Gaggeessaa dhiibbaa gaarii uumu

Namoonni hedduun waa’ee loliisa Kaaba Afrikaa keessatti bara 1941fi 1942 geggeessaa Ernest Rommeliin ta’e irratti namoota baay’ee xiqqoofi taankii lolaa muraasaan Ingilizoota akka mo’ate niyaadanna jedheen yaada. Dhoksaan injifannoo kanaa geggeessaa qorannoo irratti hundaa’ee murtoo sirrii yeroo sirriitti kennuu ta’uu isaatu dubbatama. Lafa geggeessaan sirrii jiru rakkoo cimaan yoo jiraatellee dhuma irratti mo’ichi jiraachuun isaa hinoolu.

Dhiibbaa gaariin gaggeessummaa sirriifi jireenya fakkeenyummaa qabu irraa dhufa. Gaggeessaan hojjettoonni yeroo eeganii akka hojiitii ba’an itti himaa ofii sa’aa dursee waajjiraa ba’u; warri kaan hojii dhiisanii akka intarneetiirratti hindabarsine gorsaa ofii intarneetiirraa kan hinkaane, baasii garmalee ceepha’aa ofii mi’a waajjiraa horii guddaa kan bitatu fakkeenya gaariifi dhiibbaa sirrii ta’e geessisuu kan hindandeenye ta’a. Waanan jedhe godhaa; waanan hojjedhu dhiisaa kan jedhuu jijjiirama fiduu gonkumaa hindanda’u. Gaggeessaa sirriin hojiin fakkeenya ta’uun nama gaggeessuudha. Gaggeessaan tokko namoota gaggeessuuf itti gaafatamummaa guddaa qaba. Isa kana dagachuun firii malee hambisa.

Gaggeessitoonni jijjiirama fidan dhaabbata isaanii keessatti mul’ata haaraafi sochii cimaa fidanii dhufu. Gaggeessitoonni jijjiiramaa duuka buutota kakaasuun gara guddina barbaachisaa ta’etti kan geessan; mul’ata egerees gadi fageenyaan kan hubachiisaniifi amantaa hojjetaan isaan irratti qabuuf bu’ura kan kaa’aniidha. Namni kamiyyuu akka dhiibbaa hingeessisnetti akka of hinlakkoofne, waan kanaan dura faayidaa hinqabne fakkaatu irraa mul’ati jiraannaan waan haaraa uumuu nidandaa’ama. Haa ta’uyyuu malee gaggeessitoonni tokko tokko isa kanaan dura ture waan xiqqoo fooyyessuun, nama gaarii godhe galateeffachaa nama akka isaan ilaalanitti immoo gaarii hingoone jedhamee yaadamu adabaa kan gaggeessan tarii waggaa soddomaafi afurtama dura kan ture har’a garuu furmaata kan hintaane sirna gaggeessummaa dadhabaadha.

Yeroo ammaa gaggeessummaan dhaabbilee kamiif bu’a qabeessa ta’uu danda’u gaggeessummaa jijjiiramaati. Innis xiyyeeffannoon isaa walitti dhufeenya sirrii duuka buutotaa wajjin qabaachuun hojiif akka kaka’umsi hojjettootaafi gaggeessitoota keessatti uumamu gochuu, waliin hojjechuun bu’a qabeessummaa dhaabbata tokkoo guddisuudha. Gaggeessitoonni jijjiiramaa namoota gaggeessaniif mul’ata, kaayyoofi galma dhaabbata isaanii akka hubatan gochuu irraa kan ka’e namoonni hundi fedha dhaabbata isaanii akka fedha dhuunfaa isaanii caalchisaniif kan jajjabeessaniidha.

Kanaaf gaggeessitoonni jijjiirama fidan waa uumuu kan danda’an, karaa haaraa kan baasan, hojjettoota kakaasuun waan fooyya’aa akka hojjettaniif mul’ata kan fidan yommuu ta’an warri kaan garuu bakka kaa’amanitti hojii kanaan duraa itti fufsiisuu qofaaf kan taa’an, karaafi caasaa kanaan duraa irra kan deeman, aboofi humna kanaan dura dhaabbaticha keessa ture kan fayyadaman, cimda aboo diriirsuu irratti kan xiyyeeffataniidha. Gaggeessaan jijjiirama fidu hojjettoota gidduutti amala humna kennuuf akka qabaatan gochuun akka jijjiiramni dhaabbata tokko keessatti dhufuuf kan taasisaniidha.

