Dubbistoota keenyaa, keessummaan Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa haalotaafi waantota danuudhaan kanneen kanaan duraarraa adda. Hayyuu bineensota summaa’oo wajjin wal’aansoo walqabaa, akka lootuu ykn looccuu qaawwa xiqqoo keessa hulluqee, bishaan daakee keessa ce’ee guddina turizimii biyyaasaatiif aarsaa kanfalaa qorannoo geggeessu; haala inni keessa darbee qorannoo holqaa gaggeessu isa waansaa odeeffatutti kan ulfaatuudha.
Ogeessi qaxaleen kun Naasir Ahmad jedhama. Fedhiifi dheebuun Naasir ogummaa kanaaf qabu guuttachuufi caalaatti gabbifachuuf dhaabbata ‘The World Speleology Society’ jedhamuufi Jarmanitti argamurraa waggaa tokkoof baratee waraqaa ragaa ‘The Frist Ethiopian Speleologiest’ jedhamuufi badhaasawwan adda addaa argateera.
Beekumsa, ogummaafi muuxannoo qorannoo holqaa sadarkaa addunyaafi biyyaatti gabbifaterratti hundaa’uun holqoota uumamaa Oromiyaa keessa jiran keessaa 321 qoratee kanneen keessaa 200 kaartaafi pilaanii argatanii ‘Google Earth’ irratti gad lakkifamaniru. Holqoonni inni qorate kitaabasaa fuulawwan 346 qabuufi mataduree, ‘Caves in Oromiyaa’ jedhamuun hawaasa bira ga’eera.
Naasir ogummaa holqa qorachuutiin Itoophiyaarraa nama jalqabaa yoo ta’u, yeroo ammaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa keessa tajaajilaa jiru. Gaafdeebii ogeessa cimaa, jechaan ibsuun nama rakkisu kana wajjin taasisne akka ittaanutti dhiyaateeraa dubbisa gaarii.
Suurri: Gabaaboo Gabreetiin
Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii kee gabaabaatti utuu nuu ibsitee?
Obbo Naasir: Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Magaalaa Malkaa Raafuu jedhamuttin dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa 1ffaa, Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ‘Nikulus’ jedhamuttin baradhe. Barumsa koo sadarakaa 2ffaa ammoo mana barumsaa Haramayaa sadarkaa 2ffaattin hordofe.
Yeroon barumsa koo sadarkaa lammaffaa xumuru maatiin koo barnoota fayyaa akkan baradhu waan barbaadaniif ‘Clinical Nursing’ baradhee xumuruun eebbifame. Fedhiin koo garuu ‘National Geography’ barachuudha ture. Fedhiifi abjoo koo kana dhugoomsuuf barnoota ‘National Geography’n walqabatan ‘Google’ irraa barbaadeen dubbisuu jalqabe.
Utuman waa’ee ‘National Geography’ dubbisuun barnoota maqaansaa Ispiiliiyooloojii (Speleology” jedhamu argadhe. Dameen barnootaa kun yeroof maal akka ta’e hubachuu baadhus adeemsa keessa barnoota waa’ee holqaa qoratu ta’uusaan bira ga’e.
Dameen barnootaa kun fedhii barnoota kootii kan naa dhugoomsu ta’uusaan hubadhe. Fedhiin holqa qorachuu laphee koo keessa kan bule barataa kutaa ja’affaa yeroon ture, guyyaa barsiisaan ‘Geography’ sagantaa gumii biyya kee bariin walqabsiisee daawwannaaf gara Holqa Goda Wanjii jedhamu nu daaw’achiiseedha.
Kanarraa ka’uun tattaaffii dhuunfaa kootiin hojii qorannaa holqaan jalqabe. Adeemsa keessa ogummaa kana gabbifachuuf barnoota dabalataa adda addaa barachuun eegale. Haaluma kanaan barnoota saayinsii qorannoo holqaa ‘Instituto Alphino Italiano’ jedhamu baasiidhuma kootiitiin ‘Online’ baradhee dhaabbaticharraa dippiloomaa argadhe.
Isa booda bara 2003 Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti, ogeessa ta’uun mindeeffame. Bara 2005 irraa eegalee Ogeessa Qorannoofi Eegumsa Hambaalee akkasumas Misooma Turizimii ta’uun tajajileera. Yeroo ammaa immoo sadarkaa naannoo Oromiyaa, biyyaafi addunyaatti Ogeessa Qorataa Holqaa ta’een tajaajilaa jira.
