Ayyaana Ateetee

Duudhaalee ummanni Oromoo qabuufi dubartoota Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qabuuf keessaa Ayyaanni Ateetee isa tokko. Ateeteen jiidha. Ateeteen hormaata, ayyaana dubartootaati. Ateeteen ayyaana dhaloota dabaluuti. Ateeteen sirna walqixummaa mirga dhala namaa itti kabachiisaniidha. Ateeteen ayyaana dubartootaa kan sanyii hormaataafi jireenya qajeelchuudha

Karaa biraatiin ateeteen jiruufi jireenya ummata Oromoo keessatti waan hundaa akka taateefi dhaloota itti fufsiisuuf iddoo guddaa qabdi. Akkasumas, Ateeteen ummata Oromoo gidduutti baay’ee kan beekamu ta’ee, akkuma duudhaalee kanneen biroo dhalootaa gara dhalootatti kan darbuudha. Ateeteen ayyaana dubartii ta’uu hawaasni kan beeku yoo ta’u, kan dubartiin facaafattuudha. Akkasumas, duudhaa haadhaafi abbaa ta’ee akka amantii Waaqeffannaatti ayyaana dubartoonni sanyii, hormaataafi jireenya ittiin qajeelfataniidha.

Ateeteen dubartoonni hafuura humna guddaa maatiin soorummaa waliin walitti dhufaniidha. Kana jechuun kan Waaqni dubartootaaf kenneefi karaa waaqa ittiin kadhatanii waan hunda akka irraa argatanidha. Warri ateetee bulfatan ni oofkalu, warri bulfachuu dhiisemmoo ni badu jedhama. Dubartoonnis badii sa’aafi namaa kanarraa ooluuf waggaa lamatti yeroo tokko ayyaana kana ayyaaneeffatu. Gaafa Ateetee dhaltii hinelman. Guyyaa kana hojiin hinhojjatamu; guyyaa boqonnaati.

Dubartoonnis guyyaa kana uffannaa ateeteetiin miidhaganii oolu. Ateeteen ayyaana qe’ee akkuma namaaf araarsu, dubartoonni waa mara walitti araarsan; nageenya, badhaadhinaafi gaarummaa kadhatanidha. “Ateeteen warra gaaromsa Buttaan biyya aangomsa.” Ayyaanni ateetees akkuma ayyaanota biroo kanneen itti bulanii facaafatan ni gaaromsa; ni jabeessa.

Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaataas kan jedhamu yoo ta’u, arfaasaafi birraa kan ayyaaneffattamudha. Dubartiin akka ayyaanni dhala isheef kenne guddisuuf, nageenyaafi gammaachuun jiraachisuu, hormaataafi nageenya akka argatan Waaqa galata galfatu. Sirni isaas facaafachuun waan raawwatuuf yeroo tokko tokko ateeteen ayyaana facaasaa jedhamti.

Ateeteen kan gamtaa dubartootaafi mirga dubartootaa eeguudha. Guyyaa ayyaana ateetee dubartiin ulfaa aadaa kan mataasaa danda’e kan akka Qoloo-faana, Qoome Qaamaa, Caaccuu, Calleefi kkf. jifaarattee dhadhaa baksaa cuuphdee coqorsa (Araddoo) ittiin facaafattu qabatti. Coqorsi qabattee facaafattu kun ateetee facaafannaa jedhamuun beekama. Ateeteen haala raawwii mataa isaa kan qabuufi raawwattoota keessatti hirmaatan akkasumas meeshaaleefi uffata itti fayyadaman kan mataasaa qaba jechuudha.

Ateeteen ayyaana dubartii kan jedhamuuf kan eebbisee naqu haadha waan taateef, ateeteen haadharraa buufatte kun ishiif tolee dhala ishiitti akka darbuuf kan itti waaqa kadhataniidha. Ateeteen bakkawwan tokko tokkotti facaasaa jedhama. Dhalootaa gara dhalootaattis ni darba.

Ateeteen dubartootaan kan ijaarmteefi gurmoofte humna dubartootaa cimsuufi mirga isaanii ittiin kabachiifachuufi. Akkasumas dubartoonni ateetee kan ittifayyadamaniif walitti bu’iisa gareewwan adda addaa jechuun: dubartiifi dubartii gidduutti, dhiiraafi dubartii gidduutti, Oromoo keessaafi gosa gidduutti uumame furuuf dhaabbata tajaajiluudha. Akkasumas, Ateeteen giddugalummaan nageenya buusuufi mirga dhala namaaf kan dhaabbatteefi akka tasaa balaa dhalatuuf kan waaqa ittiin kadhataniidha.

Ateeteen adeemsa amantii dubartii keessaa tokko kan ta’eefi dubartiin ammoo mallattoo nageenyaa waan taateef waaqaafi ilma namaa kan walitti fiduudha. Qaama amantii kan ta’e kana ateetee qabachuun uumaafi uumama walitti fiduudha.

Akaakuuwwan Ateetee

Guyyaan ayyaana ateetee itti kabajamu guyyaa Maaramaa jedhama. Maaramni kun seera ateetee qabatee, Ateetee Amajjii, Ateetee Maaram Furmaa; Ateetee Hagayyaa, Ateetee Sadaasaa, Ateetee loonii jedhamuun qoodamu. Ateeteen adeemsa rakkoolee dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa dubartootaa yemmuu qabaatu Oromoo Arsii biratti daran beekamaadha.

Akaakuuwwan ateetee kanattis Ateetee Duulaa kan itti dabalanis ni jiru. Kunis kan yeroo waraanaa ayyaaneffatamuudha. Ateeteen eegduu maatii waan taateef yemmuu abbaan warraa duula deemu dhibaafachuun kan kadhatee duuluudha.

