Tajaajila si’ataa, qulqulluufi haqaqabeessa argachuun mirga lammiileeti.
Biyya tokko keessatti mootummaan eeyyantaa ummataan aangoo qabate guddina siyaas-dinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si’ataa, haqaqabeessaafi qulqulluu ta’e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti.
Hawaasni ammoo ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun manneen hojii mootummaa sadarkaan jiranirraa tajaajila barbaadu argachuun mirgasaati.
Kanaaf, manneen hojii mootummaa abbaa dhimmaa ulaagaa isarraa barbaachisu guuttatee dhufeef seera, labsiifi qajeelfama manni hojichaa qabu bu’uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama akka qaban beekamaadha.
Waggoota afran darbaniin asitti jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixa baasuufi Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan babal’aan hojjetamaa jiru.
Keessumaa, dirree siyaasaa bal’isuu, carraa gaarii biyyi keenya qabdu adda baasuun dinagdee cimaa ijaaruu, qonna ammayyeessuun oomishaaf omishtummaa guddisuu, biyya lammii hunda walqixa keessummeessitu uumuu, nageenya waaraa mirkaneessuufi hojiiwwan hariiroo uummattoota biyyattii jabeessan hedduun hojjetamaniiru.
Haata’u malee, hojiiwwan gama hundaan hojjetaman kenna tajaajilaa si’ataa, qulqulluu, haqaqabeessaafi hanna irraa bilisa ta’een yoo hindeeggaramiin bu’aa qabeessa ta’uu hindanda’u. Rakkoon kenna tajaajilaa qormaatilee imala jijjiiramaa biyyi keenya eegaltee jirtutti gufuu guddaa ta’aa jiran keessa tokko.
Naannoo Oromiyaa keessattis kenni tajaajilaa rakkoo guddaa akka qabu mootummaan qorannoo bal’aa taasisuun adda baaseera.
Akka bu’aan qorannichaa agarsiisutti manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessatti kenni tajaajilaa iftoomina, haqummaafi qulqullummaa kan hinqabne, abbaa dhimmaa kan deddeebisu, tajaajila argachuun mirga abbaa dhimmaa ta’uu kan hinhubanne, hannaan kan guutameefi teknolojiin kan hindeeggaramne ta’uun adda ba’eera.
Rakkoon kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa hunda biratti kan mul’atu ta’us manneen hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay’atu biratti akka hammaatu beekamee jira.
Dallaalaan tajaajila manneen hojii mootummaa keessa harka naqachuun ammoo rakkinicha daran hammeessuun hawaasa rakkoo caaluuf saaxileera.
Dhimmi kun hariiroo mootummaafi ummataarratti dhiibbaa kan fidu; imala badhaadhinaa kan danquufi ummata kan mufachiisu waan ta’eef manneen hojii mootummaa naannichaa sadarkaan jiran hundi kenna tajaajilaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qaban mootummaan kallattii kaa’eera.
Haala kana jijjiiruuf hoggansaafi ogeessa ittigaafatamummaa itti kenname dagachuun abbaa dhimmaa deddeebisu, tajaajila fedhii dhuunfaan jijjiiruufi haqa dabsuun hawaasa boossisurratti sirna ittigaafatamummaa barsiisaa ta’e hojiirra oolchuun murteessaadha. Kanaafis mootummaan kutannoo guddaan ni hojjeta.
Rakkoon kenna tajaajilaa keessa jiru kutannoo mootummaa qofaan furamuu waan hindandeenyeef akkasumas sirni ittigaafatamummaa hojiira oolfamu bu’aa qabeessa akka ta’uuf abbootii dhimmaa dabalatee tumsa qaama hundaa barbaada.
Kanaaf, hawaasni keenya yeroo tajaajilaaf gara manneen hojii mootummaa deemu ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirgasaa kabachiisuun cinatti qaamota haqa ummataa dabsan saaxiluun ga’ee irraa eegamu ba’uu qaba.
Gama biraatiin rakkoo kana maqsuun tajaajilli manneen hojii mootummaa keessatti kennamu iftoomina akka qabaatuufi ittiquufinsa ummataa kan mirkaneesse akka ta’uuf miidiyaaleen biyya keenyaa miira ittigaafatamummaa qabuun ijaafi gurra ummataa taatanii dirqama ogummaa keessanii akka baatan waamicha dhiyeessina.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015