Qorannoo holqaarratti beekumsa dabalataa argachuuf carraaqqiin taasiseen dhaabbata ‘International Speleological Union Speleological Society’ kan Faransaayitti argamutti carraa barnootaa argadhee waggoota lamaaf baradhee xumureen gara biyyaatti deebi’e. Fedhiifi dheebuun ogummaa kanaaf qabu guuttachuuf barnoota dabalataaf yeroo sadaffaa dhaabbata ‘The World Speleology’ jedhamu kan Jarmanitti argamutti argadhee waggaa tokkoof baradhee xumureera. Dhaabbata kanarraa waraqaa ragaa Ogeessa Qorataa Holqaa Itoophiyaa isa duraa (The First Ethiopian Speleologist)fi badhaasa Yuuroo kuma 36fi beekamtii argadheera.
Bariisaa: Dameen barnoota ‘Speleology’ akka biyya keenyaatti sadarkaa akkamiirratti argama?
Obbo Naasir: Ani ogummaa kana barachuudhaan Afrikaarraa nama 2ffaa yoon ta’u, akka Itoophiyaatti ammoo nama jalqabaati. Kana jechuun sadarkaa biyya keenyaattis ta’e Afrikaatti hubannoo hayyoonni ogummaa kanarratti qaban gadibu’aa ta’uu mul’isa. Kanaafuu mul’anni koo jalqabaa ogummaan baradhe kanaan qarshii argachuu utuu hintaane beekumsa ykn ogummaa kana biyyoota Afrikaa keessaa Itoophiyaatti sadarkaa barnoota olaanaatti jalqabsiisuudha.
Kunis dhalootaaf seenaa hojjetanii darbuu waan ta’eef deggersi mootummaa hedduu barbaachisaadha. Ani osoon qarshii barbaade yeroo Faransaayiifi Jarman badhaasa yuuroo kuma 36 naa kennan meeshaa hojii qorannoo holqaaf na barbaachisan bitee hindhufun ture.
Har’as taanaan albuudonni gatii guddaa baasan eessatti akka argaman sammuu kiyyatti beeka. Biliyeenara ta’uun koo anaaf malee ummata koo hinfayyadu. Ani kanan jiraadhu sabakoof seenaa dalaguufi. Akka mul’atni koo kun dhugoomuufi ogummaa kanaan namoota kumaatama horuuf mootummaan nacina akka dhaabbatun gaafadha.
Bariisaa: Beekumsa, ogummaafi muuxannoo adeemsa keessa horatteen qorannoon hanga ammaatti adeemsiste yoo jiraate?
Obbo Naasir: Beekumsa, ogummaafi muuxannoon sadarkaa biyyaafi addunyaatti horadhetti fayyadamuun holqoota Oromiyaan qabdu qorattoota bebbeekamoo idiladdunyaa baay’ee gara biyya keenyaatti affeeruun holqoota Oromiyaa addunyaatti beeksisuuf yaalii walirraa hincinne taasiseera; ammas taasisaan jira.
Bara 2003-2005tti holqoota uumamaa (Natural Caves) Oromiyaa keessa jiran keessaa 321 qoradheera. Holqoota kanneen keessaa 200 kaartaafi pilaanii argatanii ‘Google Earth’ irratti gad lakkifamanii hawaasa addunyaatiin akka beekaman ta’eera.
Dabalataanis holqoota namtolchee 82 qorachuudhaan isaan keessaa 53 kaartaafi pilaanii argataniiru. Holqoota olitti eeraman qofa utuu hintaane ammas barruuwwaniifi fakkiiwwan holqa keessatti bocaman kan seenaa qaroomina dhala namaa durii ibsan 126 irratti qorannoo saayinsaawaafi bilchaataa geggeessuun isaan keessaa isaan keessaa holqoonni 60 kaartaafi pilaanii argataniiru.
Bariisaa: Holqoota uumamaa Oromiyaa keessa jiran 321 qorachuun waggaa meeqa sitti fudhate? Rakkooleen qorannoo kanarratti si mudatan yoo jiraatan?
