Aadaafi Artiin bu’aa ogummaa kalaqaa qabeenya hawaasa tokkoo ta’anii qabeenya aadaafi beekumsa hawaasaa akka galteetti fayyadamuun qabeenya kiliyaafi qabatamaa bu’aawwan omishaafi tajaajilaa aadaan gabbatan jechuudha.
Omishni kamuu qabiyyee aadaa hanga %75 qabaachuu qaba. Fakkeenyaaf meeshaaleen Godina Jimmaatti omishaman hanga biyyoota addunyaa geejjibamanii tajaajilaaf oolu. Industiriin aadaafi artiis misoomsuu, kalaquu, omishuufi gurguruu of keessaa qaba.
Yeroo baay’ee aadaan keenya hingurguramu ilaalcha jedhutu sammuu keenya keessa jira. Yaadi nuti qabnu nu waan gurguramuuf nuti qabiyyee aadaati. Kanaafuu waanti aadaa ta’ee omishames ni gurgurama jechuudha jedhu Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti, Daariktarri Misooma Industirii Aadaafi Artii Obbo Mootummaa Asaffaa.
Industirii aadaa kan jennu meeshaalee aadaa yeroo baay’ee kan nu waliin turan, nu waliin jiran, kan yeroo baay’ee mana keenya keessatti ittiin tajaajilamu, uffannaafi faayaawwan aadaa nuti uffanneefi ittiin miidhagnee jirru akka meeshaalee aadaatti ilaalamu.
Meeshaaleen qonnaa, nyaata ittiin qopheeffannu, meeshaan midhaan itti walitti qabnuufi kanneen biroon industirii aadaa jedhamuudhaan beekamu. Muuziqaa, tiyaatira, shubbisa, sarkasii, fakkii, bobboca, miidhagina gamoo, asoosama dheeraafi gabaabaa, Walaloo, miidhagniifi kan kana fakkaatan ammoo aartii jalatti ramadamu jedhu.
Oromiyaan qabeenya industirii aadaafi artiitiin badhaatuu waan taateef qabeenya kana gara qabeenyaatti jijjiirree ittifayyadamuu qabna. Industiriin aadaafi artii kun namoota hedduu waan hirmaachisaniif carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee guddaa qaba. Industiriin aadaafi artii hirmaachisaa, qabeenyaafi mallattoo hawaasaa waan ta’eef hariiroo keenya cimsuun akka waliin jiraannu kan taasisu ogummaa guddaadha. Industiriin aadaafi artii kun eenyummaa keenya ibsuu keessattis gahee olaanaa qaba. Fakkeenyaaf uffannaan aadaa keenya ibsituu eenyummaa keenyaati. Baalee, Arsii, Booranni, Gujiin, Wallaggaan, Shawaan, Karrayyuun, Harargeen, Kamiseen uffannaa aadaa isaan ibsu qabu. Kanaafuu aadaafi artiin mallattoofi eenyummaa (biraandii) saba tokko saba tokkooti.
Artiin bashannansiisaa barsiisa; dhala namaatti dhiyoo waan ta’eef nu waliin jiraata, ittifayyadamna. Industiriin aadaafi artii kun carraa hojii uumuufi qabeenya maddisiisuuf humna guddaa kan hingaafanne garuu ammoo namoota hedduu hirmaachisu waan ta’eef damee kana guddisuun baay’ee barbaachisaadha. Industiriin aadaafi artii kun galii akka argamsiisuun guddina dinagdee keessatti gumaacha barbaachisu akka gumaachuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuufiin irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.
Qorannoo ALA bara 2015 adeemsifameen bara 2013tti Eeshiyaafi Paasifiik Industirii aadaafi artiirra doolaara biliyoona kuma lamaafi 250 kan argataniiru. Industiriin kun addunyaarraa namoota miliyoona 12.7f carraa hojii uumeera. Industiriin kun Awurooppaatti doolaara biiliyoona 7.9 kan maddisiise yoo ta’u, namoota miliyoona 7.7 ta’aniif carraa hojii uumeera.
Ameerkaatti ammoo doolaara biiliyoona 620 kan maddisiise yoo ta’u, namoota miliyoona 4.7 ta’aniif carraa hojii uumeera. Dameen industirii kun dinagdee biyyaa utubuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uufi keessumaa dubartootaafi dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu eeraniiru.
