessota godinaaleefi bulchiinsoonni magaalaatiif leenjiin leenjiftootaa kennamaa jiraachuu Aadde Makiyaan nidubbatu.

Ogeessi giddugalichaa Obbo Lataamoo Badhaasaa kaayyoo leenjichaa wayita ibsan akka jedhanitti, aartiin yeroo ammaa bashannansiisuurra dabee barsiisuun hawaasa kallattii siyaasaafi hawaas dinagdee akkasumas dhimmoota walxaxaa kanneen akka walitti bu’iinsaafi hiyyummaa akka maquuf meeshaa qabsooti jechuun ni danda’ama.

Akka Oromoottis bu’aa aartiin qabu hubachuun, aadaa, seenaafi duudhaan ummatichaa guddatee, dagaagee dhalootatti akka darbuuf waggoottan 30n darban hojiin bal’aan hojjetamuu himanii, GAOs ogeessota Oromiyaa keessaa, naannolee ollaa deemuun bal’inaan leenjisuuf deemsi deemaa ture kan nama gammachiisu ta’uu ibsu. Keessumaa waggoota torban darbanitti ijoollee Oromoo kennaa addaa qaban bakkee addaddaatii funaanuun leenjii kennuun waltajjiif gumaachaa turuu dubbatu.

Gama kanaan hojiin giddugalichaan hojjetame gaariifi aartiin Oromoo sadarkaa abdachiisaarra qaqqabaa jiraachuu kan mul’isu ta’uu himanii, leenjiin amma kenname kan adda taasisu leenjiin fakkiifi bobbocaa waggoota dheeraaf adda citee ture itti dabalamuu ta’uu ibsu. Bu’aan gama kanaan argames kan abdii namatti horu ta’uu kaasu.

Adeemsa guddina dinagdee biyyi taasistu keessatti aartiin akka cimatuuf leenjiwwan akkanaa barbaachisoo akka ta’an kan dubbatan Obbo Lataamoon, kunis qulqullinaafi baay’inaan itti adeemamuu akka qabus ni eeru.

Wayita leenjiin kennamu hanqinoonni addaddaa isaan mudachuu eeranii, bakka leenjii, bajata gahaan dhibuutiin meeshaaleen hojiif barbaachisan guutamuu dhabuun muraasa ta’uu kaasu. Fuuldurattis mootummaan caalaatti xiyyeeffachuun deeggarsa dura taasisaa ture dabalee hojii caalu hojjechuu akka dandeessisu himu. Hanga yoonaattis leenjitootaan tiyaatiroonni torba hojjetamuu eeru.

Obbo Nuuraa Guyyoo Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti, Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaati. Isaanis haasawa waltajjicharratti taasisaniin akka jedhanitti, aartiin ummata tokkoof qaroo ykn uleedha. Waan keessa darbe agarsiisa, fuuldurasaa raaga, waan keessa jirummoo akka daaw’itiitti keessatti akka of ilaalu taasisa.

Aartiin Oromoo sadarkaalee guddina garagaraa keessa darbuun sadarkaa amma jirurra ga’uu kaasanii, kana keessattis hojii Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, akkasumas GGOn hojjetan gahee olaanaa qabaachuu ibsu.

Yommuu aartiin Oromoo dhiibbaa garagaraa jala turee aadaa, seenaafi duudhaan ummatichaa baduuf tureerraa kaasee hanga har’a abdii guddinaafi dagaagina eenyummaa Oromoo ta’u kanatti hojiin hojjetame akka laayyootti kan ilaalame akka hintaane dubbatu. Bu’aa ba’ii hunda keessatti aartiistoonni Oromoo aartii kana guddisuuf gara indastirichaatti dhufan damichi waan bu’aa qabuuf osoo hintaane qabeenyi ummatichaa akka guddatuuf waan ta’eef galateeffamuu akka qaban eeranii, dhalattoonni ammas gara indastirichaatti seenan duudhaa warra darbee hubatanii bu’aaf osoo hintaane seenaafi aadaa Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf shoorasaanii ba’achuu akka qaban dhaamu.

Akka gorsaan kun jedhanitti, aartiin Oromoo baay’ina ummata Oromoofi bal’ina Oromiyaa waliin yommuu madaalamu ammallee guddateera jechuun hindanda’amu. Qabeenya aadaa ummatichi qabu waliinis yoo ilaalamus irratti hinhojjatamne. Aartiin Oromoo bu’aa caalu akka fiduuf dinagdeetti jijjiiramuu qaba.

Mootummaan naannichaas keessumaa waggoota afran kana aartii Oromoo guddisuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennuu kan eeran, Obbo Nuuraan, keessumaa dameen aartii dinagdee akka ta’uuf qajeelfamawwan garagaraa baasuurraa kaasee hanga sektaroota damee garagaraa dhimmicharratti hojjetan hundeessuutti hojjetaa jiraachuu himu. Inni guddaan fedhiifi kaka’umsi jiraachuu malee kuteenyummaan siyaasaa amma rakkoo ta’uu akka hindandeenye dubbatu.

Eebbifamtoota guyyichaa nuti dubbisne keessaa tokko tokko yaada nuu kennaniin kennaa aartii qaban leenjiidhana gabbifachuu danda’uusaaniitiin daran gammaduu eeranii, ammayyuu ijoolleen baay’een carricha waan hinarganneef qaqqabamummaasaarratti osoo hojjetamee gaarii ta’uu kaasu.

Guyyichatti namoota hojii aartii keessatti umurii dheeraa of kennuun bu’aa olaanaa argamsiisan Obbo Huseen Hindheessaafi Doktar Daani’eel Dheereessaatiif beekamtiifi badhaasni kennameera.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You