Obbo Naasir: Holqoota uumamaa Oromiyaa keessa jiran 321 qorachuun waggoota 10 ol natti fudhate. Oromiyaan qabeenya holqoota uumamaatiin badhaatuudha. Holqoota kanneen ogeeyyii qorannoo holqaa biyyoota alaa waliinan qoradhe. Yeroon qorannoo holqaa adeemsisaa turetti rakkoolee guguddoo gara garaaf saaxilamaa turre.
Meeshaaleen qorannoo holqaaf ittifayyadamu iddoon tursiifadhu dhabuun, holqa keessa yeroo dheeraa turuun, dhagaan holqa keessaa narratti jiguun, bineensota summaa’oo kanneen akka jawwee, bofaa, simbira halkanii akkasumas qeerransa, leencaafi ilbiisota adda addaatiin walitti ba’uun, bishaan holqa keessaa lixee keessaa ba’uu dadhabuun, dacheen najalaa cituun, boola meetira 100-200 gad fagaatu funyoo dhagaatti hedhee gad bu’uun, boola keesatti haalli qilleensaa natti jijjiiramee oksijiiniin natti hir’achuun, ibsaan holqa keessatti narratti dhaamuun rakkoolee guguddoo qorannoo holqaarratti na mudataniidha.
Yeroon qorannoodhaaf deemu waantota loojistikiif na barbaachisan konkolaataafaa dhabee miilaan yeroo dheeraa imaluun, keessumaa yeroo roobni roobee lolaan holqa guutuufi oksijiiniin boolla keessatti najalaa dhumuu akkasumas yeroo rakkoon addaa namudatu nama dafee na qaqqabu dhabuunis rakkoolee guguddoo yeroo qorannoo holqaa na mudataniidha.
Bariisaa: Oromiyaan qabeenya holqaatiin akka biyyaattis ta’e Afrikaatti sadarkaa maaliirratti argamti?
Obbo Naasir: Oromiyaan qabeenya holqa uumamaafi namtolchee akkasumas barreeffamootaafi fakkiiwwan holqa keessaafi dhakaarraa hedduu qabdi. Oromiyaan baay’ina holqootaafi barreeffamoota dhakaatiin Afrikaa bahaarraa sadarkaa tokkoffaarratti argamti. Holqoonni guddinaanis ta’e uumamaan dinqisiisoo ta’an hedduun Oromiyaa keessatti argamu.
Fakkeenyaaf Holqa Soof Umar, Holqa Naasi’ool, Holqa Diimaa, Holqa Ayinagee, Holqa Acaaree, Holqa Waraabessaa, holqa Oromoofi fakkiiwwan durii dhakaarraa baay’ee dinqisiisoofi seenaa dhala namaarratti madda ragaa ta’an waggoota kuma sadii hanga shanii olitti tilmaamaman hedduun Oromiyaa keessatti argamu.
Holqoota irranatti eeraman keessaa Holqi Soof Umar carraa Ispili’oo-turizimii qabuun Itoophiyaa keessaa sadarkaa 1ffaa irratti argama. Holqichi misooma tuurizimiitiif akka ooluuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kenneefii irratti hojjechaa jira. Qorattoonni addunyaas bara 1894 irraa eegalanii hanga ammaatti keessumaa Holqa Soof umariifi kanneen biroorratti qo’annoofi qorannoo bal’aa adeemsisaa jiru.
Holqoonniifi hojiiwwan artii holqa keessaafi dhakaarraa faayidaa hawaas dinagdee, qorannoofi qo’annoo guddaa qabu. Gama hawaas dinagdeetiin hawwata tuuristii ta’uun madda galii guddaafi bu’uura hariiroo hawaasa addunyaa kan qabuudha. Xaaliyaanitti waggaa tokkotti tuuristooti mililyoonni 1.2 holqoota biyyattii daaw’atu. Galiin kanarraa argamus dolaara biliyoonaan lakka’aamu yoo ta’u, namoota kuma 500f carraa hojii uumeera.
Itiyoophiyaa keessatti holqootni uumamaafi nam tolchee hedduun Oromiyaa keessatti argamu. Holqootniifi artiiwwan holqa keessaa hawwata tuuriizimiif oolan Oromiyaa keessatti argaman keessaa 321 qorannoon adda ba’aniiru. Keessi holqoota kunneenii fageenya meetira 20 hanga kiiloomeetira 15.5 qabu.