Oromiyaan naannolee biyyattii keessatti argaman keessaa baay’ina uummataafi bal’ina lafaatiin sadarkaa jalqabaarratti argamti. Oromiyaan qabeenya uumamaa, haala qilleensa mijataa waan qabduuf iddoo tokkotti suphee, iddoo biraatti ammoo jirbiitu omishama.
Kun Oromiyaan industirii aadaafi aartiif haala mijaa’aa kan qabdu ta’uu mul’isa. Oromiyaan meeshaalee aadaa Muuziyemii keessa jiran hedduus qabdi. Meeshaaleen muuziyemii keessa jiran gurguramuu baatanis turistoota hawwachuun galiin akka argamu kan taasisaniidha.
Mootummaan naannichaas damee industirii kana guddisuuf sochii taasisaa jira. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas dhimma kanarratti leenjii kennuudhaan, festivaala adda addaa qopheessuudhaan carraa guddaan akka uumamu taasisaa jiraachuu dubbatu.
Giddugala Aadaa Oromootti Godahambaan hundaa’eera; manni tiyaatiraa, manni kitaabaa, gaalaarii hundaa’eera. Kun industirii aadaafi artii naannichaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Pirojektoonni aadaafi artii Oromoo guddisuu keessatti gahee guddaa qabanis Finfinnee keessatti ijaaramaa jiru.
Giddugalli qophiifi leenjii nyaata aadaa Oromoo Kutaa Magaalaa Boolee, Bulbulaatti, Manni Barumsaa Aartii Oromoo kutaa magaalaa Kiirqoos, Tulluu Ejersaatti, Giddugalli Agarsiisaafi gurgurtaa meeshaalee aadaa Oromoo kutaa magaalaa Lidataa, Caffee Aannaniitti ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.
Industiriin aadaafi artii Oromoo gara fuulduraatti akka tarkaanfatuufi faayidaa ummataaf akka ooluuf hojiileen bu’uura ta’an raawwatamaa jiraachuu himanii, giddugaloonni aadaa magaalota godinaalee adda addaatti ijaaramaniifi ijaaramaa jiranis industirii aadaafi artii Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa qabu. Giddugaloonni kunneen meeshaalee aadaafi artii Oromoo omishuufi agarsiisaaf dhiyeessuudhaan iddoo hawata turistii ta’anii tajaajilaa jiru.
Ragaa hanga bara darbeetti jiruun naannichaatti, namoonni kuma torba ta’an waldaalee kuma tokkoofi 300 jalatti gurmaa’anii hojii industirii aadaafi artiirratti bobba’anii hojjechaa jiru. Irra jireessi namoota industirii aadaafi artiirratti hirmaatanii hojjechaa jiranii dubartootaafi dargaggoota. Indusatiriin kun dubartootaafi dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan uume ta’uus dubbataniiru.
Oromiyaan industirii aadaafi artiitiif mijattuu taatus hanqina ogummaa, bakka hojii, bajataa, waldaaleen damee hojii kanarratti bobba’an hanga isaanirra eegamu socho’uu dhabuun rakkoolee guguddoo damee industirichaa mudatan ta’uu himanii, caasaa damee industirichaa cimsuun, bajata gahaa ramaduun, giddugala aadaafi manneen tiyaatiraa jiran jabeessuufi haaraa ijaaruufi qorannoo ittifufiinsa qabu adeemsisuun sadarkaa industiriin kun irra jiruufi irra ture ilaaluun kallattii gara fuulduraa kaa’uun hojiitti jijjiiruun, leenjii yeroo dheeraafi biyya keessaafi alaatti kennuun hojiilee xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaban ta’uus eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa damee industirii aadaafi artiirratti akka hirmaataniif jajjabeessuun, sagantaa walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaafi biyya alaa qopheessuun carraa itti gabaa keessa galan babal’isuun hojiilee xiyyeeffannaan irratti hojjetaman ta’uu himanii, bakka ga’umsa industirii haala hawataafi mijaa’aa taasisuun, ammayyeessuufi beeksisuunis hojiilee damee industirii aadaafi artii guddisuuf raawwatamaa jiran ta’uu eeraniiru.
Misooma industirii aadaafi artii jechuun qabeenyaafi kalaqa ummanni qabu sana gara dinagdeetti jijiiruuf haala mijeessuu ykn uumuu jechuudha. Industirii aadaafi artii jechuun meeshaalee aadaa ummanni Oromoo qabu sana akkamitti gara fooyyessanii gara gabaa addunyaatti galchuun haala danda’amurratti hojjechuu jechuudha.
