Jaalala biyyaafi cichoomina Aliirraa haa barannu

Artistiin qaalii, jaalatamaafi kabajamaa Oromoo, tokkichi akka dhibbaa, odaan aartii Oromoo waggoota 75n booda torban kana jige; Dokatarri Kabajaa Alii Birraa.

Aliin nama himoota muraasaan akkana jedhamee ibsamuufi barreeffama gabaabaatiin seenaansaa himamee dhumu miti. Garuu yaadota utuu inni lubbuun jiruus ta’e erga boqotee namoota garagaraatiin dubbataman yoo ilaalle, inni fakkeenya jaalalaa, tokkummaa, hariiroo, walkabajuufi walii yaaduuti.

Aliin nama namummaasaatiin malee eenyummaasaatiin ilaalee hinkabaju. Kanammoo sirbee qofa osoo hintaane jiraatee agarsiise. Afaanota garagaraa torba kan danda’u yoo ta’u, jahansaaniitiin weellisee jaalala labsee, ummata tokkoomsuuf carraaqe.

Muuziqaawwan seenaa, aadaa, duudhaafi eenyummaa sirbeen namoota baay’ee biratti jaalalaafi kabaja horateera. Weelluuwwansaa dursee raageen dhaloonni waa baay’ee itti baratee, seenaas itti qorateera. Keessumaa Oromoon Sirna Gadaa akka qoratu, barnootarratti akka xiyyeefatu, akka tokkoomu guyyuu sagaleesaa miidhagaa sanaan dhaamaa ture.

Keessumaa, sirbi Alii Birraa “Haati teenya tokkoo maaltu addaan nu baase” jedhu, ulfinaafi guddaa ta’uusaatiif ragaa baha. Aliin walleesaa kana keessatti namni nama hincaalu jedha. Hundi keenya haadha tokkorraa dhalanne. Dhalli namaa addunyaa kana guutee dambali’e kun haadha tokkorraa dhalate. Tiruu tokko boraafates.

Garuummoo garaagarummaa yaadaafi siyaasaatiin addaan faca’e. Garagarummaan yeroofi sirnaan uumame kunis haadha tokkorraa dhalachuu ummata addunyaa kanaa jijjiiruu hindanda’u. Kanaafi, “haati teenya tokko” maaltu addaan nu baase kan jedheef.

Waliigala, Alii Birraa amanamaa waan dubbate hojiirra oolche, kan weellise hunda jiraate, jaalala dhalootaa daangaa hinqabne, fakkeenyummaa jaalala biyyaafi cichoominaati. Aliin waan irraa eegamu hunda raawwatee darbeera.

Egaa Aliin Oromoof, Itoophiyaaf, Afrikaaf darbees addunyaaf waan baay’ee ture, har’a ciqileesaa boraafatee, ijasaa duruunfatee irriba hindammaqne rafeera. Garuu ofii darbus duudhaalee hedduu dhaloota kanaaf dhiisee darbeera.

Dhaloonni har’aammoo jaalalaafi kabaja isaaf mul’isuuf duudhaasaalee ittifufsiisuurratti xiyyeeffachuu; akka raacitiittis fayyadamuu qaba. Keessumaa jaalala biyyaafi kaayyoo ofiitti cichoomanii dhaabachuu nama jabaa kanarraa barachuu qaba. Laga, amantiifi qomoo ilaalanii walqooduurra tokkoomuu, eenyummaa ofii faayidaan geddaruurra cichanii of kabachiisanii jiraachuu, doofummaarra barachuu, quuba walitti qabuurra harka walqabuu mootii muuziqaa Aliirraa barachuu qaba.

Yoo kana ta’e Aliin hinduune, dhamaatiinsaas akkanumaan hinhafne. Maqaansaafi hojiinsaa dhalootaa dhalootatti ce’aa, ekeraansaas ilmaansaatti gammadaa jiraata.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You