Ateetee Maaramaa Furmaa: Ayyaanni kun baatii Amajjii keessa kan kabajamu, kan dubartiin ijoollee ishii Ateetee naqxee eebbiftu ayyaana Ateetee Gorobbee jedhama. Guyyaa kana haati ijoollee dhangaa ishiif qopheessitee, kan deesse hunda walitti qabdee Ateetee itti facaaftee eebbisti. Dubarri heerumanillee bakka jiranii ijoollee ofii qabatanii, nyaataafi dhugaatii, dhangaa kan akka cumboo, cuukkoo (micciirraa), cuuphaafi qorii qabatanii Ayyaana Ateetee Maaram irratti argamu.

Ayyaanni kun ayyaana waggaa waan ta’eef itti yaadanii argamu malee waamicha hinqabu. Guyyaa san kan ta’an hundi tokkollee osoo hinhafiin mana haadhaatti walga’anii eebba haadha ateetee naqachuudhaan fudhatu.

Ayyaana kanarratti dubarriifi eessumaan walbaru. Ijoolleen intala heerumtee, akkawoofi akaakayyuu ofii baru. Obbolaa haadha ofii, ijoollee eessumaafi adaadaa isaanii waliin walbaru. Achumaanis ayyaanni kun wal argii firaa jabeessaa, fira wal barsiisa.

Ateetee Maaram Hagayyaa: Kun immoo Gindi hiikoo yookiin Ateetee midhaanii jedhama. Gosti ateetee kun yeroo ji’a Hagayyaa keessa yeroo qonnaan bulaan qonna raawwwatee, midhaan facaasee, gindii hiikee Ateetee naqee qotiyyootti shaashii mataatti maree eebbisee gadi dhiisudha. Guyyaa kana qonnaan bulaan akka aadaa Waaqeffannaa Oromootti, marqaan marqamee, farsoon naqamee midhaan faca’ee jirutti irra deemee farsoo itti dhibaafata; marqaa dhadhaadhaan cuuphee daddarbachuun eebbisa. Haala kanaan bakka hundarra deemuun seera dhibaayyuu xumura. Sana booda, bakka dhibaayyuu sana taa’anii nyaatanii dhuganii galu.

Guyyaa sana hidda qorii sinbiraa jedhamu mataa qotiyyootti maru; kunis Addoo (shaashii) maraa jedhama. Kunis mallattoo xumura qonnaati; kana hubatee humna godhata. Ayyaanni ateetee kunis, ayyaana sanyii jedhama.

Ateetee Sadaasaa (Maarama Loonii): Akaakuun ateetee kun bakka tokko tokkotti jaarii kormaa yookiin gannii loonii jedhama. Ayyaanni kunis ji’a sadaasaa keessa kan kabajamu ateetee looniiti. Dallaa loonii bakka duraa irraa jijjiiranii ijaaruun, baala bakkanniisaa ykn birbirsaa dallaa irra godhu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti Ayyaana Birboo jedhama.

Wirtuu dallaa keessa birbirsa sorooroo jabeessanii dhaabu. Inni kun kormoomsaa jedhama. Kormoomsaa sana jala ulmaayyii, Abbayyii, urgeessaafi aannannoo kaa’u. Dubartiin yeroon dhaqxee marqaa Ateeteef ta’u kormoomsaa jalatti marqiti.

Tikseen loon fiddee yeroon yemmuu dhuftu, Abbaan warraa re’ee ykn hoolaa qabatee taa’a. Loon erga galanii booda coqorsa, ulmaayiifi aannannoo qabatee haadha warraa isaa waliin marqaa ateetee dhadhaa itti naqee farsoo waliin qabatee dallaa seenuudhaan baala sanaan farsoofi dhadhaa fayyadamuun eebbisaa itti facaafatu.

Sana booda horii qophoofte sana qala. Balbala mooraa irratti. Dhiiga sana bitaafi mirga karraa xuqsiisa. Gogaan horii qalamee immoo, ciccitee mataa loonitti marama. Wanta qophaa’es nyaatanii dhuganii halkan waarii galu, kan hafes fudhatanii galu. Kan ilmoo godhatte waaqaaf galata galchuufi akka ilmoon ishee guddattu kadhachuudha. Dhabduun immoo akka ilmoo argattu kadhatti, dubartoonni kaanis nikadhatuuf.

Ateeteen loonii immoo hormaataan kan walqabateedha. Marqaa marqanii dallaa loonii keessatti ol geessuun loon faarsanii, ateetees faarsanii, loon nuuf horsiisi, jabbilee jala nuuf guddisi jechuun jeekkaranii kadhatu. Ateeteen haadha duulaa immoo ajjeesaa baga oofkalchite; baga abbaa mirgaa taasifte jechuun kan kadhataniifiidha.

Kanas ajjeesaan kan facaafatu yoo ta’u, sirnasaa dubartootatu miidhagsa. Adeemsa kabaja ayyaana ateetee kanarraa wanti hubannu haaluma akaakuu kabaja ayyaana ateetee garagara ta’een ittifayyadamni afaanii sirna kabaja kana keessaa fayyadaman garaagarummaa ni qaba.

Madda: Waraqaa Qorannoo Qaaccessaafi ittifayyadama afaanii kabaja ayyaana Ateetee: Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa irratti ALA bara 2019 Barataa Digrii lammaffaa Dirribaa Tasammaatiin hojjetamerraa kan fudhatame.

Kutaa qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You