Guddinni aadaafi artii ammoo guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafuu guddinni aadaafi artii kun galii akka maddisiisu taasisuufi carraa hojii bal’aa akka uumuuf hojiileen gara garaa raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Industiriin aadaafi artii kalaqarratti waan hundaa’uuf yeroo hunda miidhagaadha. Damee industirii kana guddisuufi babal’isuurratti abbummaan hojjechaa kan jiru ‘UNESCO’dha. Damee industirii kana guddisuufi babal’isuun dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhamee itti amanamee irratti hojjetamaa jira. Kanaafuu qabeenya aadaafi artii qabnu qindeessinee, misoomsinee haala eenyummaa keenya ibsuun bu’uura guddina dinagdee taasisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhu.
Chaayinaan qabeenya aadaashee sirriitti ittifayyadamuufi hawata turizimii guddaa taasisuudhaan giddina dinagdee biyyashee akka utubu taasisuudhaan beekamti. Itoophiyaanis industirii aadaafi artii qabdu misoomsuu, guddisuufi babal’isuun akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaafi biyya alaa akka argatu taasisuun guddina dinagdee biyya keenyaarratti jijjiirama guddaa akka fidu taasisuun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uus eeraniiru.
Ahaloonni ammaa qabeenya aadaafi artiisaatiin boonuu, eeguufi kunuunsuudhaan dhaloota ittaanutti dabarsuu akka qabu yaadachiisanii, aadaafi aartiin keenya addunyummaan (Globalization) dhaan akka hindhuunfatamne taasisuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Aadaafi artii guddisuufi babal’isuurratti hojjechuun dhimma eenyummaa ofii ibsuu, beeksisuuti waan ta’eef hundumtuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa damee industirii aadaafi artii kana guddisuufi babal’isuuf caasaasaa hanga gandaatti babal’isuun bajata ramadeefi irratti hojjechaa jiraachuu eeranii, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Giddugalli Aadaa Oromoos iddoo itti tiyaatirri, fiilmiifi muuziqaan itti hojjetamu mijeessuudhaan akkasumas bakka meeshaaleen aadaa keessatti omishamaniifi gurguraman babal’isaa kan jiru ta’uu dubbataniiru. Mootummaan naannichaa industirii aadaafi aartiif xiyyeeffannaa kennee irratti hojjechaa jira jedhu.
Industiriin aadaafi artii haaraa utuu hintaane kanuma kanaan dura tureedha. Namoonni hojii mukaa, suphee, sibiilaarratti bobba’an kanaan dura tuffatamaa turan. Hojiin isaan hojjetan faayidaa guddaa kan qabu ta’us namoonni hojii suphee dha’uu, muka soofuu, sibiila tumuu, gogaa duuguurratti bobba’an tuffatamaa turan. Yeroo ammaa garuu namoonni damee hojii kanarratti hirmaatan meeshaalee hojjetan bifa ammayyaa’een hojjetanii gabaa biyya keessaafi biyya alaa keessa akka galu taasisuuf leejjiin yeroo gara garaa kennamaafii jira.
Aadaa keenya gurguruun ummata biratti akka safuutti ilaalamuu hinqabu. Aadaa gurguruu jechuun fakkeenyaaf hambaan hingurguramu, yeroo daawwatamee galii argamsiisu garuu akka waan gurgurameetti galii argamsiisa.
Meeshaaleen aadaafi uffannaan aadaa gurguramanii galii argamsiisanis ni jiru. Adaafi artii gurguruu jechuun madda galii akka ta’u taasisuu jechuudha. Industirii aadaafi artii kana guddisuufi babal’isuun galii argamsiisuufi carraa hojii bal’aa uumuurra darbee jaalalaafi hariiroo hawaasaa cimsuu keessattillee gahee olaanaa kan qabu ta’uu Obbo Mootummaan.
Adaafi artiin qabeenya nama dhuunfaa utuu hintaane kan ummataafi biyyaa waan ta’eef qabeenya kana waliin misoomsuu, eeguufi kunuunsuu barbaachisaa ta’uu himanii, dhaloonni amma jirus aadaasaa jaallachuu qaba. Namni aadaasaa hinbeekne eenyummaasaa hinbeeku. Aadaafi artii keenya jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti ittifayyadamuufi beeksisuu qabna. Namni aadaasaa dagate nama eenymmaasaafi ofiisaa gateedha jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015