Karoora qabaadhu!

Yeroo tokko waa’ee qurxummiiwwan sadii dubbiseen ture. Qurxummiiwwan kunneen walii wajjinis galaana keessa jiraatu. Maqaan isa jalqabaa “Dursii karoorsiidha”. Inni lammaffaa ammoo “Sirriitti yaadii” yeroo ta’u inni sadaffaan “Taa’ii eegii” ture. Gaaf tokko akka namichi tokko guyyaa itti aanu dhufee qurxummii qabuu barbaadu itti himan. Qurxummii inni maqaan isaa dursii karoorsiin, “Ani egaa har’aa eegalee maladheera; akka kiyyoon na hinqabneef galaana keessa gadi fagaadheen dhokadha’’jedhe. Sirriitti yaadiin erga dhaggeeffatee booda “Ani gama kootiin itti yaadeen maal gochuu akkan qabu bor adda baafadha’’jedhe. Taa’ii eegiin garuu, “Ani waa’ee borii yaaduu hinbarbaadu; maaliifan of dhiphisa? Waan na mudatu calliseen simadha” jedhe.

Akkuma jedhame, namichi qurxummii qabuu dhufee yeroo kiyyoo isaa darbachuu eegalu, Dursii Karoorsiin utuu rakkoon isa hinmudatiin jalaa miliqe. Rakkoo itti dhufuu danda’uf dursee karoorfateera. Dursee daandii qopheeffateera. Kanaaf jalaa miliquu danda’é. Haa ta’ú malee Sirriitti Yaadiifi Taa’íi Eegiin kiyyoon qabaman. Sirriitti Yaadiin kiyyoo keessatti du’áa fakkaatee ciise. Namichi qurxummii qabus, “Du’áan qabe; na hinfayyadu” jedhee keessa fudhee bishaanitti darbate. Inni dhumaa, inni karooras ta’é yaada yaraa qabu garuu callisee taa’úun nyaata namaa ta’é. Warri dursanii yaadan, karoorsan rakkoo dhufu jalaa ba’úu danda’án. Har’á meeqan keenyatu karoora sirrii qaba? Meeqan keenyatu rakkooo numudatu sirriitti itti yaaduun jalaa ba’úuf yaalla? Inni kun nu barsiisa. Itti yaannee yoo karoorsine, jabaannee yoo hojjenne, sammuufi humna keenya sirriitti yoo hojjechiifne ofii keenyas ta’é hawaasa keessa jirru nijijjiirra.

Namni karoora hinqabne galma hinqabu. Yeroo hedduu taphattoota jabaatanii leenji’an, jabaatanii taphatan, garuu kubbaa saaphanaa wajjin walagarsiisuu hindandeenye ni argina. Haa ta’u malee kaayyoon tapha kubbaa saaphanaa wajjin wal agarsiisuudha. Bakka itti kubbaa galchanii qabxii lakkoofsifatan hinbeekan taanaan sirriitti taphachuun isaanii kan jijjiirama fidu miti. Namni karoora hinqabne akkasi. Galma isaa bira ga’úu hindanda’ú. Namni karoora malee deemu akka nama dukkana keessa qaqqabataa deemuuti.

Karoora qabaachuu qofa utuu hinta’ín hojiitti geeddaruun barbaachisaadha. Karoorri nuti qabnu yoo hojiitti hiikame jireenya keenya irratti jijjiirama fiduu dandeenya. Isa kana dagachuu hinqabnu. Karoorri fedha gaarii waraqaa irra kaa’amus miti. Jabaatanii hojjechuu gaafata. Ittiin ofis ta’é isa kaan geeddaruu nama dandeessisa. Inni kun ammoo tarsiimoo sirrii qabaachuu gaafata. Tarsiimoo ittiin galma yaadan bira ga’án jechuudha. Tarsiimoon kun ammoo riqicha. Riqicha karoora keenyaafi galma keenya walitti fiduudha.

