Paarkii Michummaa 2ffaa: Kennaa dhalootaa magaalaa miidhagsuu garisitti

Magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo Oromiyaafi Itoophiyaa, darbees teessoo Gamtaa Afrikaa taatus bakkeewwan ija nama hawwataniifi aara galfiif ta’an baay’inaan hinqabdu turte. Keessummoonni biyya biraarraa dhufan hoteelota guguddoo buufachuun achumatti kan bashannanan yoo ta’u, jiraattonni magaalichaammoo kanneen danda’an magaalattiidhaa ala, kaan ammoo gatii qaaliidhaan hoteelotatti bashannannu. Keessumaa daa’imman taphachiisuuf, dargaggoonni dubbisuuf, maanguddoonni qilleensa fudhachuuf, barreessitoonniifi kaastoonni fakkii hojii aartiisaanii hojjechuuf bakka mijataa argachuuf rakkataa turan.

Waggoota dhihoo as garuu yaada ka’umsaa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin magaalattiin hawattuufi baka aara galfannaa ta’aa jirti. Keessumaa hojii Pirojektii Shaggar miidhagsuutiin hojjetamu namoota baay’ee biratti kan dinqisifatameefi sadarkaa magaalattii kan guddisaa jiruudha. Paarkiiwwan Tokkummaa, Michummaafi Inxooxxoo, Manni Kitaabaa Abrihoot, Godambaa Saayinsii, miidhagsii fiixee daandiiwwanii, ijaarsii dandiiwwaniifi kanneen biroo dargaggoota bakka oolmaa dhabanii araadawwan adda addaatiif saaxilamaa turan, daa’imman bakka itti taphatan dhabanii daa’imummaasaanii dhandhamuu hindandeenyeef akkasumas, kutaalee hawaasaa garagaraa bakka aaragalfannaafi bashannanaa barbaadaniif deebii sammuu ta’eera.

Dilbata darbemmoo qaama pirojektii Shaggar Miidhagsuu kan ta’e Paarkii Michummaa lammaffaan abbaa yaadichaa kan ta’an Doktar Abiyyiin eebbifamee tajaajilaaf ooleera. Paarkiin Michummaa hekataara 11 irratti hojjetame, hojiinsaa boqonnaa lammaffaas xiyyeeffannaafi hordoffii olaanaadhaan hojjetamee tajaajilaaf qaqqabe.

Pirojektii teknolojii barichi irra qaqqabetti fayyadamuun mukkeen biyya keessaa kuma afurii ol bakka biraatti guddifamaniifi lalisan gara moorichaa dhufuun akka dhaabaman taasifamuusaatiin naannawicha miidhagsuun cinaatti qilleensi qulqulluufi qabbanaa’aan akka qilleensa’u taasisaniiru.

Pirojektii lammaffaan kun bakkeewwan miidhagoo daa’imman ittitaphatan dabalatee, bakka sochiin ga’umsa qaamaa ittitaasifamu, bakka cidhaafi sagantaawwan biroo itti adeemsifataniifi itti bashannanan kan qabateedha. Moorichi tiraakiiwwan fiigichaa halluu addaddaatiin miidhagan, dirree kubbaa miilaa, saaphanaafi kaalchoo itti taphatan, bakka biqiltootaafi abaaboowwan akaakuu addaddaa itti dhaabame, bakkee dhaabbii konkolaataawwanii, mana nyaataafi kaafteeriyaa akkasumas, bakkeewan tajaajila garagaraaf oolan kan qabuudha.

Eebba pirojektichaarratti kan argaman Doktar Abiyyi akka jedhanitti, ijoolleen waldhiibaniifi walkuffisanii akkasumas, sammuudhaan yaadanii taphachuu malee akkasumaan taa’anii waan fiigu ilaalanii akka bashannananiif miti pirojektichi kan hojjetame. Wantoonni kanaaf isaan fayyadan ammoo qabatamaadhaan paarkicha keessatti kan argamu waan ta’eef daa’imman qaamaafi sammuun ga’ooman horachuuf kan dandeessisuudha.