Kanaaf gaggeessaan jijjiirama fidu mul’ata kan burqisiisu, mul’anni sun akka hojiitti hiikamuuf kan haala mijeessu, aarsaa barbaachisu kanfaluun nama mul’ata hojiitti geeddaruudha. Gaggeessummaa keessa aarsaan jiraachuu isaa yeroo hundumaa beekuun gaariidha. Gaggeessitoonni jijjiirama fidan xiyyeeffannaa qabatamaa ta’e niqabaatu. Yaada kanaan dura ture akkasumaan kan simatan utuu hinta’iin gaaffii keessa kan galchaniidha. Akkaataa itti rakkoolee hiikaniifi murtii kennan ilaalchisee bifa addaafi akkaataa ittijijjiirama fiduu danda’uun itti waa’ee ba’u. Gaggeessitoonni jijjiirama fidan ofiif guddachaa hojiinis akka fooyya’uuf hojjettoota guddisaa deemu. Hojjettoota gara gaggeessummaatti ceesisuuf tarkaanfii namoota fudhatan gara ofiin gaggeessuutti akka ce’an ni taasisu.

As keessatti wanti dagatamuu hinqabne guddaan jijjiiramni aarsaa gaafata. Salphaatti kan dhufu miti. Jabaatanii dhaabachuu, hamilee gaafata. Sodaa jalaa ba’uu gaafata. Geggeessaan tokko kan dagachuu hinqabne haalli hundumtuu yeroo faallaa isaa ta’u sodaachuu hinqabu. Xiyyaarri iyyuu dhiibbaa qilleensaa damdammatee bakka yaade ga’a. Haalli ati keessa jirtu akka si to’atuuf hineeyyaminiif. Namoota abdii kutannaan hindandeenye hedduun yoo jiraatanillee, ani waa’ee intala qaroo hinqabnee olompikiirratti walitti aansuun fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 akkasumas 5000 mo’atte Maarlaa Ruuniyaan jedhamtuu dubbiseen ture. Intalli kun dhibee irraa kan ka’e waggaa 9ffaa isheetti qaroon ishee bade. Daa’imummaa isheetti qaroon ishee haa baduyyuu malee abdii hinkutanne. Rakkoon kunis ishee hindhaabne.

Bara 1987 Yunivarsiitii Saan Diyeegoo jedhamutti barumsaaf yeroo deemtu gosa ispoortii adda addaa irratti hirmaannaa eegalte. Bara 1992 olompikii irratti injifattee warqee afur mo’atte. Bara 1999 dorgommii Paan Ameerikaa irratti ammas dabaltee Warqee fudhatte. Itti fufuun bara 2001 fiigicha meetira 5000 mo’atte. Dhumarratti leenjisaa ishee maqaan isaa Maat Lonergan nama jedhamutti heerumte. Waa’ee ishee yeroo dubbattu akkas jetti “Ammayyuu sarara isa dhumaa irra hin geenye…” jetti.

Haalli ati keessa jirtu hunduu kan abdii hinqabne yoo sitti fakkaate hinsodaatin. Namoonni ati gaggeessitu namoota gara mul’ata jiruutti deemuuf tattaafatan yoo ta’uudhaabatan illee abdii kutachuun sirra hinjiraatu. Abdii kutannaan amala namoota dadhabooti. Wanta rakkisaa simudatu keessaan carraa gaarii simarsee jiru nama arguu danda’u malee rakkoo qofa nama ilaalu hinta’in.

Kufaatii sodaattee gaara ba’uu hindhiisin; fiixee gaaraa irra yoo geesseef bu’aa ba’ii keessa dabarte mara nidagatta. Namni kamiyyuu yeroo hundumaa gammaduu dhiisuufi waan nama gaddisiisu isa mudachuu nidanda’a. Har’a guyyaan ati keessa jirtu hamaafi kan sitti hintolle yoo ta’e utuu abdii hinkutatiin guyyaa itti aanu abdiin eegi. Guyyootiin hamoon simudatan amala kee qaruun kaayyoo fuula kee dura jiruuf siqopheessu. Utuu dhiphinaaf harka hinkennin hojii kee qulqullinaan hojjechuun deemsa kee ittifufi. Gaaf tokko ofduuba ilaaltee cimina irraa baratte nihubatta.

