Dhibeen teetanasii infeekshinii sababa baakteeriyaa kilostiriidiyeem teetanii jedhamu kan biyyee keessatti argamuun kan dhufuufi summii (toxin) qaama keenya keessatti gadi dhiisuun dhukkubbiif rakkoo maashaa kottoonfachuuf diriiruu namarraan ga’a. Baakteeriyaan kunis karaa madaa ykn uraa gogaa gara qaama keessaatti kan galu yoo ta’u, kutaa qaama keenya keessaa kan sammuu hubudha.
Baakteriyaan dhibee teetanasii kana fidu kiloostiridiyeem teetaanii jedhamu kun awwaara keessa, dhoqqee horiifi wantoota ligidaa’oo ykn danda’oo ta’an irratti baay’inan kan argamudha. Dhibeen kun namaafi farda irra jireessaan kan hubu yoo ta’u, barreeffama kanaan kan namaa irratti xiyyeeffannee haa ilaallu.
Qaamni namaa sibiilota ligidaa’oo ta’an kanneen akka mismaaraafi kan biroon yeroo madaa’u ykn nama qaamni isaa madaa’e tokko karaa garaagaraan awwaara ykn dhoqqeetti yoo bu’e ispoorin ykn summiin baakteeriyaa kanaa gara qaama keenyaa seenuun gara baakteriyaatti guddata. Baakteeriyaan kunis erga guddatee booda summii teetaanospasmiin jedhamu gadi dhiisuun summiin kun narvoota maashaa keenya kottoonfachiisuu keessatti qooda fudhatan miidhuun maashaan keenya akka hinkottoonfanne gochuun, yeroo kottoonfatu miirri dhukkubbii akka namatti dhaga’amu godha.
Kunis kan ta’u, yommuu summiin teetaanospasmii jedhamu kun keemikaala ‘Glycine’ jedhamu akka hingadhiifamne godhudha. Keemikaalli summii kanaan akka hingadhiifamne ta’e kan ‘Glycine’ jedhamu kun maashaaleen keenya hammaan ol akka hinkottoonfanne kan godhudha. Yeroo keemikaalli kun akka hingadhiifamne dhorkamu kana egaa kan maashaaleen kottonfachuun diriiruu dadhaban.
Dhukkubni kun nuqabee guyyoota afurii hanga torbanoota hedduutti mallattoo malee turuu dandaa’a. Kana jechuun baakteeriyaan dhukkuba kana fiduu danda’u qaama keenya keessa seenuufi mallattoon dhukkubichaa namarratti mul’achuu gidduu garaagarummaan turtii akka jirudha. Kana beekuunis faayidaa guddaa qaba. Kunis wayita waantota dhibee kana nama qabsiisuu danda’aniin saaxilamnu, osoo mallattoolee dhukkubichaa hineegiin dursanii ilaalamuu akka qabnuuf kan nu fayyadudha.
Dhibeen teetanasii kun daa’imman reefuu dhalatanirratti illee kan heddumaatu yoo ta’u, baay’inaan gara daa’imman reefuu dhalatanii kan seenu karaa hidda handhuuraa irraani. Naannoowwan tokko tokkotti keessumaa daa’imman manatti dhalatteef naannoo hedduutti namoonni hedduun hidda handhuuraa isheetti dhoqqee ykn faltii horii dibu. Taateen kun baakteriyaan dhibee teetanasii namatti fidu kan dhoqqee horii keessatti argamu kun akka salphaatti kara madaa kana gara daa’imaa seenu godha.
Akkuma armaan ol kaasuuf yaallee, dhibeen kun dhibee maashaa nafa nama kottoonfachiisuun beekamudha. Sababa kanaaf, akka malee kottoonfachuu maashaalee fedhii keenyan sochoosuu dandeenyuu jedhamee beekama. Hidhamni maashaa jalqaba kan eegalu, bakka madaa yookaan miidhama qaamaati. Kana jechuun, karuma jalqaba baakyeeriyaan dhukkubicha geessisuu danda’u kan kilostiriidiyeem teetanii jedhamu gara qaamaa seene eegalaa jechuudha.
Sanaan booda infeekshiniin kun babal’achuun, maashaaleen afaan keenyaa yookaan kan mangaagaa keenyaa akka hin kottoonfanne godha. Yeroo kana afaan ofii banuun irraallee nama kan dhorkudha. Itti aansuun, fuulli walitti hidhamuu eegala. Kanatti aansee, morma asiifi achi akka hin sochoofne nama godha. Kunis goga boquu jedhamee beekama. Gara dhumaarratti, midhaan liqimsuun hamma dadhabamuu, akkanuma maashaan gara lapheefi mogolee akka malee akka kottoonfatu ta’a.
Wantootni dhibee teetanasiif nama saaxilan maalfaadha?
√Talaallii yeroo daa’imummaa kennamu akkasumas yeroo ga’eessummaa kennamu fudhachuu dhiisuuu
√Madaa qaamaa
√ Sibiilota qara qaban Teetaanasiin karaawwan madaa armaan gadii gara qaama keenyaa seenuu danda’a
√ Madaa qara sibiilotarraan dhufu
√ Madaa rasaasaa
√ Gubaatii qaamaa
√ Madaaf caba lafee waliinii
√ Ciniinnaa namaa ykn bineensaa
√ Infeekshinii ilkaanii fi kkf dha
Kanaaf wantootni akkasii yoo nu mudatan utuu baakteriyaan kun infeekshinii namatti fidee rakkoo hamaaf nama hin saaxilin mana yaalaa deemnee talaallii bifa lilmeen kennamu fudhachuun baay’ee barbaachisaadha.
