Wareegama ajaja kaabaa yaadachuun imaanaa keenya ni ba’anna jedhe Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyyoota oftuultota birmadummaashee sarbuun dhiibbaa irraan gahuuf yaalanin qoramaa turuus yaadachiiseera.
Haa ta’u malee Itoophiyaan goota horachuun waan beekamtuuf gootonni ijoolleeshee eeboofi gaachanaan lolanii diina akkuma dhufaatiisaatti deebisuun biyya birmaduu dhaloota dhaalchisuu eereera.
Garee ABUT jijjiirama biyyaalessaa booda saamicha biyyattii kufaatiif saaxile gaggeessuufi sababa kanaan aangoo mootummaa federaalaa dhabuusaan barii jijjiiramaa hoggantoonni garichaa jijjiirama biyyaalessaa fudhatama dhabsiisuuf tattaafachaa turuu yaadachiiseera.
Ajajni Kaabaa bara 1990 eegalee raayyaa teessoosaaa Naannoo Tigiraay taasifateefi ummataa naannichaa wajjin jiraate ta’uus ibseera.
Ajajichi dhaabbataa humna meeshaafi namaa qabu guddaa turuu kan yaadachiise Raayyaan Ittisa Biyyaa, Onkoloolessa 24 bara 2013 ABUT gochaa gantummaa waltajjii addunyaarratti mul’atee hinbeekamneen gara jabinaan ajajicharratti haleellaa banuu yaadachiiseera.
Haleellichaanis miseensonni raayyichaa garee ABUTn jajjeefamuu, rumichaafi waraabessaan nyaatamuu ibseera. Reeffa raayyaa ajajichaarratti dibbee rukutaa dhiichisaniirus jedha.
Hedduunsaanii madaa’uufi qaamasaanii dhabuu, ukkaamfamanii beelaafi dheebuudhaan adabamaa dararamaniiru. Uleedhaan reebamuufi ajjeefamuus ibseera.
Dubartoonni miseensota raayyichaa dirqiin gudeedamaniiru. Garicha erga haleellicha raawwatee booda sabummaan qooduun jaalleewwan hedduu filatee ajjeesus yaada “kan koo” jedhuun dhalattoota Tigraay gochasaa hintumsine, hoggantoota ajaajichaafi miseensota ajjeesuun gara jabummaasaa argisiiseera jechuun eereera.
Ajajichi manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa ijaaruu, boola bishaanii qotuun ifaajjii haadholii hambisuuf oolmaa ooleef gatiinsaa irbaata rasaasaa garee ABUT ta’uus yaadachiiseera.
Gareen ABUT waggootaa 20f Raayyaa Ittisaa Ajaja Kaabaa ganuun kan waraane gurmuu ‘maafiyaa’ ta’uu ibseera.
Garechi haleellaan Onkoloolessa 24 isa gahuu didnaan waraana biraa kan bane ta’uu kan eeree ibsi Raayyaa Ittisa Biyyaa kun, Waxabajjii 2013 mootummaan gartokkeen tarkaanfii waraanaa dhaabuun Raayyaa Naannoo Tigiraay keessaa wayita baasutti, loltoota gammoojii keessa turan walittiqabuun naannolee Afaariifi Amaaraatti weerara banuu ibseera.
Weerarichaan hoggantoonni garechaa Itoophiyaa diiguuf yoo Sii’oolillee deemuun irra jiraate, akka deeman kakachaa dubbachuufi naannolee kanneenitti lammiilee homaa hinbeekne meeshaalee guguddoo itti dhukaasuufi jumlaan ajjeesuun kakannaasaanii gochaan argisiisaniiru jedha.
Dhaabbilee mootummaa hanga manneen qonnaan bultotaatti saamicha raawwachuu, mancaasuufi gubaniiru. Midhaan gubuu hangaa dubartoota daa’immaniifi monoksee diqisiisanii gudeeduu himeera.
Weerara eegalanis, haleellaa cimaa gootota Raayyaa Ittisaa Biyyaatiin adda addaa caccabuun wayita naannoo Amaaraa keessaa duguugamanii ba’an, wayita mootummaan waliigaltee waraana dhaabuu taasisee jirutti Hagayya 18 weerara 3ffaa banuu eereera.
Daa’immanii hanga monoksee, gara addaa waraanaatti erguun ummata Tigraayiin rasaasaaf wareeguu yaadachiisuun, diinota seenaafi biyyaa keessaa waliin qindaa’uunis weerara banus, jabinaa irree raayyichaa dandamachuu akka hindandeenye ibseera.
Garechi qabeenya ummata Ityoophiyaarraa saameen namoota biyya alaa bituun olola afarsiisus bu’aan isa kisaaraa ta’uu himeera.
Ergama Itoophiyaa diigu isaa milkeessuufis si’a tokko tokko waraanaan si’a kaan ammoo mariidhaan yeroo bitachuun dandamachuuf, nuffii malee hojjechaa jiraachuu ibsuus, nuti garuu ilmaan abbootii keenyaa waan taaneef adda kamittuu ni qorra malee hininjifatamnu jechuun ibseera.
Gareen shororkeessaa ABUT jalqaba Ajaja Kaabaarratti, achiis ummata Ityoophiyaarratti haleellaan raawwateefi weerarri bane bu’aan hordofsiise hanga har’aatti fulla’uun Itoophiyaaf Itoophiyaanota irratti kufaatii namoomaa, dingdeefi hawaasummaa akkasumas dhiibbaa idil addunyaa hordofsiisus, hundumaayyuu injifachaa jirra jedheera.
Waraanni gareen ABUT bane ofii isa ittiin dhabamuuf sadarkaa xumuraarra kan ga’e ta’uu kan ibsuu Raayyaan Ittisa Biyyaa, yeroo itti bu’aa wareegamaafi injifannoo isaa yaadannu keessa jirra jedheera.
Nuti imaanaa kan nyaannu utuu hintaane obboloota keenya kabaja Itoophiyaafi tokkummaa eeguuf qabsoo taasifamuu galmaan ga’uuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu eereera.
Gareen shororkeessaa ABUT dararaafi haleellaan nurratti raawwate lakkaa’amee kan hindhumne, dhalootaanis dhiifama kan hinargamsiifneedha.
Haleellaafi gochaan gara jabinaa obboloota keenyarratti raawwatame yoomiyyuu kan hindagatamne ta’us, nuti akka humna biyyaalessaa Itoophiyaatti raayyaa ummataafi biyya bu’uuressuun ittifufsiisnudha jedheera.
Kanaaf, miidhaa lakkaa’aa kan jiraannu utuu hintaane, ummataa Itoophiyaa keessumaa ummata Tigiraay garbummaafi hacuuccaa bara ABUT jalaa walaba baasuuf wareegama kaffalameefi kaffalamaa jiru cimsinee itti fufsiisuun, jala bultii injifannoo dhumaa keessa jirrutti wareegamtoota yaadachaa, Itoophiyaa kabachiisna jedheera.
Kutaa Qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015