Utuu hindhukkabsatiin ilaalamuu

Osoo hindhukkubsatiin yookaan mallattoo dhukkuba kami ofirratti hin argiin mana yaalaa deemanii of qorachiisuun dhukkuboota akkamii irraa nu baraaruu danda’aa? Hagamis barbaachisaadhaa?

Ilaalchi ‘osoo hin dhukkubsatiin yaalamuu’ jedhu biyya keenya keessatti yeroo hedduu kan baratamaa hin taanee dha. Namoonni yeroo hedduu kan of qorachiisan yoo haalonni garagaraa isaan dirqisiisan akka qacarrii hojiiwwan garagaraa, gara biyyoota biraa deemuufi kkf yoo isaan mudateedha.

Haa ta’u malee dhukkuboonni addunyaa kanarraa lubbuu namaa duguuguudhaan sadarka ol’aanaa qabatanii jiran akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, istirookii, dhukkuba onnee baay’inaan osoo mallattoo hinargisiisiin qaama namaa erga miidhanii booda kan mul’atan.

Dhukkuboota akkasii kanneen ofirratti beeknuufi ofirraa ittisuu dandeenyu yoo osoo hindhukkubsatiin mana yaalaa ykn kilinika dhuunfaa garagaraa deemnee of qorachiifne qofa. Osoo hindhukkubsatiin ykn mallattoo dhukkuba kamii ofirratti hinargiin mana yaalaa deemanii of qorachiisuun egaa, balaafi miidhama qaama keenyaa hammana hinjedhamne kan oolchu ta’uu beekuun nurra jiraata.

Yommuu kana beekne hojiirra kan oolchinuu ta’a. Ofii hojiirra oolchuu qofa osoo hintaane, namoota nutti dhiyaatan biroofuu kaka’umsisaanii, osoo hindhukkubsatiin ykn mallattoo dhukkuba kamii ofirratti hinargiin mana yaalaa deemanii of qorachiisu, akka dabalu taasisuu keessatti gahee olaanaa bahuu dandeenya. Ofirra darbanii fayyaa nama biraafuu wabii akka dhaabbatan nama taasisa.

‘Barteen yokaan amalli osoo hin dhukkubsatiin dhukkuboota akkasii of qorachiisuu biyya keenya keessatti maal fakkaata?’ kan jedhuuf deebii dhuunfaama keenyarraa kaanee ilaaluu dandeenya. Yeroo hedduu biyya keenya keessatti osoo hin dhukkubsatiin of qorachiisuu miti, yoo mallattoon dhukkubaa namatti dhaga’amellee ariitiidhaan dafanii mana yaalaa deemuun baratamaa miti.

“Xiqqoo turtee na dhiifti” jedhanii obsuun waanuma baratamaadha. Rakkoon maallaqaa, manni yaalaa bakka barbaadanitti argamuu dhabuun, mana yaalaa deemaniis meeshaalee garagaraa mana yaalaa keessaa dhabuun akkuma jirutti ta’ee amma kan kaasuu barbaanne waa’ee mala fayyuummaa ofiif yaadanii mana yaalaa deemuuti.

Kanaaf waanti godhamuu qabu akkasi-mallattoon dhukkubaa yoo namatti dhaga’amu dafanii mana yaalaa deemuun dhukkubni osoo namatti hin cimiin yoo argame, lubbuu ofii baraaruuf akkasumas baasii garmalee dhukkubni kun namatti cimee nama baasisu irraa baraaramuuf hedduu nama gargaara.

Dabalataan mallattoo dhukkubaa kamiyyuu osoo ofirratti hinargiin of qorachiisuun ammoo dhukkuboota lubbuu galaafatan hedduun argamanii akka yaalaman nama gargaara.