Namni dhibee teetanasiin qabame tokko mallattoo akkamii agarsiisa?
√Kottoonfachuuf socho’uu dhabuu maashaa naannoo mangaagaa
√Maashaawwan naannoo mormaatti argaman diriiruu dadhabuu
√Nyaata liqimsuu dadhabuu
√Maashaawwan naannoo garaatti argaman kottoonfachuufi diriiruu dadhabuu
√Ho’ina qaamaa
√ Nama hurkisiisuu
√Dhiibbaan dhiigaa ol ka’uu
√ Dha’annaan onnee dabaluu
√ Yoo waan hammaate ta’emmoo, rakkoo hargansuu irraa qabee hanga du’aattillee nama irraan gahuu danda’a. Dhibee kanaan wal qabatee kan du’aaf nama saaxilullee, rakkooma hargansuuti. Kunis, yeroo maashaaleen hargansuuf olaan akka malee kottoonfatan yookaan kottoonfatanii diriirii didanidha.
Akkamitti ofirraa dhorkuu dandeeenya?
Ittisni jalqabarratti heeramuu dandau, talaallii teetanasiif (Tetanus Toxid, TT) kennamu kan yeroo daa’imummaa, yeroo ulfaafi ga’eessummaa fudhataman fudhachuudha. Talaalliin kun, dubartootaaf keessumaa yeroo ulfaa haatiifi daamni dhukkuba kanaaf akka hin saaxilamneef gargaara. Yoo taalalli kana hin fudhanne ta’e, daa’imni dhalatu ‘Neonatal Tetanus’ kan jedhamuuf saaxilamuu danda’a. Dubartiin tokko talaallii tetanasii (TT) 5 fudhachuu qabdi. Yoo kan yeroo ulfaa fudhachuu eegalte ta’emmoo hanga 3 fudhachuu dandeessi, kan hafe lama immoo erga deesseen booda fudhachuu dandeessi.
Walumaagalattti, talaalli tetanasii shananuu fixuuf waggaa 2fi ji’a 7 itti fudhata.
Gama biraan immoo namni tokko sababa armaan oliitti eerre irraa ka’ee qaamni isaa yoo madaa’e sa’aa 72 gidduutti mana yaalaa deemee talaallii dhibee kanaa bifa lilmeen kennamu fudhachuu qaba. Bifa kanaan ittisa isaa irratti xiyyeeffachuun baay’ee barbaachisaadha.
Dhibeen teetanasii yoo yeroodhaan hin yaalamne dhiibbaa akkamii fayyaa namaarraan geesisuu danda’a?
Caba lafee: Akkuma beekamu maashaan keenya lafee keenyatti maxxanee waan argamuuf maashaan keenya yeroo garmalee kottoonfatuuf diriiru caba lafeef nama saaxiluu danda’a.
Cufamuu ujummoo dhiigaa sombaa: Akkuma beekamu dhiigni keenya hin qulqulla’in gara onnee keenyaa deemuu. Hiddoolin dhiigaa keenya maashaawwan keenya keessatti waan argamaniif maashaan keenya yeroo kottoonfatu dhiigni ujummoo sana keessaan salphaadhumatti gara onnee akka deemu godha. Sababa dhibee kanaarraan kan ka’e maashaawwan keenya kottoonfachuu waan dadhabaniif dhiigni itituun cittuun dhiiga ititaa kanaa onneerraa gara ujummoo sombaa deemuun ujummoon sombaa keenya cufuun hanga sadarkaa du’aattillee nama geessisuu danda’a.
Du’a: Dhibeen teetanasii daraan hamaa ta’e hanga maashaawwan sombi keenya akka harganu godhan miidhuutti waan gahuuf, hanga sadarkaa du’aattillee nama geessisuu danda’a. Yoo dhibeen kun guutummaa guutuutti qaamota hube, carraa dhukkuba kanaan du’uu %40 hanga 78 ti. Namni dhibeen qabame immoo yoo kufinsa onnee godhate, harka dhibba keessaa harki 55-65 kan ta’uu kan du’uu danda’udha.
Kanaafuu dhibee kana irraa dursanii of eeggachuun hunda dursa. Akkanuma, yaalli dhibee kanaan booda godhamu, guutummaa guutuutti fayyisuuf wabii miti. Karaalee dhukkubni kun ittiin nama qabuu danda’u jennee armaan ol eerree dabarre kanneen irraa of eeguufi talaallii dhibee kanaa yeroo jedhametti hojiirra oolchuun ittisa isaa irratti hojjechuun ni dandaa’a. Dhibee kanaan qabamanii miidhaa inni qaama keenya irraan gahuu hanga du’aatti hubamuurra, dursinee irraa of eeguu qabna. Akkanaan dhibicha seenaa goona!
Fayyaan faaya; fayyaa hindhabinaa!
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015