Hanga ammaatti artiiwwan (fakkiiwwaniifi barreeffamoota namoota durii) holqa keessaafi dhakaarraa 126 Oromiyaa keessatti argamaniiru. Artiiwwan kunneen qo’annoo saayinsiifi hawwaassummaatiin soona olaanaa idil addunyaa (Outstanding Universal value) waan qabaniif hambaa addunyaa ta’anii ‘UNESCO’tti galmaa’uu kan dandaa’aniidha.
Artiiwwan holqa keessaafi dhakaa (Cave painting and rock arts) hawwata tuurisitiifi madda galii ta’uurraa darbanii madda ragaa qaroomina dhala namaa durii (ancient civilization) ta’uun faayidaa saayinsii guddaa qabu.
Biyyoota gara garaatti holqoonni hedduun tajaajilaafi faayidaa misoomaa adda addaatiif oolaa jiru. Chaayinaatti Holqi ‘Dangzhong’ jedhamu mana barumsaa sadarkaa 1faa ta’e tajaajila kennaa jira. Holqoonni hedduun sadarkaa addunyaatti Soona ol’aanaa Idil addunyaa qaban hambaa addunyaa ta’anii ‘UNESCO’tiin galamaa’aniiru. Fakkeenyaaf ‘Marble Arch Caves (Northern Ireland, Škocjan Caves Regional Park (Slovenia, The Elephanta Caves (India); fi kan biroo eeruun ni danda’ama.
Bariisaa: Hojiiwwan hanga ammaatti holqoota Oromiyaarratti hojetamaniifi bu’aaleen argaman maal fakkaatu?
Obbo Naasir: Oromiyaa keessatti hanga yeroo dhiyootti sakatta’insiifi qorannoon holqootaafi artii holqoota ykn dhakaarratti geggeeffamu baay’ee muraasa ture. Holqoota muraasa kanneen akka Holqa Soof Umar, Holqa Aynaangeefi Achaareefi artiiwwan holqaafi dhakaa irraa muraasa kanneen akka Goda Wanjii, Shappee walumaagalatti 10 hincaalleetu ture. Isaaniyyuu qorattoota biyya alaatiin kan qoratamaniidha. Qorataan holqaa (Speleologist) biyya keessaas hinjiru ture.
Haalli kun bara 2005 kaasee jijjiirameera. Qorataan holqaa (Speleologist) Biiroo Aaadaafi tuurizimii Oromiyaa haala kana jijjiiruu danda’eera. Qorannoo bal’aa bara 2003 hanga 2015tti holqoota Oromiyaa keessarratti adeemsifameen holqoonni 321fi artiiwwaan holqaa (dhakaa) irraa 125 argamaniiru.
Holqoota qorannoon argaman keessaa 203fi barreeffamootaafi fakkiiwwan qorannoon argaman 60f ogeessa holqaa Biiroo Aaadaafi Turizimii Oromiyaafi saayintistoota biyyoota alaatiin kaartaafi pilaanii holqa keessaa hojjetameera. Holqootniifi artiiwwan kaartaafi pilaaniinsaanii hojjetaman kunniin ‘International Speleological Union’fi ‘The World Speleological Society’ irratti beekamtii kan argatan yoo ta’u, yeroo ammaa kana ‘Google Earth’ irratti akka mul’atan ta’eera.
Holqoota Oromiyaan qabdu hedduun isaanii faayidaa tuuriizimii qofa utuu hinta’in soona Saayinsiifi kunuunsaa (Scientific & Conservation value) guddaa akka qaban ‘The World Speleological Society’tiin mirkanaa’ee ‘Google Earth’ irratti akka mul’atan ta’eera.
Bariisaa: Holqoonni ati Oromiyaa keessatti qoratte bifa kitaabaatiin qophaa’ee torban darbe eebbifameera. Qabiyyeen kitaabichaa maalirratti xiyyeeffata?
Obbo Naasir: Holqootan qoradhe ummanni akka beekuufi irraa baratuuf kitaaba mata dureen isaa “Caves in Oromia’ jedhu kan fuula 346 qabu Afaan Ingiliffaatiin barreesse torban darbe ‘Guyyaa Turizimii Addunyaa’ akka Oromiyaatti yeroo 18ffaaf Magaalaa Hararitti kabajamerratti eebbisiisuun hawaasa biraan gaheera. Kitaaba barreeffamootaafi fakkiiwwan holqa keessaa qaroomina dhala namaa agarsiisu ammoo barreessaan jira. Qabiyyeen kitaabichaa holqoonni qorataman eessatti akka argaman ibsa.