Fakkeenyumaaf akka qorannoon tokko tokko ibsanitti biyya keenya keessatti namoonni ga’eessota ta’an haga %15 ta’an dhiibbaa dhiigaa qabu jedhamee yaadama. Kanneen keessaa kan dhiibbaa dhiigaa akka qaban beekamee qoricha fudhatan hedduu xiqqoodha.

Kana malees warrumti dhiibbaa dhiigaa akka qaban baranii qoricha fudhatan illee dhiibbaa dhiigaa qabaachuun isaaniii kan baramu sababa dhukkuba biraaf mana yaalaa deemanii dhiibbaan dhiigaa isaanii achumaan safaramuudhaan malee, ofiin of qorachiianii miti. Akkasuma dhukkubni sukkaaraa hawaasa keessa haga %10 kan ta’u yoo ta’u, dhukkuba sukkaaraa kan ofirratti baru garuu namni erga dhukkubsatee mana yaalaa deemee booda.

Kun ammoo erga dhukkubni sukkaaraa kalee, onnee, ijaafi qaamota biraallee hedduu booda waan ta’eef faayidaan yaala isaa irraa argamu hedduu gadi bu’aadha. Akka saayinsiin fayyaa jedhutti ammoo, akkuma kana dura kaafne namoonni haala armaan gadii keessatti argaman dhukkuba sukkaaraaf qoratamuu qabu: namoota ulfaatinnisaanii olka’aa ta’e ykn BMI isaanii 25 kiiloo giraama/m2 ol ta’eefi kanneen sochii qaamaa kan hintaasifne, fira dhiigaa dhiyoo (kanneen akka haadha, abbaa, obbolaafi kkf) yoo kan dhukkuba sukkaaraa qaban ta’e, dhukkuboota sirna onneefi hidda dhiigaa beekame kan qabu/qabdu yoo taate, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akkasumas, dhukkuba garmalee olka’uu cooma ykn koolesteroolii (hypercholesterolemia) qaamaa kan qabu/qabdu.

Namoota umriin isaanii waggaa 45 ga’e ammoo hunduu qoratamuu qabu, yoo bilisa ta’anis wagga sadi, sadiin itti deebanii ilaalamuu qabu. Akkasumas dubartii yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaan qabamtee turte, yoo xiqqaate wagga sadi sadiin qoratamuu qabdi.

Akkasuma illee dhukkuboota daddarboo ta’an keessumaa ammoo dhukkuba vaayiresii tiruu akaakuu Bfi vaayiresii tiruu akaakuu C qoratamanii of beekuun faayidaa guddaa qaba. Vaayiresoonnii kun biyya keenya keessatti argama baay’ee ol’aanaa ta’e kan qabanii fi keessumaa vaayiresiin tiruu akaakuu ‘B’ hanga %8 ga’a jedhamee yaadama.

Vaayiresiin kun ‘HIV’ caalaatti qunnaamtii saalaatiin daddarba, walqunnaamtii saalaatiin alattillee waltuttuqqaa mana keessaa yeroo dheeraanillee carraan darbuusaa olka’aadha. Kanaaf yoo qoratamnee ofbeeknerraa kan hafe, vaayirasii kanarraa bilisa jedhanii yaaduun daran ulfaataadha. Vaayiresoonni kunniin yoo osoo hinqoratamiin qaama keessa yeroo dheeraaf turan, tiruu namaa dadhabsiisuun akkasumas kaansarii tiruu nama qabsiisuun lubbuu namaa galafaatu.

Namoonni hedduun akka vaayiresiin kun qaama isaanii keessa jiru kan baran erga tiruun isaanii miidhamee booda, kun ammoo tasuma ta’uu hin qabu. Yoo qoratamanii vaayiresiin tiruu qaama namaa keessatti aragame vayiresii tiruu akaakuu ‘B’f qoricha fudhachuudhaan yeroo dheeraaf akka miidhaa namarraan hingeessifne gochuun ni danda’ama.