Akka nama dhuunfaattis ta’é akka dhaabbataatti karoorri nibarbaachisa. Yeroo deemsa jalqabnu garam akka deemnu sirriitti beekuun murteessaadha. Sababiin isaa dhaabbanni nuti geggeessinus ta’e mul’anni dhaabbatichaa maal akka ta’e sirriitti beekuu qabna. Waggaa har’aa, waggaa lama har’aafi waggaa sadiifi kudhan har’aa eessa akka ga’uu qabnu ammuma murteessuun irratti hojjechuu jalqabuu qabna. Inni kun akka dhuunfaattis ta’é akka walootti gara fuulduraatti akka miila fuunu nu taasisa. Nama jijjiiramaa nu taasisa. Egeree keenya irratti dhiibbaa geessisa.

Namni karoora hinqabne jijjiirama nan fida jedhee yaaduu hindanda’u. Nama karaan jalaa badee wajjin walfakkaata. Sababnisaa yoom maal akka hojjetu nama adda baasee hinbeekne waan ta’eef. Kanaaf milkoominaan kan nu ga’u jalqabarratti maal akka gochuun nuuf ta’u dursinee karoorsuun baay’ee barbaachisaadha. Namni karoora hinqabne goonkumaa milkaa’uu hindanda’u. Namni karoora qabu galma sirrii niqabaata. Waan hojjetu jalqaba isaa qofa utuu hinta’in dhuma isaas arguu danda’a.

Mul’ata gaarii yoo qabaanne eenyuun caalaatti karoorsuufi hojjennee milkaa’uuf carraan nuti qabnu baay’ee bal’aadha. Waan nuti karoorsines kan gufachiisuu danda’u hinjiru. Karoora hinqabnu yoo ta’e akka doonii kallattii hinbeekne irra socho’uu taana. Meeshaa kallattii agarsiisu malee dooniin tokko akka barbaachisetti eessayyuu sirriitti ga’uu hindanda’u. Socho’ullee karaa sirrii irra lafa yaade ga’uun salphaa miti. Bu’aan isaas bubbee galaanaatiin asiifi achi oofamuudha. Akka geggeessaatti milkaa’uu kan nuti dandeenyu karoora yeroo qabaanneefi karoora keenyas fiixaan baasuuf tattaaffii nuti goonu murteessaadha.

Barruulee xiqqoo bara 2011 maxxanfamte dubbiseen ture. Barruulee kana irratti gorsa waa’ee duraa duubaan hojii hojjetamuu ilaalchisee, “Waa’ee beeladoota biyya Itoophiyaa keessa qofa jiranii namoonni boo’aa dubbatu. Nyaata dhabanii kan du’an waa’ee mucoolii garuu hindubbatan. Waa’ee saayinsii samiirratti waa qoratanii baay’ee dubbatama. Jireenyi biyya lafaa kana irraa garuu babbadeera. Waa’ee siidaawwan kukkufanii waan baay’eetu jedhama. Waa’ee ijoollee karaa biratti kukkufanii jiranii garuu homaa hindubbatamu. Galiin deegaa niqoratama. Waa’een faalama qilleensaa nidubbatama. Waa’een raawwii isaatii garuu hindubbatamu.

Kan dursu utuu dursinee inni kaan duukaa bu’a ture. Namaaf gatii utuu kenninee rakkoon jireenyaa nifurama ture. Kan dursu hindurfamu taanaan inni duukaa bu’u fiixaan hinba’u. Ati garuu kan dursuu qabu dursi” jedha. Egaa karoorri isa kana. Kan dursuu qabu dursuu danda’úudha.