Daangaan akka ati hindabarre sigochaa ture obsa qabduun hurraa’ee riqicha irra ceetu siif ta’a. Kanaaf haalli ati keessa dabartu baay’ee kan sigufachiisu yoo sitti fakkaate abdii kutannaa irraa of eeggadhu. Jabaattee dhaabachuun qilleensa hamaa dandammattee bu’aa gaggeessummaa keetiif siif qabu hubatta. Garuu jabinaafi obsa cimaa si barbaachisa; yoo akkas ta’eef isa kanaan duraa caalaa ol kaatee mul’atta. Namoonni ati gaggeessuuf kaa’amte salphaa ta’uu dhiisuu nidanda’a. Hojii cimaas kan si gaafatu ta’uu danda’a. Karoora ba’e bakkaan ga’uuf yeroo carraaqxu halli salphaa akka hintaaneefi hojii akka si gaafatu hindagatiin. Rakkooleen gaggeessummaa keessatti si mudatan yeroo hedduu kan rukutanii booda si deebisan fakkaachuu danda’u. Yoo harka laatteef kana gochuus nidanda’u. Gaggeessummaa keessatti wantoonni nama gaddisiisan hindhiban. Garuu kaayyoo kee irraa ija hinbuqqifatiin; abjoochuus hindhaabiin; haala natti tola jettu illee yoo jiraate keessaa ba’uun jijjiiramaaf hojjechuu hindagatiin. Sababiin isaa bakki itti haala kana mara dhandhamtu bakka itti barattuufi bakka itti jijjiiramtu waan ta’eef booda hindeebi’iin; hinsodaatinis. Guddinni akka jiru hindagatiin.

Gaggeessummaa keessatti wantoonni abdii si kutachiisuu danda’an hedduutu si marsanii jiru. Sagaleen ati keessa keetii dhageessuyyuu abdii si kutachiisuu nidanda’a. Isa kana dhaggeeffachuu hinqabdu. Wantoonni ati agartu, kan ati dhageessu, hojii kee keessatti kan si mudatan, akkaataan hojjettootaa, galii dhaabbatichaafi kkf. abdii si kutachiisuu danda’u. Haa ta’uyyuu malee rakkooleen jiran yaabbannoo ta’anii ittiin ol ba’uus ta’e ittiin gadi bu’uu nidandeessa. Isa kanaaf immoo gama keetiin waan hojjechuu qabdu nijiraata. Innis of kennuun karoora dhaabbata gaggeessituu hojii irra oolchuun barbaachisaadha. Sababiin isaa karoorri riqicha siif galma kee gidduu jiru waan ta’eef tarsiimoo sirrii ittiin hojii irra oolchitu beekuufi itti hojjechuun gaariidha. Gaggeessitoonni garagaraa karoora gaarii baafatanii waraqaa irratti hambisu. Inni kun akka hintaaneef haala abdii si kutachiisu keessattillee taanaan tarsiimoo sirrii yoo qabaatte haala jiru hundumaa mo’attee fiixee jijjiiramaa irra ol nibaata.

Gaggeessaan tokko cimaadha kan jedhamu keessaafi alaan rakkoo isa mudatan yoo mo’achuu danda’e qofa.

Seenaa keessatti waa’ee Jeneraal Aleksaander Zegreet jedhamu biyya Maqidooniyaa (Giriikii) yeroo ka’u karoora sirrii qabaachuun abdii kutannaa kamiinillee taanaan mo’achuun akka dandaa’amu hubanna. Jeneraalli kun loltoota kuma 35 qofa fudhatee loltoota miliyoonaan lakkaa’aman Asooritti duule. Yeroo xiqqoo keessatti loltuu xiqqoo kanaan nimo’ate. Kan nama dhibu inni diinota isaa dirree irratti du’aniifillee kabaja guddaa nama qabuuf akka ta’e seenaan isaa nidubbata. Geggeessaa loltootaa cimaa kan ta’e qondaalli waraanaa kun warra booji’amaniif kunuunsa; warra du’aniif awwaalcha akkasumas mootii du’e uffata mootummaa itti uffisiisee kabajaan awwaalchisaa ture. Har’a warri gaggeessaa jirru gaggeessummaan keenya maal fakkaataa? Akkamitti gaggeessaa jirraa? Isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha.

“Gaggeessaan tokko kan dagachuu hinqabne haalli hundumtuu yeroo faallaa isaa ta’u sodaachuu hinqabu. Xiyyaarri iyyuu dhiibbaa qilleensaa damdammatee bakka yaade ga’a. Haalli ati keessa jirtu akka si to’atuuf hineeyyaminiif.”

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015

Recommended For You