“Inni biraan ammoo abbootiifi haadholii ykn akaakayyuufi akkoowwan ilaalcha keessa galchuun kan hojjetamedha. Bakkeewwan aara galfii fageenya dhihoorra taa’anii ijoolleesaanii itti hordofan baay’inaan qaba. Akkasumas, manni kitaabaa Abrihoot ittidhihoo waan jiruuf maatiin kitaaba dubbisaa ijoolleensaanii hanga taphatanii ba’aniitti eeguu danda’u” jedhu.

Moorichi waggaa lama sadii booda mukkeen isaa guddatanii bosona akka ta’an eeranii, kunimmoo bakka namni taa’ee boqotuuf gaaddisa waan ta’uuf namni ofiif qilleensa qulqulluu fudhachaa, dubbisaa, daa’immansaa taphachiisuu akka danda’uuf bakkee dandeessisu ta’uu ibsu.

Akka isaan jedhanitti, daa’imman waan fiilmiifi viidiyoodhaan argan biyyasaaniirratti arguu akka danda’aniif bakkeewwaniifi hojiiwwan mimmiidhagoo itti agarsiisuu barbaachisa. Darbees daa’imman waa-uumuu, yaaduu, shaakaluu, fageessanii yaaduufi ittigaafatama fudhachuu akka danda’aniif bakkeewwan akkasii hojjechuun barbaachisaadha.

Biyyasaanii akka jaalatan, caalaatti guddisuufi fooyyeessuu akka hawwan taasifnee yoo guddisne, biyyi ni eegamti, ni ceetis. Rakkoon amma mul’atu kan uumameef daa’imman irratti hojjechuu dhabuurraa akka maddu himanii, biyyi cimtee daa’imman irratti hojjette kan hindiigamne ta’uu dubbatu.

Paarkichi torban kana guutuu, bor dabalatee tolaan tajaajila kennaa kan jiru yoo ta’u, Wiixata booda garuu sirna kanfaltii qaamni paarkicha to’atuufi bulchu baasuun kan bulu ta’uu Doktar Abiyyi guyyichatti ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebees gamasaaniin, pirojektichi magaalattiif miidhaginaafi sona haaraa kan dabalu ta’uu eeranii, bakka maatiin itti hundeeffamuufi ijoolleen itti ijaaraman ta’uunis akka tajaajilu ibsu. Akkasumas seenaan kanaan dura Finfinneen bakka walgeettii turistootaa osoo hintaane, keessa darbii turistootaa turte kan jijjiiru ta’uufi kana booda magaalattiin bakka hawwata turistii ta’aa akka deemtu himu.

Misirroota Dilbata darbe wayita paarkichi eebbifameetti sirna gaa’elaasaanii achitti raawwatatan keessaa Obbo Yohaannis Faantaahun isaan tokko. Isaanis yaada Tajaajila Oduu Itoophiyaaf kennaniin, dhalataa naannawa paarkichaa waan ta’aniif haala bakkichaa durarraa kaasanii akka beekaniifi wayita manneen irraa diigamanii argan, maaltu ta’a kan jedhu arguuf hawwaa turuu kaasu. Amma haala kanaan miidhagee yommuu arganiifi, cidhasaaniis achitti raawwatachuusaaniitiin gammaduusaanii himu.

Haati warraansaanii Dubree Masarat Mokonninis bakkichi haalaan miidhagee arguusheetti daran gammaduushee eertee, qaama sagantaa eebba pirojektichaa ta’uusheettis miirri addaa itti dhaga’amuu dubbatti.

Waliigalatti ragaan jiru akka mul’isutti pirojektii gaafa eegalee kaasee hanga yoonaatti lammilee kuma tokkoofi 500 oliif carraa hojii uumeera; fuulduratti namoota 300f carraa hojii dhaabbii kan uumu ta’a.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015

Recommended For You