Yoo kan vaayiresiin akaakuu ‘B’ kun kan nama keessa hin jirre ta’e ammoo talaallii isaa fudhachuudhaan sana booda akka namatti hin dabarre dhorkuun ni danda’ama. Vaayirasiin tiruu akaakuu ‘C’ ammoo yoo kan nama keessatti argamu ta’e yaalamanii guutummaa guutuutti fayyuun ni danda’ama. Haa ta’uu garuu kana mara kan fayyadamaa ta’uu danda’an yoo qoratamanii of baran qofa.

Akkasumas namoonni umuriin isaanii wagga 18 ol ta’e dhiibbaa dhiigaa isaanii akka of qorachiisanii beekuu qaban ogeeyyin fayyaa biyyoota garagaraa ni gorsu, dhiibbaa dhiigaa ofqoratanii beekuun ammoo dhukkuboota dhiibbaa dhiigaa irraan dhufan malfaa akka hambisu kaasnee jirra.

Dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba vaayiresii tiruu, dhukkuba vaayirasii HIV, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akka fakeenyaatti haa kaafnu malee dhukkuboonni hedduun qoratamuudhaan irraa faayidaa argannu hedduutu jira.

Qorannooleen dhukkuboota armaan olitti ibsaman kanaaf godhaman baay’ee salphaafi bakka kamittuu argamuu kan danda’an akkasumas kaffaltiin isaanii hedduu xiqqaa kan ta’eedha. Kanaaf ergaan keenya, utuu qaamni keenya hinmiidhamiin dhukkuboota irraa qoratamnee lubbuu keenyaaf gumaacha guddaa haa goonu kan jedhudha.

Hubachiisa: Dhukkuba kamiifuu yeroodhaan mana yaalaa deemuun, dhukkubicharraa fayyuufi rakkoowwan fayyaa cimaa dhukkuba san boodaan dhufan hambisuu, akkanuma baasii garmalee baasuu irraa akkuma nama oolchu, osoo hindhukkubsatiin yookaan mallattoo dhukkuba kami ofirratti hinargiin mana yaalaa deemanii of qorachiisuun dhukkuboota garagaraa irraa akka nama ittusuufi miidhaa hamaa dhukkubni tokko nama irraan gahus ta’e xaxama dhukkubichi sirna qaamota keenyaa irratti fudu hir’isuu keessatti gahee hammana hin jedhamne qaba.

Kanaafuu kana beeknee, yeroo yeroodhaan gara mana yaalaa deemnee ilaalamuu qabna. Dhugaan jiru tokkos ni jira. Kunis, malli kun baasiin isaallee baay’ee salphaa kan ta’edha. Isa dhukkubsatanii mana yaalaa deeman faana tasumaa walhin argu.

Osoo hindhukkubsatiin yookaan mallattoo dhukkuba kami ofirratti hin argiin mana yaalaa deemanii of qorachiisuun ammallee faayidaa biraa ni qabaata.

‘Faayidaa dabalataa akkamiiti?’ yoo jenne, gorsa fayyaan kan wal qabatudha. Gaafa yeroodhaan mana yaalaa deemnu yookaan osoo hin dhukkubsatiin dura ogeessa fayyaan ilaalamuu deemnu, gorsa fayyaa mata duree garagaraa irratti ogeessa fayyaa irraa argachuun kan danda’amudha.

Akkuma dhukkubota armaan dura kaafneen wal abatee qorafamuun jiru, gorsi fayyaa dhukkuboota garagaraaf kennamu ni jira. Biyya keenya kana keessatti kan baay’inaan hinamaleeffatamneefi darbee darbee kan jiru ta’ullee, biyyoota guddatan keessatti tajaajilli gorsa fayyaa kan dhukkubaan dura kennamuu akka idileetti kan jiruudha. Nutillee kana amaleeffachuu qabnaan, dhaamsa barruu kanaa isa ijoodha.

Fayyaan faayaa madaala hinqabneedha; fayyaa hindhabiinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You