“Damee qonnaatiin qotiyyoofi qonnaan bulaa addaan baasuuf hojjetamaa jira” – Abiyyi Ahimad (PhD)

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) kibxata darbe gaaffiwaan miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataarra dinagdee ilaalchisuun dhiheessaniif ibsaafi deebii bal’aa kennaniiru. Nutis akka maxxansaaf toluutti qindeessineerra.

Hojii qonnaa

Damee qonnaan hojii qonnaan bulaan qotiyyoon qotuu hambisuuf hojjetamaa jira. Dameen qonnaa akka guddatu hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru. Kanaaf immoo damee hojii qonnaa ammayyeessuun makaanazeeshinii babali’isuun omisha guddisuuf hojjetama jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan oomisha ruuzii, boqqoolloofi fuduraalee gabaa biyya keessaa bira dabartee carraa gabaa alaatti erguu qabdi. Itoophiyaan haala mijataa ruuzii, boqqoolloofi fuduraalee omishuu dandeesisu qabdi. Bara bajata 2014 ruuzii kuntaala miliyoona shan gabaa alaarraa galeera. Bara kana garuu Naannoolee Oromiyaa, Amaaraafi Kibbaatti Ruuzii omishuun omisha kuntaala miliyoona saddeet oltu eegama.

Kun immoo omisha ruuzii alaa galu kan hambiseefi bara dhufu carraan omisha ruuzii gabaa alaaf dhiheessuu ni jira. Itoophiyaatti waggaa tokko osoo hinguutiin paappaayyaa hundee tokkoo hanga firii 90 godhachuu danda’u lafa hektaara torbarratti omishuun danda’ameera. Akkuma qamadii, fuduraa gabaa alaatti arguuf humni ni jira.

Waggoota arfan darban ashaaraa magariisaa malee biqiltoota bunaa haaraa miliyoona 4.7 dhaabameera. Kanaanis omishinni bunaa kan bara darbeen yoo madaalamu haraka 20 guddateera.

Damee Faayinaansii

Dameen faayinaanisii harka 21n guddateera, qabeenyii damee kanaas waliigalaan qarshii tiriliyoona 2.3 gaheera. Kanaaf Itoophiyaatti dameen hojii faayinaanisii guddina olaanaa galmeessaa jira. Dameen kun yeroo ammaa guddina harka 21 galmeessuun qabeenyi waliigala damee kanaas qarshii tiriliyoonaa 2.3 gaheera.

Omshni waliigalaa Itoophiyaa qarshii tiriiliyoona 6.16 ykn Doolaara Ameerikaa biiliyoona 126.7 gaheera. Dinagdeen biyyattis waggoota darban qormaatawwan gara garaa mudatanis, dandamachuun danda’ameera. Itoophiyaan biyyoota Sahaaraa gadii keessaa guddinni galmeessuu dandeesseetti. Galiin lammiileeshees dhuunfaan Doolaara Ameerikaa kuma tokkoofi kuma 200 gaheera.

Waggoota darban qormaatawwan gara garaa diinadee keenya osoo mudachuu baatee, Itoophiyaan kana caalaa guddachuu dandeessi turte. s jedhan.

Bara kana ammoo guddina dinagdee harka 7.5 ni galmeessina. Guddina dinagdee bara darbe kana keessaa qonni harka 6.5 qabata.

Qaala’insa jireenyaa furuu

Itoophiyaatti qaala’insa jireenyaa furuuf furmaanni jiru omisha guddisuudha. Qaala’insa jireenyaa yeroo ammaa mudatee jiru to’achuuf qisaasama omishaa xiqqeessuu, hannarraa of ittisuu, maaddii qooddachuu, omisha dabaluufi omisha borootti omishaman walitti fufinsaan omishuutu barbaachisa.

Qaala’iinsi gatii biyyattii qoraa jiraatus, adeemsaan hir’ichaa jira. Qaala’iinsi gatii qormaata biyyoota guddachaa jiranii qofa osoo hintaane rakkoo biyyoota dinagdeen badhaadhaniis ta’aa dhufeera. Ka’umsi qaala’insa gatii kana hangi dhiheessiifi fedhii jiru walsimuu dhabuudha.