Bariisaa: Turizimii holqaa akka Oromiyaattis ta’e biyya keenyaatti maal fakkaata? Ilaachiifi xiyyeeffannaan qabeenya holqaaf kennamus maal fakkaata?
Obbo Naasir: Turizimiin holqaa maqaa dhiheenya kana caasaa ispeeloloojii of keessaa qabuuf kennamedha. Turizimiin holqaa dhiyeessii turizimii jabduu (adventure) keessatti argamuu danda’a. Caasaan holqa yeroo ammaa kana hawwata turizimii gurguddoo addunyaa keessaa tokko ta’aa kan dhufe yoo ta’u, daawwattoota imalan keessaa holqa daawwachuuf kan socho’an hedduudha.
Akka argannoowwan tokko tokko agarsiisanitti, turistoonni miliyoona 30 ta’an holqa keessatti jabduu ‘adventure’ fudhachuun addunyaa irra akka imalan himama. Biyyoonni sirna holqa ajaa’ibaa qaban daawwannaa holqa irraa galii guddaa argachaa jiru. Yeroo baay’ee daawwannaan holqa sochii qaamaa taasisuu, gaara yaabbachuufi daakkaa bishaanii wajjin walfakkaata. Holqoota Itoophiyaa ilaalchisee ragaan walitti qabame hedduu hinjiru.
Biyya keenyatti ilaachiifi xiyyeeffannaan qabeenya holqaaf kennamu duubatti hafaadha. Namoonni baay’een hojii holqaa akka jinni wajjin walloluutti ilaalu. Ogummaa kana gabbifachuuf qaamolee gara garaarraa deggersa dhabuun, hojii koo kana jibbuun yeroo sadii ol ogeessi qorataa holqaa Naasir Ahmad du’eera jedhanii FB irratti maxxansaniiru. Ani garuu rakkooleefi qormaatawwan namudatan kamiifuu harka kennee duubatti deebi’ee hinbeeku. Abjuufi mul’atakoo milkeeffachuuf aarsaa guddaa kaffaleera.
Bariisaa: Hojii qorannoo holqaatiin ala hojii isin irratti hirmaattan yoo jiraate?
Obbo Naasir: Hojii qorannoo holqaatiin ala hojii fiilmiifi diraamaa Afaan Oromoo barreessuurrattis hirmaachaan jira. Fiilmii Afaan Oromoo mata dureensaa “Duumessa Barii” jedhuufi seenaa Oromoorratti xiyyeeffatu barreessuun hawaasa biraan ga’eera. Kana malees fiilmii Afaan Oromoo mata dureensaa “Godaannisa Jijjiirame” jedhu barreessee xumuree sababoota gara garaatiin hawaasa bira of harkaa qaba.
Fiilmiiwwan dookmantii qabeenya aadaafi turizimii Oromiyaan qabdu hedduus hojjedheera. Kana malees ogummaa dizaayinii hojjechuus qaba. Ogummaa kanaan loogoo Biiroo Aaadaafi Turizimii Oromiyaa ammaaf hiniftoomne kaka’umsa mataa kootiin hojjedheera. Ogummaa kaameeraan qabuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa keessatti akka hojii dabalataatti tajaajilaan jira.
Kitaabota, barruulee, qajeeltoowwan turistiifi maanuwaalota yeroo gara garaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin maxxanfaman hojjettoota biirichaa biroo waliin ta’uun hojjechaan jira. Hojiin jiraanaan dhimma dhuunfaa koo dhiiseen hojii biiroo hojjedha. Haalli mijachuufi mijachuu dhabuun hojiin hojjedhurraa na hindaangessu.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa ykn dhaamsa yoo qabaatte?
Obbo Naasir: Hojiin hojjedhetti akkan milkaa’uuf dhaabbileefi namoota deggersa naaf taasisan (Hoggantoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, ogeessota holqaa biyyoota Faransaay, Xaaliyaanii, Jarmaniifi Ingilizii akkasumas maatiifi miidiyaalee) hojii koo ifatti baasuun nacinaa dhaabbatan galateeffachuun barbaada.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015