Duula farra malaammaltummaa hunduu ittimakamuu qabu

Gochuma badaa kana ilaalchisuun Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ibsa dheengadda karaa fuula fees buukiisaanii kennaniin, “Malaammaltummaan daana’oo biyya nyaatuudha. Raammoo qabeenya biyyaa nyaatee golgoleessuudha. Oggaa anga’oonni hattuun, daldaltoonniifi faddaaltonni jaalala maallaqaatiin jaaman walitti dhufan; oggaa lammiileen baay’ina qaban hattoota kanneen duukaa hiriiruu eegalan malaammaltummaan daana’oo jedhamu akka golfaatti biyya galaafata” jedhan.

Malaammaltummaan misooma, dinagdee, hawaasummaafi siyaasa biyya tokkoo quucarsuudhaan ummanni bal’aan rakkoolee walxaxoof saaxila. Malaammaltummaan dagaagee hundee jabeeffannaan, tajaajjilawwan bu’uuraa kanneen akka fayyaa, bishaan qulqulluu, daandii, barnoota, geejjiba, ibsaafi kkf sadarkaafi qulqullina barbaadamuun akka hinjiraanne darbees haqni dabee dhugaan dhokata. Kufaatii siyaasaafi dinagdees ni hordofsiisa.

Malaammaltummaan bakkaafi bara kamittuu jiraachuu danda’a. Garuu hanga misooma biyyattii akka lafeetti qorquutti yoo qaqqabe malaammaltummaan akka golfaa balaafamaa tokkoo ta’eera jechuudha.

Biyyoota malaammaltummaan yaaddoo nageenyaa ta’uu danda’an bara keenyatti agarreerra.

Malaammaltoonni malaammaltummaa daldala baala sammuu namaa hadoochu, kontirobaandii, daldala namaa, daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa, burjaajii daldalaa akeekasaanii ittiin raawwachiifachuuf ittifayyadamuuf barbaadu.

Waraanniwwan jalqabaman akka hinxumuramneef, walitti bu’iinsonni akka hinqabbanoofneef, akka ummatoonni walittibu’an kan taasisaniif qisaasama keessaa waan buufataniifi.

Malaammaltummaan har’a yaaddoo nageenya biyya keenyaa ta’eera. Imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru takaalee qabuuf malaanmalaan diinota keenya qixa nuun qabsaa’aa jira.

Birokraasiin gurmaa’e, caasaan walitti hidhameefi hojmaatni ammayyaa saaxilamummaa malaammaltummaa waan hir’isaniif kanneen dhabamsiisuuf ykn gufachiisuuf malaanmalaan halkanii guyyaa hojjetaa jira.

Mootummaan caasaalee sadarkaan jiran sakatta’uun, hojmaatawwan haaraa diriirsuun, hojiiwwan teknolojiitiin deeggaramanitti fayyadamuun hojiilee tuttuqaa harkaarraa bilisa gochuuf, hoggantootaafi taatota biroo yakka malaammaltummaarratti hirmaatan seeratti dhiyeessuun haalonni malaammaltummaaf mijatan akka hinuumamneef tattaaffii taasifameera.

Ta’us malaammaltoonni waraanniifi vaayirasii koronaa xiyyeeffannoo mootummaa fudhateera jechuun bakkawwan addaddaatti suuqamaniifi networkiisaanii diriirsanii Itoophiyaa balleessuuf tattaafachaa jiraachuunsaanii qo’annoodhaan waan mirkanaa’eef hunduu eeruu kennuurraa kaasee miira quuqamummaafi qulqullummaatiin duula labsametti makamuun akkuma yeroo waraanaa biyyasaa baraaruuf hiriiruu qaba.

Mootummaanis akkuma jechama, “Eegee qeerransa hinqaban, qaban gadihindhiisan” jedhamu sanaa waan eegale kana tuttuqee ykn seesee dhiisuu otoo hintaane keessoorraa eegalee gingilchee qulqulleessuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You