Itoophiyaatti ji’oota arfan darban keessatti qaala’iinsi gatii hir’ina argisiisaa dhufeera. Bu’aan kun akka galmaa’uuf koree cimaa hundeessuun irratti hojjetameera. Gabaa Dilbataa qopheessunis qonnaan bultoonni omisha isaanii kallaattiin akka gurguratan taasisuun haala gabaa tasgabbeessuun danda’ameera.

Furmaanni qaala’iinsa gatii ijoon omisha dabaluu yoo ta’u, omishni booroo eegalame ture cimee itti fufuu qaba.

Carraa hojii uumuu

Bara kana lammiilee miiliyoona sadii oliif carraa hojii uumuuf karoorfmeera. Itoophiyaa keessa hojiifi hojjetaan jira, isa kana walitti fiduutu barbaachisa. Gama kanaan Ministeerri Hojiifi Ogummaa xiyyeeffannaan hojjetaa jira. Hojiin carraa hojii uumuu hojjetama jirus baratoota yunivarsiitiirraa eebbifaman qofaa jiddugala kan godhate miti.

Lammileen baay’een barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa xumuranii carraan hojii akka uumamuuf barbaadu. Lammilee sadarkaa barnootaa hundarra jiraniif carraa hojii uumuuf hunduu waldeggaree hojjechuu qaba. Carraa hojii uumuu jechuun rakkoowaniif furmaata barbaaduu akka ta’e hubatamuun rakkowwan bakkee adda addaatti mul’achaa jiran furuuf carraa hojii uumurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.

Barattoota nyaachisuu

Itoophiyaan barattoota miiliyoona 9.5 ol guyyaatti yeroo lama nyaachisaa jirti. Seektara barnootaan hojiilee gurguddaa hojjetamaniiru. Xiyyeeffannoon mootummaa yeroo ammaa barnoota sadarkaa duraa babali’isuufi qulqullina barnootaa mirkaneesuudha malee yuunvarsiitii haaraa ijaaru miti. Kanaanis Itiyoophiyaan barattoota miliyoona 9.5 ol guyyaatti yeroo lama nyaachisaa jirti; kun ammoo baay’ina ummataa biyya tokko tokko ta’a. Bu’uurri waan hundaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaadha, kanafis hojiin eegalmee cimee itti fufuu qaba.

Gama biraanis mana barumsaa oolmaa daa’immaanii kuma saddeetii hanga kuma 10 deggarsa hawaasaafi mootummaan ijaaramuu danda’a. Akkasumas Waajjira Giiftii Dureetiin manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 28 ijaaramaniiru.

Seektara lafaa

Sektara lafan walqabatee rakkoo guddaatu jira. Sektara fayyaan mootummaan bara bajata 2014tti qarshii biiliyoona 47 ol baasii gochuun meeshaalee tajaajila fayyaafi qorichaaf bitee gara biyyatti galcheera.

Turizimii

Mootummaan sektara turiizimii xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jira. Keessattuu Itoophiyaan qabeenyaa aadaa, seenaafi hambaa hedduu waan qabduuf hawata turizimiirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Indastiriifi tajaajila

Gama Indaastiriin harki 4.9’n guddina agarsiiseera; kun kan duraarra gadaanaadha; gama maanufaakcheriingiin ammoo fooyyee qaba.

Tajaajilli ammoo harka 7.6’n guddina agrisiiseera. Gama kanaan hojii kana kan guddise daandii Xiyyaara Itoophiyaafi Itiyoo Telekoom wal duraa duubaan ni eeramu.

Waa’ee lafaa

Itoophiyaa keessaa lafti kan mootummaas kan ummataas miti; lafti kan faddaalotaafi kan hattootaati. Gama kanaan bu’uurarraa jijjiiruun dirqama ta’a. Heerri Mootummaa lafti kan ummataafi mootummaa jedhuus yeroo ammaa haqni jiru isa miti. Qonnaan bulaa akka barbaanne lafa isaarraa ari’uun dhaabbachuu qaba.

Qonnaan bulaan lafa isaa irratti ajajuu qaba; misoomsuun irraas fayyadamaa ta’uu qaba. Kanaafi mootummaan xiyyeeffannaa kennee kan hojjetu ta’a.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You