Kanaaf karoora sirrii qabaachuuf waan gochuu mallu keessaa muraasni 1. Rakkoolee nu marsan, waajjira keenya marsan yookaan naannoo keenya jiran ilaaluu. 2. Ilaalcha keenya fageessinee bor jijjiirama dhufuu malan sammuu keenya keessatti yaadaa jirru irratti xiyyeeffachuu. 3. Isa yaada keenya keessa jiru attamitti namoota kan biraa biraan akka geenyu itti yaaduu. 4. Isa yaada keenya keessa jiru kan ofii keenyaa godhachuufi duraan dursinee karoora baafannu kanatti amanuu. Sababiin isaa mul’ata burqisiisnetti hinamannu yoo ta’e raawwiin isaa bareedaa miti. 5. Dhuma irratti duraa duubaan waan hojjechuu qabnu kana kaa’uun akka ariitiifi barbaachisummaa isaaniitti hojii irra oolchuun gaariidha.

Namni karoora hinqabne akkasumatti yeroo isaafi qabeenya isaa balleessa. Kutaa kana amma yeroo dubbbiftu ati maal keessa jirta? Eessa akka deemuun siif ta’u sirriitti beektaa? Dhaabbata geggeessaa jirtuuf karoora attamii karoorsitee jirta? Milkoomina argachuufis hangam jabaattee hojjechaa jirta? Karoora sirrii qabaattee hojii sirrii hojjechuuf kanneen armaan gadii irratti xiyyeeffannoon hojjedhu.

Karoorri hojiitti hinhiikamne karoora dhabuu caalaa miidhaa geessisa. Karoorri hojiitti hinhiikamu yoo ta’e karoora qopheessuun barbaachisaa miti. Kan waajjiraas ta’e kan dhuunfaa keenyaa irratti gadi fageenyaan hojjechuun hojii irra oolchuun gaariidha. Yeroo tokko leenjii geggeessitootaa irratti namni tokko akkas jedhe. “Ani yeroo baay’ee waggaa haaraatti hojii addaa hojjechuuf karoora adda addaa nan baafadha. Waan addaa hojjechuufis fedhii guddaan qaban ture. Garuu dhuma waggaa irratti yeroon of gamaaggamu baay’ee na gaddisiisa. Karoorri koo akkan yaadeefi akkan akeekkadhetti utuu hinta’in faallaa isaa ta’een arga.

Kana qofa utuu hinta’in waajjira keessatti namoota karoora qopheessan keessaa ani isa tokko. Garuu waggaa tokko illee yaadadhee karoora koo sanaan geggeeffamee hojjedhee hinbeeku. Kun ana irrattis ta’e hojii koo irratti dhiibbaa guddaa waan uumeef har’as taa’ee yeroon of ilaalu gaabbiitu anatti dhaga’ama. Garuu yeroo booddeetti deebisuun waan hindanda’amneef gufuun na rukute eessa akka inni jiru amma hubadheera. Har’a homaa tokko illee gochuu kanan hindandeenye utuun hinta’in, kufaatii koo kaleessaatiin baay’ee akkan gargaaramuufi har’a murannoodhaan ka’uuf na gargaara” jedhe.

Kanaaf karoorsuu qofa utuu hinta’in isa karoorsine fiixaan baasuuf dhama’uu murteessaadha. Hojii irra oolchuufis murtoo qabaachuun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e bor galaana guddaa keessaa abdiifi carraa waraabbanna. Isa kanaaf garuu of madaalaa deemuun barbaachisaadha. Hangam isa karoorsine akka fiixaan baafne beekuun murteessaadha. Karoorri hinraawwatamiin hafee jiru maaliif akka hinraawwatamne hubachuuf, rakkoo jireenyaafi hojii keenya keessatti nu mudatan adda baafachuuf adeemsaafi hojii keenya madaaluun barbaachisaadha.

Walumaagalatti waan karoorsine keessaa hangam akka raawwanne, karoora keenya hangam akka hinraawwatiin hafne, sababa isaa barreessanii kaa’úun akka karoora karoorsinus ta’é raawwii keenyaa gadi fageenyaan ilaalaa deemnuuf nu gargaara. Darbees waan karoorsinee raawwanne gaarii yoo ta’e illee kan hinraawwatamiin hafe sababa isaa adda baafachuun rakkoo jirus hubachuun gara fuula duratti akka rakkoo sana maqsinuuf nu gargaara.

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You